Adeemsaafi jijjiirama siyaasa Itoophiyaa il¬aalchisee xinxaltootni hawaasdinagdeefi si¬yaasaa, akkasumas hayyootni dippilomaasii yaaduma walfakkaataa dhiyeessuurratti ar¬gamu. Kanaanis biyyattiin walitti bu’iinsota eenyummaarratti xiyyeeffatan ittisuutiin, yaaddoowwan jireenyaa hir’isuun, dorgom¬mii siyaasaa fayyaalessa ta’e babal’isuufi tasgabbii uumuutiin egereen biyyattii ab¬dachiisaa akka ta’uuf xiyyeeffannoofi eeg¬gannoo guddaatiin hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa hubachiisu.
Hubachiisni yaaddoo hayyootaa kunis sa¬baba malee miti irra deddeebiin ka’aa kan jiru. Ummatni biyyattii miliyoona 100 ol ta’u gama tokkoon jireenya gadadoo jiraachaa hi¬yyummaa waliin wal’aansoo walqabaa kan jiru yoo ta’u, gama biraan ammoo rakkoolee nageenyaa uumamaa turanirraa kan jiruufi jireenyasaanii haalaan gaggeeffachuuf rak¬kachaa jiran hedduudha. Misoomni guddina dinagdee yeroodhaa yerootti fooyya’insa agarsiisaa jiru garuu guutummaatti ta’uu baatus wabii lammiilee ta’aa dhufuunsaa kan ganamu miti.
Haa ta’u malee ammayyuu rakkooleen jiru¬ufi jireenya lammiilee dararsaa jiran hedduu ta’uusaanii hubatamaadha. Fakkeenyaaf, nyaatni madaalamaa, bishaan dhugaatii qul¬qulluun, manni jireenyaa mijataan, kunuunsi fayyaa, tajaajilli elektirikiifi geejibaas akka garaatti waan hinjirreef baay’oliin rakkina hamaa keessa akka jiran beekuun xinxala gadi fagoo kan barbaadu miti.
Daa’imman lakkoofsisaanii xiqqaa hintaane nyaata madaalamaa dhabuutiin kan quuca¬raniifi lubbuunsaanii kan darbu yemmuu ta’u, osoo fayyuu danda’anii dhukkuboota daddarbaniin kan miidhamaniifi lubbuusaa¬nii dhabanis danuudha. Kunis akka walii¬galaatti si’a ilaalamu lammiileen wantoota bu’uura jireenyaa dhabuutiin dararfaman akkuma afrikaattuu hammaataadha jechuun ni danda’ama. Akka Itiyoophiyaatti ammoo daran gadi bu’ee kan mul’atu yoo ta’u, kees¬sumaa hanqinni mana jireenyaa, geejibaafi tajaajilli wal’aansa fayyaa sadarkaa yaaddes¬saarra gaheera.
Rakkooleen kunneen osuma jiranii dabalata¬an ammoo siyaasni biyyattii walxaxaa ta’e dorgommii fayyaalessa hintaaneen marfa¬maa jiraachuunsaa ammoo lammiileen yaad¬doo siyaasaa keessa akka seenan godheera. Bakkarraa bakkatti socho’anii jireenya guyyuusaanii akka hingaggeeffanneefis gu¬fuu guddaa ta’eera. Kanaaf paartileen mor¬kattootaas ta’e paartiin biyyattii bulchaa jiru adeemsasaanii sakatta’anii sirreeffachuu akka qaban kan namatti agarsiisudha.
Jijjiiramoota siyaasaa galmaa’aa jiran hundee hinsochoonerra dhaabuuf paartileen siyaasaa marti misooma dinagdeerratti rifoormii taa¬sisuutiin, akkasumas dirreefi dorgommii si¬yaasaa bal’isuutiin hojiirra oolchuun isaan¬irra jiraata. Dorgommii siyaasaa quqquqqaa ofkeessaa qaban dhaabsisuu, sirna feder¬aalizimii biyyattii haala hunda hirmaachi¬seen cimsuu, sabootniifi sablammootni hireesaanii murteeffatanii akka ofumaan ofbulchan gochuu, tokkumma heddummi¬narratti hundaa’een waliigaltee biyyaalessaa jabeessuu, walitti bu’iinsaafi walqoqqoodin¬si lammiilee gidduutti akka hinuumamne ciminaan hojjechuu, siyaasa qajeelfama ken¬nanii fudhachuurratti hundaa’e gabbifachuu danda’uu, humnoota hannaafi saamicharartti bobba’an, akkasumas ergamtoota humnoota ta’uun gara diigumsaatti geessan ofitti qa¬banii gorsuun, mirgoota waliinii walqixx¬ummaafi dimokiraasii dhugoomsuuf bahan sirnaan hojiirra oolchuu, haqa ummattotaa mirkaneessuutiin tokkummaafi walta’’insa Itoophiyaaf yeroo kamirrallee caalaa hojj¬echuun barbaachisaadha.
Kana malees yaada dhiphummaafi naannum¬maatiin akka dhuunfaafi gareetti socho’amu keessaa bahuutiin Itoophiyaa hundumaaf haadha taate ijaaruuf dammaquun murtees¬saadha. Itiyoophiyaan isheen dullattii durii garuu deebi’uu akka hindandeenye beekuunis dirqama. Kana jechuun ammoo sirni moo¬tummoota duraanii eenyummaa sabootaafi sablammootaarratti dhiibbaa geessisaa ture lammaffaa akka hindeebineef walta’insaan dhaabbachuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uusaati. Aadaa boonsaa waliin jiraachuu asiin dura qabnu kunuunfachuun hiree lammiilee Itiyoophiyaa maraa ta’uusaa beekuun yeroonsaa amma.
Waggoota 30 booda baay’inni ummattoota biyyattii miliyoona 200 ni gaha jedhamee kan tilmaamu yoo ta’u, guddina dinagdee da¬balaa deemuufi siyaasa tasgabbaa’aa ta’een utubamaa kan hindeemne taanaan rakkoon hammaataa keessa galuunshee waan oolled¬ha. Kunimmoo lammiileen martuu siyaasa biyyattii qajeelchuuf ittigaafatamummaa guddaa fudhachuutiin gaheesaanii bahachuu qaban mul’isa jechuudha.
Mootummaan dirree siyaasaa dhiphatee ture bal’isuun, namoota mana hidhaa keessa turan gadhiisuutiin hirmaannaan isaanii akka gud¬datu gochuun, seerotni yaada lammiilee uk¬kaamsaa turan akka fooyya’an taasisuuniifi waliigalatti sirna haqaa fooyya’aa ta’e diri¬irsuuf karaan akka qulqulleeffamu jalqabbiin jiru tarkaanfii jajjabeessaa ta’uusaa ragaa ba¬huun ni danda’ama.
Haa ta’u malee abdiin Itoophiyaan qabdu sadarkaa wabii qabeessa ta’erra geessisuuf dhimmoota nagaafi tasgabbiirratti hojii gud¬daa hojjechuun hundarra murteessaa ta’uusaa sakondii tokkoofillee dagatamuu hinqabu. Nagaafi tasgabbiin kan mirkanaa’u ammoo heeraafi seerotni yoo kabajaman qofaadha. Kun taanaan ammoo guddinni dinagdee diilallaa’e akka deebi’ee socho’u taasisuutiin warshaaleen addaddaa sirnaan hojii omishaa keessa akka seenan gargaara jechuudha.
Iddoowwan tokko tokkottis bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandiifaa ijaar¬sisuuf rakkoolee mudatan salphisuufis kan gargaaru, akkasumas omishaafi omshtum¬maan waliigalaan akka dabaluuf tumsa god¬ha. Kana malees midhaan qonnaan bultootni omishan kuduraaleefi muduraaleen bal’inaan gara gabaatti akka dhiyaatan taasisa, ab¬bootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa ofitti amanamummaa guddaadhaan misoomaar¬ratti akka bobba’an, hojiiileen ijaarsaafi babal’ifannaa bal’inaan akka eegalan, dar¬gaggootni hojii maleeyyiin hedduun carraa hojii akka argatan, sababa rakkoo nageen¬yaatiin barattootni dhaabbilee barnoota olaa¬naa adda kutan deebi’anii akka barataniifi yakkootni addaddaa keessumaa baadiyyaa biyyattiitti raawwachaa jiran akka hir’itan gochuu kan danda’uudha.
Dabalataanis qaamoleen nagaafi tasgabbiin akka hinuumamne halkaniif guyyaa hojj¬etanis seeraan akka gaafataman kan taasisu yoo ta’u, mootummaan ittigaafatamum¬maa seeraan kennameefitti sirnaan dhimma bahee olaantummaa seeraa mirkaneessuu qaba. Kanaa ala garuu taa’aniituma araara¬afi nageenya mirkaneessina jechuun kan hindanda’amne ta’uusaa hubatamuu qaba.
Paartileen siyaasaa biyyattiis paartii biyyat¬tii gaggeessaa jiru dabalatee seeraafi dambii ittiin bulmaataaf bitamuun isaanirra jiraata. Kanaan booda sagantaafi kaayyoosaanii humnaan raawwachisuuf ykn beeksifachuuf socho’uun ulfaataafi fudhatama kan hinqa¬bne ta’uusaa gamanumaan osoo hubatame gaariidha. Paartiin siyaasaa kamuu humna hinqabu, abbaan humnaas ta’e murtee um¬mata bal’aadha. Kana hubachuun ammoo hoggantoota siyaasaa mararraa kan eegamu yoo ta’u, akka dirqamaattis fudhatamuu kan qabudha.
Adeemsa siyaasaa keessatti ammoo yaadni¬ifi murteen ummataa dhokataa waan ta’eef, humnoota siyaasaa fuldura hiriiranii jiraniifi duuba dhokatanis sirnaan hubatanii ilaaluud¬haaf ogummaa guddaa qabu jechuudha. Kana jechuun ammoo paartileen siyaasaa hundi kaayyoofi sagantaasaanii beeksifa¬chuun barbaachisaa miti jechuu osoo hin¬taane seeraafi heera biyyattiin qabdu haal¬duree tokko malee kabajuun murteessaa ta’uusaati.
Lammiileen Itoophiyaa marti ammoo mi¬ira keessaa bahanii waljaalalaan, obsaafi tokkummaatiin jiraachuun isaanirra jiraa¬ta. Haalota wayitawaa ta’anirratti ammoo ragaalee qabatamaa ta’anirratti hundaa’anii walii waliisaanii hubachuufi dalaguun isaanirraa eegama. Dhimmoota biyyaar¬ratti waltajjiiwwan marii qophaa’anirrattis hirmaannaa ho’aa taasisuutiin hubannoo¬saanii gabbifachuufi gaaffilee, komiifi qe¬eqa sabootaafi sablammootni mootummar¬ratti qaban haalaan beekuun murteessaadha. Mootummaanis gaaffilee akka bulchiinsa gaariitti ka’aniif deebii hatattamaa akka ken¬nuuf sagaleefi ejjennoo tokkootiin dhiibbaa gochuurra darbee qaama furmaataa ta’anii argamuun barbaachiisaadha.
Lammiileen beekumsaafi bilchina siyaas¬arratti qaban wayita gabbifachaa deeman, yaadni miidiyaarrattis ta’e waltajjiiwwan garagaraarratti ka’u hawwataafi fudhatama akka qabaatu taasisa. Kunis rakkoolee na¬geenyaa, misoomaafi dimokiraasiis furuuf carraa akka argatan taasisa jechuudha. Way¬ita ammaa yaadni biyyattii barbaachisus yaada ijaarsaafi ce’umsa qabudha malee kan dulloomaa ta’e miti.
Yaadni jaarraa 21fa kana keessatti barbaa¬chisu kan qulqullinaafi ittifufiinsa qabudha malee qawwee kaasanii loluutiin akka hin¬taane jala sararamee beekamuu qaba. Qaw¬wee qabachuufi yaada qulqulluufi bilchaataa ta’e dhiyeessuun ammoo garaagarummaa guddaa qaba. Humna qawweetiin ce’umsa fiduuf tattaafachuun yeroonsaa kan itti darbe qofaa osoo hintaane gocha dur tuffatamuun bira darbameedha.
Dimshaashumatti siyaasni Itiyoophiyaa maraammartoo siyaasaa walkuffisanii dar¬buu keessaa bahuuf, walhubachuu, waliif yaaduufi gara walta’insaatti deemuutu murteessaadha. Akkuma baroota darbanii garuu humnaan sabootaafi sablammoota biyyattii bituuf ykn bulchuuf yaaluun gara diigumsaatti kan geessu ta’uusaa hubatamuu qaba. Dorgommii siyaasaa fayyaalessa ta’e uumuun yeroonsaa amma ta’uu qaba kan jedhameefis kanumaafi.
Takkaalliny Gabayyootiin
4 Comments to “Dorgommii siyaasaa fayyaalessa uumuu wayya”