Waasihun Takileetiin
Finfinnee: Itoophiyaan biyya sabaafi sablammii hedduun waldanda’uun jaalalaan keessa jiraatan waan taateef miira waliif yaaduutiin waliin jiraachuun murteessaafi ibsituu kiristaanummaa ta’uu abbootiin amantii ibsan.
Phaaphaasiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas akka jedhanitti, Itoophiyaatti nageenyi amansiisaan akka bu’uuf ummanni tattaaffiisaa cimsuu qaba. Walitti bu’iinsa, du’aafi buqqa’iinsa uumamaa jiru dhabamsiisuuf hunduu qoodasaa bahachuu qaba. Tamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuufis amantoonni of eeggannaa cimaa gochuu akka qaban gorsaniiru.
Pirezidaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa Luba Yoonaas Yiggazuu ergaa Ayyaana Qillee bara 2013 dheengadda kabajame sababeeffachuun dabarsaniin kiristaanonni nagaa labsuu, dubbii jaalalaa qofa afaansaanii keessaa baasuufi waldhabdee maqsuun obbolummaan akka dagaagu gochuu qabu jedhan.
Ayyaanni Qillee jaalala Waaqayyo dhala namatiif qabu kan itti agarsiiseedhas jedhanii, dhalli namaas gocha gaarii kana dhaaluun walwaliisaatiif jaalalaafi ilaalcha obbolummaa qabaachuu akka qabu gorsan.
Itoophiyaa keessatti jaalalli obbolummaafi waldanda’uu waan haphateef jibbi baay’atee obboleessi obboleessasaa ajjeesaa jiraachuu pirezedaantichi kaasaniiru.
Macaafni amantii akka obbolaan walajjeesan ajaju akka hinjirres eeranii, gochi Itoophiyaatti keessatti raawwataa jiru naamusaafi faallaa amantiilee hundaati jedhan. Anga’oonni mootummaas jaalalaafi obbolummaa lammiilee cimsuuf garaagarummaa gidduusaanii jiru mariidhaan furuu akka qaban dubbataniiru.
Miirri waliif yaaduu jiraachuu baannaan tokkummaanis waan hinjiraanneef lammiin kamuu miiraafi ilaalcha ‘namalee’ keessaa ba’uun murteessaa ta’uu pirezidaantichi beeksisaniiru.
Walitti bu’iinsawwan tibbana iddoowwan adda addaa keessumaa Naannoo Tigraayiifi Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkalitti mudateen lubbuun dhala namaa tasatti darbuun daran gaddisiisaa ta’uus ibsaniiru.
Kanamalees wayita vaayirasii koronaa dhala namaa duguugaa jiru kanatti jibbaafi walajjeesuun cubbuufi gocha naamusa amantii kamuurraayyuu fagaateedha jedhaniiru.
Akka ibsasaaniitti miirri namaleefi ilaalchakoo qofa fudhadhu jedhu tokkummaa sabootaa kan hubu waan ta’eef ilaalcha gonkumaa jijjiiramuu qabuudha.
Kanaaf kiristaanonni nagaafi jaalala labsuu qabu kan jedhan pirezidaantichi, ayyaanichi mataduree “Dubbiin jaalalaa qofti afaan keessan keessaa haa ba’u” jedhuun waanuma jirurraa harka qal’eeyyii gargaaruun kan ayyaaneffame ta’uu eeran.
“Kiristoos jaalala, nuti ilmaansaas jaalala Inni nuu kenne walii kennuu qabna” kan jedhanimmoo Phaaphaasii Bataskaana Kaatoolikii Itoopiyaa Kaardinaal Biraanayesuusi.
Pirezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaaniin ergaa baga geessanii dabarsan maddiitti dubbii dubbataniin haalli nageenya Itoophiyaa yeroo ammaa yaaddessaa ta’uu kaasaniiru.
Walitti bu’insa saboota jidduutti uumameen lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an, ajjeefamaafi godaanaan heddummaachaa jiraachuu eeranii, jibbi kun jaalalaan akka bakka bu’uuf kiristaanonni dirqamsaanii bahachuu qabu jedhaniiru.
Ilmaan abbaa tokkoo ta’anii walajjeesuu dhiisii ija jibbaatiin walilaaluun hamaadha jedhanii, amantoonni kadhataan cimuu akka qaban dhaamaniiru. Akkuma Kiristoos du’a bara baraa jalaa nu baraaruuf du’ee jaalala nuu qabu nutti agarsiise nullee walii keenyaaf jaalala qabaachuu qabnas jedhan.
Yeroo ammaatti jaalalli waloo keenyaa boora’uun waljifachuun babalachaa jiraachuu ibsanii, kun jaalala kiristoos nuuf argisiiseen booji’amuu qaba jedhaniiru.
Garajabummaa obboleessi obboleessasaarratti agarsiisaa jiru fokkisaa fi faallaa kiristaanummaati jedhanii saboonni ilaalcha sodaa Waaqaan guutamanii walii oo’uu akka qaban gorsaniiru.
Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013
9 Comments to ““Dubbiin jaalalaa qofti afaan keessanii haa bahu!””