Pirojektii Miidhagsa Shaggar

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa guddina si’aayaa galmeessisaa jiran keessaa ishee tokko. Magaalaa guddoo Oromiyaa, biyyattiifi teessoo Gamtaa Afrikaa kan taate Finfinneenis bakka jireenya lammiilee biyyattiifi biyyoota gara garaati.

Magaalattiin waggoota muraasa darbanitti guddataafi babal’ataa yoo jiraatellee guddinnishii kun kennaa uumamaan badhaateefi haalli teessuma lafashii mijataa ta’us guddinnishii duubatti harkifachuun kennaa uumamaashii kanatti akka fayyadamtu ishee hintaasisne.

Kana kan hubatan Ministirri Muummee mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad pirojektii misooma qarqara lageen Finfinnee waggoota sadiif turu hojiirra akka oolu taasisaniiru.

Akeekni misoomaa kunis haguuggii magariisummaa magaalattii magaalota Afrikaa biroo wajjin oggaa madaalamu meetir kuubii 0.3 jiru gara meetir kuubii torbaatti ol kaasuudha. Kanaanis misoomichi laggeen guguddoo lamarratti kan geggeeffamu yoo ta’u, dheerina kiiloo meetira 56 qaba.

Pirojektichi kaayyoowwan ijoo sadii qaba. Isaanis, lageeniifi qarqara lageen seenaqabeeyyii deebisanii misoomsuun Finfinnee magaalaa hawata turistii gochuu, balaa lolaan qaqqabsiisu hir’isuufi bakka bashannanaa ummataa, daandiiwwan biskileetiifi daandiiwwan lafoo qarqara lagaatti uumuudhaan nageenya jiraattota magaalattii mirkaneessaa dinagdeefi magariisa ijaaruun guddina biyyatti/magaalattii dhuguoomsuudha.

Qarqara lageen kanneeniitti iddoo dhangala’aan industiriiwwan keessaa bahu qulqullaa’uufi bishaan achirraa argamu kuduraaalee obaasuuf fayyadamuu; lolaa tibba gannaa uumamuufi dhangala’oota adda addaa ittisuuf ijaarsa geggeessuu, daandiiwwan lafoofi biskileetiirratti teknolojii fincaa’aa dhaabuudhaan tajaajila bishaanii hawaasichaaf mijeessuu, qarqara lageen kanneeniitti boolla bishaanii gadi fagoo qotuun bishaansaatiin biqiltoota kunuunsuu; humna aduu akka madda anniisaa ijootti fayyadamuun dhiyeessii humna haaromaa qopheessuunis faayidaadhuma pirojektichaa keessatti kan eeramuudha.

Aguuggii magariisaa guddisuudhaan haala Finfinnee jijjiiruun magaalattii miidhagsuunis akeeka pirojektichaa yoo ta’u, pirojektiin tilmaamaan hanga qarshii biliyoona 29 fixuu mala. Baasiin kunis kan haguugamu mootummaa Chaayinaatiini.

Pirojektichi jiraattota magaalattii mara, daaw’attoota, abbootii daldalaa, barbaaddota hojiifi dhimmamtoota biroo mara fayyadamoo taasisa.

Pirojektiin miidhagsa Shagar kan qarqara lageen Finfinnee misoomsuufi carraa hojii argamsiisuurratti xiyyeeffate akka geggeeffamu Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin ALA Guraandhala 27 bara 2019 iftoomee hojiinsaa ji’oota jaha dura eegalamee haala miidhagaadhaan hojjetamaa jiruufi paarkii Inxooxxoo ijaarsisaa geggeeffamaa jiru ogeessonni miidiyaa 70 ta’an torban darbe daaw’atanii turan.

Qindeessaan Pirojektii Miidhagsa Shaggar, Doktar Fissahaa Asaffaa ibsa wayita daaw’annaa kana kennaniin akka jedhanitti, pirojektichi boqonnaa lamaan  hojjetama. Kan daaw’atames boqonnaa tokkoffaadha. Boqonnaan kun gara dhumaatti dhiyaachaa jira. Waantota xixiqqoo sirreeffaman malee hojiilee baay’een xumuramaniiru.

Qabiyyee keessoosaas oggaa ibsan, pirojekiin laga hordofee haala daran qalbii nama hawatuun miidhagfamee hojjetamaa jiru kun bakka daa’imman itti taphatan, iddoo sochiin ispoortii ittideemsifamuufi biqiltuun (gaardaniin) qophiileen akka cidhaafaa ittiraawwataman ni qaba.

Kana malees hora namtolchee fincaa’uufi lafa kiiloo meetira 1.2 olka’u, mana tiyaatiraa, bakka al tokkotti namoonni kuma 150 hanga kuma 200 ta’an taa’anii qophiilee adda addaa ittihordofan ni qaba.

Lafti waliigalaa pirojektichi irratti hojjetamaa jiru hektaara 48 yoo ta’u, lafichi waggoota 20 oliif Kaampaanii Miidrokiin dalleeffamee taa’aa kan tureedha. Hojiileen bakka kanatti geggeeffaman hundi haala hiika mataasaanii qabaataniin ittiyaadameefi dhimmama guddaadhaani kan raawwatamaa jiran.

Mukeen achi keessa dhaabatan akkuma namaatti gulukosiin kennameefii kunuunfamaa akka jiranis Doktar Fissahaan eeranii, pirojektota ministirri muummeen bocan hundaaf yeroo guddaa ji’a ji’aan qofti kan kennamu ta’uu dubbatu.

“Kan Pirojektii Miidhagsa Shaggar kun sababa weerara vaayirasii koronaatiin warshaaleen meeshaalee adda addaa dhiyeessan kanneen biyya alaatti argaman waan cufamaniif xiqqoo duubatti harkifateera. Sodaadhuma vaayirasichaatiin  hojjettootas waan hir’ifneef xiqqoo duubatti harkifatee malee yeruma qabameefitti xumurama ture” jedhan qindeessan pirojektichaa.

Haala amma irra gahameen bal’inni pirojektotaa ilaalamee hanga ji’a lamaatti dabalamuufii danda’a jedhanii, kanaa achi ji’oota jaha keessatti pirojektonni xumuramaniif kan karoorfaman ta’uus ni dubbatu.

“Sa’aatiiwwan 24:00 guyyaa keessatti argaman hundi yeroo hojiiti. Pirojekticha yeroo qabameefitti xumuruuf namni tokko sa’aatii tokkollee akkuma ta’u ta’ee ittidabaluun sa’aatiiwwan 25:00  hojjechuu qaba” jedhan.

Utubaan alaabaan Itoophiyaa qofa ittifannifamus haala daaw’attoota hundatti sirriitti mul’atuun bakka pirojektiin miidhagsa Shaggar itti adeemsifamaa jiru, fuullee Hoteela Sharaatan Addisitti qophaa’eera.  Kunis akkuma biyyoota kaanii of beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabaata kan jedhan Doktar Fissahaan, biyyoonni kaan waan qabanis hinqabnes baasanii gurguruun of beeksisaa jiraachuu dubbatu.

“Nuti waan qabnullee ni dhoksina. Kanaaf bakka alaabaan Itoophiyaa ol jedhee itti tallisutti alaabaawwan kaaniifis iddoon qophaa’eera. Bakki pirojektichi ittihojjetamaa jiru kun ibsaawwan halkan miidhagina addaa kennaniin ogummaa guddaadhaan bareedaa jira” jedhan.

Boqonnaa lammaffaan pirojektichaa golambaa ammayyaawaa saayinsiiti. Innis gararree Hoteela Sharaatan Addisitti argamurratti kan ijaaramuudha. Pirojektiin lafa paarlaamaa fuulduratti argamurratti ijaaramaa jirus qaamuma boqonnaa lammaaffaati.

Tokko tokkoon hojiilee achi keessatti raawwatamaa jiranii ogummaa addaatiin raawwatamaa jiru. Laftisaallee haala kaartaa Afrikaafi addunyaa bakka bu’uun saxaxamee hojjetame. Bakka teessumaa istaadiyemii fakkeeffamee hojjetametti ammoo maqaan sabootaafi sablammoota biyya kanaa hundi barreeffamee argama.

Waantonni sirna aadaa nyaataa saboota biyyattii agarsiisanis ni jiru. Pirojektiin Miidhagsa Shaggara kun ulaawwan seensaa 11 qabu. Dirree  ministeera dhimma alaatti argamurratti biliqiltuulee miliyoona sadii ta’antu qophaa’aa jira (bakka boqonnaa lammaffaa pirojektichaatti jechuudha).

Bakkisaa sirna cidhaa fa’iif ooluu danda’a. Isaanis ji’oota sadiif dhufanii hojichi waan araada itti ta’eef as turuusaanii dubbatu.  Hojicha guyyaa guyyaadhaan hordofu. Waan hir’ate ykn dabalame ifatti akka ibsamuuf barbaadu. Isaan biratti sababa tarreessuun fudhatama hinqabu.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

7 Comments to “Pirojektii Miidhagsa Shaggar”

  1. Pingback: car detailing
  2. Pingback: online chat
  3. Pingback: cinema rule
  4. Pingback: Diyalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *