Heerri hiikamuuf jiru hiika qabaachuu qaba

Afoolli dubbii mi’eessa, dubbii fida, dubbiis fixa ykn guduunfa waan jedhamuufan afoolaan  jalqabee na oofkalchaa. Dur dur bara heerri guutummaatti barreeffamaan hinturretti namoonni mala aadaatiin walbulchaafi dubbii walii waliisaanii xumuraa turan.

Adeemsa mala aadaatiin walbulchuufi dubbii xumuruu keessatti shoorri jaarsolii biyyaafi abbootii Gadaa olaanaadha.Yoo dhimmichi cimaa ta’e ammoo duudhaalee gara garaa  kannneen akka kakaatiin hiika argachaa ture. Bara sana keessa namoonni lubbuu baasan kakaadhaan ykn ammoo ragaa isaan irratti bahameen adabamaa turan. Yakkamaanis jaarsa biyyaatiin yoo araaramuu baate gara mana seeraa akka deemu taasifamaa ture.

Seera ittiin bulmaata aadaa keessatti keeyyatoonni yakkamtoota ittiin adaban sirnaan barreeffamaanii waan hinjirreef yakkamtoota tokko tokko adabuurratti hanqina qabaachuu mala. Kanarraa kan ka’e bara durii keessa barmaata yaraa tokkotu ture. Innis namni lubbuu baase ykn ajjeese dhaddachatti dhiyaatee wayita falmu gocha /yakka raawwate amanuudhaan seexanatu nadogoggorse yoo jedhe bilisa ba’a ture jedhama.

Yeroo sana  keeyyatni yakkaa, seexanni ittiin adabamu waan hinjirreef jaallatee osoo hintaane seexanatu isa dogoggorse maqaa jedhuun bilisa bahaa waan turameef lubbuu baasuun akka yakka salphaatti ilaalamaa ture..

Jijjiirama baraafi sirnoota gara garaa booda yakkoonni keeyyata adabbiitiin hinhammatamne guutamaa, hiikamaa, fooyya’aa dhufaniiru. Kun akka ta’u kan taasise ammoo haala yeroo lammiileefi addunyaan keessa jirtuudha. Jiraachuun heeraa kun namoonni bishaan qal’ate jedhanii daangaa akka walitti hindabarre, walkabajanii akka jiraatan, hariiroon waloosaanii akka hinboorofne, rakkoon yoo mudates ija  madaala seeraan akka hiikkataniif furmaata ta’eera.

Kuni ta’us rakkoo haala yeroo waliin mudatuun walqabatee heeronni tokko tokko hiikaa kan barbaadan yoo ta’u, keessumattuu yeroo dhukkubootni daddarboofi  balaan uumamaa mudatan kan hiikaman ta’u. Har’as weerara vaayirasii koronaatiin walqabatee filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan dheerachuuf walqabatee heera hiikuurratti beektotaafi hayyoota seeraa waliin marii bal’aan adeemsifamaa jira.

Adeemsa heera hiikuuf taasifamaa jiru kanarratti ilaalcha lamatu calaqqisaa jira. Inni tokko ajandaa siyaasa dhokataa mootummaan umrii aangoosaa dheereffachuuf taasisuudha kan jedhuudha. Inni lammaffaan ammoo heerichi hiikamuu hinqabu, filannoon yeroosaa eeggatee gaggeeffamuu qaba jechuun karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf siyaasa  dhokataa adeemsisuudha.

Kan ta’es ta’us weerara vaayirasii koronaatiin walqabatee haalli biyyi keenyas ta’e addunyaan keessa jirtu daran yaaddessaadha. Weerara vaayirasichaarraa lammiilee baraaruuf adeemsi heera hiikuufi filannoo dheeressuuf taasifamaa jiru dirqama fakkaata.

Dhimma kanaan walqabatee mootummaan biyya bulchaa jiruufi paartiileen morkattootaa hedduun darbuu filannoorratti kan walii galan yoo ta’u, kan mormanis jiru. Warreen ejjennoo  filannoon darbuu hinqabu, vaayirasichaaf of eeggannoo taasisaa filannoo gaggeessina jedhanis mootummaan ummataan filatame akka jiraatuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu gaafachaa jiru.

Yaadichi sirrii ta’us haala yeroo Itoophiyaan keessa jirtu kanaan filannoo gaggeessuuf yaaluun hawaasa hinjirrerratti muudamuuf yaaduudha.Yoo hawaasni vaayirasii kanaan du’ee dhume eenyu hoogganuuf filatamu laata? Ejjennoon gama kanaan jiru faaydaa lammiilee giddugaleessa kan taasifate miti. Fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha filannoo gaggeessuuf yaaluun  gu’aa elmachuuf yaaluudha.

Rakkoo gama kanaan mudate jalaa lammiilee baraaruuf filannoo dheeressuun akkuma jirutti ta’us hiikaa heeraa kennamuuf jirurratti hojiin hojjetamu hiika qabeessaafi kan lammiileen irratti waliigalan ta’uu qaba. Kana malees kan heera hinfaalleessine, sirna federaalizmii sabdaneessaa waliinis kan wal hindhiinne ta’uu qaba.

Paartiileen morkattootaa hedduun yeroon filannoo dheerachuutti kan waliigalan ta’us, hiikaa heeraaf kennamuuf jirurratti shakkiin akka jiru kaasaa jiru. Surreen ykn kofoon ofitti safaranii hodhatan isa kaaniif gabaabachuu, dheerachuu, dhiphachuu ykn bal’achuu waan danda’uuf haala qaama keenyaatiin osoo hintaane hojjaa hundumaa keessummeessuu kan qabu ta’uu mala. Hiikaan seeraa kun fedhiifi hawwii paartii tokkoo qofa giddugaleeffatee kan deemu yoo ta’e, waljifannaa fiduun rakkoo nageenyaa qaqqabsiisuu mala.

Hiikaan heeraa kana ilaalchisuun qaamoleen lammiilee biyyattii  weerara vaayirasicharraa  baraaruuf socho’an akkuma jiran kanneen hiikaa heeraa iftoomina hinqabneen ergaa siyaasaa dhokataa milkeeffachuuf socho’an kan jiran ta’uunis dagatamuu hinqabu. Hunduu itti fakkeessee dhadhaa of fakkeessee summii waldibuu waan danda’uuf safeeffachaa, dhaggeeffachaa tarkaanfachuun barbaachisaadha.

Dhukkubni jaalalaa yoo nama qabu fakkeessanii, cigoon ergaa ofii dabarsaa dhimma bahatu. Hiikaan heeraa kunis akkasuma ta’uu waan danda’uuf ija ogummaatiin ilaaluun gaariidha.

Walumaagalatti, hiikaan heeraa kennamu akkuma bara durii lubbuu baasanii dhaddacha duratti dhiyaatanii seexanatu na dogoggorse jedhanii bilisa bahan ta’ee akka hinargamneef yaadaafi ilaacha madaalawaa sirna federaalizmii sabdaneessa giddugaleessa taasifachuun hayyootaa seeraatiin madaalameefi qeeqamee hojiirra oolu qaba jedha. Dubbistoonni dhimma kanarratti yaada dabalataa ykn addaa qabdan asumarratti gumaachuurraa duubatti hinjedhiinaa.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

5 Comments to “Heerri hiikamuuf jiru hiika qabaachuu qaba”

  1. Pingback: play cornhole

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *