Godina Arsiitti teknolojiin boqqolloo sararaan facaasuu hojiirra oolaa jira

Omishaafi omishtummaan qonnaa akka dabalu taasisuun guddina dinagdee Itoophiyaa si’eessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Omishaafi omishtummaan qonnaa dabaluu kan danda’u ammoo imaamata misooma qonnaa teknoolojiin deggerame fayyadamuufi sirriitti hojiirra oolchuudhaani. Haaluma kanaan Godina Arsiitti, teknolojii boqqolloo sararaan facaassuu hojiirra oolchuudhaan qannaan bulaa fayadamaa taasisuuf hojetamaa  jira.

Qonnaan Bultuu Aadde Maakiddaa Kabir jedhamti. Godina Arsii, Aanaa Dodotaa Ganda Qonnaan Bulaa Dirree Qilxuu jiraatti. Kan dhalatte bara 1962 yoo ta’u, abbaan warraa isaanii edda irraa boqotanii waggaa afur ta’eera. Ilma tokko qofa qabu. Jireenyi isaanii qonnarratti kan hirkateedha. Aadde Maakiddaan yeroo ammaa boqolloo sararaan fachaasaa jiru. Nus tibana dhimuma daawwannaa hojiif gara aanichaatti wayita imalle qonnaan bultuu kanaafi  biroo  haasofsiifneera.

Adde Makiddaan akka jedhanitti,  teknolojiin boqqolloo sararaan facaasuu kana yeroo jalqabaaf nu qaqqabe. Hojii kanas deggersaafi leenjii ogeessotni qonnaa nuuf kennan irratti hundaa’uun raawwachaa jiru. Abbaan warraa isaanii utuu hinboqotin waggaa dheeraa dhukubsachaa waan turaniif qofaa isaan carraaquun  ilma isaanii guddisaa jiru. Yeroo ammaa lafa qonnaa heektaara lama qaban sanyii filatamaa boqolloofi xaa’oo fayyadamuun sararaan facaasaa jiru.

Naannawaan kun gammoojjii waan ta’eef callaan nuti kanaan dura omisha qonnaa irraa argannu baay’ee xiqqaadha ture kan jedhan qonnaan bultuun kun, barana garuu roobni gaariin waan jiruufi sanyii filatamaa fayyadamuun sadraraan facaasaa waan jiraniif bara dhufu callaa gaarii argachuuf kan abdatan ta’uu dubbatu.

Kanaan dura sanyii filatamaafi xaa’oo bitachuuf yeroo dheeraa nu  fudhata. Sanyii filatamaafi xaa’oo  kan fudhatus abbaa humnaa ture. Ana dabalatee dubartoonni asitti argamnu kunneen yeroo baayi’ee xaa’ofi sanyii filatamaa bitachuuf hiriira gallee harka duwwaa deebi’aa turre. Barana garuu waajjirri qannaa godinichaafi  Dhaabbatni Waldaa Keemteek sanyii filatamaa boqolloo, xaa’oofi keemikaala farra aramaa tola nuuf keenuudhaan omisha gaarii akka arganuuf nu gargaareera jedhu Aadde Makiddaan.

Kanaan dura rooba gannaa qofatti hirkachuudhaan waggaatti yeroo tokko qofa omishna kan jedhan Aadde Makiddaan, dhaabanni hojii bishaanii Koriyaa Kibbaa jallisii nuuf galchuuf  hojiin isaa xumura jala gaheera. Bara dhufurraa kaasnee waggaatti al lama omishuudhaan jiruufi jireenya isaanii fooyyessuuf kan hojjetan ta’uu himu.

kanaan dura hojii qonnaa jigiidhaan hojjechaa turre kan jedhan qonnaan bultuun kun, yeroo ammaa sababa weerara vaayirasii koronaatiin dhunfaadhaan maasaa isaanii irratti bobba’anii hojechaa  jiru. Weerarri kun rakkoo addunyaa mara mudatee jiru waan ta’eef vaayirasicharraa of eeguuf qajeelfama mootummaafi ogeessonni fayaa dabarsan hojiirra oolchaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Obbo Jamaal Huseenis jiraataa ganda Dirree Qilxuuti.  Obbo Jamaal abbaa ijoollee jahaa yoo ta’an, yeroo ammaa maanguddoo umrii 60tti. Kanaan dura ooyiruu isaanii qofaatti qotachaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa qonnaan bultoota naannawaa isaanii 35 waliin ta’uun kilaastaraan qotaa jiraachuu dubbatu.

Gandichuma keessatti dhalatanii guddachuu kan himan Obbo Jamaal, lafa heektaara jahan qaban ijoollee isaanii waliin qotaa jiru. Kanaan dura lafa heektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala 10 argachaa turuu eeranii, barana boqqolloo sanyii filatamaafi xaa’oo fayyadamuun sararaan waan facaasaniif lafa heektaara tokko irraa boqqolloo kuntaala 40 argachuu kan abdatan ta’uu dubbatu.

Dhaabata hojii bishaanii Koriyaa Kibbaatiin Jallisiin laga Qalaxaa irratti hojjetamaa jiru ji’a tokko keessatti nudhaqaba jeneetti abdii qabna kan jedhan Obbo Jamaal, waggaatti yeroo lama omishuudhaan omisha qonnaa gaarii akka argatan kan isaan taasisu ta’uu dubbatu.

Obbo Ahimad Badhaasaas qonnaan bultoota gandichaa yoo ta’an, lafa hektaara lama  qabu. Gandichi sulula keessatti waan argamuuf yeroo baay’ee lolaan dhufee lafasaaniirra cisuun sanyii faca’e jalaa balleessaa ture. Keesumaaa boqqollon naannawichatti facaafamu hojjaan isaa gaggabaabaa waan ta’eef balaa lolaatiif saaxilamaadha.  Akkasumas lafti kun golba keessatti waan argamuuf  waggaa lama caalaa omisha kennuu hin danda’u. Sanyii filatamaafi xaa’oo yuniyeenoota irraa bitachuuf yeroo baay’ee hiriira gallee dabaree Keenya eegannus argachuu hin dandenyu. Waajjirri qonnaafi qabeenyaa uumammaa godinichaa deggersa barbaachisu yoo nuuf taasisuu baate rakkoon keenya hammaataadha jedhu.

Ittigaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo akka jedhanitti, qonnaan bultoonni kunneen kilaastaraan gurmaa’anii sanyii filatamaa, xaa’oofi keemikaala farra aramaa tola akka argatan taasisaa jiru. Aanichi kanaan dura yeroo baay’ee hongeen miidhamuurra darbee waqtii gannaa ammoo maasaan qonnaa bultootaa lolaaf saaxilamuun omishni qonnaa isaanii jalaa miidhamaa ture. Rakkoo gama kanaan qonnaan bultootarra gahaa ture furuuf barana sanyiin boqqolloo filatamaa hojjaan isaa dheeraa ta’eefi ji’oota sadii keessatti dhaqabu tola raabsamuusaas himaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

6 Comments to “Godina Arsiitti teknolojiin boqqolloo sararaan facaasuu hojiirra oolaa jira”

  1. Pingback: mancave
  2. Pingback: sugar high gummies
  3. Pingback: visit homepage

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *