Feestivaaliin ispoortii miidhamtoota qaamaa gaggeeffame

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Qopheessummaa Komishinii Ispoortii Magaalaa Finfinneetiin waggaa waggaadhaan kutaalee magaalota Finfinnee gidduutti kan gaggeeffamu dorgommiin ispoortiifi feestivaaliin miidhamtoota qaamaa akkasumas dhaga’uu hindandeenyee baranas yeroo kurnaffaaf gaggeeffameera.

Feestivaaliin baranaa kun keessummeesummaa kutaa magaalaa Araadaatiin dirreewwan ispoortii addaddarratti guyyoota 15f gaggeeffamaa ture Roobii darbe xumurameera.

Feestivaala akaakuuwwan ispoortii ja’aan haala miidhagaadhaan gaggeeffamaa ture kana qopheessaan shaampiyoonichaa kutaan magaalaa Araadaa  olaantummaadhaan xumureera.

Araadaan shaampiyoonaa kan ta’e meedaaliyaa warqii 27, meetii sagaliifi nahaasa 20 walumaagalatti meedaaliyaawwan 56  argachuuni. Kutaan magaalaa Lidataa meedaaliyaawwan 45n, Addis Katamaan 43n sadarkaa lammaffaafi sadaffaa argataniiru.

Shaampiyoonaa baranaa kanatti naamusa gaariidhaan qabxii 98.8 galmeessisuun kutaan magaalaa Eekkaa waancaa fudhateera. Shaampiyoonicha haala gaariidhaan keessumeessuusaatiin kutaan magaalaa Araadaas waancaa badhaafameera.

Kutaalee magaalaa Finfinnee 10 gidduutti waggaa waggaadhaan gaggeeffamaa kan ture feestivaaliin kun yeroo 11faf kutaan magaalaa Addis Katamaa keessumeessuuf asxaa kutaa magaalaa Araadaarraa fudhateera.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

4 Comments to “Feestivaaliin ispoortii miidhamtoota qaamaa gaggeeffame”

  1. Pingback: fuck boy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *