Yeroo ammaa kanatti dandiirras deemne, mana keessas teenye, midiyaalee garagaraas yoo dhaggeeffanne, sammuu keenya dabalatee waa’ee koronaa vaayirasii qofa dhageenya, dubbisna, arginas. Kun sodaa addunyaa guutuun, akka biyyaattis ta’e akka nama dhuunfaatti dhukkuba kanaaf qabu irraa kan ka’e ta’uusaa eenyuyyuu tilmaamuu hindadhabu. Dhukkubni kun namoota qabe keessaa baay’ina inni lubbuu dabarsuun osoo hintaane kan inni nama sodaachisu baay’ina namoota inni altakkaatti qabatuurraa kan ka’eedha. Darbees dhukkubni vaayirasii kanaa hanga ammaatti talaalliis ta’e qorichi fayyisu ykn fooyyessuu dhabamuun isaa sodaa namoota kan dabaludha. Maalumaafuu mee waa’ee dhukkuba vaayirasii kanaarra deebinee wal haa yaadachiifnu.
Dhukkubni vaayirasii koronaa (COVID-19) maalidha? Maaliif maqaan COVID-19 jedhu kun kennameef?
Dhukkubni koronaa vaayirasii yeroo ammaa COVID-19 jedhamu kun maqaa COVID-19 jedhu kana kan argate, gabaajee afaan ingiliffaa “Corona Virus Disease 2019 jedhu irraatti. Kun vaayirasiin maqaa sabaafi maqaa biyyaa kam waliinuu walqabatee akka hinkaaneef jechadha. Dhukkubni koroonaa vaayirasii kun addunyaa guutuudhaaf dhukkuba haaraa ta’uusaa irraa kan ka’e waan hedduun vaayirasii kanaa kan beekame qorannoo yeroo gabaabduufi akkasumaan waan ilaalamurraa malee akka dhukkuboota warren kuunii akkaataan daddarbaasaa, akkamiin akka nama galaafatuufi akkasumas amalootni isaa hedduun hinbeekamiin jira. Dhukkubni Koronaa Vaayirasii (corona virus) jedhamu kun durumaan dursee kan argamee fi namoota hedduu kan qabataa ture ta’uun isaa akkuma beekamutti ta’ee, yeroo ammaa kana keessa ammoo akka addunyaatti sadarkaa sodaachisaafi dhala namaa dhiphina guddaa keessaa galchurra akka ga’e beekamaadha.
Dhukkubni ALAtti bara 2003, biyyuma Chaayinaa keessatti ka’ee namoota baay’inaan gara kuma saddeetiifi qabachuudhaan gara namoota 774 lubbuun dabarsuu danda’eera. Vaayirasii Koronaa (corona virus) kan jedhaman gosoota (family) vaayirasii kanneen baay’inaan hedduu ta’aniifi yeroo hedduu bineensota akka gaalaa (camels), loon (cattle), adurree (cats) fi sinbira halkanii keessa jiraatan yoo ta’u, darbee darbee bineensota kanarraa gara namaatti darbu. Bineensota kanarraas gara namaatti kan daddarban karaa hedduu yoo ta’u, horiin manaas ta’e kan alaa erga dhukkuba kanaan qabamee booda: foon dheedhii yoo nyaatan, annaan horii sanii yoo dhuganifi akkasumas, tuttuqqaa kallattiin horii dhukkuba kanaan hubame waliin godhamuun illee gara namaatti darbuu danda’a. Vaayirasiin kun erga namatti darbee booda ammoo nama vaayirasii kanaan qabamerraa gara nama fayyaatti haala salphaadhaan daddarbuudhaan babal’achaa deema. Yeroo ammaa kanattis guutummaa dhala namaa kan sodaafi shoroorka guddaa keessa galche bineelda garagaraarraa namatti darbuun osoo hintaane, akkaataafi saffisa inni namarraa namatti darbuudha.
Dhukkubni koronaa vaayirasii yeroo ammaa kana addunyaa irraan dhiibbaafi sodaa akkamii geesisaa jiraa?
Walumaagalatti dhukkubni vaayirasii koronaa kun biyya mara, saba osoo addaan hinfa’iin gurraachaaf adii, dhiiraafi dhalaa, daa’imaa hanga namoota umriin hedduu raaganitti naatoo tokko malee hubaa jira. Namoota bebbeekamoo addunyaa hoggantoota kilabii kubbaa miilaa, hoggantoota biyyaa, taatota fiilmii beekamoo addunyaafi Kanneen biroo hedduu qabatee jira. Kun ammoo sadarkaa biyyaatti biyyoonni hedduun daandii ittiin walqunnaman akka walirraa cufan, hariiroorratti akka waldhabaniifi walsodaatan taasiseera. Vaayirasiin kun miidhaa inni biyyoota garaagaraa irraan ga’u walfakkaataa miti. Fakkeenyaaf biyya Xaaliyaanii keessatti biyya kamiyyuu caalaa yeroo ammaa kana lubbuun namoota sababa vaayirasii kanaan darbaa jira. Biyya Iraanii fi USA illee hedduu akka hubaa jiru beekamaadha. Namoonni sodaa garagaraa irraa kan ka’e waantoota hineegamne gochaa jiru, Wantoota hinbarbaachifne garagaraa dhukkuba kana nurraa ittisa jechuun nyaachuu, dhuguufi fayyadamuun darbee darbee ni jira.
Dhukkubni vaayirasii koroonaa kanaa mallattoolee akkamii argisiisaa?
Vaayirasiin kun erga qaama namaa seenee booda guyyota 2 haga 8 gidduutti mallattoo argisiisuu eegala. Kana jechuun vaayirasiin kun erga namatti darbee haga guyyaa 8 illee dhokatee utuu mallattoo hinargisiisiin qaama namaa keessa turuu danda’a jechuudha. Qorannoowwan tokko tokko garuu osoo mallattoo hinargisiisin haga guyyaa 14 illee turuu akka danda’an ibsu. Walumaa galatti namoota vaayirasiin kun qaama isaanii seene keessaa haga dhibbeentaa 95 ta’an haga guyyaa 10tti mallattoo argisiisuu eegalu. Vaayirasiin kun akkuma qillensa waliin gara sombaa seenee booda sombaafi qaamolee hargansuu biroo hubuudhaan akka namni sirriitti harganuu hindandeenye taasisa, mallatoolee hedduus argisiisuu eegala. Mallattoolee kanneen keessaa kan yeroo hedduu mul’atan kan akka: ho’iinsa qaamaa (fever), qufaa (cough), qaama caccabsuu (dhukkubbii maashaa), laphee gubaafi mataa dhukkubbii, yeroo tokko tokko ammoo mallattoowwan garaa kaasaa illee argisiisuu mala.
Dhukkubni vaayirasii koroonaa kun akkamiin daddarbaa?
- Akkaataan daddarbiinsa vaayirasii kanaa inni guddaafi kan jalqabaa waltuttuqqaa (contact) namoota dhukkuba kanaan qabamaniifi meeshaalee garagaraa namoonni kun tuttuqan ykn itti fayyadamanii fi nama fayyaa gidduutti ta’uunidha. Namni fayyaanis erga harkaan wantoota kana tuttuqee booda vaayirasii kana harkaan gara afaanii, funyaaniifi afaanii geessuudhaan of qabsiisa. Vaayirasiin kun meeshaaleefi wantoota garagaraa irra akka qorannaan agarsiisutti haga guyyaa tokko ol turee eegee nama fayyaa qabachuu akka danda’uudha.
- Inni lammaffaan ammoo vaayirasiin kun akkuma vaayirasoota sirna hargansuu namaa hubanii kan birootti yoo namni dhukkuba kanaan qabame qufa’u (coughing) ykn haxxiffatu (sneezing) gara nama bira jiruutti darba. Kunis yoo bishaan xixiqqoon afaaniif funyaan nama hubamee kana keessaa ba’ee faca’u, namni Fayyaan ammoo qilleensa waliin gara sombaatti ol fudhatudha. Namni tokko dhukkuba kana kan sirriitti (ciminaan) gara nama biraatti dabarsu yeroo mallattoon dhukkubichaa cimaa ta’ee nama sanarratti mul’atudha.
- Vaayirasiin kunis baay’inaan kan daddarbu, bakka namoonni walitti dhiyaatanii turan akka gabaa, bakka walga’ii, mana barumsaa, geejjiba hawaasaa keessatti fa’i.
Dhukkuba koroonaa vaayirasii kana akkamiin ittisuun danda’amaa?
Akkaataa ittiin daddarbiinsa dhukkuba kamiyyuu yoo beekne akkamiin akka ofirraa ittisnu beekuun salphaadha. Innis akkaataa inni ittiin darbu sanarraa fagaachuufi dhorkuudha. - Akkaataan ittiin dhukkuba kana dhorkan inni jalqabaafi hedduu barbaachisaa ta’e yeroo mara haga dandeenye harka keenya saamunaafi bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 sirriitti dhiqachuudha.
- Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii harka keenya ittiin qulqulleeffachuuf qophaa’e kan mana qorichaa (faarmaasii) kamitti illee argamuu danda’u bitachuudhaan harka keenya sirriitti waliin ga’uudhaan rigachuu.
- Akka carraa haalota armaan olii fayyadamuudhaan harka keenya kan hinqulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga qulqulleeffannutti, afaan, ijaafi funyaan keenya tuttuqquu dhiisuu.
- Nama dhukkuba kanaan qabame ykn naannoo dhukkubi kun argametti mallattoo dhukkuba kanaan shakkame yoo kunuunsinus ta’e dubbisnufi kkf, baay’ee siquu (close contact) dhiisuu.
- Yoo dhukkuba kanaan qabamne ykn mallattoo dhukkuba kanaa ofirratti arginemmoo ala baanee hawaasatti makamuu dhiisuudhaan mana taa’uu, maatii keessa jiraannuufi namoota mana keessa jiraniif ille eeggannoo cimaa taasisuufi mana yaalaa naannoo keenya jirutti deemnee beeksisuudha.
- Yoo dhukkubsanne ykn mallattoo of irratti argine, yoo qufaanu yoo argame maskii ykn haguugguu afaanii godhachuu, dhabamemmoo afaan keenyaafi funyaan keenya huccuudhaan haguugnee qufa’uufi haxxofachuu.
Namni tokko vaayirasii koronaan yoo qabame carraa akkamii qabaa?
Namni tokko dhukkuba vaayirasii koroonaan qabame jechuun du’e jechuun miti. Dhibbeentaan 80 haala salphaa ta’een mallattoo salphaa argisiisuudhaan dhukkuba kanarraa guyyaa muraasa keessatti fayyaa. Namoonni dhibbeentaa 20 ta’an ammoo mallattoon cimaan irratti mul’achudhaan gargaarsa yaalaa barbaaduu danda’u. Haalli cimina dhukkuba kanaa waan gurguddaa lamarratti kan hundaa’u ta’uu ragaaleen amma jiran ni argisiisu. Isaanis umuriifi dhukkuboota biroo dabalataan jiraniidha. Namoonni Umriin isaanii olka’aa ta’e namoota umuriinsaanii xiqqaa ta’an irra caalaa dhukkuba kanaan carraan lubbuun darbuunsaanii olka’aadha. Akkasumas, namoonni dhukkuboota akka dhukkuba sombaa, onnee, HIVfi kanneen biroo qaban illee carraan dhukkuba kanaan lubbuun darbuusaanii kanneen duraan fayyaa ta’an caalaatti olka’aadha.
Maloonni aadaafi nyaatni garagaraa dhukkuba vaayirasii koroonaa kana ni fayyisaa? Ni fooyyeessaa?
Sodaa jiru irraa ka’uudhaan yeroo ammaa kana keessa namoonni dhuunfaafi miidiyaaleen hawaasaa hedduun nyaatni akka qullubbii adii, jinjibilaa, dammaafi qorichoonni dhukkuba biraaf kennaman tokko tokko dhukkuba kana ni fayyisu ykn ni fooyyessu jechuudhaan yoo haasa’amu dhageenya. Haa ta’u malee mala aadaas ta’e nyaatni kamuu dhukkuba vaayirasii kanaa akka hinfooyyessineefi hinfayyisne beeknee gorsa mana yaalaafi ogeessota fayyaa dhaggeeffachuu qabna.
Horaa Bulaa Deebanaa
Fayyaan Faaya
Dhukkubni koronaa vaayirasii yeroo ammaa COVID-19 jedhamu kun maqaa COVID-19 jedhu kana kan argate, gabaajee afaan ingiliffaa “Corona Virus Disease 2019 jedhu irraatti.
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.
7 Comments to “DHUKKUBA KORONAA VAAYIRASII (COVID-19)”