Waggoota kudhan ittaananitti Oromiyaa karaa hundaan badhaate ijaaruuf gahumsaafi dandeettii waliigalaa horachuun danda’amuu Komishiniin Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa ibse.
Waggoota kurnan lamaan darban keessa garuu gidduseenummaan qaama biraa waan tureef hoggansi olaanaa naannichaa hojiilee karoora guddinaafi jijjiiramaa marsaa 1fafi 2fa keessatti qabaman hunda karaa guutuu ta’een raawwachiisuuf hedduu rakkachaa tureera. Hojmaatni tures walxaxaa waan ta’eef carraan Oromiyaa misooma waliigalaan ijaaruuf ture daran dhiphaa akka tures ibsameera.
Komishinarri Komishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, karoorri guddinaafi jijjiiramaa marsaa 2fa barana waan xumurameef karoorri tarsiima’aa haaraan waggoota kudhan ittaananiti Oromiyaa gama hawaasummaatiin, dinagdeefi siyaasaatiin badhaateefi walaboomte ijaaruuf akeekame qophaa’eera. Karoora tarsiima’aa marsaa 1fafi 2fa hojiirra oolfamaa ture keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa kan turan yoo ta’u, jijjiiramootni hedduunis akkasuma galmaa’aniiru.
Kanaanis dameewwan qonnaan, indastiriifi tajaajila waliigalaan bu’aaleen hedduun akka argaman ta’eera jedhan. Jijjiiramootni kunneen garuu sababoota addaddaatiin caasaa misooma dinagdee Oromiyaa bu’uurarraa jijjiiruu akka hindandeenyes dubbataniiru.
Sadarkaa kamittuu karoora yeroo dheeraafi gabaabaa qopheessuutiin misooma waliigalaa si’eessuun murteessaa waan ta’eef, waggoota darban keessas hundarra sadarkaa hiyyummaa biyyattiin irra jirtu hir’isuun, tarree biyyoota galii giddugaleessaa qaban hiriirsuuf ciminaan hojjetamaa turuus yaadataniiru.
Waggoota kudhan ittaanan keessatti ammoo karoora badhaadhinaa akka biyyaalessaatti qophaa’e bu’uureffachuun Oromiyaa karaa hundaan gahumsa qabdu uumuuf karoorri tarsiima’aa, “Ijaarsa badhaadhina Oromiyaa” jedhamu qophaa’uu dubbataniiru. Yaadrimeen karoorichaas hudhaalee kanaa dura turan mara karaa gahumsa qabuun furuun ummatni Oromoo karaa hundaan ittifayyadamummaasaa akka mirkaneeffatu gochuuf kan wixineeffameedha jedhan.
Kaayyoon dimshaashaa karoora badhaadhinaa ammoo Itoophiyaa, wiirtuu dinagdee taasisuun biyyoota Afrikaa maraaf fakkeenya akka taatu gochuudha jedhanii, kunis qabatamaatti guddinni dinagdee akka galmaa’uuf omishaaleen biyya keessaa baay’inaan gabaaf akka dhiyaatan gochuu ta’uu beeksisaniiru.
Karoorri guddinaafi jijjiiramaa marsaa 2fa fedhiiwwan addaddaa giddugaleeffachuutiin hojiirra oolaa kan ture yoo ta’u, ulaagaan madaalliisaas wantoota ijaan mul’atan ture jedhan. Karoorri badhaadhinaa waggoota kurnan ittaananiif qophaa’e garuu hundarra galii tokkoon tokkoon lammiilee guddisuuf kan xiyyeeffate ta’uus himaniiru.
Kana waliinis qulqullina barnootaa qabatamaatti mirkaneessuutiin sadarkaan jireenyasaanii akka fooyya’uufi ammayyaa’u gochuuf kan akeekame waan ta’eef, karoorichi haala addaan kan ilaalamu ta’uusaa eeraniiru.
Waggoota kudhan dhufanitti gama hawaasummaan, dinagdeefi siyaasaatiin Oromiyaa badhaate ijaaruuf gahumsaafi dandeettii qabna kan jedhan Doktar Tashoomaan, kanaafis karoora guddina dinagdee mootummaa federaalaatiin qabameen olitti galmeessisuuf karoorfamuu ibsan.
Kunis akka federaalaatti guddina dinagdee waliigalaan dhibbantaa 10.2 galmeessisuuf kan qabame yoo ta’u, akka Oromiyaatti ammoo hanga dhibbantaa 15 galmeessisuuf karoorfamuusaati.
Kana milkeessuuf ammoo keessumaa galii tokkoon tokkoo lammiilee fooyyessuuf xiyyeeffatamee kan hojjetamu yoo ta’u, kanas hanga dhibbantaa 10 hanga 12tti guddisuuf qabameeraa jedhan.
Sektarootni kanneen akka qonnaa, barnootaa, fayyaa, daandiifi kkf martis bu’aa hawaasni isaanirraa barbaadu akka fidaniif hordoffiifi to’annoon cimina qabu ni taasifamas jedhaniiru. Kana milkeessuuf ammoo tumsi qaamolee maraa barbaachisaa ta’uus himaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
10 Comments to ““Waggoota kurnan ittaananitti Oromiyaa badhaate ijaaruuf gahumsa horanneerra” – Doktar Tashoomaa Addunyaa”