“Ammayyuu kenniinsi tajaajilaa si’ataa miti” – Invastaroota tokko tokko “Riifoormii haaraadhaan abbootii qabeenyaa simachuuf qophiin xumurameera” – Komishinii Invastimantii Oromiyaa

Finfinnee: Naannolee yaa’iinsi invastimantii itti baay’atu keessaa Oromiyaan tokko. Kanaanis dameen invastimantii dinagdee Oromiyaa darbees kan biyyaa haalaan utubaa tureera. Waggoota lamaan darbanitti rakkoo nageenyaatiin walqabatee galiin achirraa argamu akkuma biyyaattuu hir’iateera. Erga hoggansi haaromsaa biyya bulchuu eegalee garuu fedhiin invastimantii biyyaas ta’e kan naannolee dachaadhaan dabaluudha ragaaleen kan mul’isan.

Haa ta’uutii garuu hoggansi irra keessa jiru jijjiiramee hojii abdachiisaa hojjechuu eegalus hudhaaleen damee invastimantiirratti mul’ataa turan ammayyuu akka jiraniidha invastaroonni Oromiyaa keessatti bobba’an tokko tokko kan dubbatan. Haaromsi taasifame sadarkaa hunda qaqqabuu akka qabus ni kaasu.

Doktar Amaanu’eel Haayilamaariyaam Magaalaa Bishooftuutti hojii damee fayyaarratti boba’aniiru. Isaaniis gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, damee fayyaarrattis ta’e hojiilee biroorratti gama babal’isa invastimantiitiin akkasumas, lafa fudhachuutiin rakkoo ture ammayyuu hinfuramne.

Akka fakkeenyaatti isaan waggaa sadii dura babal’ifannaa gaafatanis hanga har’aa akka hinraawwatamneef eeranii, kanaaf ammoo qaamni raawwachiisu har’a bor jechuurra darbee sababasaallee ifaan akka hinhimne dubbatu. Sababa kanaan isaaniifi hiriyyoonnisaanii kaan hojjechuu osoo danda’anii daangeffamaa akka jiran ibsu.

Akka waliigalaatti wanti gubbaadhaa odeeffamuufi gajjallaadhaa hojjetamu waan walhinginneef mootummaan gadi bu’ee hojii kenniinsa tajaajilaarratti hojjetamu ilaaluufi raawwattoota dhiheenyaan to’achuu qaba; ta’uu baannaan abbootii qabeenyaa qofa walitti qabanii haasofsiisuufi mariisisuun bu’aa hinqabu jedhu.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Oromiyaa Obbo Rashiid Muhaabbaa gamasaaniin, injifannoon siyaasaa biyyattiitti argame dinagdeedhaan yoo utubame malee galma ga’uu waan hindandeenyeef mootummaan naannoo Oromiyaa hudhaalee damee invastimantiirratti mul’atan hiikuuf riifoormii haaraa qopheessee abbootii qabeenyaa simachuuf qophii xumureera jedhu.

Keessumaa rakkoolee invastaroonni irra deddeebiin kaasan qorachuun xiyyeeffannaan addaa itti kenname hojiitti seenamuuf haaldureen xumuramuusaa kaasanii, kenniinsa lafaa, eeyyama baafachuu, si’achuu dhabuu kenniinsa tajaajilaa, malaammaltummaafi kkfn rakkoolee yeroo mara ka’an waan ta’aniif riifoormii haaraa qophaa’een xiyyeeffannaan kennamuusaa himu.

Waggoota lamaan sadan darbanitti sababa rakkoo nageenyaa biyyattii mudateen dameen invastimantii qabbanaa’uu eeranii, sababa kanaanis galin argame gadaanaadha jedhu. Ji’oota muraasaa as erga hoggansi jijjiiramaa aangoo qabate garuu fedhiin invastimantii naannichaa kan waggoota shanan darbaniiyyuu caalaa ta’uusaatiin, gaaffii kana bifa haaraatiin keessummeessuun barbaachisaa waan ta’eef riifoormiin haaraa akka qophaa’ees ni addeessu.

Dhimmuma kana iftoomsuuf Wiixata darbe waltajjiin marii invastaroota Oromiyaa keessaa hirmaachise qopheessummaa Komishinii Invastimantii Oromiyaatiin Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti qohaa’ee ture. Invastaroonni heddus rakkooleen irranatti eeraman yoo eeraman abbootii qabeenyaa Oromoo akka heddummachuu danda’aniifi dinagdee Oromiyaa utubuu keessatti shoorasaanii akka ba’aatan ibsu.

Hogganaan Waajjira Giddugaleessaa ODP, Doktar Alamuu Simees waltajjicharratti argamuun mootummaan dameen invastimantii naannichaa daran fooyya’ee injifannoo siyaasaa argame akka utubu waan barbaaduuf kana booda kuteenyummaa olaanaadhaan hojiitti seenuu ibsanii, rakkooleen ka’anis riifoormiichaan kan hiikaman ta’uu himu. Kan hafe yoo jiraates walitti dhiheenyaan mari’achaa hiikuuf qophiin jiraachuu addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Invastiimantii guddisuun dinagdee biyyaa utubuun murteessaadha

Recommended For You

2 Comments to ““Ammayyuu kenniinsi tajaajilaa si’ataa miti” – Invastaroota tokko tokko “Riifoormii haaraadhaan abbootii qabeenyaa simachuuf qophiin xumurameera” – Komishinii Invastimantii Oromiyaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *