Fayyaa sammuu keenyaa
Sammuun keenya kutaa sirna narvii wiirtuu keessaa tokko kan ta’eefi haala hojii qaama keenyaa guutummaa kan to’atudha. Kana jechuun kutaa qaama keenya biroo ajaja sammuu irraa fudhachuun raawwatu jechuudha. Fakkeenyaaf namni tokko wanna tokko arguuf kutaa sammuu keenyaa keessaa kutaa dhimmi agartuu to’atu waan jiruuf tartiiba mataa isaa eeggachuun sammuun keenya taatee sana argee adda baafachuun gara qaroo ija keenyaatti dabarsa jechuudha
Sammuun keenya kutaalee gurguddoo sadii qaba. Isaanis
- Serebiremii,
- Serebilemii
- Medullaa
Sammuun keenya kunis seelota sammuu tiriliyoona 1.1 fi niwuroonii biliyoona 100 ol irraa kan ijaaramedha. Dalagaawwan sammuu keenyaan raawwataman keessaa parsantii 95 ol quba hin qabnu ykn hinbeeknu. Fayyaa sammuu keenyaa sirriitti yoo hin eegganne, guyyaatti seelota sammuu 85,000 ol dhabuu dandeenya (nidu’u).Seeliiwwan sammuu keenyaa keessaas yoo duhaa (du’aa) deeman namni tokko akka dafee dulloomu godhu.
Wantootni baratamoo sammmuu keenya miidhan maalfaadha?
- Alkoolii dhuguu
- Bishaan gahaa dhuguu dhabuu
- Hirriba gahaa rafuu dhabuu
- Boqonnaa (haaragalfii) gahaa dhabuu
- Ciree nyaachuu dhabuu
- Baay’inaan humnaa oli nyaachuu (overeating)
- Nyaata hammi sukkaaraa isaanii baay’ee ta’e nyaachuu
- Yeroo gara hirriba keenyaa dhaqnu ykn rafnu uffata halkanii fuula keenya irratti haguuggatanii rafuun gaarii miti. Kun sammuun keenya qilleensa qulqulluu akka hin arganne gochuun qilleensa gubataa kaarboondaayooksaayiidiidhaan akka miidhamu taasisa.
- Tamboo, shiishaa, kokeeniifi wantoota sammuu nama hadoochan garaa garaa fayyadamuu. Osoo dhukkubsatanii hojii sammuu ykn yaaduu gaafatu hojjachuu
- Faalama qilleensa naannoo
- Dhiphina sammuu cimaa
Kanaaf, akkuma jalqabarratti eeruuf yaalle sammuun keenya ajajaa qaama keenyaa waan ta’eef sammuu keenya sirriitti eggachuun barbaachisaadha.
Rakkina waa irraanfachuu ykn dagachuu (forgetfulness)
Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti, namoonni hedduun keenya rakkoowwan irraanfachuu salphaa ta’e nu quunnama. Garuu namoonni tokko tokko rakkoo irraanfachuu ykn waa dagachuu cimaaf yeroo saaxilaman ni argina.
Wantoota irraanfachuu ykn waa dagachuu nutti fidan keessaa muraasni;
- Umurii: Akkuma umuriin gara dullumaatti dhiyaachaa deemuun seelonni sammuu keenyaa hedduun isaanii du’aa waan deemaniif, hammi isaanii hir’achuun rakkoo irraanfachuuf nu saaxilu.
- Alkoolii: Alkoolii baay’inaan dhuguunis seelonni sammuu keenya akka hammaan xiqqaatan godha.
- Dhiphina (stress): Keessumatti ijoollee mana barumsaa sadarkaa olaanaa jiran teenshiniin dubbisu yoo tahe isuma kanaan dura dubbisanillee ni dagatu.
- Dhibee sukkaaraa
- Hirriba dhabuu: Namni tokko yoo xiqqaate guyyaatti sahaa 6-8 hirriba gahaa rafuu qaba.
- Hanqina hormoonii taayirodi jedhamu kan qaama keenya keessatti argamu. Yeroo baay’ee namoota ucubaa mormaa qaban irrati ni mul’ata.
- Qorichootni nuti fayyadamnu tokko tokkos rakkoo kanaaf nu saaxilu.
Furmaanni isaa maali?
- Nyaata madaalamaa kanneen baay’inaan vitaminaaf kaarboohayidiretii qaban soorachuu
- Bishaan baay’inaan dhuguu
- Hirriba ga’aa rafuu
- Nyaata coomaafi zayita baay’inaan qaban hir’isuu
- Alkoolii baay’inaan dhuguu dhiisuu
- Dhugaatiiwwan) mi’aawaaa saamsamoo tahan baay’inaan fayyadamuu dhiisuu
- Tamboo aarsuu dhiisuu
- Nyaata pirootina qaban foon caalaatti kanneen akka: misiraa, baaqelaa, nuugii,boloqqee, akuratariifaa fayyadamuu.
Fayyaa hirriba keenyaa
Hirribni nuti rafnu hojii keenya idilee raawwannuuf fayyaa qaama keenyaaf shoora olaanaa qaba.Gara hirribaa yeroo dhaqnu, sammuun keenya kan inni boqotu suuta suuta gara dhumaatti dha.Tilmaamaan gara daqiiqaa soddomaa booda “delta web” kan jedhamu, ittisa cufaa ta’e keessa seena. Sadarkaa kana irratti maashaan keenya hundumtuu ni boqotu. Seelota guyyaa darbe du’an bakka buusuuf kan dandeessisan hoormoonota guddinaatu gad-dhiifama. Tilmaamaan garaa garummaa daqiiqaa 70fi 90 tiin sammuun “rim sleep” jedhamee sadarkaa dammaquutiin guuteen beekamu irratti of fida. Sadarkaa sammuun itti of fidu kun, yeroo itti abjuun abjootamuufi baalleen ijaa ariitiidhaan sosocho’uun beekamu dha. Nama umurii ga’eessummaa irra jiruuf, adeemsa akkasii kanaaf galgala keessaa sa’atii 4:00-6:00 gidduutti yeroon jiran kan isa barbaachisu yeroo ta’u, kan kun hojii irra oolu immoo yeroo hirribaa sa’atii 7:00 -8:00 keessatti. Shaakala yeroo hirribaa dhaabbataa ta’ee fi hin geggeedderamne uumuun, qoricha hirribaa kan balleessuufi guyyaa keessaa immoo dhugaatii sammuu dadammaqsan balleessuun, caalaatti jireenya gaariifi gammachuu ta’e akka jiraannuuf nu dandeessisa.
Faayidaa Hirribaa
- Si’aayina keenya guyyaa ni dabala
- Dandeettii barachuu keenyaa ni gabbisa
- Dandeettii ittisa dhukkubaa keenya ni guddisa
- Karooraan akka adeemnuuf nu dandeessisa
Hirriba ga’aa rafuuf
- Halkan yeroo hundaa sa’aatii 7:00-8:00 rafaa
- Yoo xiqqaate yeroo hirribaa sa’aatii 4:00 dursaatii irbaata keessan nyaadhaa
- Galgala yeroo sa’aatii 4:00 ta’u hirriba ofii keessa seenuun baay’ee fayyada.
- Dhugaatii alkoolii, nikootinii ykn buna ofirraa fageessaa
- Qilleensi gaariin mana keessa akka jiraatuuf foddaa babbanaa
- Sammuu nagaa qabaachuudhaan gara hirribaa dhaqaa
Kurruufuu fi rakkoo fayyaa inni nurraan ga’u
Namni tokko kan yeroo ciisu kurruufu maashaawwan arrabaa,qoonqoof gubbaa afaanii namni tokko hirriba salphaa keessaa gara hirriba cimaatti yeroo seenu yeroo isaan diriirfatan karaa qilleensi gara somba keenyaatti seenu dhiphachuu irraan kan ka’ee sagalee dhageessisudha. Qilleensi gara keessaatti fudhatamu ujummoo qilleensaa dhiphaa kana keessa waan darbuuf yeroo darbu sagalee dhageessisa
Wantootni kanaaf nu saaxilan maalfaadha
- Namoota ulfaatina guddaa qaban ykn furdina garmalee
Namoonni furdina garmalee qaban seeliin maashaawwan naannoo qoonqoo isaaniiti argamu furdinaafi baayina waan qabuuf huubni qoonqoo gadi dheerattee gadi bu’uun akka ujummoo qilleensaa cufan gochuun qilleensi humnaan yoo seenu akka sagalee dhageessisu godha
- Alkoolii dhuguu.
Namni tokko Alkoolii yeroo dhugu maashaawwan qoonqoo keessaa waan diriirsuuf rakkoo kanaaf nu saaxila.
- Hirriba gahaa dhabuu.
Hirriba gahaa dhabuun maashaawwan qoonqoo keessa jiran akka diriiru godha
- Haala ciisicha keenyaa
Haalli ciisicha keenyaas namni tokko yeroo ciisu akka kurruufu gochuu keessaati ga’ee guddaa taphata. kurruufuun namni tokko yeroo dugdaan ciisu daraan hammaata
- Rakkoo qaawwa funyaanii keessaa
- Dhiirri shamarran caalaa rakkoo kanaaf saaxilamaadha
Kurrufuun yoo akkam ta’e rakkoo nurraan geessisa ykn yoo maal ta’e mana yaalaa deemuu qabna?
Akkuma beekamu namoonni hedduun yeroo ciisan ni kurruufu,garuu namoonni yeroo hunda irra deddeebiIn kurruufan yoo maal ta’e mana yaalaa deemuu qabu?
- yeroo namni sun kurruufu hafuurri giddu gidduutti itti ciccita yoo ta’e.
- guyyaa garmalee rafa yoo ta’e
- ganama yeroo hirribarraa kaatan mataan hedduu isin dhukkuba yoo ta’e
- ganama ganama qoonqoo keessa isin dhukkuba yoo ta’e
- hirriba boqonnaa hinqabne raftu yoo ta’e
- halkan hirriba keessa nii fe’amtu yoo ta’e
- halkan halkan laphee keessan isin dhukkuba yoo ta’e
- kurruuffiin keessan sagalee guddaa qabaachuun namoota isin bira jiran ni jeeqa yoo ta’e
Kurruuffiin akka kanaa miidhaa akkamii nurraan geessisa
- Guyyaa hirriba garmalee rafuu
- Aarii fi dhiphina namatti fida
- Rakkoo waa xiinxaluufi xiyyeeffannoo dhabuu
- Dhiibbaa dhiigaaf rakkoo onneef nama saaxila
- Rakkoowwan balaa konkolaataaf saaxilamuu (hirriba dhabuurraan kan ka’e)
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013
4 Comments to “Sammuu keenyaafi fayyaa hirriba keenyaa”