Federeeshiniin Paaraalompikii Oromiyaa wiilcharota magaalotaaf hire

Finfinnee: Federeeshiniin Paaraalompikii Oromiyaa magaaloota Oromiyaa shaniif wiilcharota Kubbaa Kaachoo miidhamtoonni qaamaa ittifayyadaman magaalaa Adaamaatti Kibxata darbe raabseera.
Akka ittigaafatamaan federeeshinichaa Obbo Shimallis Daawwit, Gaazexaa Bariisaatti himanitti, wiilcharonni kunneen kan raabsaman magaaloota Adaamaa, Asallaa, Shaashaamannee, Bishooftuufi Jimmaadha.
Magaalota kanneenif walumaagalatti wiilcharonniii 30n kan kennamee yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii wiilcharota ja’a ja’aa argataniiru. Wiilcharonni kunneenis walumaagalatti baasii qarshii miiliyoona tokkotti akka shallagaman Obbo Shimallis kan mul’isan.
Waldaan Fannoo Diimaa Biyyaaleessaa wiilcharota 40 argame keessaa Federeeshiniin Paaraalompikii Naannoon Oromiyaa magaaloota rakkoo qabaniif iddoowwan ispoortichi bal’inaan itti gaggeeffamuf dursa kennuun raabsuusaas Obbo Shimallis ni addeessu.
Akka ittigaafatamaan kun eeranitti, kaayyoon isaa ispoortii paaraalompikii kubbaa kaachoo bulchiinsa magaalootaafi godinaalee Oromiyaa keessatti babal’isuf akka ta’es himaniiru.
Naannoon Oromiyaa akkuma ispoortii atileetiksiitiin burqaa atileetootaa ta’e ispoorteessitoota miidhamtoota qaamaatiinis beekamaa ta’uuf kan isa ittisu akka hinjirre kaasanii, gara fuulduraattis garagaarsa kun naannooleefi magaaloota Oromiyaatti itti fufas jedhaniiru.
Kibxata darbe Magaalaa Adaamaatti argamuun wiilcharoota kanneen kan kennan obbo Girmaayee Lataa Daarektara Gurmaa’ina Waldaaleefi Geejibaa Oromiyaa ta’unis beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Federeeshiniin Paaraalompikii Oromiyaa wiilcharota magaalotaaf hire”

  1. Pingback: 안전놀이터

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *