Sochiilee guddina ispoortiitiif taasifamaa jiran keessaa

Hawaasa  fayyabuleessaafi dammaqaa horachuu keessatti gaheen ispoortii daran olaanaadha. Ispoortiin meeshaa guddaa dhaloota haaraa sammuu ifa, qaama cimaa, fayyaa guutuufi miira mo’ataa qabu bal’inaan horachuufis gargaaruudha. Riqicha bal’aa ummata jidduutti waljaalala, walhubannoo nageenyaafi tokkummaa cimaa uumuuf sadarkaa olaanaan tajaajiluu danda’uudhas.

Akkasumas ispoortiin aadaafi naamusa gaarii dargaggoota keessatti dagaagsuufi ilaalcha gaarii karaa nagaafi demokraatawaan waldorgomanii mo’achuu daran cimsuuf gargaaru waan ta’eef hawaasa ammayyaa kallatii hundaan ofitti amanuufi mataa ol qabatee injifannoof socho’u ijaaruuf gaheensaa guddaadha jechuudhaan kan ibsan Komishinii Ispoortii Federaalaatti Obbo Habtaamuu Sisaay daarektara barumsaafi leenjiiti.

Haala qabatamaan yeroo kanaatiin jedhu daarektarichi, ispoortiin riqicha naannoo ykn biyya tokkoo qofa osoo hin taane kan addunyaa guutuun ittiin walitti dhufu, maqaa gaarii naannoofi biyyaa sadarkaa olaanaan ol kaasuuf tajaajilu ta’aa kan dhufee waan ta’eef meeshaa walitti dhufeenyaafi guddinaa isa olaanaa ta’uu addeessu.

Dabalataaniis har’a ispoortiin meeshaa olaanaa misoomaafi invastmantiif tajaajilu ta’uusaatti guddina misooma biyyaatiif shoora olaanaa akka  taphatu oggeesi kun kan muldhisan.

Kanaafuu dameen kun haqaafi demokraasii dhugaa qabatamaan hojiirra oolchuufi guddina madaalawaa loogiin ala hunduu qixxee ittiin fayyadamu mirkaneessuuf biyyattiin sochii jalqabde  keesatti  seektarri ispoortii gaheen gumaachuu danda’u baay’ee olaanaadha.

Kanuma hubachuudhaan mootummaan federaalaa dameispoortii akka seektara misoomaa isa murteessaa tokkootti qabatee ciminaan irratti hojjechuuf sochii jalqabe cimsee ittifufaa jira jechuudhaan ibsu Obbo Habtaamuun.

Itoophiyaan atileetota addunyaarratti ajaa’ibsiifaman ta’aniif burqaa ta’uudhaan beekamtii kan jedhan daarektarichi, burqaan kun akka hingognee akkaakuuwwan ispoortii maraa cimsuuf sochii ispoortii baldhisuufi baldhinaan hojjechuun murteessaa ta’uu tuqaniiru.

Bu’uura ispoortii biyya keenyaatii ogeessota ispoortii   leenjistoota, murtee kennitoota dursitoota gareewwan ispoortiifi hirmaattotasaa baay’inaan horachuun barbaachisaa ta’uusaati  kan addeessan.

Haaluma kanaan mootummaan riiformii ispoortii biyyattii sadarkaa gubbaattii kaasee hanga gandaatti diriirsuudhaan dhaabbileefi waldaaleen ispoortii, kilaboonni magaalota naannolee baldhinaan akka hundaa’an ogeessota ispoortii sadarkaa sadarkaadhaan hundeessuudhaan hojjechaa jiraachuu ibsu.

Ogeessota ispoortii kana baay’isuuf tarkaanfii fudhatameen ejensiin istaastiksii giddugaleessaa bara 2004 ragaalee baaseen, yeroo sana saddarkaa biyyaatti murtee kennitoonni ispoortii kuma 2fi 376fi leenjistoonni kuma 2fi 476 turuusaatiin ta’uu addeessaniiru.

Haata’u malee ispoortichi babaldhachaa dhufuudhaan ammaan tana  ogeessonni  kuma 30fi 560 yeroo gabaabaadhaaf, kumni 2fi 388 ammoo yeroo dheeraadhaaf leejisuudhaan horachuusaa ni muldhisu.

Riiformiiwwan baase kana jedhu Obbo Habtaamun, komishinichi ministeera barumsaa waliin ta’uun  manneen barnootaafi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti ispoortiiwwan adda addaa gaggeessaa jiraachuu malee barsiistoota ispoortii horachaa jirras jedhan.

Haata’u malee leenjii kana ogeessota barbaachisaa ta’an biraan gahuuf federeeshinoonni biyyaalessaa maanuwaalii leenjii sadarkaasaanii eeggatan waan hinqabneef leenjicha milkeessuuf  rakkinni jiraachuus Obbo Habtaamun kan addeessan.

 Akkasumas leenjiiwwan  jalqabaman yeroosaanii eeggatanii xumuramuu dhabuun, oggeessota leenjii ammayyaa fudhataniifi leenjji muuxannoorraa argatan addaan baafamanii beekamuu dhabuudhaan waliin dhahamaa turuusaatti furmaan hinargamne jedhu ogeessi kun.

Rakkina kana salphisuuf jechas yeroo baay’ee ittigaafatamtoota federeeshinoota biyyaaleessaa, komishinaroota ispoortii naannoleefi bulchiinsota magaalaa waliin Finfinneefi Adaamaatti mari’anneerra jedhan.

Akkasumas akkaadaamii leenjii ispoortii dargaggoota Itoophiyaafi leenjii atileetiksi Xirunash Dibaabaa, wiirtuuwwan leenjii atileetiksi naannoleefi leenjii kubbaa miilaa dargaggoota Pirojektii Amboo Gool wajjin haala leenjii ammayyaa ilaalchisuudhaan marii baldhinaa gaggeeffamus akka barbaadhametti fiixaan baasuun rakkisaa ta’uudha Obbo Habtaamuun kan ibsan.

Karaa biraatiin ammoo sababii koviid-19n ummata addunyaa hubaa jiruun qajeelcha mootummaafi  ministeera fayyaarraa darbeen sagantaan barana leenjiif qabamee ture addaan citeera.

Haata’u malee naannoleettis ta’u bulchiinsota magaalotaatti leenjiiwwan qaamaan wal hintuqne ummanni iddoowwan jiraatutti keessumaa warreen manneen waliinii keessa jiraatan sochii qaamaa akka hindhaabne gochuuf oggeessonni ispoortii akka hordofan godhamaa jiraachuu ogeessichi muldhisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Sochiilee guddina ispoortiitiif taasifamaa jiran keessaa”

  1. Pingback: sex children

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *