Firiiwwan miila duwwaa yaadannoo waggaa 60fa

Tashoomaa Qadiidaatiin

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa  yaadannoo waggaa  60fa Irreessaa Abbabaa Biqilaa olompikii Roomaa, Xaaliyaanitti injifateefi olompikii Meelboorni hanga Riyootti atileetota mo’atan yaadachuuf  jecha Muddee 3-5 bara 2013tti sirnoota adda addaatiin kabajee ooleera.

Sirnichi kan gaggeeffame Irreessaa Abbabaa Biqilaa dorgommii maaraatoonii olompikii Roomaa kiiloomeetira 42:195n  miila duwwaa fiiguudhaan  injifate meedaaliyaa warqii biyyaaf argamsiise waggaa 60fasaa sababeefachuun mata duree, “Firiiwwan miila duwwaa” jedhamuun moggaafamni itti kennameenidha.

Itoophiyaan olompikiiwwan 13 hirmaatte irratti atileetota meedaaliyaa warqii 22, meetii 11fi nahaasa 21 walumaagalatti meedaaliyaa 54 argamsiisaaniifi hirmaattotaaf galata dhiheesuudhaan badhaasni beekamtii kennameera.

Federeeshinichi gootota atileetotaa Itoophiyaa olompikii Meelboornii hanga Riyootti  hirmaachuudhaan injifatanii alaabaan Itoophiyaa  kan biyyoota dureeyyii caalaa ol kaate akka  mirmirtu, faaruunshees addunyaa maraarratti  daangaadhaa hanga daangaatti akka dhagahamu taasisan 266fi hirmaattootaaf  badhaasni adda addaa kennameeraaf.

Badhaasichi sadarkaa sadiin yoo ta’u, kan jalqabaa  olompikii Meelboorni hanga Mooskoo, kan lammaffaa Baarseloonaadhaa hanga Siidinii, sadaffaan ammoo olompikii  Ateensii hanga Riyootti ta’uusaati.

Kanaanis gooticha olompikiiwwan Roomaafi Tokiyoo Irreessaa Abbabaa Biqilaaf qarshii miiliyoona lama, kan Meeksiikoofi Munikitti meedaaliyaa warqiifi nahaasaa kan argamsiise Irreessaa Maammoo Waldeef, akkasumas Mooskootti meedaaliyaa warqii lama kan argamsiise Irreessaa Mirutsi Yiftari tokkoo tokkoo isaaniif qarshii miliyoona tokko tokko badhaafamaniiru.

Maqaa Irreessaa Abbabaa Biqilaatiin kan moggaafame  carraan barumsa olaanaa dubartootaa atileetootaafi leenjistootaaf kennamuunsaa  sirnicharratti ifa ba’eera.

Pirezidaantiin mootummaa Saahlawarqi Zawudee sirnicharratti argamuun akka ibsanitti, Itoophiyaan burqaa atileetotaa qofa osoo hinta’in galaana hin hirdhanneedha. Kanaaf ammoo daandii gootichi olompikii Abbabaa Biqilaa saaqe osoo hincufamiin hanga Riyootti fulla’uusaa addunyaan marti ragaadha jedhaniiru.

Akkuma, “Kan ija takka qabu huubaan hi taphatu” jedhamu Itoophiyaa adunyaarratti kan beekisuufi mallattooshee kan ta’e ispoortii atileetiksii keenya kunuunsuudhaan dhalootaa gara dhalootaatti dabarsuun  barbaachisaa  ta’uusaa ibsaniiru.

Itoophiyaan borumtaa Xaaliyaaniin Raayyaa hidhata meeshaa waraanaa haarawaa hanga funyaanitti hidhateen biyya keenya  weerarte gootota abbootii keenyaan salphinaan  kan ari’amte yoo ta’u, Abbabaa Biqilaas miila duwwaa fiiguudhaan addabaabaayii Roomaatti injifannoo dachaa gonfachuun addunyaa ajaa’ibsiiseera jedhan.

Injifannoon Abbabaa tun biyya keenya Itoophiyaa qofa osoo hinta’in guutuu Afrikaa, keessumattuu ummata gurraachaaf gammachuu dachaa ta ‘uus addeessaniiru.

Goota miila duwwaa fiiguudhaan dorgommii maaraatoonii olompikiitti  mo’achuun daandii injifannoo bane kana  qofa yaadachuuf osoo hinta’in, adeemsa ijnjifannoo keenyaa waggoota 60n kana keessatti  gootota faanasaa bu’uudhaan biyyattii injifannoo dachaa gonfachiisan mara yaadachuuf gahee guddaa qabas jedhaniiru.

Keessumattuu olompikii Meeksiikoorratti bakka Abbabaa bu’uudhaan fiigicha maaraatonii kiiloo meetira 42:195 sa’aatii 2:20.27n xumuruudhaan mo’ate Itoophiyaan yeroo sadaffaaf dirree olompikiirratti walitti aansitee akka mo’attu godheera. Injifannoo Maammoo Waldee kanaanis biyyattiin addunyaa olompikiirratti beekamtii argachuushee malee hanga ammaatti maqaanshee warqiidhaan galmee olompikii keessatti kabajaan barreeffamee akka taa’u ta’eera.

Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Mirutsi Yifxar, Muhaammad Kadiir, Isheetuu Turaa, Fiixaa Baayisaa, Haaddish Abbabaa, Gazzaahany Abarraa, Tasfaayee Tolaa, Hayilee G/Sillaasee, Miliyoon Waldee, Asaffaa Mazgabuu, Qananiisaa Baqqalaa, Silashii Sihiin, Tsaggaayee Kabbadaa, Taarikuu Baqqalaa, Dajan Gabra Masqal, Fayyisaa Leellisaa, Taammiraat Tolaafi Haagoos G/Hiyoot horateera.

Itoophiyaan dhiira qofa osoo hin ta’in gadaameessi ishee gootittii olompikii fiigicha meetira kuma kudhaniin Komaandar Daraartuu Tulluu argachuudhaan Afrikaarraa biyya beekamtuu ishee  taasisera.

Yeroo hundaa fuulasheerraa iftiifi kolfi hindhabamne Komaandar Daraartuu Tulluu akkuma Irreessaa Abbabaa Biqilaa Geexee Waamii, Faaxumaa Roobaa, Masarat Daffaar, ijoollee Dibaabaa Ijigaayyoo, Xirunashiifi Ganzabee, Soofiyaa Asaffaa, Maaree Dibaabaafi  Almaaz Ayyaanaa horachuudhaan gootittii qofa osoo hinta’in giiftii ispoortii jedhamuudhaan moggaafamteetti.

Daraartuu Tulluu dirree ispoortii olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaarratti atileetota Itoophiyaa qofa osoo hinta’in kanneen Afrikaatu golaa baasuudhaan atileetii duraati jechuun ni danda’ama.

Daraartuu Tulluu kaleessa dorgommii atileetiksiitiin,  “Injifannoo dhiira qofaaf maaltu kenne?” jechuudhaan dubartoota Itoophiyaa addabaabaayii addunyaarratti fiduudhaan mo’achuun maal akka ta’e ifatti muldhistetti. Har’a ammoo oggantummaadhaan dubartoonni ispoortii dura bu’uun hammam dandeetti akka qaban nutti muldhisaa jirti jechuudhaan cimina ishee ibsuun dinqisiifataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa damee kana caalaatti babaldhisuudhaan iddoowwan oolmaa ispoortii, pirojektiiwwan dargaggoota guddatootaafi tiraakiiwwan atileetiksii babaldhisuudhaan dargaggoota bakka bu’oota beekamoo horachuuf federeeshinicha maddii akka dhaabatus mirkaneessaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaafi Turizimii Doktar Hiruut Kaasaa gamasaaniitiin akka ibsanitti, ispoortiin jireenya ilma namaatiif sochii cimina qaamaa maddiitti walitti dhufeenya, jaalalaafi tokkummaan akka uumamu gochuudhaan meeshaa guddaafi murteessaadha.

Akkasumas dirreewwan ispoortiirratti dargaggoonni addunyaa galaana qaxxaamuruudhaan tulluu qaari’anii  gaaddisa tokko jalatti akka walargan riqicha ta’uudhaan tajaajilaa jira jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, ispoortiin biyya tokkoof dinagdeefi hawaasummaa, akkasumas damee turizimiitiin sharafa biyya alaa argamsiisuudhaan shoora olaanaa kan taphatuudha.

Ilaalcha, “Dubartootni golaa olitti” jedhu  Daraartuu Tulluufi hordoftoonni ishee addabaabaayiitti bahuudhaan cimina qaban nutti agarsiisaniiru jechuudhaan kabaja isheef qaban ibsaniiru.

Sadaasa 3-5tti  bara 2013  magaalaa Finfinneetti sirnoota adda addaa   gaggeeffaman keessaa iddoowwan awwaalchaa gootota olompikii Irreessaa Abbabaa Biqilaa, Irreessaa Maammoo Waldee, Irreessaa Mirutsi Yifxariifi leenjisaa beekamaa Doktar W/Masqal Kostiree irra habaaboon kaa’ameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa gamoo yaadannoo gooticha olompikii Meeksikoofi Munikii Irreessa Maammoo Waldee haarawaa ijaaruudhaan bakka hoggantoonni mootummaa, maatiinsaa, jaalattoonni ispoortii atileetiksii argamanitti  ebbisiiseera.

Akkasumas yeroo dheeraadhaaf ijaarsisaa ni jalqabama jedhamuun abjuu qofa ta’ee kan ture gamoon hunda hammataa Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaa abbaa darbii 12 qabu lafa kaaree meetira 753 irratti ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Ijaarsi gamoo kanaa waggoota muraasa keessatti kan xumuramu yoo ta’u, giddugala waldhaansaa, Muziyemii, jimnaaziyeemii, mana dubbisa kitaabaa, galma nyaataa, biiroleefi kutaalee atileetotaaf tajaajila adda addaaf oolan qabata jedhamee eegama.

Kana malees federeeshinichi magaalaa Laga Xaafoo, Laga Daadhiitti qarshii miliyoona 17n kan ijaarsise tiraakii atileetiksii kiiloomeetira 1.6 hammatu ijaaruudhaan eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarratti kan argaman pirezidaanitiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaatiin baga abbaa tiraakii taatan jechuudhaan dubbataniiru.

Tiraakichis  tiraakiiwwan biroo kanneen  mootummaan naannoo Oromiyaa  naannawaa Finfinneetti kallattii afuritti ijaarsisuuf tilmaameef bu’uura ta’a jechuudhaan addeessaniiru. Naannichi tiraakiiwwan atileetiksii magaalota Sabbataa, Buraayyuufi Suluultaatti ijaaruuf yaadaa jirras jedhaniiru.

Akkuma, “Itoophiyaan burqaa atileetotaati”  jedhamtu Oromiyaan ammoo burqaa atileetota Itoophiyaa ta’u kan addeessan Obbo Shimallis burqaan kun akka hin gogne damichaaf xiyyeeffannaan kennamuudhaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannichi iddoowwan oolmaa ispoortii naannoleefi bulchiinsota magaalota keessatti babal’isuudhaan dargaggoonni yeroo haara galfannaasaanii iddoowwan hinmalletti  akka hindabarsineef qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin hojjechaa akka jirus addeessaniiru.

Akkaadamiin ispoortii  magaalaa Sulultaatti leenjii dargaggootaa  ijaaramaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuramee dargaggoota simachuudhaan hojii jalqaba kan jedhan Obbo Shimallis, guddinni ispoortii biyyaaf faayidaa olaanaa akka qabus eeraniiru. Gootittiin olompikiifi Pirezidaantiin Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu gamasheetiin akka ibsiteetti, guddina ispoortii atileetiksii biyyaa keenyaaf bu’uura kan ta’eefi atileetota biyyattii harka 90 horachuudhaan kan beekamu naannoon Oromiyaa lafa kiiloo meetira 1.6 kennuudhaan ijaarsisaa akka xumuramu gochuunsaa kan nama jajjabeessuudha jechuun galateeffatteetti.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

7 Comments to “Firiiwwan miila duwwaa yaadannoo waggaa 60fa”

  1. Pingback: togel in
  2. Pingback: Apartheid
  3. Pingback: Japanese chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *