Dhaabbii biqiltuu; faayidaa iddoo ittidhaabamuurratti hundaa’een

Yeroo jiruun biyya lafaa gaaffii keessa galaa jirtutti, rakkooleen uumamaafi namtolchee addunyaa qoraa jiranitti, kan uumamni uumaasaatiif abboomamuu didee harkasaatiin balaa ofitti fide,  yeroo hamaa waan hundumaati.

Jalqabumarraa kaasee sochiin dhalli namaa jiruufi jireenyasaatiif taasisu irra jireessaan uumama waliin kan walfaallessu yemmuu ta’u, dhawaata dhawaataan immoo  falmiin uumamaafi jireenya dhala namaa gidduutti taasifamu sadarkaa hamaarra gahaa waan jiru fakkaata.

Dhalli namaa jiruu guyyaa guyyaasaa gaggeeffachuuf uumama naannawasaa jirutti fayyadamuun waan jiruufi eegamus ta’uun ifaadha. Haa ta’uu malee dhalli namaa yeroo uumama naannawasaatti argamu fayyadamu qusannaafi of eeggannaa cimaadhaan ta’uu akka qabutu gorfama.

Nyaata irraa eegalee hanga mana keessa jiraatuufi meeshaalee mana keessatti fayyadamuu barbaachaaf uumama naannawasaatti argamu kan fayyadamu dhalli namaa, kanneen hunda yemmuu taasisaa turu yeroo dheeraa keessatti  rakkoo akka fidu hubachuurrattis qaawwi ture olaanaadha.

Itoophiyaan waggoota kurnan sadeen darbaniin dura biyya bosonaafi qabeenya uumamaatiin beekamtu akka turte ragaaleen ni mul’isu.

Waggoota gabaabaa keessatti garuu uwwisni bosona biyyattii dhibbantaa 40 irra ture gara dhibbantaa 15tti gadi bu’uunsaa seenaa yeroo dhihooti.

Ariitiidhaan hir’achaa dhufuu uwwisa bosonaafi kanaan wal qabatee akka biyyaatti babal’achuun gammoojjummaa kan ishii yaaddesse Itoophiyaan, haala hamaa kana qorachuudhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuuf tarsiimoo misoomaa haaraa baasuuf dirqamte.

Kunis tarsiimoo misooma magarisaati.  Hojiiwwan dinagdeefi hawaasummaa hojjataman hunda keessatti iddoo guddaa argachuun akka ka’umsaa (bench mark) gargaaraa kan ture tarsiimoon kun, bayyanachuu bosonaa keessatti shoora olaanaa taphateera.

Kanaanis hedduu gadi bu’ee kan ture lafti bosonaafi biqiltuuwwan gara garaatiin uwwifamus dabaluu danda’eera.

Ciramuufi hir’achaa adeemuu bosonaatiif hunda caalaa kan miidhamu dhala namaa yemmuu ta’u, ciramuusaatiifis sababni jalqabaa dhaluma namaati.

Akka ragaan Dhaabbatni Nyaataafi Qonna Addunyaa ibsutti  lafa biyyattii keessaa dhibbantaa 11.2 kan ta’u yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamee argama.

Misooma dinagdee magariisaa keessatti kan hammatame (Ethiopian Forest sector Development plan) karoorri misooma  damee bosonaa immoo  uwwisa bosonaa yeroo ammaa jiru bara 2020tti gara dhibbantaa 20tti, bara 2025 gara dhibbantaa 30tti guddisuuf  karoorfameera.

Haala kanaanis sochii  faalama qilleensaa to’achuuf taasifamu dhibbantaa 50n milkeessuun kan danda’amu ta’uu kan eeru karoorri kun, kanaafis ajandaan  biqiltoota baay’inaan dhaabuufi kanneen dhaabamaniif kunuunsa walirraa hincitne taasisuun biyyattiif daran murteessaa ta’uu ibsa.

Waggoota darbaniif waqtii Gannaatti biqiltuu dhaabuun akka mootummaattis ta’ee waajjiraalee mootummaa hundaaf akka qaama hojiisaaniitti kan ilaalamu ta’uu bira darbee, waajjiraaleen heddu iddoowwan gara garaatti bakka biqiltuu dhaaban fudhachuudhaan ofiisaaniitiif dhaabuurraa hanga kunuunsuutti  hojjachaa turaniiru.

Sosochiin  misooma magariisaa bifa kanaan eegales kaka’uumsa cimaa ummata biratti uumuudhaan deebisanii bosoneessuuf abdii horuu eegale.

Keessumaa waggaa har’aatti kutannoo biyyattiin misooma magariisaarratti qabduufi waltajjiilee Idiladdunyaarratti Afrikaa bakka buutee falmaa turte qabatamaan mirkaneesse.

Kunis; biyyi qabeenya uumamaa keessattuu bosonaan beekamtuu turtee waggoota muraasa keessatti gammoojjummaan ittihammaate, Itoophiyaan  guyyaa tokkotti biqiltuu biiliyoona lama dhaabdee addunyaarratti seenaa haaraa dalagde.

Guyyaa tokkotti biyya takka keessatti biqiltuu hangana dhaabbate kan hinargine addunyaanis riikardii haaraa ta’uu amantee kitaaba Dinqisiisoorratti katabde.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa jedhamus akka biyyaatti ifaan eegalamee sochii dhaabbii biqiltuutiif anniisaa cimaa dabale.

Rikardii addunyaa cabsuu caalaa babal’ina gammoojjummaa biyyattii hir’isuuf shoora olaanaa kan taphatu sagantaan ashaaraa magariisaa kun, dadammaqiinsa bara barbe uumame bu’ura godhachuun baranas karoora bal’aa qabatee hojiitti seeneera.

Harki bara saganticha jalqabaatti biqiltuu rikardii addunyaa cabse dhaabe sun barana immoo dachaasaa dhaabuu akka danda’u murteessee  biqiltuu biiliyoona shan dhaabuuf karoorse.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu baranaa isa bara darbeerraa wanti adda godhu yoo jiraate wareera dhibee hamaa keessatti ta’us, of eeggannoo cimaadhaan deeggaramee dhibicharraas of eegaa biqiltuu egeree biyyattii  murteessu dhaabuun barbaachisaa ta’uu ergaan ministira muummee, Doktar Abiyyi Ahmad ni akeeka.

Karoorsuu qofa osoo hintaane Caamsaa 28 sagantaan lammataa Ashaaraa magariisaa bara kanaa sadarkaa biyyaatti Naannoo Ummattoota Kibbaa, Godina Sidaamaa, gaara Taaborirratti Doktar Abiyyi Ahmadiin, akka Oromiyaatti immoo Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wancii, Ganda Fittee Waatoo, sulula Bosonteetti  ifaan eegalameera.

Biqiltootni sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin dhaabamanis uwwisa bosonaa dabaluu qofaaf osoo hintaane, haala qabatama naannawa sanaatti faayidaan hawaasa naannawa sanaatiif kennu xiyyeeffannaa keessa galee akka ta’es sirnicharri ibsamee ture.

Barana akka Oromiyaa qofattis biqiltuu biiliyoona 3.5 ta’u dhaabuuf karoorfamuus pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa saganticharratti ibsuunsaanii ni yaadatama.

Kanuma bu’uura godhachuun biqiltootni Aanaa Wanciitti dhaabaman birbirsa, waddeessaa, leemmaniifi ejersa.

Faayidaa akaakuuwwan biqiltuu armaan olitti eeramanii hawaasa naannichaatiif qaban maal akka ta’e Gaazexaa Bariisaatiif kan ibsan dubartootni naannawa Walisoo, biqiltuu waggaa waggaadhaan dhaabaman keessaa kan baranaa kallattiilee hundaan faayidaan qabu ilaalamee ta’uun kan isaan gammachiise ta’uu dubbatu.

Akaakuuwwan mukkeen akka birbirsaafi waddeessaa  naannawichaa waan badaniif muka mana ittiin ijaarratanis ta’ee meeshaalee mana keessatti ittifayyadaman dhabanii rakkachaa jiraachuu kan himan jiraattuun naannawichaa Aadde Nagaasee Kabbadaa,  mukkeen durirraa hedduu barbaachaa turan kana qe’eesaaniitti dhaabbate kana ajaja nama tokkoo osoo hineegganne kunuunsanii guddifachuus murteessuusaanii  ibsu.

Akka ibsasaaniitti; kanaan dura mooyyee bunni ittitumamus ta’ee isa guddicha midhaaniifi geeshoon itti tumamu barbaacha iddoo fagoo adeemaa bitachaa turan.

Daandii dheeraa adeemuu qofa osoo hintaane, gatiin ittiibitamuufi fe’amee gara qe’eetti geeffamuun waan jiruuf dadhabbiifi baasii dabalataatiif nu saaxilaa ture jedhan.

Har’a garuu gaafa inni dhufee booroo keenyarra dhaabbatu, wanti ani yaadaa jiru yoomuma ga’ee ittifayyadamna isa jedhuudha jechuunis ibsan.

Akka aadaattis ta’ee meeshaalee mana keessaatiif warra dhiirotaa caalaa kan itti cinqaman dubartoota waan ta’aniif, guyyaa har’aatti gammachuun keenya kan warra dhiirotaatii oli jedhaniiru.

Waan ta’eefis kunuunsasaarratti dubartootni naannawa sanaa warra dhiirotaa osoo hineegin ofii keenyaaf kunuunfachuuf qophii cimaa qabna jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa akka Oromiyaatti eegaluuf gandasaaniitti jalqabsiisuusaatti miirri gammachuu ittidhagahame kan addaa ta’uu kan himan immoo Aadde Kabbabush Koosaati.

Sagantichi achitti jalqabamuu caalaa immoo mukkeen ba’aa dubartootaa hir’isan filatamanii achitti dhaabbachuusaaniitiif ulfina guddaa kan qaban ta’uus ni  dubbatu.

Akaakuuwwan mukkeen achitti dhaabamanii dhugumaan faayidaa isaan hawaasa naannawa sanaatiif qaban adda baafamee waan murteeffame kan fakkaatu ta’uu kan himan Aadde Kabbabush, ijaarsa manaa, xaawulaa, mooyyee, teessoofi faayidaa mana keessaa hedduu qaban kanniin sirnaan kunuunfachuufis qophii ta’uu ibsu.

Jalqabbii sagantaa ashaaraa magariisaa bara darbe Itoophiyaa keessatti eegalameen biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa kanneen kunuunsa barbaachisu argatanii qabatan dhibbantaa 84 ta’uun ibsameeera. Isa baranaa keessaa immoo dhibbantaa meeqatu qabataa kan murteessu yeroodha.

Walumaagalatti, sosochiin dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaatiin bara darbe eegalame baranas yeroo wareera dhibee keessattis ta’us bifa gaariidhaan eegalamuunsaa waan jajjabeeffamuudha.

Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hintaane immoo iddoo kamitti biqiltuu akkamii, lafa bosoneessuuf qofa osoo hintaane faayidaa dabalataa isaan hawaasaaf kennanirratti xiyyeeffatanii dhaabuun dhimma baratamuu qabuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

2 Comments to “Dhaabbii biqiltuu; faayidaa iddoo ittidhaabamuurratti hundaa’een”

  1. Pingback: Webbschools.org

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *