“Himatni Gibxi, ‘Arabni bishaan dhabde’ jechaa turte hinmilkoofne; fuuldurattis ni fashalaa’a” – Amb. Diinaa Muftii

Hojiin ambaasaaddarummaa ogummaa; saayinsiidhas jedhamee fudhatama. Kun gama tokkoon fedhii, gahumsaafi beekumsa qabaniin kan ilaalamu yoo ta’u, gama biraatiin ammoo amanamummaa, qajeelummaafi jaalala biyya ofiif qabaniin madaalamee kan ibsamuudha.

Bu’uura kanaan Itoophiyaan hanga har’aatti ambaasaaddaroota ciccimoo fedhiifi faayidaa biyyasaaniif karaa nagaatiin basaasuun hojjechaa turan hedduu horatteetti. Kanneen keessaa ammoo Ambaasaaddar Diinaa Muftii tokko yoo ta’an, gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa torban kana isaan waliin taasise akka ittaanutti dhiyaata.

 Bariisaa: Ambaasaaddar Diinaan, eenyu jennee dubbistootaan walbeeksisnu?

Ambaasaaddar Diinaa: Maqaan koo Diinaa Muftii Sayid jedhama. Bara 1957tti Oromiyaa, Godina Arsii, Aanaa Digaluufi Xiyyoo, Magaalaa xiqqoo Saagureettan dhaladhe. Akkuma ilma qonnaan bulaa tokkoottan hojii qonnaa hojjechuun guddadhe. Akkuma umriinkoo barnootaaf gaheenis barumsakoo sadarkaa 1fa marsaa jalqabaa mana barumsaa Xiyyoottan hordofe. Kutaa 7fafi 8fa ammoo mana barumsaa Saagureettan baradhee xumure.

Barnootakoo sadarkaa 2fa ammoo ergan mana barumsaa Asallaatti barachuun xumuree booda qabxii waanan argadheef gara Yunivarsiitii Finfinneetti darbuu danda’e. Achittis barnoota saayinsii siyaasaafi hariiroo biyyoolessaa (Political Science & International Relation) barachuun digrii jalqabaa argadhe. Yunivarsiitii Kanaadaarraas barnootuma walfakkaatuun digriikoo lammaffaa qabadheera.

Bariisaa: Erga barnoota yunivarsiitii xumurtanii eessatti ramadamtan?

Ambaasaddar Diinaa: Akkuman bara 1980 barnootakoo xumureen Ministeera Haajaa Alaattin hojii eegale. Haala caasaafi gita hojii yeroo sanaatinis, barreessaa 3fa (3rd Secretary) ta’een ramadame. Sadarkaan kunis ishee xiqqoo jalqabaa turte Boodarras achumatti dippartimantii/ muummee dhimmoota Afrikaafi Eeshiyaa keessatti ogeessa ta’ee hojjedheera.

Adeemsa keessa ammoo imbaasii Itoophiyaa Kanaadaa jirutti barreessaa 3fa ta’een ramadame. Washingitan ‘DC’ttis kaawunsilara (to’ataafi gorsaa hojii) ta’ee hojjedheera. Achiis deebi’uun daarektara pireesii ministeerichaa ta’uun hojjedheera. Gahumsi hojiikoos olaanaa waan tureef ambaasaaddara guutuu ta’ee Zimbaabuweetti ramadame. Achuma taa’een ammoo biyyoota kanneen akka Angoolaa, Zaambiyaa, Moorisheesiifi Moozaambikiitti ambaasaddarummaan hojjechaan ture.

Yeroon turtiikoo Zimbaabuwees waanin xumurameef, ammas ambaasaaddarummaan Siwiidinitti ramadame. Achuma taa’ees biyyoota Awurooppaa kanneen akka Norweeyi, Finlaandi, Denmaarkiifi Islaanditti hojjechaan ture.  Ergan turtii hojiikoo fixeen boodas deebi’ee dubbii himaa ta’ee tajaajileera. Dhumarratti ambaasaddarummaan gara Keeniyaa deemee waggoota sadiif hojjedheera.

Erga waggaa tokkoo asitti ammoo Gibxitti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’ee hojjechaan ture. Kunoo, har’amoo yeroo lammaffaaf dubbii himaa ministeerichaa ta’uun ramadameera. Muuxannoon kuufadheenis biyyakoo tajaajiluuf yoomiyyuu duubatti jedhee hinbeeku; hinjedhus.

Bariisaa: Ijaarsa hidha haaromsaa akkamitti ilaaltu?

Ambaasaddar Diinaa: Itoophiyaan laga Abbayyaa hidhuuf sirna mootummoota darbanirraa kaastee karoorsaa turtuyyuu sababa guddinni dinagdeenshee gadaanaa ta’eef milkaa’uu hindandeenye. Adeemsa yeroo dheeraa booda garuu qabeenya mataasheetiin hidhuuf waggoota muraasa dura jalqabdee yeroo ammaa kutannoofi onnee guutuudhaan itti deemamaa jira.

Kanaaf ijaarsi hidha guddicha haaromsaa kun seenaa Itoophiyaa keessatti hojii guddaafi nama boonsu  waan ta’eef, ija addaatiin kan ilaalamuudha. Keessumaa ammoo ofdanda’ummaa biyyattiifi tokkummaa ummattootaa kan argisiisu ta’uu eenyuyyuu kan hubatuudha. Sababnisaa bishaan laga Abbayyaa harki caalaan Itoophiyaarraa burqee Sudaan keessa qaxxaamuruun harki 90 Gibxi qaqqaba waan ta’eefi.

Itoophiyaan garuu waggoota dheeraaf qabeenya bishaansheetti osoo hingargaaramin akkanumaan gara biyyoota yaa’a gara gadiitti yaa’aa kan ture yoo ta’u, bishaanichatti sirnaan fayyadamuuf ijaarsi hidhichaa jalqabamuunsaa seenaa Itoophiyaa keessatti akka waan guddaatti kan fudhatamuudha. Hundarra ammoo ummattoota Itoophiyaa maraaf gammachuu guddaadha.

Bariisaa: Ijaarsi hidha haaromsaa caalaatti eenyu fayyada?

Ambaasaaddar Diinaa: Ijaarsa hidha haaromsaa abbummaan kan raawwachiisaa jiru Itoophiyaadha. Haa ta’u malee biyyootni laga Abbayyaatti fayyadaman torba. Isaan kunneen ammoo kallattiinis alkallattiin hidha lagicharraa ni fayyadamu. Keessumaa ammoo biyyootni yaa’a laga Abbayyaa gara gadii hundarra fayyadamoodha.

Fakkeenyaaf, Sudaan waggoota dheeraaf balaa lolaa lagichi geessisaa tureen hedduu miidhamaa turte. Balicha ittisuufis maallaqa guddaa ramaduun baasii hinmalleef saaxilamaa kan turte yoo ta’u, wayita ijaarsi hidhichaa xumuramu garuu kana hundumaarraa ni boqotti. Gama biraan ammoo kaayyoon ijaarsa hidha haaromsaa inni guddaan humna elektirikii maddisiisuu waan ta’eef, wayita tajaajila eegalu anniisaa elektirikii gatii madaalawaan akka argattu ishee taasisa.

Gibxootni garuu duriirraa kaasee qabeenya bishaan laga Abbayyaa akkawaan Rabbirraa isaanumaaf kenname qofaatti fudhataniif bishaan meetirkuubii biliyoona 55.5 ofumaan itti fayyadamaa turaniiru. Kanarraa kan ka’e jiruufi jireenyi lammiilee biyyattii waliigalaan bishaan kanarratti kan hirkateedha. Kana jechuun bishaan Itoophiyaa keessaa maddee Sudaan keessa qaxxaamuruun Gibxi qaqqabu kun keessumaa damee turizimii sochoosuun guddinnishee haalaan akka si’atuuf ka’umsa ta’eera jechuudha. Bishaanicha misooma jallisiitiif oolchuunis daran ittifayyadamaa waan jiraniif hedduu akka itti misooman isaan taasiseeras.

Haaluma walfakkaatuunis hidhi Aswaan bishaan laga Abbayyaarraa qaxxaamuree deemuun kan guute waan ta’eef Itoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa yoo xumurte akka waan goguutti sodaatu. Kunimmoo jireenyi waliigalaa Gibxootaa laga Abbayyaarratti kan hirkatee jiru ta’uusaa kan mul’isu yoo ta’u, kunis akka qaroo ijasaaniitti eeggatan isaan taasiseera.

Gibxootni durirraa kaasee bishaan laga Abbayyaarraa hedduu fayyadamaa turaniiru; har’as ittuma fayyadamaa jiru. Itoophiyaan qabeenya bishaanichaatti fayyadamuusaaniitti rakkoo hinqabdu. Rakkoo guddaa uumaa kan jiru biyyattiin ilaalchaafi ejjennoo, “Ana qofatu ittifayyadamuu qaba” jechuusheeti. Nuyi ammoo biyyootni yaa’a lagichaa marti haala haqaqabeessa ta’een ittifayyadamuu qabu jennee falmaa waan jirruuf hunda biratti dhageettii qabna. Qaamoleen tokko tokko garuu haqa kana jallisuun wayita Gibxiif loogan mul’atu. Kun garuu yeroodhaaf darbee darbee mul’ata malee milkaa’ee hinbeeku; fuldurattis waan ta’u miti.

Bariisaa: Gibxootni yeroo baay’ee akka rakkootti waanti kaasan maal fa’i?

Ambaasaddar Diinaa: Dhuguma dubbachuuf taanaan yeroo hedduu rakkoolee hedduu tarreessu. Waltajjii mariifi waliigalteewwan kanaan dura gaggeeffamaa turanirrattis rakkoolee isaanii irra deddeebiin kaasaa turaniiru; ammas sanumatti jiru. Qabxiilee isaan kaasan mara garuu dhugaadha jedhanii fudhachuun nama rakkisa. Sababiinsaa qabxiileen gariin dhugaarraa kan fagaatan waan ta’eef kaleessas fudhatama hinarganne; har’as boris fudhatama hinqaban.

Fakkeenyaaf, yeroo baay’ee Itoophiyaan qabeenya bishaanii gahaa qabdi. Waggaa guutuus rooba gahaa waan argattuuf hongeefi beela mudachuu malu akka salphaatti dandamachuu dandeessi jechuun fudhatu; itti amanus.

Kanarra darbee ammoo lagni Abbayyaa akkawaan Gibxootaaf kenname qofaatti waan yaadaniif, maddi lagichaa harki sagaltamaa ol Itoophiyaa keessaa madduusaa amanuuf fedhii hinqaban. Maddi bishaanichaa eessa jedhamanii yoo gaafatamanis, deebii sirrii kennuuf ni rakkatu ykn ammoo gaafii sirriif deebii dogoggoraa deebisanii bira taru. Gochisaanii kun ammoo hanga har’aattuu fulla’ee dhaloota har’aa bira gaheera.

Keessumaa ammoo waanti garaa nama hammeessu tokko yoo jiraate Itoophiyaan qabeenya bishaanichaatti gargaaramuuf hiree qabaachuushee fudhachuu hinfedhan. Ilaalchi kun keessasaaniitti maxxanee waan jiruuf yeroo ijaarsi hidha haaromsaa jalqaburraa kaasanii, gufachiisuuf jecha bajata guddaa ramadanii halkanii guyyaa socho’aa turaniiru.

Bariisaa: Hojiin gama Itoophiyaatiin hojjetamaa jiru akkamitti ibsama?

Ambaasaaddar Diinaa: Gama Itoophiyaatiin sochiin ejjennoofi ilaalcha Gibxootaa qajeelchuuf hojjetamaa ture hedduudha. Hundarra ijaarsi hidhichaa biyyootni yaa’a laga Abbayyaa karaa haqaqabeessaan bishaanichatti akka itti fayyadamaniif kan gargaaru ta’uusaa irra deddeebiin hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa tureera.

Kanaanis gaggeessitootni, hayyootniifi ummatni isaanii akka hubannoo gahaa argatan gochuun danda’ameera. Haa ta’u malee sababa mootummaan biyyattii dhagahuu hinbarbaadneef yeroodhaa yerootti mariifi waliigalteen taasifamaa ture bu’aa tokkoyyuu buusuu hindandeenye.

Gama biraan ammoo maddi laga Abbayyaa harki guddaan Itoophiyaa ta’uusaafi kanarraa karaa haqaqabeessaafi qajeelfamarratti hundaa’een ittifayyadamuuf mirga guutuu qabaachuu keenya ibsamaafii tureera; ammas ittuma fufee jira. Baay’inni ummata Gibxi kan Itoophiyaa waliin sadarkaa walfakkaataarra jira. Ta’us, qabeenya bishaanichaa haalaan ittifayyadamuurraa kan ka’e guddinni dinagdeeshee kan Itoophiyaarra haalaan fooyya’aadha.

Fakkeenyaaf, yeroo ammaa ummatni Gibxi dhibbantaan 90 ol humna elektirikiitti fayyadamaa kan jiru yoo ta’u, ummatni Itoophiyaa garuu dhibbantaa 50rrayyuu gahuu hindandeenye. Kana jechuun ammoo lammiilee Gibxi kan Itoophiyaa caalaa ifaa elektirikiitti dhimma bahaa jiraachuusaanii kan argisiisu ta’uusaati. Humni elektirii ammoo keessumaa jaarraa 21fa kana keessa murteessaa yoo ta’u, misooma dinagdee si’eessuu keessattis shoora olaanaa kan qabuudha.

Haqawwan armaan olitti eeraman kanneen Gibxootatti himuun amansiisuudhaaf tattaaffiiwwan hedduun taasifamaa turuyyuu ilaalchaafi ejjennoo jijjiiramaa qabaachuu isaaniirraa kan ka’e galma gahuu hindandeenye. Keessumaa ammoo bulchiinsi mootummaa biyyattii gaggeessaa tureefi jiru haqawwan jiran mara fudhachuudhaaf qophaa’ina barbaachisu waan hinqabneef ammas ammas hubachiisuuf yaaluun dhama raasuu ta’a.

Kaayyoofi maniin bu’uuraa biyyattii har’as akkuma kaleessaa qabeenya bishaanii Abbayyaatti kophaa fayyadamuu waan ta’eef hojiin hubannoo uumuufi qajeelfamarratti hundaa’uu hangam hojjetameyyuu bu’aa Itoophiyaafi biyyootni yaa’a laga Abbayyaa barbaadan fiduu waan danda’u miti. Kanaaf Itoophiyaan karooruma qabatteen ijaarsa hidhichaa xumursiisuuf itti deemuu qabdi.

Bariisaa: Rakkoon jiru bulchiinsa mootummaa isaanii bira jechuudhaa?

Ambaasaaddar Diinaa: Eeyyee. Irra caalaan lammiilee Gibxi rakkoo hinqaban. Kan baay’ee nama ajaa’ibu ammoo maddi bishaansaanii hanga har’aattuu eessa akka ta’e bu’uurarraa kan hinbeekne hedduudha. Harki caalaan ummata biyyattii nageenya, misoomaafi guddina walitti fufiinsa qabu barbaadu. Ilaalchi isaan lammiilee Afrikaaf qabanis hedduu nama boonsa. Aadaan walgargaaranii waliin jiraachuus baay’ee hawwataa waan ta’eef, ummaticha bira rakkoon bu’uuraa akka hinjirre turtii koo waggaa tokkoo keessatti hubachuu danda’eera.

Kanaaf duris ta’e, har’a rakkoon jiru bulchiinsa mootummaa bira akka ta’e hubachuun hangas mara hinrakkisu. Keessumaa gaggeessitootni mootummaa Gibxi yeroo aangoosaanii dheereffachuuf ykn tursiifachuuf yeroo hunda siyaasa laga Abbayyaatti dhimma bahaa turan; har’as tooftaadhuma walfakkaataatti fayyadamaa jiru. Erga Itoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa jalqabdee kaasee holola sobaa hafarsuun ishee hadheessaa turaniiru.

Akkuman irranatti ibsuuf yaaletti irra caalaan lammiileesaanii fayyaalessa waan ta’aniif, haqawwan jiran jallisuun hubannoosaanii gabbisaa turaniiru. Kunis, dhalootaa dhalootatti akka darbuuf, “Rabbi tokkichi bishaan laga Abbayyaa Gibxootaaf qofa kenne, maddisaas asuma tulluuwwan biyyattii keessaa argame” jechuun hanga har’aattuu dogoggorsiisaa jiru.

Kana malees bu’uurri jireenya ummatashiifi labata egereesaanii lagicharratti kan hundaa’ee ta’uusaa, akkasumas qabeenyi bishaanichaa dhaabbiidhaan akkawaan kan isaanii qofa ta’eetti imaammata barnootaa keessatti bocanii barsiisaa jiru. Kunimmoo mirga abbummaa isaan lagicharratti qaban hangam guddaa akka ta’eefi faayidaa biyyoota yaa’a lagichaa eegsisuuf fedhii guutuu akka hinqabne mul’isa jechuudha.

Bariisaa: Bu’aan mariifi waliigaltee biyyootni sadeen kanaan dura taasisaa turan akkamitti ilaalama?

Ambaasaddar Diinaa: Bu’aan eegamu haala barbaadameen argamuu baatus adeemsi ture gaariidha jechuun ni danda’ama. Akkuma ijaarsa hidhichaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ameen biyyootni sadeen waltajjii waliinii qopheeffatanii mari’achuu eegalan. Adeemsasaarrattis waliigalteen waan uumameef biyyoota yaa’a lagichaa mara hirmaachisuuf murteessan. Biyyootni yaa’a oliifi gadiis walitti dhufanii erga mari’atanii boodas ALA bara 2007tti sanada walta’insaa qopheeffachuu danda’aniiru. Kunis qabeenyi bishaan laga Abbayyaa daangaa biyyoota yaa’ichaa qaxxaamuree waan deemuuf martuu haala haqaqabeessa ta’een ittifayyadamuuf mirga guutuu qabaachuusaanii mirkaneessuun murteessan.

Adeemsa keessa garuu beekamtii biyyoota kanneenii malee Gibxi ofumasheetti ejjennooshee jijjiiruun gara mootummaa Ameerikaa (‘USA’), Gamtaa Awurooppaa, Liigii Arabaafi Baankii Addunyaatti iyyannoo dhiyeeffatte. Kanarraa kan ka’e waliigalteen taasifamaa tures gidduutti addaan akka citu taasifameera. Ergasiis mariifi waliigalteen, keessumaa biyyoota sadeen gidduutti godhamuyyuu sababuma ejjennoonshee qabata hinqabneef tokkollee hinmilkoofne.

Wayita ammaas turtii waggoota shanii booda gara sanada waliigaltee biyyoota sadeeniitti deebi’uun bakka taajjabdootni addaddaa jiranitti karaa nagaatiin mari’achaa jirra. Waltajjiin marii kun guyyoota afuriif kan adeemsifame yoo ta’u, bu’aa barbaadame fiduus dhiisuus danda’a.

Bariisaa: Waliigalteen waggoota shanan dura biyyoota sadeen gidduutti taasifame maal ture?

Ambaasaaddar Diinaa: Biyyootni sadeen ALA bara 2015tti  sanada waliigaltee tokko qopheessuun waliif malleettassanii turan. Qabxiileen sanada waliigaltichaa keessatti eeraman ijaarsi hidhichaa yoom akka xumuramu, guutinsi bishaanii yoomiifi marsaa meeqaan akka raawwatamu, wayita hanqinni bishaanii mudate akkamitti furamuu akka qabuufi eenyurraa maaltu akka eegamu tarreeffameera. Mootummaan Gibxi garuu sanada waliigaltichaa fudhatee hojiirra oolchuudhaaf qophaa’ina waan hinqabneef hanga har’aattuu hojiirra oolchuun hindanda’amne.

Haa ta’u malee Gibxootni karaa seeraafi haqaqabeessa ta’een deemuu waan hinbarbaanneef yeroo dheeraaf addunyaarra naanna’anii dogoggoraan Itoophiyaa hadheessaa turaniiru. Adeemsa keessas dhugaan ofumasheen ifatti ofmul’isuu waan jalqabdeef, kunoo tibbana gara waliigaltee duraatti deebi’uuf dirqamaniiru. Ammaan boodas carraan isaan qaban tokkoofi tokko qofaadha. Kunis biyyoota yaa’a lagichaa waliin walta’insaan hojjechuudha.Gama kanaanis haqaqabeessummaan bishaanii akka mirkanaa’u gochuun dirqama hundaa waan ta’eef.

Bariisaa: Abdiin kanaan booda gama Itoophiyaan jiru maali?

Ambaasaaddar Diinaa: Akka Itoophiyaatti abdiin gama kanaan jiru qajeelfamoota walqixxummaa, haqaqabeessummaafi walta’insarratti bu’uureffate waan ta’eef jajjabeessaadha. Biyyootni yaa’a laga Abbayyaas qoqqoodinsaafi fayyadamummaa bishaanichaarratti qajeelfamoota kanneen fudhatanii hojiirra oolchuuf murteessuunsaanii biyyoota Afrikaaf boqonnaa gaariidha.

Kunimmoo abdiifi hireen lammiilee Afrikaa, Afrikaanotuma harka jiraachuu kan calaqqisiisuudha. Ejjennoofi ilaalchi Gibxootaas gara kallattii sirriitti dhufee walta’insa biyyoota yaa’a lagichaa waliin akka hiriiran gochuufillee qooda olaanaa qabaachuusaa ifatti mul’achaa jira. Kun gara fulduraatti cimee kan ittifufu taanaan maniiwwan misooma waaraa ardittiin qabatte salphumatti dhugoomsa jechuudha.

Bariisaa: Itoophiyaan kanaan dura hojii dippilomaasiitiin akkamiin caalamuu dandeesse ?

Ambaasaddar Diinaa: Kun gaaffii murteessaa sirnaan deebii argachuu qabuudha. Jalqabumarraa, Gibxi guddina dinagdeetiin nu caalti. Oduufi ragaalee sobaa addunyaarra tamsaasuunis akkasuma nu caalu. Kanaaf ammoo akka bulchiinsa mootummaasaaniitti bajata guddaa ramadanii qindoomina olaanaan hojjechaa turaniiru. Sobni ammoo yoomillee akka dhugaatti mo’atee ce’uu waan hindandeenyeef karaalee hundaan milkaa’ina dhaban. Yeroma ammaa kanallee karuma sobaatiin deemuuf fedhii qabu.

Waggoota darban keessa gama dippiloomaasiitiin karaa dheeraa deemuun qaamolee addaddaa amansiisuuf yaalaniiru. Fakkeenyaaf, gara mootummaa Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaa deemuun, “Itoophiyaan ummata Gibxiirratti shira hojjechaa jirti, ummatichi ammoo adeemsa keessa dheebochuunsaa waan hinoolleef gara gareewwan shororkeessitootaatti makama. Nageenyi waliin qabnus gaaffii keessa akka galu ta’eera. Kanaaf sochii Itoophiyaa ammumaan dhaabsisuu qabdu” jechuun sodaachisaa turan.

Kana malees gara Liigii Arabaatti deemuunis yaada sirrii hintaaneen himachaa turuunshees kanuma beekamuudha. Kanas, “Gibxi miseensa Liigii Arabaa waan taateef qabeenya bishaansheerratti akka hinmurteessineef dhorkamaa jirti. Gibxi bishaan dhabde jechuun arabootni bishaan dheebotan jechuudha. Duuchaatti ammoo Arabni qabeenya bishaansaa dhorkameera” jechuun biyyoota Arabaa Itoophiyaarratti kakaasaa turteerti; garuu ammoo hinmilkoofne. Himatichi fuuldurattis ittifufuu waan danda’uuf tokkummaa keenya cimsannee qolachuu akka qabnu yaadachiisuun fedha.

Bariisaa: Kanaan booda Itoophiyaan kallattii dippiloomaasii akkamii hordofuu qabdi jettu?

Ambaasaaddar Diinaa: Ejjennoofi ilaalchi mootummaa Gibxii yoomillee qajeelaa akka hintaane hubatamaadha. Itoophiyaan garuu siyaasa biyya keessaa haalaan hoggantee tokkummaa biyyaalessaa cimsuu dandeenyaan ijaarsa hidhichaa xumursiisuurra darbee qabeenyi bishaanichaa haalaan misooma waliigalaa biyyattiif akka oolu gochuun ni danda’ama.

Kana milkeessuuf ammoo tokko tokkoon lammiilee biyyasaatiif ambaasaaddara ta’uu qaba. Keessumaa ammoo hayyootniifi lammiileen biyya alaa jiraatan waa’ee hidha guddicha haaromsaatiif abukaatoo ta’anii hawaasa idiladdunyaatiif odeeffannoofi ragaalee sirrii kennuu qabu. Paartileen siyaasaa martis dhimma kanarratti mootummaa waliin ciminaan hojjechuun irraa eegama.

Bariisaa: Akka yaaddootti wanti ka’u yoo jiraate?

Ambaasaddar Diinaa: Qabeenyi bishaan laga Abbayyaa kan biyyoota yaa’a oliifi gadii  maraati. Adeemsi Gibxi garuu hanga har’aattuu waan hinjijjiiramneef waliigaltee uumuun hindanda’amne. Itoophiyaan garuu haaluma sagantaa qabameen guutinsa bishaanii marsaa jalqabaa ji’a dhufu ni jalqabdi. Tarii, wixxirfachuun Gibxootaa akkuma kanaan duraa ta’uu mala. Karooraafi sagantaa qabame garuu humni dhaabuu danda’u akka hinjirree hubatamuu qaba. Mootummaan garuu haalota siyaasaa biyya keessaa qajeelchaa deemuun murteessaadha.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa dabarsitan yoo jiraate?

Ambaasaaddar Diinaa: Hojiin ambaasaaddarummaa faayidaa biyya ofii eegsisuuf jecha qabsoo gaggeessuu waan ta’eef kutannoofi ofkennuu gaafata. Kanaaf fuulduratti ambaasaaddarootni marti bu’aa biyyasaanii kabachiisuuf halkanii guyyaa hojjechuu qabu. Hundarra ammoo nageenyi, misoomniifi guddinni biyyattii tokkummaa biyyaalessaarratti waan hundaa’uuf martuu walta’insaan hojjechuu akka qabun dhaama.

Takkaalliny Gabayyootiin

 Suurri Tsahaayi Nugusee

Recommended For You

463 Comments to ““Himatni Gibxi, ‘Arabni bishaan dhabde’ jechaa turte hinmilkoofne; fuuldurattis ni fashalaa’a” – Amb. Diinaa Muftii”

  1. пин ап [url=https://1winindia.tech/#]пин ап казино вход[/url] пин ап

  2. пин ап вход [url=http://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пинап зеркало

  3. пинап казино [url=http://1winindia.tech/#]пинап казино[/url] пин ап казино вход

  4. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican mail order pharmacies[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  5. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharm1st.com/#]buying prescription drugs in mexico online[/url] buying from online mexican pharmacy

  6. buying from online mexican pharmacy [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexico drug stores pharmacies[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  7. Пин Ап Казино Официальный Сайт в России [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пинап казино[/url] бонусы пин ап

  8. пин ап казино [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] Официальный Сайт

  9. Официальный Сайт [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап[/url] пинап казино

  10. indian pharmacy online [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] pharmacy website india

  11. cheap pills online [url=https://pharm24.pro/#]cheap pharmacy online[/url] erectile dysfunction drugs

  12. slot siteleri [url=https://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot siteleri

  13. deneme bonusu veren yeni siteler [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yerliarama.org[/url] denemebonusuverensiteler.top

  14. casino siteleri win [url=http://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] Deneme Bonusu Veren Siteler

  15. casino siteleri win [url=https://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] Casino Siteleri

  16. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]slot oyunlar?[/url] slot tr online

  17. furosemide furpharm.com [url=https://furpharm.com/#]buy furosemide online[/url] cheapest lasix

  18. Pingback: free Stripchat
  19. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] best online pharmacies in mexico

  20. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy online[/url] mexican rx online

  21. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] mexico drug stores pharmacies

  22. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] mexican drugstore online

  23. 2.5 mg prednisone daily [url=http://prednisoneraypharm.com/#]cheap prednisone[/url] prednisone 10 mg daily

  24. can you buy prednisone over the counter in canada [url=https://prednisoneraypharm.com/#]Prednisone Without Prescription[/url] prednisone cream rx

  25. buying clomid pills [url=http://clomidrexpharm.com/#]generic clomid[/url] where buy cheap clomid pill

  26. Cytotec 200mcg price [url=https://cytpremium.com/#]buy misoprostol over the counter[/url] buy cytotec online

  27. buy cytotec over the counter [url=http://cytpremium.com/#]buy cytotec online[/url] order cytotec online

  28. Ivermectin Pharm [url=https://ivermectinpharm.store/#]Ivermectin Pharm Store[/url] ivermectin 3 mg tabs

  29. cipro online no prescription in the usa [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]where to buy cipro online[/url] where to buy cipro online

  30. slot tr online [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  31. pinup2025.com [url=http://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] пин ап казино официальный сайт

  32. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot siteleri

  33. пин ап казино официальный сайт [url=https://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] пин ап зеркало

  34. bonus veren bahis siteleri yasal [url=http://casinositeleri2025.pro/#]video siteleri listesi[/url] internet kumar oyunu

  35. deneme+bonusu+yeni [url=http://casinositeleri2025.pro/#]gore siteler[/url] deneme bonus siteler

  36. en yeni deneme bonusu veren siteler 2025 [url=https://casinositeleri2025.pro/#]online casino turkey[/url] curacao lisans siteleri

  37. пин ап казино официальный сайт [url=http://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] пин ап зеркало

  38. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  39. en bГјyГјk bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]internet kumar oyunu[/url] oyun sitesi oyun sitesi oyun sitesi

  40. gГјvenilir illegal bahis siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]oyun s[/url] yabancД± Еџans oyunlarД± siteleri

  41. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]Cheapest online pharmacy[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  42. new ed treatments [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] viagra without a doctor prescription

  43. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharmi.com/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  44. indianpharmacy com [url=http://indiapharmi.com/#]Indian pharmacy international shipping[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  45. indian pharmacy paypal [url=https://indiapharmi.com/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] reputable indian pharmacies

  46. over the counter ed drugs [url=http://canadianpharmi.com/#]canadian pharmi[/url] how to get prescription drugs without doctor

  47. india pharmacy mail order [url=https://indiapharmi.com/#]Online India pharmacy[/url] pharmacy website india

  48. prednisone 5 mg cheapest [url=https://prednibest.com/#]buying prednisone on line[/url] online order prednisone

  49. can i buy generic clomid now [url=http://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] cost generic clomid for sale

  50. generic amoxicillin online [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] where to get amoxicillin over the counter

  51. can you buy cheap clomid without dr prescription [url=https://clomidonpharm.com/#]how to get cheap clomid[/url] cost of clomid prices

  52. buy generic clomid prices [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] can i purchase generic clomid without dr prescription

  53. where to buy amoxicillin [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin discount coupon[/url] amoxicillin medicine

  54. order generic clomid without rx [url=https://clomidonpharm.com/#]can i buy generic clomid without prescription[/url] where to get generic clomid without dr prescription

  55. buy amoxicillin from canada [url=http://amoxstar.com/#]buy amoxicillin online mexico[/url] amoxicillin medicine over the counter

  56. ciprofloxacin over the counter [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] buy cipro

  57. amoxicillin price canada [url=http://amoxstar.com/#]can we buy amoxcillin 500mg on ebay without prescription[/url] order amoxicillin no prescription

  58. how can i get prednisone [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone 10mg prices

  59. buying generic clomid no prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] can i get clomid pills

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *