Addunyaarratti ardiin Ameerikaa Kibbaa bosona uumamaan badhaatuudha jedhameeti dubbatama. Bosonichi baldhinaan kan argamu Biraaziil keessatti yoo ta’u, Boliviyaa, Kolombiyaa, Firaansi Guyaanaa, Surmaan, Peeruu, Ikuwaadoriifi Veenzhuulaa kan daangessuudha. Sulula Amaazoon keessatti baldhinaan kan argamu bosonni kun lafa iskuwer kiiloo meetra miiliyoona 5.5 uwwisee akka jiruudha, kan dubatamu.
Afrikaarraa ammoo Koongoo keessatti kan argamu bosona Koonogo yoo ta’u, dimshaashaan bal’ina lafaa iskuwer maayilii kuma 650 kan kan uwwisuudha. Bosonni kunis biyyoota Afrikaa Koongoowwan lameen, Kaameeruun, Afrikaa Giddugaleessaa, Ikuwaatoriyaal Giiniifi Gaaboon daangessuun beekama.
Haata’u malee biyyoonni Afrikaa baay’een sulula guddaa Afrikaa bahaa keessattiifi gammoojjii Sahaaraatiin waan daangeffamaniif yeroo baay’ee ongeedhaan rukutamuudhaan jireenyisaanii gadadoo keessa tureera.
Biyyi teenya Itoophiyaanis hawaasa addunyaa biratti beelaafi ongeedhaan baramaa kan dhufte xumura bara 1950n irraa eegalee akka ta’e ragaaleen ni mul’isu. Yeroo ammaa kana ammoo wayita bosonni biyyattii manca’ee balaaf saaxilamaa jiruudha.
Baroota 1950n dura uwwisi bosona biyya keenyaa dhibeentaa 40 akka ture seenaan dhugaa baha. Kanumaanis Itoophiyaan addunyaarraa Biraaziil, Afrikaarraa ammoo Koongoo qixa dachee bosonaa jedhamuun eeramaa turte.
Seenaan bosona biyyattii kun garuu hedduu ammallee baay’ina lakkoofsa ummataa waliin walqabatee uwwisi bosona biyyattii dhibeentaa 40 irraa gara dhibeentaa sadiitti sigigaachuuf dhaloota tokkollee hin lakkoofsisne. Wayita ammaa garuu gara dhibbeentaa 15tti guddateera. Sababa kanaan egaa biyya ongeefi gadadoo taatee eeramuunis kan dhufe.
Uwwisa bosona biyyattii kana deebisuuf garuu yeroo baay’ee biqiltuu dhaabuun yaalamaa tureera. Keessumattu bara dargii duula misooma magariisaa jedhamurratti ummanni keenya kallattii maraanuu biqiltuu akka dhaabu godhameera.
Duula taasifame kanaan gaarreewwan qullaatti hafan, sululawwan lolaadhaan biyyoon isaanii dhiqamu heddu keessatti biqiltuun dhaabamaniiru. Bosona dhaabate kanaaf ammoo qonnaan bulaan abbummaadhaan kunuunsee akka guddisu itti gaafatamummaan itti kennamee ture.
Yeroo mootummaa ce’umsaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaan lafa walsaamuuf jecha bosona kununfamaa turetti duuluudhaan akka manca’uuf sababii ta’uusaatti ongeen hamaan uumamaa ture. Ongeen kun biyya teenyatti waggoota kudhan keessatti al tokko waan mudatuuf barkumee sababeefachuudhaan duula taasifameen bara 2000 irraa kaasee ji’oota gannaa waggaa waggaan biqiltuun akka dhaabamu ta’eera.
Haata’u malee Ministirri Muummee mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad bara darbe sadarkaa biyyaaleessaatti sagantaa ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuutiin jalqabameen ummanni marti hirmaachuutiin biqiltuu biiliyoon afur dhaabameera.
Sagantaan kun waggaa afur keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf kan karoorfamee yoo ta’u, baranas Caamsaa 28 bara 2012 ministirri muummeen magaalaa Hawaasaa, gaara Taaborirratti biqiltuu dhaabaniiru.
Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas godina Kibbaa Lixaa Shawaa naannawaa magaalaa Walisootti sagantaa kana eegalsiisaniiru. Sagantaa kanarratti hoggantootni olaanaa naannichaas hirmaataniiru. Akksaumas Kantiibaan ittaanaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa abbootii amantiifi miseensota kaabinee waliin ta’uudhaan biqiltuu dhaabaniiru.
Akka karoorri barana bahe mul’isutti ganna kana keessa guutuu biyyattitti biqiltuun hundee biiliyoona shanii ni dhaabatu jedhameeti eegama. Hawaasni keenyas magaalaafi baadiyyaa kan jiraatan sagantichi fiixaan akka bahuuf mataa mataadhaan dalaasaafi qe’ee isaatti biqiltuu akka dhaabu dhaamsi darbeera.
Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ummanni akka kanaan duraa mukeen bosonaa keessatti dhaabatan qofa osoo hinta’iin kuduraafi fuduraa dabalatee muduraalee nyaataaf oolan dhaabuudhaan nyaataan mataa ofii danda’u akka qaban ibsaniiru.
Hawaasni keenya hubannoo vaayirasii koronaarraa ofeeggachaa dhibicharraa of baraaruu qabu jechuudhaan dhaabbileen fayyaa hoggantoonni naannoleefi bulchiinsotni magaalotaas kana caalaa ummata dadammaqsuu qabu.
Hawaasnis keenyas biqiltuu dhaabuun hundarra lubbuu ofii haaromsuu ta’uusaa hubachuun isarra jiraata. Kanaaf xinnaa guddaan fiixa bahiinsa duulichaatiif walta’uudhaan dirqama lammummaa irraa eegamu bahachuun murteessaadha.
Tashoomaa Qadiidaatiin
7 Comments to “Biqiltuu dhaabuun lubbuu ofii haaromsuudha”