“Ijibti bishaanichatti qofaa fayyadamuuf bu’uura hamilees ta’ee seeraa hinqabdu” – Ambaasaaddar Girmaa Tamasgeen Barkeessaa

Ijibti bishaanichatti qofaa fayyadamuuf bu’uura hamilees ta’ee seeraa hinqabdu”

  • Ambaasaaddar Girmaa Tamasgeen Barkeessaa

Hidhi guddichi haaromsa Itoophiyaa bara 2003 ijaarsisaa hirmaannaa lammiilee biyyattiitiin eegalamee adeemsifamaa jiuufi ammaan tana harka 74 ga’erratti Ijibti komiiwwan adda addaa dhageessisaa jirti.

Dhimma kanarratti komiishii qabattee gurmuulee addunyaa adda addaa bira dhaquunis ibsataa turteetti; ammas ittuma jirti. Keessumaa tibbana waan komiidha jette kana qabattee gara Liigii Arabaafi Mana Marii Tasgabbii Dhaabbata Mootummoota Walta’aniitti gortee turte.

Gaazexaan Bariisaas keessumaa ambaasaaddaroonniifi diippilomaatonni Itoophiyaan biyyoota adda addaatii qabdu ejjennoo Ijibti qabattee tarkaanfachiisaa jirtu kana akkamitti akka ilaalaniifi sochii akkamii taasisaa akka jiranirratti Turkiitti Ambaasaaddara Itoophiyaa, Girmaa Tamasgeen Barkeessaa dubbiseera.

Isaanis, “Itoophiyaan qabeenya bishaanii koo misooma biyya kootiifin oolfadha jechuun mirga. Faallaa kanaatiin Ijibti ‘lakki qabeenya keetiin misooma hojjettee ummata kee midhaan hin nyaachiftu, isin beelaafi dheebuudhumaan jiraadhaa jechuun’ mooraaliidhaanis ta’ee seeraan gonkumaa dhimma fudhatamummaa qabuu miti” jechuun ibsan.

Itoophiyaan ummata koo keessaa harki 60 ol tajaajila elektirikii waan hinqabneef dukkana keessa jira. Ummata koo kanaaf ibsaa ibseefi guddina biyya kootiifin oolfadha jechuunshii adeemsuma sirrii ta’uus eeraniiru.

Dhimma qabeenya ofiitiin misoomuu maniin misooma barkumee xumuramee deggaraa akka turellee kan ibsan Ambaasaadar Girmaan, maniin kun biyyoonni qabeenyasaaniitiin akka misooman kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaaf ammoo Itoophiyaan bu’uura hamileefi seeraa yoo qabaattu Ijibti garuu lamaanuu hinqabdu jedhan.

Itoophiyaan hanga bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 85 biyyashiitii burqeen dhimmi fayyadamuushii otoo waliigaltee 1929s ta’e 1959 keessatti hinhammatamiin kan raawwatame waan ta’eef matumasaatiin miidhaa kan qabu ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhimma akka laga Abbayyaa kana keessatti waraanarra ololatu caala jedhanii, yeroon ammaa kun yerootti Ijibti kiiloo meetira hanga kanaa qaxxaamurtee Itoophiyaa loluuf haalli ishee dandeessisu kan hinjirre ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf seerri addunyaas ta’e seerri biyya lafaa kamuu hineeyyamuuf. Yoo kana dabartee waan biraa yaadde ammoo, “It is a direct aggregation in the 21st century” jennaan jedhan ambaasaaddarichi.

Itoophiyaan birmadummaashii eeggachuuf mirgishii eegamaadha jedhanii, biyyattiin humnaan ni yaalti jedhee amanuu baadhus ammaan tana duula miidiyaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Dhimma kana haala siyaasaa biyya keessa jiruun walqabsiisanii oggaa ibsanis, “Seenaa Itoophiyaa keessatti kan beekamu yoo walii keenyaan wallollellee gaafa diinni bakkee biyya kanatti dhufu walbira dhaabachuun faccisaa turuu keenya”.

“Ammas waan seenaa kana faallessutu uumama jedhee hinshakku. Kanaafis taatewwan Adwaafi Somaaliyaafaa akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Ummanni Itoophiyaa muuxannoodhuma kanaan dura qabu irra deebi’a jedheen abdadha. Bakka rakkinaatti walbira dhaabachuun aadaa keenya” jedhan.

Hidhi haaromsaa Sundaan yoo fayyadee malee waan miidhu hinqabu kan jedhan Ambaasaaddar Girmaan, kana booda ligicha jallisiifi humna elektirikii fayyadamuu danda’u. Sudaan hidhichatti Itoophiyaa caalaa malee gadi hinfayyadamne ta’uus eeran.

Imaammanni alaa Itoophiyaa ammaan tana hordofaa jirtu gama hundaan bu’aa qabeessa ta’uu ibsanii, keessumaa erga hoggansi haaraan dhufee namoota mana hidhaa turan hiikee, tattaaffii dimokraasii lafa qabsiisuuf taasiseefi taasisaa jiruun, foramoota adda addaa hundeessee hojjechaa jiruun, paartiilee bilisaan akka socho’an gochuun, Ertiraa wajjin nagaa buusuun, nageenya biyyoota ollaa mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jirurraa ka’uun biyyoonni baay’een imaammata alaa Itoophiyaa ni deggaru jedhan.

Ambaasaaddaroonniifi dippilomaatonni Itoophiyaa keessumaa yeroo ammaa haala biyyattiin keessa jirtu, milkaa’inaafi hudha ishee mudate gitootasaaniifi mootummaaf ibsaa jiraachuus beeksisaniiru.

Bara 1912 irraa eegaltee Itoophiyaa wajjin hariiroo kan qabduufi laggeenshii gurguddoo Efraaxisiifi Xigiriis jedhamanitti jalliisiiwwan heddu akka qonnaaf ta’utti hojjetattee misoomawwan gugudddoo geggeeffataa kan jirtu Turkis ejjennoo Itoophiyaan qabeenyashii kan ta’e hidha guddichaatti fayyadamuuf qabatte kan deggartu ta’uu Ambaasaaddar Girmaan ibsaniiru.

Turki oggaa biyyoonni garjallaasaanii jiran mormanillee mormii kana karaa dippilomaasiitiin mo’attee bishaansaanii hojiilee qonnaafi faayidaalee adda addaatiif akkuma oolfataa turteefi jirtu Itoophiyaanis lagashii, Abbayyaa misoomashiitiif fayyadamuushii ni deggarti jedhan.

Charinnar Hundeessaatiin

Recommended For You

7 Comments to ““Ijibti bishaanichatti qofaa fayyadamuuf bu’uura hamilees ta’ee seeraa hinqabdu” – Ambaasaaddar Girmaa Tamasgeen Barkeessaa”

  1. Pingback: webcam tokens
  2. Pingback: JPEG ownership

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *