Oromoofi loon waliif fira, fira keessaallee fira dhiigaa. Oromoon loon kan horsiisuuf bu‘aa achirraa argatu qofaaf osoo hintaane, walitti hidhamiinsa cimaa isaan waliin qabaachuusaatiini.
“Arriyyoo arriyyoo arroo boonaa kiyyaa, anaan haa lolanii loon malee hintolanii. Ana haa nyaattu cirriin dhoorgatee yàa’e birrii” jedha Oromoon yoo loonsaa faarsu. Kunis Oromoof loon madda jiruufi jireenyasaa qofa osoo hin taane, eenyummaafi mallattoosaa ta’uu kan agarsiisuudha.
Haa ta’uu malee sababa babal‘ifannaa lafa qonnaatiin iddoon dheediinsa loonii yeroorraa yerootti daran hir‘achuusaatiin hormaata looniirratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jira. Namootni dur loon horsiisanii daa‘immaansaanii aannan obaasaniifi dhadhaa dibanii guddisaa turan har‘a aannaniifi dhadhaa qulqullinnisaa amansiisaa hintaane gabarraa bitachuuf dirqamaniiru.
Yeroo qabeenyi loonii Oromoo harkaa hir‘achaafi sanyiinsaanii badaa jiran kanatti immoo warri seenaa Oromoofi loon waliin qaban hin daganne, sanyii loonii kana tursiisuuf dhama’aa jiran keessaa Booranni sadarkaa duraa irratti argama.
Kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti sababoota gara garaatiin hir‘achaafi badaa kan jiru horsiisni loonii yeroo ammaa garuu godinoota torba keessatti kan argaman aanaaleen 42 ammas horsiisa loonii madda jiruufi jireenyasaanii taasifataniiru.
Yeroo ammaa horsiisee bulaan miiliyoona afur ta’u Oromiyaatti jiruusaa loon wajjin walqabsiisee gaggeeffachaa jiran.
Godinootaafi aanaalee Oromiyaa hafanittis loon aannanii muraasaafi qotiyyoo qabaachuun akkuma jirutti ta‘ee, yeroo ammaa horsiisa looniitiif fedha qabaatanus iddoo itti horsiisan himqaban.
Naannoleen horsiisee bulaa immoo iddoo horsiisa loonii bal‘aa qabaatanis irra jireessaan gammoojjii waan ta’eef rakkoo nyaataafi bishaan looniitiin heddu rakkachaa kan jiran yemmuu ta‘u, walitti hidhamiinsa gabaa dhabuusaaniis ni himu.
Keessumaa warshaan fooniifi lafee akkasumas gogaa loonii irratti galtee dabalee omishu akka isaaniif ijaaramu gaafachaa jiru.
Obbo Diimaa Gaalee Godina Booranaatti horsiisee bulaa Aanaa Miyoo yoo ta‘an, yeroo ammaa loon 300 ol qabaachuusaanii dubbatu. Baay’inni loonii ammaan tana isaan qaban garuu gaafa ongee hamaan dhufte al tokkotti waan jalaa dhumuun maluuf osoo warshaan fooniifi lafee akkasumas kan gogaa naannawa sana jiraatee sodaan kun tasuma kan hinuumamne ta’uu ibsu.
Warshaaleen galtee adda addaa barbaadan hundi kan ijaaraman giddugaleessa biyyatti itti ta‘uusaatiin hawaasni horsiisee bulaa naannawa daangaarra jiru garuu gabaa dhabee rakkachaa jiraachuu dubbatu.
Loon kan jiru gammoojjii, warshaan immoo kan jiru Mojo waan ta’eef yeroo ongeen hammaatteefi loon waan nyaantan dhabanii dhumuutti ka’an gara warshaan kanneenii geessuuf osoo daandii dheeraa imalanii loon karaatti du‘anis heddu ta’uu eeru.
Iddoon loon jiraniifi warshaaleen bu‘aa loonii irratti bobba’an jiran walii faallaa ta‘uusaatiin hawaasni horsiisee bulaan miidhamaa jiraachuu kan himan immoo Aadde Makkoo Waariyoo, aannan giddugala biyyaafi magaalota guguddootti hin argamne nama isaan irraa bitu dhabuusaanii dubbatu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta‘e kan federaalaa dhimma kana sirriitti ilaalanii warshaa iddoo loon hinjirretti dhaaban gamasittis akka isaaniif ijaaran gaafatu.
Walumaagalatti, ummata osoo ofiisaatiifuu waan nyaatu hinarganne nyaata looniif dhiphatu, osoo ofiisaatii dhugee dheebuusaa hinbaane waan loonsaa dhuganiif yaadda’uu waan hinqabneef qaamni dhimmi ilaallatu gaaffii horsiisee bultoota kanneeniitiif deebii malchiisaa kennee hojjechuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin