Addunyaarratti akaakuuwwan ispoortii adda addaa kan gaggeeffaman ta’uun ni beekama. Isaan martinuu akkuma amalasaaniitti dirreewwan addaddaafi galmoota filatamanitti kan adeemsifaman yoo ta’u, kanneen keessaa ammoo ispoortiin kubbaa miilaa tokko.
Ispoortiin kun Awurooppaa, Ingilizitti dhalatus dagaagee kan guddate garuu Ameerikaa Kibbaatti jedhama. Sababiinsaas biyyoonni Ameerikaa Kibbaa keessumattuu Biraaziil waancaa kubbaa miilaa addunyaa yeroo shan fudhachuudhaan addunyaarraa biyya duraa ta’uusheeti.
Akkasumas Uraaguwaayiifi Arjantiinaan waancaa kana yeroo lama lama fudhachuudhaan walumaagalatti waancaan kubbaa miilaa addunya al sagaliif ardii Ameerikaa Kibbaa galuusaati. Ispoortii kana abbummaadhaan kan gaggeessu Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (‘FIFA’)n kan hundeeffame ALA bara 1904 yoo ta’u, waajjirrisaa magaalaa guddoo Siwizarlaandi, Zurikitti argama.
Waldaan kun yeroo jalqabaatiif walmorkii kubbaa miilaa kan gaggeesse biyyoota Awurooppaaa Beeljiyem, Deenmaarki, Faransaay, Jarman, Neezarlaandi, Ispeen, Siwidiniifi Siwizarlaandi jidduutti ture. Haata’u malee ispoortichi yeroo gabaabaa keessatti biyyoota addunyaa maraa waliin gahuudhaan dargaggoota ardiiwwan maraa biratti jaalatamaa dhufeera.
Edda Waldaan Kubbaa Miilaan Addunyaa hundeeffamee waggaa 116 kan lakkoofsise yoo ta’u, ammaan tana biyyoonni 211 miseensasaa ta’uudhaan walmorkiisaanii gaggeessaa jiru.
Kubbaan miilaa dargaggoota addunyaa biratti jaalatamaa dhufuudhaan ALA bara 1930 walmorkiin waancaa kubbaa miilaa biyyoota addunyaa akka gaggeeffamuuf kan murteesse yoo ta’u, kanaanis yeroo jalqabaatiif biyyoota 13 jidduutti gaggeeffamuunsaa kan yaadatamuudha. Waldichi cimaa dhufuudha walmorkiin waancaa kubbaa miilaa waggaa afuritti altokko akka gaggeeffamu murteesse.
Adeemsa keessa addunyaarratti jaalatamaa kan dhufe ispoortiin kun miira ummata addunyaa harkisuudhaan ammaan tana kalattiinis ta’u al kalattiidhaan hordoftoota biiliyoona 6.5 olitti shallagaman horachuu danda’uunsaati, kan dubbatamu.
Seera waldaa kubbaa miilaa addunyaatiin kan gaggeeffamu ispoortiin kun, kanaan dura sababii waraana addunyaa tokkoffaatiin bara 1916fi waraana addunyaa lammaffaatiin bara 1940fi 1944 akka qaxxaamuru ta’eera.
Addunyaa maraarratti jaalatamaa kan jiru ispoortiin kun waggootta 76 booddee ammaan tana sababii vaayirasii koronaatiin biyyoonni miseensota waldichaa sochii dhaabuudhaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa isaanii bittinsaniiru.
Waldichis vaayirasii hamaa saayintistootaafi Dhaabbata Fayyaa Adduynyaatiin fala dhabe kun hanga to’atamutti biyyoonni miseensonni isaa sochii wayituu akka hingoone qajeelcha dabarseen addunyaan ispoortii kubbaa miilaa dhaabateera.
Biyyoonni hedduunis galiiwwan ispoonsaraa kan kubbaaniyoota beekamoo addunyaa kanneen akka Totaal, Adiidaas, Pumaa, Naayiki, Emburoofi kkf irraa argatan dhabuudhaan kisaaraa keessa galaniiru. Kanarraa kan ka’e biyyoonni hedduun walmorkiiwwan barana jalqaban addaan kutaniiru.
Kilaboonni beekamoon kanaan dura galii istaadiyoomarraa dolaara miiliyoona hedduu hammaarratan ammaan tana sababii weerara vaayirisichaatiin deeganii taphattootasaanii bittinsaniiru. Kanumarraa kan ka’e ashuraan isarraa argamu dhaabachuusaatti galiin biyyootaas waan haphateef lammiileen hedduun rakkina keessa galaniiru. Rakinni kun kan addunyaa maraa ta’uusaatti biyyi teenyas sochii kanarraa dhaabateera.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waggaa waggaadhaan shaampiyoonaawwan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii, liigii biyyaalessaa, kan naannolee, kan dubartootaafi dargaggootaa gaggeessaa turus kan baranaa sababuma kovid 19n addaan citeera.
Haata’u malee taphatoonni kilaboota kanneenii jireenyisaanii galii kilabootarraa argamu dhaabachuusaatti ofiifis ta’u maatiinsaanii rakkina guddaa keessa galaniiru. Sababii galii dhaburraa kan ka’e kilaboonni tokko tokko diigamuuf qarqararra gahaniiru.
Barana osoo akka durii ta’e yeroo ammaa kana shaampiyoonaawwan adda addaa, konfiransiiwwan ispoortii, leenjiiwwan biyyaa keessaafi alaa ni gaggeeffamu ture. Haata’u malee osoo hinbeekamiin dhibeen koronaa akka abidda saafaa tasa ka’uusaatti sochiin karoorfame fashalaa’eera. Biyya keenyaatti shaampiyoonaa kubbaa miilaarratti hirmaachaa kan jiran Bulchinsi Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee kilaboota naannolee afurii ta’uunsaanii kan yaadatamuudha.
Naannolee kanneen keessaa Oromiyaan liigii piriimeerii, liigii biyyaaleessaafi shaampiyoonaa naannoleerratti kilaboota hedduu hirmaachisaa turaniiru. Ammaan tana sababuma rakkoo kanaan sochiin dhaabachuusaatti kaffaltiin mindaasaanii dhaabateera.
Komishinarri ittaanaan Komishinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Fissahaa Gabramikaa’el Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, koviid-19n walqabatee galiin kilabootaa kallattii maraanuu waan dhaabateef rakkina guddaa keessa galaa jiru. Kilaboonni naannoo Oromiyaas ta’u akka biyyaalessaatti hundaa’uun hirmaachaa jiran martuu socho’aa kan jiran bajeta mootummaatiin turee jedhan.
Bajatni bara 2012 ramadame kilaboonni akka itti fayadamaniif kan yaadame yoo ta’u, kanumaafis komishiniinsaanii mindaan taphattootaa akka kafalamu dhiibbaa gochaa jiraachuu himaniiru.
Dhimmuma kanarratti kilaboota naannichaa kan magaalaa Sabbataafi Jimmaa Abbaa Jifaar bilbilaan gaafachuuf yaaliin goone nuuf hinmilkoofne.
Tashoomaa Qadiidaatiin
4 Comments to “Ispoortii kubbaa miilaa koronaan rukute”