Haqamuu shaampiyoonaan kubbaa saaphanaa

Qopheesummaa konfedereeshinii kubbaa saaphanaa Afrikaatiin  shaampiyoonaa kilaboota liigii piriimeerii  waggaa waggaadhaan magaalota biyyoota addaddaatti gaggeeffamaa tureera. Shaampiyoonichi baranas baatii Hagayyaa dhufu magaalaa guddoo Misir, Kaayirootti gaggeeffama jedhametti eeggamaa ture.

Shaampiyoonaa kanarratti kilaboonni biyyoota Afrikaa korniyaa lameeniinuu hirmaachuuf biyyootasaaniitti walmorkii godhachuudhaan qophaa’aa turan. Itoophiyaarraa dhiiraan kilaboonni Walaayittaa Diichaafi Yunivarsitiin Madda Walaabuu, dubaraan ammoo kilabni Alkoliifi Haraqee Biheerawwii hirmaachuuf qophii olaanaarra turan.

Haata’u malee sababii vaayirasiin koronaa Addunyaa maraarratti babaldhachuudhaan ummata addunyaa miidhaa jiruuf Konfedereeshiniin Kubbaa Saaphanaa shaampiyoonicha yeroo hinbeekamneef  dabarseera.

Recommended For You

3 Comments to “Haqamuu shaampiyoonaan kubbaa saaphanaa”

  1. Pingback: SABA Sport
  2. Pingback: Sofwave

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *