Osoo qonnaan bulaan umriisaa guutuu omishu motor saaykilii ykn doqdoqqee hinbitanne; faddaalli ykn dhaadhessaan/ faddaalli gaafa lafti qotamu hinbeekne, shunkurtiin dhaabamu quba hinqabne, qorichi biifamuufi aramamu daboo itti hinbaane guyyaa gurgurtaa qofa suufii uffatee dhufee abbaa itti ta’a.
Namtichi ittidadhabee geesse, yeroo dhaadhesichi/faddaaltichi gatii ittigurguramuu qaburratti murteessu taa’ee ilaaluun ala filannoo dhabee ofiisaafi waan ta’aa jirus taajjabe.
Jalqabaa hamma dhumaatti kophaasaa itti dhama’ee kan geesse abbaan qabeenyichaa, waan dhaadhesichi/faddaaltichiifi daldaltichi murteessan fudhachuu baannaan immoo rakkoon isa eeggatu salphaa miti.
Gatii isaan murteessaniin gurguruu dinnaan lagannaa ykn qoqobbii irra kaa’anii daldalaan tokkollee akka isarraa hinbinne ittimurteessu.
Qonnaan bulaan shira dhaadhessitoota/faddaaltotaafi daldaltootaa keessa gale jechuun immoo omishnisaa maasaarratti nama irraa kaasu dhabee tortoruuf deema jechuudha.
Kana jechuun immoo qonnaan bulaan waan qabu itti fixatee shunkurtaa sana geeffate kasaaree harka qullaa galuuf dirqama.
Gaafas erga omishatee gurguruu dhabuudhaan omishnisaa jalaa tortoree bade, lafumasaa sanuu nama biraatti (abbaa qabeenyaatti) gurguratee harka maratee taa’uuf dirqama jechuudha.
Kun immoo rakkoolee walxaxoo biraatiif isa saaxiluunsaa immoo waan hinoolleedha.
Shiraafi daba dhaadhessitoonni/faddaaltonni omishtoota kuduraafi muduraarratti raawwachaa jiran kana jalaa ba’uuf immoo filannoon isaan qaban tokkoofi tokko qofa. Innis iddoo jiranitti gurmaa’anii, omishasaanii bifa gurmuu qabuun gabaa barbaadanii ofiisaaniitiif dhiheessuudha.
Faayidaan waldaaleefi yuniyeenotaa irra jireessaan namni hubachuu danda’us nama rakkoo akkasii keessa darbeedha.
Kanaaf immoo fakkeenyi guddaan haala hundeeffama yuniyeenii waldaa kuduraafi mudura Maqii Baatuu ilaaluun qofti gahaa ta’a.
Miidhaa dhaadhessitoonni/faddaaltonni omishtootaafi qonnaan bultootarraan gahaa jiran ammas kan hindhaabbanne ta’uu kan himan Daarikterri Olaanaan Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Ahmad Sa’id, yeroo amma kudurri dhabame jedhamee gatiinsaa hedduu qaala’e kanattis qonnaan bulaan oyiruurratti gatii bushaadhaan gurguraa jiraachuu ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin ni eeru.
Qonnaan bulaan gatii xiqqaa ta’een daldaltootatti akka gurguratuufi erga magaalota guguddoo ga’ee booda gatii olaanaadhaan akka deebisanii gurguran gochuu keessatti shoorri olaanaan kan dhaadhessitootaa/faddaaltotaa ta’uus ni dubbatu.
Akka ibsa Obbo Ahmaditti; qonnaan bulaafi gabaan kallattiidhaan osoo walhinargin fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun ulfaataadha.
Omishtoonni dadhabbiisaaniirraa akka fayyadaman taasisuun kan danda’amu immoo, dhaadhessitoota gidduudhaa baasuudhaan qonnaan bulaan karaa gurmuusaatiin omishasaa kallaattiidhaan gabaadhaaf akka dhiheessu taasisuun dirqama.
Kanumarraa ka’uudhaanis dhiheenya kana Finfinneetti giddugaloota gabaa babal’isaa jirra jedhan.
Yeroo ammaa kanatti giddugalootni ykn bakki gurgurtaa gabaa
omishaa qonnaa yuniyeenotafi federeeshinota
waldaalee hojii gamtaatiif kutaalee shan keessatti hojii eegalaniiru.
Bakki gurgurtaa omisha qonnaa ykn giddugalli gabaa kun gurgurtaa omishaa qonnaa si’eessuu cinaatti,
ittifayyadamtootaaf gatii madaalawaa ta’een kan dhiheessuufi kanaanis rakkoo qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu
keessatti shoorri inni taphatu olaanaadha.
Waldaaleen giddugaloota kanneeniitti omishasaanii dhiheeffatanis
kana hubatanii miseensotasaanii qofa
fayyaduuf osoo hintaane, bulchiinsa magaala Finfinnee keessaattillee gabaa
tasgabbeesuu akka kaayyoo tokkootti qabatanii hojii keessa galuu akka qabaniidha
Obbo Ahmad kan dubbatan.
Bakki Gurguurtaa gabaa omishaa qonna hojii eegalan kunniinis kutaalee Magaalaa
Aqaaqii Qaallittii, Eekkaa, Boolee Sammiit, Addis Katamaa, Araadaafi Nifaasilki
Laaftootti yemmuu ta’u, dabalataanis kutaa magaalaa sadii keessatti yeroo dhiyootti
giddugalootni walfakkaatan qophaa’anii tajaajila kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti; omishootni akka xaafii, qamadii, shumburaa, misiraafi kanneen biroo hedduu yeroo ammaa giddugaloota kanneenitti dhihaachaa kan jiru yemmuu ta’u, gatiinsaas kanneen iddoo biraatti dhihaatan irra fooyya’aafi madaalawaadha.
Kuduraafi mudurri daldaltootni karaa dhaadhessaa/faddaalaatiin bitanii gurguran biratti heddu qaalii ta’es giddugaloota kanneen biratti gatii xiqqaadhaan fayyadamtootaaf dhihaachaa jira.
Akka fakeenyaatti yoo fudhanne paappaayyaan oyruurratti gatiin ittigutguramu qarshii afuri. Finfinnee ga’ee daldaltoota biroo biratti qarshii 25tti gurgurama. Gara giddugaloota waldaaleen kunniin itti dhiheessaniitti yemmuu dhufte garuu birrii 10 qofatti gurguramaa jira.
Kuduraafi muduraaleen biroos haaluma kanaan garaa garummaa gatii hedduu waan qabaniif tajaajilamtootni kana dursanii baruu qabu.
Iddoo gurgurtaa omishaa qopheessuu qofa osoo hintaane, barana haala adda ta’een omisha kuduraafi muduraatiif xiyyeeffannoon kenname olaanaa yemmuu ta’u, guddiftuu callaa qofaaf akka naannichaatti qarshii biiliyoona 13 ta’u ramadamuunis kanuma ragaa kan bahuudha.
Dhiheessiin guddiftuu callaas isa yeroo kaaniirraa haala adda ta’een barana dursee gala jira.
Xaa’oo omisha baranaatiif barbaachisu keessaa dhibbantaan 75 dursee bitamee galuudhaan qonnaan bulaadhaaf raabsamaa jira.
Bara kanaaf xaa’oon waliigalaan nu barbaachisu kuntaala miiliyeena 5.5 yemmuu ta’u, hanga ammaatti kan geejjibamee biyya keessa gale immoo kuntaala miiliyoona afuri.
Dambii liqii qonnaan bultootaa qopheessuun immoo hojiiwwan barana omishaafi omishtummaa dabaluun cinatti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjataman keessaa isa guddaadha.
Qajeelfamoonni dambiin kun ittiin raawwatamus qophaa’anii sadarkaa xumuraarra kan jiru yemmuu ta’u, kanaan booda qonnaan bulaanis akkuma warri magaalaa kaartaa manaafi wantoota biroo qabsiisee baankiirraa liqeeffatutti isaanis baankii liqeeffachuu akka danda’an haala kan mijeessuudha.
Kanaan dura qonnaan bulaa osoo xaa’oo, qoricha farra aramaa, sanyii filatamaa, qoricha farra ilbiisotaafi galteewwan qonnaa kanneen biroo fayyadamuu barbaadu rakkoo maallaqaatiin fayyadamuu hafes kana booda waan fedhetti fayyadamee omishachuu akka danda’uufis qajeelfamichi carraa kan uumuudha.
Yeroo ammaa dandeettiin yuniyeenota waldaalee kanneenii sadarkaa dhaabbilee guguddoo kanneen akka daandii xiyyaaraa Itoophiyaatiif omisha kuduraafi muduraa dhiheessuurra ga’aniiru.
Dandeettii omishummaasaanii, raabsaafi waliinga’iinsasaanii dabaluuf immoo kallattiiwwan kaa’amaniifi deeggarsi gama mootummaatiin jiraachuu malu hundi ni taasifamaaf.
Yuniyeenotniifi waldaaleen hojii gamtaa kunniin faayidaa miseensotasaanii qofaaf osoo hintaane, gaafa biyyi rakkattes dursanii kan awwaatan ta’uu kanhiman Obbo Ahmad, weerara dhibee koronaa yeroo ammaa biyyattiis ta’e addunyaa mudate to’achuu keessatti shoorasaanii bahachaa kan jiran ta’uu ibsu.
Sochii ittisaafi to’annoo dhibee koronaa kana keessatti akka naannichaatti taasifamaa jiruuf qarshii miiliyoona 10 ol tola ooltummaadhaan kan arjooman yemmuu ta’u, deeggarsa meeshaalee garaa garaa qarshii miiliyoona lamaa olitti tilmaamamus gargaarsaan kennaniiru.
Yuniyeenotaafi waldaaleen hojii gamtaa kunniin adaduma humnaafi dandeettiisaanii cimsachaa adeemaniin faayidaa miseensotasaanii mirkaneessaa adeemuunis waan eegamuudha.
Wanti guddaan garuu, gaafa kudurri tokko gabaarratti mi’aawe dafanii irraa kaasaa, gaafa bushaa’emmoo irraa qoollifachuun waan hatattamaan sirraa’uu qabuudha.
Garaa garummaan gatii qonnaan bulaan omishasaa gabaatti ittiin gurguruufi daldalaan ittigurguratu gidduu jirus bal’aa waan ta’eef kunis dhiphachuu qaba.
Magaalaa tokko keessatti, omisha akaakuu tokkoorratti garaa garummaan qarshii 10 kiiloogirama tokkorratti jiraachuun sirrii hinta’u.
Giddugala gabaa kanaan jiraattonni Finfinneefi qonnaan bultoonni Oromiyaa kallatummaan fayyadamoo akka ta’an kan eeran ammoo Hogganaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Obbo Dhaabaa Dabaleeti.
Hojiin qaamolee lameen fayyadu kun cimee akka ittifufuuf tattaaffii eegalamerratti xiyyeeffannaan hojjatama jedhaniiru. Kanaafis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee deggarsa guddaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Federeeshiniin Waldaa Qonnaan Bultoota Oromiyaas jiddugalichi fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessaa qaala’ina gabaas kan tasgabbeessuu ta’uudha kan ibse.
Hoggantuun Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaa Oromiyaa Aadde Askabbarach Balaayneh akka jedhanitti omishni qonnaa jiddugala Magaalaan Finfinnee kenneef kanatti dhiyaachaa jiru keessumaa lammii galii gadaanaa argatuuf faayidaa guddaa kenna.
Yuniyeenicha jala waldaaleen 65 jiraachuu eeranii, kanneen keessaa saddeet qonnarraa gara industiriitti ce’uun warshaalee adda addaa dhaabbachuu dubbataniiru. Hojicha waldaalee hojii gamtaa Finfinneetti ijaaraamanii jiran wajjin kan hojjatan ta’uu eeru; hanga ammaattis omisha qonnaa (xaafii, qamadiifi boqqolloofaa) qarshii miliyoona 22tti tilmaamamu dhiyeessuusaanii himuun.
Haalli amma ittideemamaa jiru fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Manneen baaburaa (wofcoo) Finfinneetti boqqolloon kiiloon tokko qarshii 16tti gurguramaa jiru yuniyeeniinsaanii warshaa daakuu qabutti fayyadamee qopheessuun daakuu boqqolloo kiiloo tokko qarshii 14tti gurguraa akka jirus Aadde Askabbarach akka fakkeenyaatti ibsaniiru.
Finfinneetti banamuun jiddugala gabaa omisha qonnaa gama hundaan faayidaa guddaa akka qabuudha yuniyeenonni akka Luumee Adaamaafi naannawa Haromaayaafaa kan ibsan. Jiddugalli gabaa Kutaa Magaalaa Nifaasilki Laaftoo (Jamoo) hojii eddii jalqabee ji’oota shan ta’e kun abdii fayyadamummaa qonnaan bultoota Oromoo akka ta’es ni dubbatu.
Walumaagalatti, fayyadamummaa omishtootaa mirkaneessuufis ta’ee gabaa tasgabbeessuuf sochiin babal’ina iddoo gurgurtaa omishaa shoora olaanaa qabaata.
Irra jireessaan immoo hanga ammaatti dadhabbii qonnaan bulaatti hirkatanii qonnaan bulaa caalaa fayyadamaa kan jiran dhaadhessitoota/faddaaltota gidduu gabaafi qonnaan bulaatii baasuun dirqama ta’a.
Bayyanaa Ibraahimiin
One Comment to “Giddugaloota gabaa omisha qonnaa Finfinneefi abdii fayyadamummaa qonnaan bultoota Oromoo”