Guyyaan Olompikii Addunyaa Itoophiyaatti yaadatamee oole

Dur, dur osoo taphni olompikii akka har’aa hinammayyoomiin sirnisaa Giriikitti waaqeffannaa wajjin walbira qabamee kabajamaa ture.

Sirnichi eddii bifa ammayyaatiin adeemsifamuu jalqabee garuu haala faayidaa hawaasa addunyaarratti xiyyeeffateen  falaasama ispoortii ammayyaa kanneen akka atileetiksii,kubbaa miilaafi kkf of keessatti qabachuun sochiin eegaleera.

Falaasamni kun lammii naamusaan badhaadhe qaamaan jabaate,sammuudhaan bilchaate,akkasumas aadaasaatiif quuqamuufi cimsu argamsiisuurratti kan bu’uureeffatedha.

Seenaa Olompikii yoo kaafnu jalqabaarratti Peer D.Kubarti yaadanna.Peer D.Kubarti lammii faransaay yoo ta’u,taphni Olompikii ammayyaa addunyaarratti bal’inaan akka adeemsifamu nama yeroo baay’eef hawwaa turedha.

Hawwiinsaa kan dhugoome Gumii Olompikii ALA bara 1896 magaalaa guddoo Faransaay,Paarisitti adeemsifameeni.Haaluma kanaan olompikii ammayyaa isa jalqabaa ALA bara 1896 magaalaa guddoo Giriik,Ateensitti akka adeemsifamu Giriik waan gaafateef koreen olompikii biyyoolessaa akka olompikicha qopheessitu hayyameef.

Peer D.Kubartiin kunis  gammachuu guddaan itti dhagahameera.Maalif yoo jedhamu olompikiin kun ummata addunyaa mara jidduutti obbolummaafi wal jaalalli akka cimu gochuuf carraaqaa waan tureef.

Hawwii Peer kan dhugoomse olompikiin jalqabaa kun kan adeemsifame biyyoota falaasama olompikii duraan dursanii beekan jidduutti ALA Hagayya 6-15 bara 1896 yoo ta’u, tapha kanarratti  Ameerikaan meedaaliyaawwan warqii 11,meetii jahaafi nahaasa lama,qopheessituun olompikichaa Giriik ammo meedaaliyaa warqii 10,meetii 12fi nahaasa 13,Jarman warqii torba meetii shaniifi nahaasa sadiin sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa qabachuudhaan seenaa tapha olompikii ammayyaa keessatti biyyoota duraa ta’aniiru.

Eddii olompikiin ammaayyaa kun jalqabamee waggoota 126 kan lakkaa’ame yoo ta’u waggoota kanneen keessatti al 31ffaaf biyyoota miseensota koree olompikii biyyoolessaa adda addaatti waggaa afur,afuriin qophaa’eera.Haata’u malee taphni kun sababii waraana Addunyaa tokkoffaatiin bara 1916,waraana Addunyaa lamaffaatiin bara 1940fi 1944 hin adeemsifamiin hafeera.

Biyyonni addunyaa keessuumattuu Afrikaanonni hedduun bilisa kan bahan  waraanuma addunyaa lammaffaa kana boddee waan ta’aniif carraan isaan olompikii ammayyaa kanarratti hirmaachuuf qaban hin turre.

Bittaa halagaa jala kan hinturiin Itoophiyaan miseensa koree olompikii biyyooleessaa ta’uuf carraa kan argatte  yeroo olompikiin ammayyaa 17ffan ALA bara 1956 Awustiraaliyaa,Meelbornitti adeemsifamedha.Sanaa as biyyoonni Afrikaa martinuu bilisa bahuudhaan ammaan tana miseensoonni korichaa biyyoota 211 ta’uun isaanii kan yaadatamudha.

Biyyoonni addunyaa bara 1944 as guutuummaa guutuutti bilisa bahuudhaan miseensa Koreen olompikii biyyoolessaa waan ta’aniif korichi Waxabajii 16 irraa kaasee torban olompikii jechuudhaan sagantaalee dorgommiiwwan adda addaatiin Addunyaa mararratti waggaa waggaadhaan kabajaa tureera.

Haaluma kanaan guyyaan  kun Itoophiyaattis Kibxata darbe koree olompikii biyyaaleessaa Itoophiyaatiin sagantaale adda addaatiin haala miidhagaadhaan Waxabajii 16 bara 2012 finfinneetti kabajamee ooleera.

Guyyaa olompikii biyyoolessaa kana waamicha koreen olompikii Itoophiyaa godheen hooggantoonni komishinii ispoortii federaalaafi bulchinsa magaalaa Finfinnee,pirezidaantonni federeeshinoota 32,waldaaleen ispoortii adda addaa, gootonni olompikii durii,atileetota beekamoo  dabalatee leenjistonniifi  qaamoleen adda addaa argamaniiru.

Gootota olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa Gazzahaanyi Abarraafi Hayilee G/Sillaasee kan argaman yoo ta’u, Gazzaahanyi Abarraa guyyicha ilaalchisuudhaan akka ibsetti,Guyyaan kun guyyaa hunda caalaa dargaggoonni addunyaa keessumattuu gurraachonni gammachuudhaan yaadatanii oolaniidha jedha.

Afrikaanoonni Waggoota dheeradhaaf weeraramanii bittee gabrummaa jala turudhaan adda babayii ilmaan namaa irratti bahanii  gammachuu agarsiisanirraa fagaachuudhaan halaala taa’uudhaan daawwachaa turan, har’aan tana carraa guyyaan olompikii kun fideen hiriyotasaanii qixa tapha olompikiirratti hirmaachuu akka danda’an ibseera.

Keessumattuu Itoophiyaan olompikii Room kan bara 1960 adeemsifamerratti gootichi keenya Abbabaa Biqilaa dorgommii maaraatonii miila duwwaa fiiguudhaan mo’achuunsaa dargaggoota Afrikaaf balbala injifannoo saaquun waltajjii kanarratti boquusaanii akka ol qabatan godheera jechuun ibseera.

Hayilee G/Sillaasee gamasaan akka jedhetti,Guyyaan olompikii kun sadarkaa addunyaatti kessumattuu biyya keenyatti haala adda ta’een kabajamuunsaa Itoophiyaan dirree Olompikiirratti meedaaliyaa warqii jalqabaa Afrikaaf argamsiisuudhaan Afrikaa Addunyaa hafaniin kan walbarsiiste ta’uu kan agarsiisedha jedheera.

Yeroo jalqabaaf  ispoortii tekuwaandotiin miiniimaa fiduudhaan Itoophiyaa bakka bu’uun olompikii Tokiyoorratti hirmaachuuf qophiirratti kan argamu Salamoon Tufaa akka jedhetti,Sababii COVID- 19n addunyaa rakkisaa jiruuf Olompikiin 2020 bara dhufutti cehus guyyaa inni itti dhalate yaadannoodhaan kabajuun Keenya abdii gara fula duraa jiru mul’isa.

Taphichi barana gaggeeffamuu baatus bara dhufu akka gaggeeffamu abdiin qaba kanjedhu Solomon,osoo of hindagatiin irra caalaa qophaa’uudhaan guyyaa dargommiin itti gaggeeffamu eeguun barbaachisaadha jedheera.

Leenjisaan garee biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Huseen Shiboo gamasaatiin akka ibsetti,guyyaa kana sagantaalee adda addaatiin kabajuun Keenya gammachuu guddaatu natti dhagahama jedheera.

Olompikii Tookiyoo barana Jaappaanitti adeemsifamuuf kan durii caalaa qophoofnus sababii Vaayirasii Koronaatiin addaan citeera.Addaan cite malee hin hafu.Kanaaf atileetonni Kenya warreen  shaakalasaanii sirritti hin hordofiin yeroo argachuusaaniitti cimu,darbees gahumsasaanii daran akka isaan taasisullee ibsaniiru.

Guyyaadhuma kana keessummoonni waamichi godhameefii, federeeshiinonni ,atileetonnii fi  waldaaleen ispoortii naannawaa waajjira koree olompikii biyyaaleessaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Akkasumas koreen olompikii biyyaaleessaa gootota atileetotaa waliin ta’uun harka qalleeyyii manatti galaniif maqaa waldaa atileetota durii  41fi waldaalee adda addaarraa kanneen dhufan 19,walumaagalatti maanguddoota 60f daakuu,makoronii,zayitaa fi saamunaan kennameera.

Tashoomaa Qadidiaatiin

Recommended For You

One Comment to “Guyyaan Olompikii Addunyaa Itoophiyaatti yaadatamee oole”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *