Ce’umsi gara inveterummaatti taasifamu utubaa warraaqsa dinagdeeti

Warraaqsa siyaasaa akka Itoophiyaatti waggoota lama dura taasifamaa tureen hubaatiin sochii hawaas dinagdee lammiileefi biyyaarra gahe daran olaanaadha.

Fayyadamummaan lammiilee keessumaa dargaggootaa haalaan mirkanaa’uu dhabuun rakkoo hojidhabdummaa babal’ateen harki waan hojjetee bulu dhabe gara jeequmsaafi hokkoraatti akka deebi’u taasiseera.

Dargaggoonni baratanii eebbifaman hedduun jiruu jireenyasaanii itti fooyyeffatan dhabuun miira hirkattummaafi abdii kutannaa jalatti akka kufan isaan taasiseera.

Hudhaaleen dargaggoootaa daran hammaachaa deemuun walqabatee Itoophiyaan waggoota lama dura dirree jeequmsaa taatee turte.

Harki yeroo sana mootummaa qawween biyya bulchaa turerratti ka’e of duuba osoo hindeebi’een qabsoo hadhaahaaf wareegama qaalii baasusaan biiftuu fooliin dimokraasii itti baatu mul’achuu eegalteetti.

Kufaatii sirna qawween booda mootummaan haaromsaa aangoo qabate fayyadamummaa lammiilee keessumaa kan dargaggootaa mirkaneessuuf humna guutuufi kutannoon sochiitti seeneera.

Keessumattuu dinagdee biyyittii warraaqsa siyaasaan nyaatamee ture deebisanii dandamachiisuu keessatti sochii mootummaan taasisuu cinaatti abbootiin qabeenyaas gahee olaanaa qabu.

Dargaggoota hojidhabeeyyii kumaatama yeroo gabaabaa keessatti hojiitti seensisuun ulfaataa waan ta’eef aadaan hojii uummachuu akka babal’atuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha.

Gaaga’ama dinagdee warraaqsa siyaasaan qaqqabaa tureen Oromiyaan daran hubamtuu waan taateef damee dinagdee kana deebisanii bayyanachiisuuf duulli mootummaadhaan eegalame ittifufuu qaba.

Kunis abbootii qabeenyaa kaappitaallisaanii miliyoona 1.5 ol ta’e gara investimentiitti ceessisuun omishaafi omishtummaansaanii akka dabaluuf hojjetamaa jira.

Akka Oromiyaatti abbootiin qabeenyaa ofiin hojjetanii of jijjiiraa jiran dhaloota haaraaf fakkeenya ta’anii akka  tajaajilaniif kanneen kaappitaallisaanii qashii miliyoona 1.5 ol ta’e gara investimentiitti akka cehan ta’aniiru.

Akka Oromiyaatti abbootiin qabeenyaa 2480 ol gara investimentiitti ce’uun beekamtii investerummaa kan argatan yoo ta’u, warreen kun dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’uun kan tajaajilaniifi carraa hojiis uumaniidha.

Sirna beekamtii inevstimentiitti ce’uu tibbana Oromiyaa keessatti iddoowwan gara garaatti gaggeeffamaniiru.

Sirnicharratti argamuun qonnaan bultoota beekamtiin investerummaa kennameef dubbisne tokko tokko akka jedhanitti, sochiin gama kanaan mootummaan eegale jajjabeessaafi kan cimee ittifufuu qabuudha.

Yuuba Bayyanaa Sanbatoo qonnaan bultoota gara invetimentiitti ce’uun beekamtiin kennameef keessaa isaan tokko yoo ta’an, isaan hojiin kutannoon hojjetamu akka nama jijjiiruu dandahu nama hojiitti hiikaniidha.

Akka isaan jedhanitti ka’umsi har’a gara investimentiitti isaan ceessise kun maallaqa guddaa qabaachuu osoo hintaane mul’ata jijjiiramaa qabaachuusaaniiti.

Yuubni Bayyanaan kanaan dura lukkuu abbaansaanii bitaniif ka’umsa godhachuun horsiisa lukkuutti bobbahuus ni kaasu.

Adeemsa keessa lukkuun sun hortee 600 ol ta’uun gurguratanii qotiyyoo bituun horsiisa lukkuurraa qonnatti fuulleeffatan.

Xiiqiifi onnee jijjiiramaa isaan keessa buleen qonnasaanii cimsaafi babal’isaa rakkinaafi hirkattummaa seenaa taasisuu dubbatu.

Babal’achuu teknolojii wajjin walqabatees qonna ammayyaa oyiruusaaniirratti keessummeessuun callaansaanii daran akka dabalus isaan taasiseera.

Gama kanaanis qotiyyoosaanii gindii saddeet qaban cinatti tiraaktera qonnaa lama bitachuun qonna ammayyaa babal’isaa akka jiran yoo nuu himan midhaan gara garaa omishaa gabaaf dhiyeessaa galiisaanii guddisaa jiru.

Sochii isaan taasisaniifi bu’aa isaan galmeessiaa jiran madaaluun Mootummaan Naannoo Oromiyaa beekamtii investimentiitti cehuu kan kenneef yoo ta’u, jalqabbichi investeroota kumaatama horachuuf kaka’umsa kan uumuudha.

Yeroo ammaattis Yuubni Bayyanaan kaappitaallisaanii qarshii miliyoona sadii ol ta’uu eeruun misooma barnootaa gabbisuufis kolleejjiifi mana barumsaa ijaaraa jiraachii kaasu.

Akka isaan jedhanitti, kolleejjiinsaanii magaalaa Bishooftuutti kan ijaaramaa jiru yoo ta’u, waa’ee sirna Gadaa itti baratama. Kolleejjiin kun bara barnootaa 2013 kaasee barattoota simachuun leenjii kennuu kan eegalu ta’uus eeranii, manni barumsammoo kutaa 1fa-12fa kan barsiisuudha.

Manni barumsaa kunis magaalaa Bishooftuutti kan argamu yoo ta’u, waggaa dhufu kaasee barattoota simachuun hojii baruu barsiisuu eegala.

Akka ibsasaaniitti kunniin hundi bu’aa miira kutannoo hojiif qabanii yoo ta’u dabalataan dargaggootaaf carraa hojii kan banu ta’ee tajaajila.

Dargaggoonni biyyattiis fakkeenyummaakoo kanarraa barachuu malu kan jedhan yuubichi, hojii osoo hinfilatiin xiqqaarraa ka’anii guddachuun ni dandahama miira jedhu nama keessatti uuma.

Yuubni Bayyanaan ijoollee jaha akka qaban ibsuun barnoota idileesaanii cinatti hojiilee gara garaarratti bobba’uun akka of fooyyessan taasisaa jiru.

Eebba dhaabbilee barnoota olaanaan  boodas hojii mootummaa taa’anii akka hineegganneef aadaan hojii uumuufi baruu amma eegalan galtee ta’ee tajaajilaa jira.

Obbo Tasfaayee Badhaadhaas qonnaa bultoota gara investimentiitti cehan keessaa isaa tokko yoo ta’an, qonna salphaarraa ka’uun maallaqa walitti kuufatanii kuduraalee gara garaa omishaa turan.

Gorsa hojjettoota misooma qonnaarraa kennamuuf hojiitti hiikuunis hiyyummaa seenaa taasisaa jiru. Darbees misooma qonnaasaanii kuduraaleerraa gara miidhaaniitti jijjiiruun galiisaanii yeroo yeroon guddisaa jiru.

“Yoo onnatanii hojjetan tulluun hiyyummaa nidiigama, dinagdeenis ni ijaarama” kan jedhan qonnaan bulichi, miira kutannoon hojichatti galuusaaniin kaappitaallisaanii gara investimentiitti akka cehaniif karaa saaqeeraa ta’uu dubbatu.

Yeroo ammaattis waliigala tilmaamni kaappitalasaanii qarshii miliyoona 40 ol ta’uu eeranii, of jalaas hojjettoota humnaa hedduu mindeessuu carraa hojii uumaa jiraachuu ibsu.

Qabeenyi horatamu of qofaaf miti kan jedhan Obbo Tasfaayeen, ofirra darbanii lammiif carraa hojii uumuun gootummaa ta’uu dubbatu.

Dargaggoonni keenya erga dhaabbilee olaanaarraa eebbifamanii hojii osoo filachuu baatan gaariidha kan jedhan Obbo Tasfaayeen, biyyattii keessatti ilaalchi gama filannaa hojiitiin jiru fooyya’uu akka malu kaasu.

Kan barate hundi biiroo mootummaa galee hojjeta jechuun kijiba ta’uullee eeranii, misoomawwan gara garaarratti fuulleffachuun kallattii jijjiiramaa isa guddaa waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala jedhu.

Dhaloonni haaraan sochii abbootiisaarraa argu kana jajjabeessuun qonna ammayyaatiin deeggaramee of ijaaruun dirqama ta’uus ni ibsu.

Biyyi dinagdeen of hinijaarre siyaasaan lafa qabachiisuun kan hindandahmne waan taheef duulli gama misoomaatiin taasifamu cimuu qabaata jedhu.

Mootummaanis dinagdee Oromiyaa warraaqsa siyaasaan laamsha’ee bayyanachiisuuf qonna ammayyaa babal’isaa jira.

Babal’achuun qonna ammayyaa kun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuu keessatti bakka olaanaa kan qabu yoo ta’u, isa kana caalaatti mirkaneessuuf mootummaan naannichaa tumsa gochaa jira.

Sirna beekamtii cehumsa investimentii qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi IMX Oromiyaa, Godina  Shawaa Bahaa, Aanaa  Luumee, Magaalaa Mojootti gaggeffamerratti sochichi mootummaan kan jajjabeeffamu akka ta’es kaasaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dubbii dubbataniin dinagdee warraaqsa siyaasaan laamshahe cimsuuf mootummaan tumsa barbaachisu gochaa jira jedhan.

Keessumattuu dinagdee bayyanachiisuuf sochii taasifamu keessatti tumsa guddaa kan godhu qonna ammayyaati kan jedhanii, damicha cimsuuf deeggarsi taasifamaa jiraachuu eeran.

Qonna ammayyaa babal’isuuf raabsi tiraakteraa, paampii jallisii, sanyii, guddistuu calla gaggeeffamaa jiraachuullee kaasanii, sochichi qonnaan bultoonni kumaatamni investimentiitti akka cehaniif duula taasifamaa jiruudha jedhan.

Sochichi daran akka cimuuf mootummaan qonnan bultoota horsiisee bultootaafi IMX waliin dhaabachaa akka jirus kaasanii, warraaqsichi vaayirasii koronaatiin akka hingufanneef hordoffii barbaachisaan taasifaa jiraachuu ibsan.

Akka ibsasaaniitti warraaqsi dinagdee eegalame milkaahina kan argatuufi qonnaan bulaanis fayyadamummaansaa kan mirkanaahu yoo koronaarraa baraarame waan ta’eef hojiin baraarsaafi hubannoo uumuu cimee akka itti fufu ta’eera jedhan.

Miira kutannnootiin yoo hojjetan hiyyumni akkuma seenaa ta’u hojii hubannoo uumuu babal’isuun hawaasa qonnaan bulaaf yoo birmatame koronaanis injifatama jedhan.

Koronaan hudhaalee damee qonnaa gufachiisuu dandahan keessaa tokko kan jedhan Obbo Fiqaaduun, gorsa ogeeyyota fayyaatiin deeggaramaa fayyaa ofii eeggachaa misooma ittifufsiisuun dirqama taa’uu himaniiru.

Walumaagalatti dinagdee biyyaa raafama siyaasaatiin laamsha’ee ture deebisanii dhaabuuf qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonniifi IMX gara investarummaatti ce’uun abdii kan namatti horuudha.

Kanneen hafanis qonna ammayyaa babal’isuun omishaafi omishtummaasaanii guddisanii abdii biyyaa akka tahaniif tumsi barbaachisu kan taasifamu ta’uus eeranii, dargaggoonnis isaanirraa barachuun dinagdeen of gahoomsuufi of qopheessuun irraa eegama jedhan.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

One Comment to “Ce’umsi gara inveterummaatti taasifamu utubaa warraaqsa dinagdeeti”

  1. Pingback: sex trẻ em

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *