Maalummaa afoolaa yunivarsiitittan dhagahee; baradhe. Amma afoolli maali? jedhee gara hiikasaatti hin seenu. Seenus keessaa bahuun rakkoo waan ta’eefi. Garuu gosawwan afoolaa keessaa mammaaksa ilaalchisee yeroo hunda yaada tokkotu sammuutti na dhufa; waan barsiisaan keenya kutaa keessatti waggaa soddoma dura nutti hime. Barsiisan kun dhalootaan nama gara Harariiti. Afaan Oromoo loqoda Harar sirriitti beeka.
Garuu dhalootaan Oromoo natti hin fakkaatu. Waa’ee mammaakaa yoo kaasu jiraattota Harargee kan inni ‘qottuu’ jedhuun (‘qottuun’ maqaa jarri Oromoo gargar ittiin qooduuf Oromoota gara bahaatiif moggaasanidh) osoo maqaa hin dhahin bira hin taru. Mammaaka Oromoota Harargee garmalee ajaa’ibsiifata ture. Wantisaan mammaakan hiikoo falaasamaa guddaa akka qabu nutti himu ture.
Barsiisaan kun hayyuu biraa wajjin ta’uun mammaaksa kana walitti qabanii qorachuun Joornaalii Qo’annoo Xoobbiyaa ‘ Journal of Ethiopian Studies’ jedhurratti maxxansiisuusaa nan yaadadha. Namni kun jechi amaariffaa ‘ቋንቋ’ jedhu jecha Afaan Oromoo ‘qoonqoo’ jedhurraa dhufe jedhee nama falma ture.
Anillee ergasii as yaadni nama kanaa sirriitti naaf gale. Dhugumaayyuu gadi qabanii yoo qoratan jechoonni Oromoo hiika yaada gadifageenyaa akka of keessaa qaban hubatama.
Akkuma weellisaa kabajamaa Alii Birraa jedhe hiibboofi mammaaksi ummata kanaa waraabamee hin dhumu. Yaadrimeen isaaniis kan falaasama guddaa of keessaa qabaniifi ilaalcha ummata kanaa calaqqisanidha, kan falaasama ummanni kun addunyaa ittiin mil’atuufi ittiin hubatu of keessatti haammatu. Dubbiin akka sammuu namaa seentu yoo barbaadan mammaaksaan koobu; silaahuu mammaaksi koobaa dubbiiti kan jedhanis isaanumaa mitiiree?
Haalli Oromoon yaadrimeewwan hiikoonsaanii cimtuu ta’an ittiin dabarfatu mammaaksa qofaa miti. Sheekkooniifi durduriin isa biraati, kan yaadrimee tokko ittiin daa’ima ykn nama guddaas barsiisan. Jechoonni (sayings) hedduun hiika gadifagoofi falaasama ofkeessaa qaban madda qorannoo saayinsaawaa ta’uu ni malu.
Anis jechoota kanneen keessaa har’a jecha ‘bunaaf nagaa hindhabinaa’ jedhu ilaalufin yaala. Jecha kan daa’imummaa kaasee dhagahaan guddadhe. Namaan maaliif buna hin dhabinaa jedhama? Maaliif nagaan hawwamaaf? Jecha kana keessasaa osoo diiganii ilaalanii maal irraaa hubatu? Mee haala jiruufi jireenya ummata kanaa waliin walqabsiisaa walumaan ilaalaa haa deemnu.
Gara Tuulamaa kanatti. (Shawaa jechuu hin barbaadne.) Keessummaan yoo karaatti namatti dhufe ykn dallaarraan nama waamee dura nagaa walgaafatu; nagaa Waaqayyoo. Hubadhaa; nagaan kan namaatii miti jechuudha; kan Waaqayyooti malee. Isaan booda namni mana dhihoo ‘goraa buna’ dhugaa jedha. Yoo dallaarraan kan waldubbisan ta’e abbaan qe’ee ‘seenaa buna dhugaa’ jedha. Midhaan nyaadhaa; bishaan dhugaa hin jedhamu; midhaan nyaachuufi waa dhuguun booda jiraatullee. Kan jedhamu ‘ buna dhugaadha’. Keessummaan ykn goree buna dhugee eebbisee deema; ykn osoo buna hin dhugiin eebbaan darba. Maal jedhee? “bunaafi nagaa hin dhabinaa. Mana jabanaan dhaabate nageenyi haa dhaabatu.” jechuudhaan. Inni goree buna dhuges haaluma kanaan eebbisa.
“Bunaaf nagaa hin dhabinaa“gaafa jedhamu salphaa fakkaata; waan guyyaa guyyaan dhageenyuuf. Garuu mee yeroo xiqqoo fudhadhaatii jecha kana gadi fageessaa ilalaa. Maaliif midhaan hin dhabinaa hin jenne? Maaliif horii hin dhabinaa jechuu dhiisanii buna filatan. Nageeny hoo maali? Nagaa argachuufi dhabuun akkamitti ilaalama? Nagaa keessoo ofii- nagaa sammuufi nagaa lubbuu (peace of mind & soul ?) Nagaan hagam nama dhuunfaatii barbaachisa?
Nageenyi hawaasa naannawaa ofitiif hiikoo maal qaba? Nagaan biyyaaf maali? Kun hundi jecha ‘nagaa’ jedhu kana keessatti argama. ‘Nagaa hin dhabinaa’ jechuun hiiknisaa hanga galaanaa akka bal’atu; hanga cirrachaa akka baayyatu jecha kanarraa ni hubatama. Nagaa jechuun jibbarraa (hostility) bilisa ta’uudha. Nageenyi bilisummaa (freedom) dha. Nageenyi jeequmsa (vilonce) irraa walaba ta’uudha; jireenya gammachuu gaggeessuu.
Ummanni kun garaa garummaa nagaa qabaachuufi nagaa dhabuu sirriitti adda baasee beekuu isaallee jecha kanarraa ni hubatama Maatiin nagaa hin qabne maal ta’a? Ollaan nagaa dhabe hoo hanga namas ofis jeequ hubadhaa. Biyyi nagaan irraa fagaate maal taati? Somaalee olla keenyaa jirtu mee yaadan dhaqaa daawwadhaa; Suundaan Kibbaa. Siriyaa waraanaan diigamtee kalaqniifi qaroominnishii biyyoo fi jijjigdoo gamoo jala ooleera. Bunaaf nagaa hin dhabinaa jechuun kanarraa nama baraara.
Jechi kun fedha Oromoon nagayaan jiraachuuf qabu agarsiisa. Ummata ollaasaa waliin nagayaan jiraachuuf fedhii guddaa qabu ta’uusaa mul’isa. Ummata nagaa jaalatu ta’uusaa ragaa baha. Aadaan moggaasaafi guddisaa ummanni kun qaama biraa ittiin ofitti madaqsullee nageenyuma kana mul’isa.
Dubbiin hamtuu taatee yoo lolatti/waraanatti seenee diina booji’e hin ajjeesu. Fuudhatee gala, ofitti moggaasee maatii taasifata. Akka seera addunyaa bara qaroominaa keessa bahetti, nama waraanarratti booji’ame ajjeesuun dhorkaadha. Oromoon garuu duudhaa kana dhalootaa dhalotatti dabarsaa ture, addunyaa qaroomte dura. Namni akka nagaa dhabu waan hin barbaanneef. Isinillee bunaaf nagaa hin dhabinaa.
Afoola biraa kan ilaalcha Ooromoon naagaf qabu calaqqisiisu asumaan xuqee haa darbu. Nama midhaan dhahutti yoo dhufame nagaa eddii gaafataniin booda ‘Oodiin haa baraktu’ jedha.Midhaan dhooftuun baraakaa siif haa argatu ykn barakata soor bara hamaa bahi jedha. ‘Maalumaafuu ilaalcha( world outlook) Oromoon addunyaa kanaaf qabu jecha kana keessatti hubadhaa. Hayyonni dhimma kanarratti kana caala jechuu danda’u. Maaluumaafuu ‘ qe’een Oromoo har’as borus nagaa hin dhabinaa. Ameen!
Nagaan waan hunda dursa. Kanaafan dura aanse malee jecha ‘bunaaf nagaa hin dhabinaa’ jedhu keessatti bunnis jecha hiika bal’aa qabudha. Bunni Oromoof maali? jettanii gaafattanii beektuu? ‘Buna hin dhabinaa’ maaliif jedhama laata? Waan kana baayeen of gaafadhe. Namas gaafachuuf yaaleera. Osoon gaggaafadhu waa lama arge. Tokko afoola re’ee Kaaliid isa Jimmaa biyya Abbaa Jifaar Coocee jiruudha.
Kan biraa durdurii barreessan ‘Bartels’ jedhamu Oromoorraa dhagahe jedhee barreesseedha. Kana bira darbee ija buna duudaa dhadhaadhaan affeelanii qalan sun, buna qalaan, nyaata qofa jedhamee kan fudhatamu miti. Bunni danfisanii dhuganillee araada qofaa irra taree hiika of danda’e qaba. Mee waan tokko tokko qola keessaa baasnee haa ilaallu.
Afoolli tokko buna kan argitee namatti agarsiiste re’ee nama Kaaliidi jedhamuuti jedha. Afoola kana Jimma keessatti dhagahuun haaraa miti.
Kan biraa falaasama Oromoo kallattii lixaa warra buna biqilchaniiti. Akkas jedha; akka hayyuun ‘Bartels’ jedhamu barreessetti. “Waaqatu nama uume. Akkuma Addaamii fi Hewaan ykn Adamii fi Hawwaa sana namni kunis dogongore; Waaqayyo mufachiise. Waaqayyos itti dheekkamee bira taree deeme.
Yeroo booda Waaqayyo karaa sana yoo deebi’u namichi sun du’ee Waaqayyos reeffasaa argee gaddaan imimmaansaa cobsiise. Bakka imimmaan Waaqaa bu’e sanatti bunni biqile” jedhama. Kanaaf, falaasama Oromoo keessatti bunni Waaqan walitti hidhama; Afuurri Waaqaa akka keessa jiru mul’isa.
Gama kanaan yoo ilaalame bunni nyaata qofaa miti. Bunni ija mukaa dhuganii araada ittiin bahan qofas miti. Bunni qoricha ta’ullee hiikoonsaa kana biras ni darba. Muka bakka imimmaan Waaqaa bu’erraa biqileedha.Waaqayyommoo uumaadha; nagaadha, fayyisaadha jedhamee fudhatama. Kanaaf ‘bunaafi nagaa hindhabinaa’ jechuun afuura Waaqayyoo hin dhabinaa jechuu ta’aa laata?
Buna qalaanillee, aadaan oromoo beekamaan; buna nyaataaf oolchuu bira taree hiika nagayaa, hawaasummaafi amantaa waliin walqabatu keessa jira. Gaafa bunni qalamu nagaatu waliin kadhatama. Waaqatu waliin kadhatama. Oromoon gaafa ayyaana bulfatu bunaan milkii akka ilaallatus dhgaheera.
Yeroo sagantaa ayyaanaa kana akkuma buna qalaa sana ijji buna duudaa akaayamee dhadhaatti naqamee coocoo keessatti ayyaantuun ilaalama ykn dubbifama. Buna ija sagal warri jedhan ni jiru. Tokko keessaa mootiidha. Kuun itti marsee Isa kanatu dubbifamee milkiin nama sanaa himamaaf. Gama kanaan bunni ija mukaa milkiin ittiin dubbifamuudha. Kun falaasama milkaa’uufi milkii dhabuuti jechuu danda’amaa laata?
Gama biraan bunni dinagdee bakka bu’uu danda’a. Akka ammaa kana osoo alatti erguun hin jalqabamin daggalaa keessaa guuramee kan gurguratee ykn midhaan geeddaratee itti fayyadama, yoo mataan nama dhukkubellee bunni qorichamanas ho’isa, dubbii mi’eessa.
Bunni hawaasummaa ni cimsa ,buna dhugaa dhimma hawaasummaasaaniirratti mar’atu. Furmaatas ni barbaaduuf. Kanaaf Oromoon buna hin dhabinaa jechuun buna afuura Waaqayyoo, milkii, dinagdee jireenya hawaasummaa wajjin walqabsiisee waan ilaaluufi. Har’as borus waaqayyo Oromoo bunaaf nagaa hin dhabsiisiin jenna.
Akka waliigalaatti jechi kun yaada, falaasama, akkasumas ilaalcha Oromoon addunyaaf qabu agarsiisa. Calluma jedhamee buna dhugaa yoo jedhame bunaaf nagaa hin dhabinaa hin jedhamu. Ogeessonni qo’annoo guddaa osoo irratti taasisanii guddaa natti tola. Anillee hanga beekumsaafi humna kiyyaa itti deemuun yaada.
Akkuman seensarratti kaase jechoonni Oromoo falaasama hedduu of keessaa qabu. Garuu qoratamanii addunyaatti hin baane. Sirna gadaa wajjin falaasama siyaasaafi dinagdee akkasumas hawaasummaa guddaatu jira. Buna qalaa keessa falaasmani cimaa waan jiruuf dhawata dhawataan addunyaatti gadi bahee mul’achuunsaa hin oolu.
Isinillee bunaafi nagaa hindhabinaa. Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Siidaa yaadannoo Kaaliid kan mooraa Yunivarsitii Jimmaatti argamu
2 Comments to “Bunaafi nagaa hindhbaniinaa”