Oromoof qabsaa’aa Oromoo hiraarsuun aadmale

Jaalannus jibbinus jijjiiramniifi injifannoon amma keessa jirru kun kan Oromooti. Keessumaa olaantummaan murna ABUT irratti fudhatame Oromoof, injifannoo Oromoon Aduwaatti galmeessise caalaas seenaa keessatti bakka guddaa qaba.

Hoggansi siyaasaafi waraanaa nuyi. Yeroo Oromoon biyya kana bulchutti waraanni walxaxaan kun nu quunname waan ta’eef wanti tolaafi badaan uumamu nu ilaallata. Oromoon hoggansa biyyaa amma harkaa qabu argachuuf waggoota hedduuf dhiigaafi hiraarfamaa, bakkicha akka hinqabanneef hamileesaa cabsaati kan as gahame.

Caalatti immoo juuntaan ABUT bara bulchiinsaasaatti ummata Oromoo akka malee miidhaa waan tureef injifannoon kun akka sabaatti injifannoo addaafi isa guddaadha. Oromoon injifannoo kana kansaa ta’uu har’uma hubachuu qaba. Kana beekuuf ammoo akka injifannoo Adwaa waggaa 125 itti fudhachuu hinqabu.

Kan seenaa barreessu, kan siyaasa xiinxalu, kan weellisu, fakkii kaasu, diraamaa hojjetu…hundi waan kana hubachuu qaba. Injifannoo kana gama maraan fiixa baasuunis hundarraa eegama.

Gama biraatiin qaamoleen jijjiiramaafi injifannoo Oromoon dhiigaafi aarsaa lubbuu dhalasaatiin argate kana harkaa butuuf ija babaasaa jiran danuudha. Murna ABUTfi kanneen maqaa Oromootiin socho’an dabalatee qaamoleen jijjiirama Oromoon fide maddiitti dhiisanii Oromoo ajjeesan, dhiiga dhangalaasan ni jiru.

Gocha kana kan hubatan abbootiin Gadaa Oromoo tibbana murtiiwwan adda addaa dabarsaniiru. Keessumaa qaamni maqaa Oromoo qabatee Oromoo ajjeesuufi hiraarsu keenya miti jechuun gocha ABO Shaneen Godina Gujiitti raawwataa jiru balaaleeffataniiru.

Akka Sirna Gadaatti Oromoon safuufi duudhaa waan qabuuf wal hinajjeesu, waan namaa hinsaamu, dhiiga walii hindhangalaasu. Yoo quuqqaa walirraa qabaatellee ni himata malee lubbuu hinbaasu waan ta’eef qaamni gocha akkanaa raawwatu kamuu sirnichaan beekamtii hinqabu.

Kan nama ajjeesu diina malee Oromoon wal hinajjeesu. Qaamni maqaa Oromootiin nan qabsaa’a jedhu nama hinajjeesu, hinmiidhu; itti hindhaadatus. Kanaaf qaamni hidhatee Oromoofin qabsaa’a jedhu akkuma warra waamicha abbootii Gadaa fudhatanii deebi’anii kanneen hafanis waamicha nagaa taasifameef fudhachuun qabsoo karaa nagaafi ammayyaa’eetti deebifachuun irraa eegama.

Oromoof qabsaa’aa Oromoo hiraarsuun aadmalee waan ta’eef qaamni labsii abbootii Gadaa kana fudhachuun ammayyuu karaa nagaatiin ummatatti makamuu barbaadu karaan banaa waan ta’eef ammas waamicha nagaa dhiyaateef fudhachuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013

Recommended For You

4 Comments to “Oromoof qabsaa’aa Oromoo hiraarsuun aadmale”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: see this site
  3. Pingback: sa casino
  4. Pingback: JPEG ownership

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *