Muuxannoo qooddachaa of haa baraarru

Vaayirasiin koronaa eddii biyya lafaa raasuu jalqabe ji’oonni shan lakkaa’amaniiru. Ji’oota kanneen keessatti namoonni miliyoona 4.5 caalan vaayirasichaan qamananiiru, kumni 300 ol ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.

Biyyoonni balaa vaayirasichi lubbuu namaafi dinagdeerraan gahaa jiru ittisuuf tarkaanfiilee adda addaa fudhataa jiru.

Gama kanaan bulchiinsi Chaayinaa Hubeey, Magaalaan Wuuhaan jiraattota miliyoona 11 qabduufi vaayirasichi yeroo jalqabaatiif itti mul’ate ALA Amajjii 23 irraa kaasee geejiba dabalatee sochii kamuu dhorkte.

Jiraattonnis akka manaa hinbaane dhorkite. Vaayirasichi tarkaanfii ittisaa taasifamu cabsee darbee addunyaarratti babal’achuun lubbuu namoota baay’innisaanii irranatti eeramee galaafate.

Vaayirasichi dursee kan keessatti argame Chaayinaan qorannnoo guyyuu cimaa gochuun, sirna hordoffiifi gabaasaa diriirsuun ummanni waa’ee dhukkubichaarratti hubannoo akka argatu taasisuun gara tarkaanfiin seente.

Ummannis ergaawwan of eeggannoo kennaman fudhatee sirnaan hojiirra oolchuun milkaa’ina biyyattiin galmeessiste keessatti shoora olaanaa qaba.

Muuxannoon Jarmanis yoo ilaalle kan Chaayinaarraa kan fagaate miti. Biyyi ummata miliyoona 83f, kuma 147fi 771 qabdu kanatti namoonni kuma 174fi 975 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, kumni 151fi 700 bayyanataniiru. Kumni torbaafi 928 ammoo du’aniiru.

Biyyattiin namoonni walirraa fagaatanii akka vaayirasicha ofirraa ittisaniif gorsaafi barumsa cimaa kennaa turteetti. Seeronni ittisa vaayirasichaatiif bahanis sirnaan hojiirra akka oolan gochuufi kunuunsa abrbaachisa gochuun hedduunsaanii akka bayyanatan ta’eera.

Biyya keenyattis tarkaanfiin ittisa vaayirachaarratti keessumaa gara jalqabaatti gama mootummaan fudhataa ture daran jajjabeessaa ture. Ummannis hirmaannaa guddaa gochaa turus haalli ammaan tana gama mootummaatiinis ta’e ummataatiin mul’atu waan laafe fakkaata.

Kanaafuu hunduu dagannaafi nuffii keessaa bahee, muuxannoo biyyoota milkaa’anii fudhatee hojiirra oolchuun ittisa vaayirasichaarratti cichee haa hojjetu, gaaga’ama vaayirasichi qaqqabsiisurraas of haa baraarru. Hunduu vaayiracharra ejjetee malee vaayirasichi akka isarra ejjetee darbuuf tasumaa hayyamuu hinqabu.

Recommended For You