Sababoota ijoo ‘UNESCO’dhaan galmaa’uu sirna Gadaa

Saamraawiit Girmaatiin

Gadaan sirna siyaasaafi hawaas dinagdee Oromoon  ittiin walbulchaa tureedha. Sirnichi dimokraatawaa hawaasni  marti haala walqixa ta’een kan keessatti hirmaatuudha. Ummata  Oromoo otoo gosaan gargar hinbaasiin Gadaa  shanitti  gurmeessee dabareen akka walbulchu taasisuusaati barreeffamoonni garagaraa kan ibsan.   

Sirni kun ijoollee miseensa Gadaa aangoorra jirurraa, waggaa  saddeettan Gadaan sun aangoorra turu keessatti dhalatan,  miseensa Gadichaa taasisuun aangoo marsaa ittaanu  isa waggoota 40tti naanna’ee dhufuuf qophii  jalqabsiisa.

Namni abbaa Gadaa ta’us ulaagaawwan keessa darbuufi guutuu qabu qaba. Isaan keessaas, namni aangoo Gadaa fudhatu  waan qabuuf nama qulqulluu, yakka/cubbuu  hinhojjanne ta’uu qaba. Kana malees, nama seera Gadaafi dubbii jaarsummaa beeku, hariiroo hawaasummaa  cimaa, amanamaafi fudhatama qabu, beekaa, dhugaa kan hindabsineefi murtii haqaa kennu, bultii kan qabu, maatiisaa haala gaariidhaan kan bulchu. Kan hojjatee qabeenya itti bulu horate ta’uu qaba.

Akkasumas, nama amala badaarraa  bilisa ta’e kan dhugaatii  hinguddisne, oftuulummaafi ofittummaarraa bilisa ta’e, dammaqina qabu, ofitti  amanuufi  ejjennoo cimaa qabu ta’uun dirqama.

Sirni Gadaa dimokraatawaadha. Aangoon  dabareedhaan kan darbuufi hawaasa hunda hirmaachisuudha. Gadaan tokko  waggaa saddeet aangoorra turee Gadaa ittaanuutti aangoo karaa  nagaatiin  kan dabarsuudha.

Seerri Gadaan  ummata ittiin  bulchu  bara Gadaa tokkotti yeroo tokko marii bal’aa taasifamuun ceephoo taasifamuun haala yeroo waliin akka walsimutti kan haaromfamuudha. Seera kana waraabbachuuf miseensonni Gadaa bakka jiranii kan walitti dhufanii ittamananii waraabbatanii galu. Seera tumamu kanarratti daa’ima waggaa torbaa qabee hanga jaarsa waggaa 70tti irratti ni hirmaachisa.

Sirni Gadaa mirga namoomaa ni kabaja. Daa’imni yoo dhalattu birmaduudha jedha. Birmaduun dhalootaan bilisa kan ta’e jechuudha. Sirna Gadaatiin birmadummaan uumamaan kenname sun hintuqamu. Kabajni mirga namoomaa kun sabni Oromoo ija walqixa ta’een akka walilaalu fayyadeera. Oromoon  gosa tokko keessaa ba’ee gosa biraa keessa dhaqee qubachuu yoo barbaade seeraan gaafatee, gosti ittidhaqe sun gosa ofiitti moggaasanii qubachiisu. Kan Oromoo hinta’iinillee kooluu yoo gaafate, ofitti fuudhanii, moggaasanii Oromummaa gonfaniifii gosa ofii  taasisu.

Inni biraafi ciminoota sirna Gadaa keessaa ijoon, sirnich seera mirga dubartootaa ittiin eegu qabaachuusaati. Seerich Seera Siinqee jedhama. Seerri Siinqee dubartoonni gurmuu uummatanii mirgasaanii kan ittiin tikfatan yoo ta’ u, ulee qa’loo, sorooroo qabatanii ba’aniin moggaafama. Siinqeen dubara heerumtuuf gaafa manaa baatu haadhashiitiin kan kennamu yommuu ta’u, jireenyashii egereeshii keessatti mirgashee akka ittiin kabajchiifattuufi.

Mirgi dubartii abbaa warraasheetiinis ta’e nama biraatiin yoo tuqame, mallattoo sagalee ililii, ililii jedhuun walwaamanii siinqeesaanii qabatanii walii birmatu. Dubartiin ililfannaa dhageesse hojii ofharkaa qabdu battalatti dhiistee siinqeeshee qabattee birmachuuf dirqama qabdi.

Dubartoonni siinqee qabatanii dubartii miidhamte sana qaqqabanii, siinqee faarsaa, miidhaasaanii himachaa gara caffee  Gadaatti deemu. Caffeen ulfinaan isaan sirmatee himannaasaanii dhaggeeffatee, nama mirga dubartii sanaa tuqe seeratti dhiyeessee adaba.

Dubartoota  siinqeedhaan  deemanitti  dhiirri  karaatti  yoo  itti dhufe fardarraa bu’ee, ulfinaan nagaa gaafatee,  eeyyamasaaniitiin darbee deema. Akka dhufetti qaxxaamuree yoo  darbe himatamee adabamuu danda’a. Dubartii siinqee qabattee qofaa deemtullee taanaan dubbisee bira darba. Dubartiin  siinqee qabatte deeggarsa ishiin  namarraa  barbaadde  hunda ni  argatti.

Sirna Gadaa keessatti aangoon dubartoonni qaban inni kaan lola dhaabuudha. Lolli gosa keessattis ta’e gosa garagaraa gidduutti yoo ka’e kan miidhaan qaqqabu hanga dubartoonni siinqee qabatanii iddoo sana qaqqabanitti qofa. Dubartoonni siinqee qabatanii iddoo sana akka ga’aniin walakkaa seenuudhaan aangoo seera siinqeetiin kennameef fayyadamuun lola sana battalatti dhaabu.

Ga’ee dubartoonni qaban inni kaan biyyaaf Waaqa kadhachuudha. Bakka walga’u maratti dubartoonni dura deemu, kan isaan fuuldura deemu daa’imman xixiqqoo qofa. Keessattuu  yeroo rakkinni dhalate fkn hongeen yoo uumame, dhibeen daddarbaan yoo biyya dhufeefi rakkoo biraallee yoo qaqqabe  rakkina akkanaa furu uf, malkaa bu’anii irreeffatanii Waaqa  kadhatu. Dubartoonni dandeettii Waaqa araarfannaa akka qaban amanamaadha.

Sirna Gadaa keessa ga’een qabeenya bulchuu kan dubartiiti.  Dhiirri qotee galchuu, horsiisee tiksuu malee, qabeenya sana  kan soorata maatiif oolu, kan gurguramee soogiddaafi buna ittiin bitatan kan murteessu isheedha. Nama rakkatellee gargaaruu yoo barbaade haadha warraatiin mari’ata malee  akka  barbaade  gochuu  hindanda’u. 

Kana malees, Sirna Gadaa keessatti hojiin kabaja guddaa qaba.  Namni hojii hojjatus hawaasa keessatti ulfinaafi jajuu qaba.  Aadaan hojii ummanni Sirna Gadaatiin bulu qabu, hojii gamtaati.

Hojiin gamtaa Gadaan jajjabeessee asiin ga’e keessaa tokko Daboodha. Daboon namni hojii bal’aa qabu, kan qophaatti hojjatee hindandeenye, nyaataafi dhugaatii qopheessee, namoota beeku hanga barbaade itti waamee kan hojjachiifatuufi innis gaafa warri isaaf hojjatan isa waammatan dhaqee kan harka itti deebisu. 

Qabeenya horachuu keessattis sirnichi tooftaa qaba. Argaa walii kennuun Seera Gadaa keessatti tooftaa qabeenya ittiin horataniifi dhalootatti dabarsaniidha. Argaan akkaataa lamaan kennama. Dhiirri dhalatee gaafa guduruu ittiin dhalate irraa buusanii maqaa moggaasaniif argaa kennuuf. Argaanisaa  raada ykn goromsa tokko,  ykn sana caalas ta’uu mala, warrisaa akka  qabeenya qabanitti kennuuf. Raadni/goromsi sun hanga mucaan guddatee fuudha ga ‘utti ni hortiif. Gaafa fuudhu horiisaa sana fudhatee mana ba’ a.

Durbimmoo argaan ishee gaafa heerumtu. Warri dhaqxu  argaadhaan sirmatu. Namni fira gurbaa fuudhee ta’e hundi  argaa kennu malee ishee hinargu. Warri gurbichaas sa’a tokko handhuuraashee kan ta’e kennuuf. Warrishees yoo qabaatan  raada/goromsa inuma kennu. Argaa gurbichi daa’imummaan   argaterraa horii horateefi argaa haati warraasaa argatte walitti   qabanii jireenyasaanii jalqabatu. Akkanatti qabeenya walii  horan.

Sirna Gadaa keessatti namni horii horee sooromee, horiin/loon inni  horsiifate kuma yoo guute, hajaa qopheessee biyya waamee korma  qalee garaacha uffata. Seera kana raawwatee  ka’ee raada tokkoos lamas hamma inni barbaade loonsaa keessaa fo’ee gadi dhiisa. Raaddeen sana nama rakkataa harka qal’aatu fudhata. Inni qabu isa hinqabneef akka qoodu sirnich gargaareera.

Sirni Gadaa aadaa walgargaarsaa ni jajjabeessa. Namni tokko sababa ta’een qabeenyi harkaa barbadaa’ee yoo hiyyoome,  lammiisaa keessaa ba’ee hindeemu. Namaa gadi ta’ee hamiileensaas hintuqamu. Lammiin isaa hirphee/haala  buusiitiin kan qabu midhaan qicee kennaaf, kan  horii/loon qabu  raadaafi goromsa kennaaf, kaan jibicha, kaan hoolaa, re’ee, kaan maallaqa kenneefii hirphee deebisee dhaaba.

Sirni Gadaa cubbuu baasuun seerri akka kabajamus ni taasisa.  Seerri hawaasummaa duudhaan kabajamaa Oromoon qabu namoota seeraan ala deemaniin yoo cabe, qoratanii seera cubbuun ittiin ba’uun cubbuu irraa baasanii akka  sirratu godhu.

Sirna Gadaa keessatti guddifachaanis bakka guddaa qaba. Namoota sababoota addaddaatiin dhala  dhabuufis sirnichi mala qaba jechuudha.

Malli kun  namoonni dhala dhaban, akka hamiileen hintuqamne, namni  isaan gargaaru akka  hindhabamneefi  dhaaltuu akka hindhabne, seera guddifachaa tumee warra ijoollee hedduu horateefi  ilmoo  hangafaa kan hinta’in keessaa filatanii kadhatanii guddifatu.  Seerri kun warra mucaa godhate ormoomsee warra guddifatu  ilmoo taasisaaf. Isaanis daa’ima guddifatan sana akka ilmoo angafaatti ilaalanii guddisanii dhaaltuu taasifatu. 

Sirni Gadaa kunuunsa  naannawaatiifis iddoo guddaa kenna. Akka aadaa Oromootti uumamni naannawaa kabaja guddaa qaba. Mukeen guguddoon akka gaaddisaafi waltajjiitti lakkaa’amu. Ulfinni  Odaan  argates  kanaan walqabata. Mukkeen akkanaa muruun ooda; safeefuudha. Sirnicha keessatti namni umrii dargaggummaa keessa jiru muka dhaabuu malee muruun hineeyyamamuuf. Muka jiidhaa hinmuran; mukti dhimmoota addaddaatiif muramu kan guddina fixateefi dulloomeedha. Isumaa maanguddoon keessaa  ilaalanii filanii itti aggaamaniitu dargaggootti kennu.

Maddi burqaan kunuunsa bosonaan kan walqabate  ta’uu hubannoon waan jiruuf kunuunsa addaatu taasifama.  Dinagdeen, qooddiinsa lafaa walabaafi loogii malee mirga  bilisummaa dhalootaan argamuun qoodama. Qubannaan gosaan  waan ta’eef miseensi gosa sanaa hundi qixxee itti hirmaatu. Margi/citaan horsiisa looniif, ittifayyadamanillee haala  dhalootaafi qubsumaa tajaajila.

Taateewwan sirna Gadaa keessaa Irreechi isa tokko. Irreechi  ayyaana waggaa waggaatti barii birraa sababeeffachuun Waaqa  bacaqii gannaa ummatasaa oofkalchee booqaa birraa  qaqqabsiiseef malkaatti ba’uun kan galanni ittiin dhiyaatudha. Akkasumas, wayitii bona keessa tulluutti ba’uun roobni kan ittiin kadhatamuudha. Irreechi ummata Oromoo bakka  tokkootti walitti qabuun akka aadaasaa mul’isu, akka walgaafatuufi waliif yaadu taasisa.

Sirnichi araaraanis ni beekama. Gadaan kan wallole ni  araarsa. Miidhaan qaqqabe beenyaa namaa baasisa.  Qabeenyi bade gatii baasisa, yoo lubbuun darbe immoo gumaa baasisuun araara buusa.

Kanaafuu sirna dimokraatawaafi waan hundaan guutuu ta’e kana hambaa kiliyaa taasisuun ‘UNESCO’ irratti galmeesisuun barbaachisaadhuma ture. Aadaa miidhagaan kun kan barbaachiseef guutuu biyyattiirra darbee addunyaarratti akka beekamu, seenaafi duudhaaleen ummatichi qabu beekamee dhalootatti akka darbu haala mijaa’aa uuma.

Aadaan aangoo siyaasaa karaa nagaatiin, eebbaan dabarsanii  kennuu, Oromoon ummata aadaa dimokraasii qabu, ummata   ilaalchaan qaroome ta’uu wanta ibsuuf ummattoota birootiif gama hundaan fakkeenyummaansaa guddaadha.

Sirnichi beekamuun Oromoo addunyaarratti beeksisuun hawwata tursitiifillee karra ni saaqa. Bulchiinsa ammayyaa sadarkaawwan garagaraatti ijaaramuuf akka fakkeenyaatti ka’uun eenyummaa Oromoo ta’ee addunyaarratti hubatama.

Kanarraa ka’uun  sirni Gadaa waggaa afur dura hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’dhaan kan galmaa’ee yoo ta’u, Oromoofi Oromiyaan darbees Itoophiyaan faayidaawwan eeraman dhawaataan kan argatan ta’u.

Waggaa afraffaan sirnichi dhaabbata eerame kanaan ittigalmaa’e Godina Gujii Lixaa, Yunivarsitii Bulee Horaatti sirnoota adda addaatiin har’aafi baru kabajama.

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

6 Comments to “Sababoota ijoo ‘UNESCO’dhaan galmaa’uu sirna Gadaa”

  1. Pingback: free cams
  2. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *