Kutaa 2fa
Guyyaa Nikayaallee (Qaraxaallee) Sirra Kajeela” jedhanii jaarsonni lameen filaman san gaafatu. Jaarsonnillee ergaasaanii kana gara intalaatti dabarsu.“Hayyee faataan hamilee, hamileen ta ilmaa intalaati,akkana jedhanii maal jettan “ jedhanii wal gaafatu. “maarree sii jaaladhee, meeshaa fidde kennadhu” jedhanii meeshaa irraa fuudhu.
Meeshaan kennanis tasbee,qubee margaa fi sageettuudha. Erga kennanii xumuranii booda guyyaa nikayaa qaraxa ykn gabbara gaafatu. Guyyaan jahaffaan guyyaa qaraxaa /nikahaa/ jedhama. Guyyaa qaraxaa kana jabbii jaha, wayaa haadhaaf, abbaaf, abbeeraa angafaatiif fidanii dhufu. Kanumaaf kan tapha ijoollee Oromoo keessatti “jahan jabbii qaraxaa” jedhamee kan beekkamuuf.
Jabbii qaraxaa jahan kanneen keessaa sadii kan obboleessa hangafaa intala kaadhimamteeti sadan hafan ammoo kan intala kaadhimamteeti. Obboleessi kun jabbilee dhufan eegee qabata. Kana booda guyyaa alangee laaftuu ykn bareertoo (guyyaa cidhaa (gaa’ilaa) na haa gootuuf sirra kajeela, jedhanii jaarsonni dubbii gara warra intalaatti himu.
Guyyaa ni qabuuf, kanas kan waliin dubbatu jaarsota lameeniifi gosa warra intalaati. Erga guyyaan cidhaa qabameefii jaarsonni dhufan deebi’anii gara manasaaniitti galu. Turtiin guyyaa bareertoo kun ji’a tokko, ji’a lama, ji’a jahaafi hanga waggaa tokkoo ta’uu danda’a.
Gurbaan fuudhu hanga guyyaa cidhaatitti deemee hinfagaatu, laga hince’u, mana namaa hinseenu. Sababni kana ta’eefis gurbaan fuudhu furda keessa jira jedhamee waan amanamuuf. Kana jechuun inni fuudhaaf qophaa’aa jiru kun karaa deemee rakkoon akka isa hinqunnamneef, itillee ambaarra akka hinciifneefi kkf fa’aafi.
Guyyaan gaa’elli raawwatamu yoo kalaaye qophiileen gama warra lamaaniinuu ni godhama. Gama maatii gurbaatiin cidha firaa olaatti himatu. Gurbaan fuudhus dhadhaa muudamee, alangee, waraana, farda yaabbatee cidha himachuuf ka’a. Jalqaba obboleettii angafaa bira dhaqa. Dhaqees akkana jedhaan:
“Guyyaan alangee laaftuu tiyya guyyaa akkanaatii, jaallillee si’i” jedhee ittihimata. Obboleettiinis muuddee/dhadhaa dibdee gaggeessiti. Ittaansuunis firoota kaluu ykn dhiyoo jiran adaadaa, obboleettii biraa biras deemee himata. Bakka deeme maraayyuu dhadhaa ni muudama. Gosaafi ollaa kanneen biraatti namni firaa ykn ollaa gurbaa ta’e akkuma kan gurbaa fuudhuu saniitti muudamee ba’uun cidha hima. Yoo himus akkana jechuun fkn guyyaan gaa’elaa Sanbata guddaa yoo ta’e.
“Guyyaan bareertoo ilma ebeluu, 22n sanbata guddaa dhufuuti, kudha shaniin (15) harka dhahaadha.” jedhee hima. Innis mana deemee himu maraayyuu ni muudama. (Ibraahim Ruufaa)
4.7.1.2 Harka Dhawaa /Dhahaa
Yoo cidhaaf torban hafu harka dhahaatu jira. Sirna harka dhawaa irratti nyaatni aadaa ni qophaa’a, sirbis ni sirbama. Nyaatni aadaa qophaa’u daraaraa, hangoo/qinceedha. Qincee qophaa’e nyaachuun maanguddoonni gola ol taranii akkas jedhanii sirbu.
“Awaayoo salaa malaa
Sandaaboo soolee x2
Aayyaa garaa na geettee
Awaayoo salaamalaa x3
Rasuuloo salaamalaa
Marhabaa nuuralaynii
Marhabaa marhabayaa
Sandaaboo habiiboo rasuuloo
Albuu diraa halchitee,loowwan soddee argitee”
Jedhanii loon geega’oo faarsu.(Ibraahim Abdaa)
Guyyaa Heexoo
Obboleettii angafa gurbaa gaafa guyyaan gaa’ilaa boru /guyyaa heexoo/ kana galgala dhufti. Wayita dhuftus namoota ollaa ishii ta’an waliin nyaata aadaa kanneen akka buraatoo, micciirroo/quudii barbaraa, aannan ishiin siiqqee harkatti abbaan manaa ishii immoo waddeessa qabatee gara mana cidhaatti dhaqu.
Dhaqanii erga achi gahan boodas gulantaa balbalaa gara mirgaatiin taa’u.gurbaan fuudhu barcuma irra taa’a. Waddeessa abbaan manaa obboleettii fidee dhufe sanitti ‘ilil’ jechaa suutaan dhibaasu. Keessummoonni waliin dhufan ol seenanii diinqa taa’u. Kana booda ni sirbu, kan sirbanis akkas jechuudhaani.
“Awaayoo salaa malaa
Sandaaboo soolee x2
Aayyaa garaa na geettee
Awaayoo salaamalaa x3
Rasuuloo salaamalaa
Marhabaa nuuralaynii
Marhabaa marhabayaa
Sandaaboo habiiboo rasuuloo
Albuu diraa halchitee,loowwan soddee argitee”
jedhanii sirbu. Gurbaan fuudhu dhadhaafi aannan walitti makame dhugee kurree of duubatti darba.
Mana warra intala heerumtuuttis sirni heexoo ni raawwatama. Dubartoonni guyyaa kana galgala muka urgoo tumaa sirbu;
“Sii tumee urgoo sii tumee
Urgaayi Aayyoo sii tufee
Sheedamii birraan bubbisee
Sheedaraa silgaan guddise” jedhanii sirbu.Urgoo tumanis dhadhaadhaan walitti makuun sukkuumanii xuunxootti naquuf.Isa kana guyyaa bareertoo qabattee deemti. (Muhaammad Huseen Burqaa fi Faaxumaa Maammaa)
Qayya
Mana warra intalaatti intalti heerumtu qayyallee gaafa sana yookiin guyyaa heexoo kana galgala qayya qayyatti. Mukni qayyaatis hidda goraa(qarcawwee), onomaa, fa’aan qayyatu. Dura boolla qotanii muka jiidhaa jalaan kaahanii ibiddi itti naqamee, muka qayya itti naqanii mucattii irra kaahuudhaan itti ulu/ qayyu/. Meeshaalee misiroon ittiin baatus gaafuma kana mukarratti diruuf ,ni qopheessuuf.
4.7.1.5 Guyyaa Bareertoo / Alangee Laaftuu
Gaafa kana ganama warra mucattiitti yoo rakkoon gama warra gurbaatiin jiraate ni arrabsuun.
“ Intala tiyya kumudee
Gurbaa qamaacaan kukkutee
Gabaabbinni haga tukaanaa
Gabataa dhiisee lafaa funaanaa
Mucucaafuuyyuu laga hin buutuu
Dullumaafuuyyuu lammata hinfuutuu
Gangaladhuu tanaan galadhuu”jedhanii arrabsu.
Baay’inni hamaammotaa haga ykn baay’ina warri intalaa “nama haganaa qabadhaa koottaa” jedhaniin qabatanii deemu.Guyyaan bareetoo ykn alangee laaftuu gaafa guyyaa sirni gaa’ilaa raawwatamu. Gaafa gurbaan intala fuudhee galu jechuudha.
Hamaamonni ganamaan deemuuf ka’u. Hamaamotaafi gurbaa fuudhuu/ misirroo/ daraaraa ykn mijuu afaaniin qabsiisanii ol kaana wayita isaan jedhan leemman akka geengoo (korbootti) hidhanii, abidda maddiidhaan kaahanii buna keessaan gadi naqu. Wayita gadi naqanis akkas jedhu.
“Buna badaafnaa dhagayaa
Aagaa nagaa dhagayaa” jedhanii hamaamonni ol ka’u. Abbaan waddeessa mure (jaalli) marga muree obboleettiin angafni jaala taatee waliin deemti. Wayita kana firoonniifi ollaan qe’eetti hafan akkas jechuun sirbaa gaggeessuun
“Awaayoo salaa malaa
Sandaaboo soolee x2
Aayyaa garaa na geettee
Awaayoo salaamalaa x3
Rasuuloo salaamalaa
Marhabaa nuuralaynii
Marhabaa marhabayaa
Sandaaboo habiiboo rasuuloo
Albuu diraa halchitee,loowwan soddee argitee” jedhu.
Yoo hamaamonni karra bahuuf gahan dhoqqee loonii faana darbatu. Dhoqqee loonii faana darbachuun horuu mul’isa , afaaniinis ‘hori hori’ jedhanii eebbisu. Gara mana intala fuudhuuf deemanii osoo hin gahin malkaa bira yoo gahan callisanii hin ce’an.Gurbaan jaalaa marga ykn irreessa muratee itti facaasa. Sana booda kan ce’uu danda’an. Yeroo dhufanii dawoo warraatti kalaayan ni sirbu.
“Awaayoo salaa malaa
Sandaaboo soolee x2
Aayyaa garaa na geettee
Awaayoo salaamalaa x3
Rasuuloo salaamalaa
Marhabaa nuuralaynii
Marhabaa marhabayaa
Sandaaboo habiiboo rasuuloo” jechuun sirbu.
Yoo dafanii dhufan ta’e warri intalaa “nurraa dhaabbadhaa” jedhaniin. Hamaamonni dhufanis dhaabbatanii eegu. Ittaanee hamaamonni ni taa’u kan taa’anis gulantaadhaan ykn tartiibaan dura gurbaa fuudhu (misirroo)tti aanee kan taa’u abbaa gurbaati.
Gara kaaniin jaalatu taa’a.Maanguddoonniifi hiriyoonni misirroo marsanii taa’u. Erga hamaamonni iddoo qabatanii booda gurbaa fuudhuuf siiqqee kennuuf,mijuunis baarree, ciicoo, xuunxoo, dhiyaata. Dura nyaata haati intalaa qopheessitetu dhiyaata.
Wayita kana dubartoonniifi hiriyoonni intala heerumtuu (misirroo) gama warra intalaatiin cidha dhufan akkas jechuun faarsu:
“Haatee baarree saamsitee maarree
Hiroo shoonaa hiriyyoo shoonaa
Faffacaanee maal walii goona
Hiroo boontuu hiriyyoo boontuu
Boonaa ooli heeruma hinooltu
Akka raaseen dibee mataa kee
Akki baasuun dhibee abbaa kee”
Baarree dhiyaate kana maanguddootu fura. Kana jechuun baarree meeshaa aadaa Oromoo Baalee ta’ee kan aannan itti naqamuudha.Dura kan unus maanguddoodha. Ittaansee abbaa gurbaa,jaala, erga kunniin unanii booda baarree gadi hir’ate itti guutuun gurbaa fuudhu yeroo (3) sadi unsiisu. Duraan buudafi buudee fidanii dhufu.
“Buudaan faayaa buudeen jala kaayaa
Akka gootee baadhattu laalaa
Fiigii hoxxee sana diigi” jedhu kana jechuun waan soddeen sii kenne baay’ee waan ta’eef akka itti baattee galtu laala jechuudha. Gabataa dayii haadhatuu qopheessa. Itti aansuun dhaabatu ykn marqatu dhiyaata.Marqa dhiyaate lafa kaayanii maanguddoonni gara warra intalaa fidanii dhufuun dhaabbatu.
“koottu, dhufe maarree
Lafa fagoo, malkaa fagoo
Fardaan dhufanii sooradhaa” jedhanii
Maarree akkana jedhanii, maarree nuu kennitanii, intalti ta waliitii gurbaan ka waliitii, dhaaballee waliin qabnaa waliin soorannaa, wadeessi gulantaa irraa hin ka’uu sooradhaa jedhaniin. Gabataa lamaafi Aannan qodaa lama waliin dubartii gosa ykn fira warra gurbaa keessaa yoo jiraatte dhaaba eeggatti.
Daraaraa gabataa dayii gurbaa jalqaba ykn dura maanguddoon afaaniin qabee mucaallee “daraari daraari” jedhaa afaaniin qabsiisa. Eega sanii warri gurbaa ni nyaatu.
Wayita nyaatan osoo hin fixin gabataa keessatti hambisu. Sababni isaas gabataa dayii qullaa hin hambisan,garuu baay’isanii irraa nyaachuu qaban.
Yoo qixxeetti hambisan wayaa malee soddaatiin ni komatu eega gabataan galee meeshaa mucayyoo fidu. Warri gurbaa kafana fidu. Dargaggeessi meeshaa mucattiin ittiin heerumtu gadi baasuuf. Dura Baarreefi siinqetu baha. Meeshaan hundinuu bahee laakka’amee warra gurbaatti kennama.
Maanguddoonni meeshaa bahe bira ni dhaabbatu.Maanguddoonni warra intalaa kunniin itti wal waamu, “koottaa dhufe maarree meeshaan haganaa ilmaa intalaa qixxee kuunnoo isinii kennine” jedhaniin warra gurbaatiin.Warri gurbaallee “maarree kennaa nuu kennitanii Rabbi isin irraa haa jaalatu” jedhaniin. Kana booda du’aayii ykn eebba walii godhu.Warri geegayoo kennu akkas jedhaniin ,
“ fooyadhullee,tooyadhullee” jedhaniin warri geegeyoo fudhatan immoo “fooyadhellee,tooyadhellee Rabbi isinii haa kennu” jechuun eebbisan.
Eessumnillee yoo qara ulfinna fudhate innis geegayoo kennaaf. Geegayoo baay’isee kan kennatu jira. Horii 100s kennuu danda’a. Horii 99 ta’ee yoo guutuu dide Adurree itti guutuuf. Kanatti aansuun intalaaf dhaamsa dhaammatan.
“Intalti ta Abbaa gaariitii horadhu,ta eessuma gaariitii horadhu,Soddaa gaarii argattee horadhu,arabsitee narraa hin miidhinii horadhu,alala sii kennee lafeen tiyyaa horadhu,sii haa hortu,sii haa taatu” jedhanii warri intalaa dhaamatu.
Ittiaansuun warra gurbaattu dhaammata
“Ka beekutu wal baree ulfaadhu, ka akaakayyuun gaariitii horadhu, ka abaabayyuun gaariitii horadhu” jedhaniin. Dhuma irratti wal eebbisanii achiin booda intala baasanii fudhatanii deeman. Wayita galan idaayyaa/ misirroo ala kaayan. Farda ishiin irraa buute kana haphii ijooleetti kennanii irra kaayan.Kun kan mul’isu tan hortu, ijoollee ta argattu waliimaagalatti hormaata mul’isa.
Idaayyaa akka fardarraa fuudhaniin mana hin seensisan mana jala itillee irra isa immoo barcuma irra teessisan. Kana booda mijuu /aannan/ fidanii haati gurbaa yookiin masaanuun gurbaa “Hori, hori ilmaa dubartii hori” jechaa itti biifti. Yeroma sana horiin ni kennamaaf. Haati guyyaa heexoo irraa kaastee caaccuu godhatti.Caaccuun meeshaa aadaa dubartiin heerumte godhattuudha. Innis hormaata kan mul’isuufi haadha gurbaa ta biraa irraa adda baasuuf tajaajila. Kan irraa hojjatamus gogaa loonii, elellaaniin diramee, bareedee harkatti godhatama.
Ittifufa…
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
4 Comments to “Sirna fuudhaafi heerumaa Baale, Goobbatti”