Kuufamni shukkaaraa biyya keessa jiru yeroof fedhii ummataa waliin walsimuu waan hindandeenyeef biyyoota alaarraa (Indiyaa, Biraaziliifi Dubaayi) irraa shukkaara kuntaala miliyoona lama bittaadhaan galchuuf haaldureen xumuramuu Korporeeshiniin Shukkaaraa Itoophiyaa ibse.
Gaggeessaan hojii korporeeshinichaa Obbo Wayyuu Roobaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, warshaalee shukkaaraa 13 jiran keessaa kan duraanii sadeen (Fincaa’aa, Wanjii Shawaafi Matahaaraan) hanga ammaatti haala gahumsa qabaniin shukkaara omishaa jiru. Kanaanis fedhii biyya keessaa hanga tokko guutuurra darbee gabaa biyya alaatti dhiyeessuun dinagdee biyyattii akka utubu taasifamaa turuu eeran.
Guutummaasaatii liinkii gadii cuqaasaa
Haa ta’u malee warshaaleen shukkaaraa biyya keessaa dhaabbiidhaan shukkaara omishaa jiran muraasa waan ta’aniif hanga omishuu danda’aniitii olitti omishuun fedhii biyya keessaa guutummaatti akka guutamu gochuun hindanda’amne jedhan. Akkuma baay’inni ummataa yeroodhaa yerootti dabalaa deemu fedhiin shukkaaratti fayyadamuus walumaan dabalaa waan jiruuf kuufamaafi dhiyeessii shukkaaraa guutummaatti walsimsiisuun rakkisaa ta’uu himaniiru.
Wayitii Gannaa kanattis fedhii biyya keessaa guutuuf jecha kuufamni shukkaaraa ofeeggannoof mankuusa keessatti qabamee jiru kuntaala miliyoona sadii ol yoo ta’u, kun jiraates jiraachuu baates korporeeshinichi sharafa alaa argachuuf jecha gabaa shukkaaraarratti hundaa’uun biyya alaatti kan erguufi galchuuf dirqamu ta’uus dubbataniiru.
Wayita ammaas gatiin shukkaaraa akka addunyaatti gadi bu’aa waan ta’eef kuufama biyya keessa jirurratti dabalataan shukkaara kuntaala miliyoona lama bittaadhaan galchuuf qophiin xumurameera jedhan.
Kana saffisiisuuf ammoo adeemsi caalbaasiis kan raawwate yoo ta’u, dhuma Waxabajjiirraa kaasee hanga Onkoloolessaatti marsaa marsaadhaan gara biyya keessaatti kan galu ta’uus eeraniiru. Fuuldurattis shukkaarri hanga fedhe omishameyyuu biyyattiif sharafa alaa argamsiisuuf alergiin shukkaaraa kan dhaabbatu miti jedhan. Sababa koronaatiin garuu hanga ammaatti hojjettootni korporeeshinichaas ta’e warshaalee shukkaaraa kamuu kan addaan hinkutne ta’uu himaniiru.
Ittigaafatamaan korporeetii kominikeeshinii korporeeshinichaa Obbo Gaashaawu Aychiluum dabalataan akka ibsanitti, omishni shukkaaraa baranaa kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu kuntaala kuma 600n garaagarummaa qaba. Kunis warshaaleen shukkaaraa guguddoon duraanii sadeen (Finca’aa, Wanjii Shawaafi Wanjiin) haala gahumsa qabuun waan shukkaara omishaa turaniifi.
Warshaalee shukkaaraa gurguddoo sadeeniin alattis warshaaleen shukkaaraa kanneen akka Arjoo Dhiidhessaa, Kasam, Tandaahoo, Oomoo Kurraaz 2fi 3 si’aayinaan hojjechaa kan turan yoo ta’u, waliigalaan garuu warshaaleen shukkaaraa torba haala gahumsa qabuun shukkaara omishaa turaniiru jedhan. Warshaaleen shukkaaraa Walqaayit, Xaanaa Balas 1fi 2, akkasumas Oomoo Kurraaz 1 hanga har’aattuu ijaarsarra waan turaniif omisha shukkaaraa kan hinjalqabne ta’uu dubbataniiru.
Warshaaleen shukkaaraa martuu tibba gannaa keessa shukkaara omishuu kan dhaaban ta’uu himanii, Oomoo Kurraaz 2fi 3 garuu ittifufiinsaan kan hojjetaniidha. Kunis kuufama shukkaaraa duraan ture akka dabalu kan taasisu ta’uusaati.
Warshaan Shukkaaraa Tandaahoo garuu sababa beelladootni naannawichaa shankoorasaa caccabsuun balleessaniin yeroof omisha shukkaaraa akka addaan kutu taasifameera jedhanii, rakkoo kana furuufis tattaaffiin taasifamaa ture hanga har’aatti milkaa’uu hindandeenye jedhan.
Tattaaffiin taasifamu garuu cimee kan ittifufu yoo ta’u, keessumaa ammoo fedhii shukkaaraa biyya keessa jiru omishuma biyya keessaatiin walsimsiisuuf kutannoo olaanaadhaan hojjetamaa jiraachuu ibsa kennamerraa hubachuun danda’ameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
4 Comments to “Shukkaarri kuntaala miliyoona lama alaa bitamuufi”