Balaa xiyyaaraa Booyingi 737 Max 8 waggaa darbe Finfinneerraa gara Keeniyaatti imalaa turerratti qaqqabeen lubbuun namoota 157 darbuun kan yaadatamu yoo ta’u, Itoophiyaanota biratti guyyaa gaddi cimaa itti keessummaa’e ture. Gaddi qaqqabe kun warra fagoo taa’ee ilaaluuf kan yeroo ta’us jiraattota Aanaa Gumbichuuf ammoo madaa bulee dhiigu itti ta’aa tureera.
Kun kan ta’eefis namoonni bakka balichi itti qaqqabe jiraatan guyyuu bakka balichi itti uumame waan oolaniif gadda yoomuu sammuusaanii keessaa hinbaane ta’eera. Kanarraa kan ka’e guyyaa balichi qaqqabee kaasee jiraattonni Aanaa Gumbichuu sirna gaggeessaa gaddaa sadarkaa sadarkaan taasisaa turaniiru.
Sirni kunis bakka balichi itti qaqqabe Ganda Tulluu Farraa jedhamutti akkaataa aadaa jiruun dhibaasaa, gaddaa ekeraan namoota dhumanii itti boqochiifamu baasaa waggaa tokko lakkoofsiseera. Sirni dhibaasaa yaadannoo waggaa tokkoffaa namoota dhumaniif taasifamu kun dhiheenya kanas jiraattota aanichaan kan gaggeeffame yoo ta’u, hunduu kan qabu walitti fidee sirna gadda buufannaa Muudaa gaggeesseera.
Sirna kanarratti namoota argaman tokko tokko kan dubbisne yoo ta’u Daandii Xiyyaara Itoophiyaarraa komii qabaachuusaanii kaasaniiru.
Abbaa Muudaa Aanaa Gumbichuu Kan ta’an Obbo Ilmaa Raggaasaa taatee waggaa darbeef akka gaddan kan isaan taasise kabaja olaanaa ilma namaaf qaban ta’uu ibsu. Isa kanaaf jiraattonni gandicha akka kan mataasaaniitti gadduun dhibaasa yeroo shaniif baasuu danda’uusaaniifi balichi lamuu naannawichatti akka hingeenye sirna gaggeessaa faloo ykn qoodni bahuu qabu yeroo shan ba’uusaas ni ibsu.
Sirni yaadannoo gaggeessaa gaddaa kun jalqabaa kaasee hanga dhumaatti qabeenya hawaasa nannawaan kan gaggeeffamaa ture yoo ta’u, dadhabbii lammiilee kanaaf bu’uura misoomaa isiniif hojjenna jedhanii booda lilmoo galaana seente ta’uusaanii Abbaan Muudaa kun ni komatu. Kabaja dhala namaaf Oromoon qabu agarsiisuuf waggaa guutuu sirna yaadannoo gaddaa gaggeessaa turanis Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa waadaa misoomaa afaaniin gale dagachuu eeranii, kunimmoo hawaasa biratti komii guddaa uumuusaa dubbatu.
Akka Obbo Ilmaan jedhanitti, jarreen kunneen waadaa galan raawwatanis raawwachuu baatanis kabajaafi aadaa hammachuu Oromoon itti guddate agarsiisuuf sochii hawaasni aanichaa taasise kan nama boonsudha. Daandiin Xiyyaaraa kun waadaa bu’uura misoomaa aanichaaf akka galuuf dhiibbaan taasifame kan hinjirre ta’uus dhaabbatichi erga dubbatee of duuba deebi’uunsaa sirrii miti.
“Lafti balaan kun itti qaqqabe kan qonnaan bulaati, waggaa guutuu kan gaddaa ture qonnaan bulaafi maatiisaati, yaadannoo miidhamtoota kanaaf jechallee giddugalliifi bu’uurri misoomaa tokkollee dhaabchuu hafuunsaa dogoggora sirraa’uu maludha” jedhu.
Daandiin xiyyaara Itoophiyaa bakka balichi itti qaqqabe sanatti dallaa ijaarratee ifaajjiifi dadhabbii jiraattota aanichaaf xiyyeeffannoo laachuu dhabuunsaa dogoggora ta’uu kan kaasan Abbaa Muudaa Ilmaan, hawaasni naannawichaa abdii afaaniin galameefi kana eegaa kan ture ta’us dhaabbatichi garagalee isaan ilaaluu dhabuunsaa akka komatamu taasisuusaa himu.
Obbo Siisaay Kidaanees jiraataa Aana Gumbichuu yoo ta’an, guyyaa balaan xiyyaaraa qaqqabe sana kaasee lafeen namoota dhumanii funaanamee akka awwaalamu taasisuu keessatti adda dureedha. Ummanni Aanaa Gumbichuu qabeenyasaa, humnasaa, yeroosaa osoo hinqusatiin dhibaasa waggaa guutuu baasaa yaadannoo gaddaa taasisaa turuu eeranii, kana akka godhaniif kan isaan dirqisiise taatee hamaa qaqqabeefi miira Oromummaa ganamaa ta’us, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa dadhabbii hawaasa kanaa lakkoofsa keessa akka hingalchinedha kan kaasan.
Hawaasni Aanaa Gumbichu sirna dhibaasaa kana kan qabeenyasaaraa hir’isee kan gaggeesse abdii bu’uura misoomaan osoo hintaane miira namummaa isaaan keessa jiruun ta’uu ibsanii, haata’uutii hawaasichi dadhabeera, qabeenyaafi humnasaa hinqusanne maqaa jedhuun bu’uura misoomaa isiniif dhaabna jedhanii of duuba deebi’uu dhaabbatichaatiin komuu guddaa kaasuusaanii Obbo Siisaay ni himu.
Akkuma hawaasni komatu bakka balaan kun qaqqabe kanatti dallaan naanneffamee kan ijaarame yoo ta’u, beenyaa abbootii lafaaf kennuun alatti jiraattoota naannawaa sanaaf bu’uurri misoomaa yaadameefi hojiitti hiikame hinjiru. Jarri waadaa bu’uura misoomaa afaaniin haa galani malee barreeffamaan hanga hinjirretti burjaajessaaf kan fayyadaman akka ta’es ni kaasu.
Nuti daa’ima miti kan jedhan Obbo Siisaay, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa ergamasaa fixnaan gaaftokkollee bakkichaan bahee akka hinbeekne darbees hawaasa wajjin yeroo mariis taasisee akka hinbeeknedha kan dubbatan. Kabajni yaadannoo waggaa tokkoffaa namoota dhumanii kun marsaan shanaffaa ammallee qabeenya hawaasa naannawichaan kan gaggeeffame akka ta’e kaasanii, dadhabbiin qonnaan bultoota kanaa xiyyeeffannoo argachuu akka malullee gaafataniiru.
Obbo Daggifee Asfawuus jiraataa Aanaa Gumbichuu yoo ta’an, guyyaa balichi qaqqabee kaasee kan farda qabu fardaan, kan humna qabuu miilaan kaatee dhufee sirna gaggeessaa gaddaa qabeenya qonnaan bulaarraa hir’isanii gaggeessaa turaniiru. Dadhabbii jiraattota aanichaaf bu’uurri misoomaa isiniif ijaarama kan jedhamu afaaniin odeeffamuun alatti mana yaalaa haata’uu, mana barnootaa, daandii, bishaan haata’uu ibsaa maal akka ta’e hinbeeknu.
“Nuyi bu’uuraalee misoomaa kana mara hinqabnu. Haata’uutii dhaabbatichi wanta gochuu danda’u ifatti hawaasatti himee raawwachuu osoo qabu jechaan afanfajeessee darbuunsaa sirriimiti. Sirna gaggeessaa gaddaa kanas yeroo shan kan raawwanne balaa aanicharratti qaqqabe kana falachuuf ykn lamuu akka hindeebine Waaqa kadhachuuf malee duubdeebii misoomaaf jennee miti. Waadaan sobaa akkasii garuu hawaasaaf mitiitii daa’imaafuu dogoggoradha” jedhu.
Dadhabbii hawaasa kanaafillee kabaja laachuuf birmannaa Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa taasise hanga dhimmasaa fixatutti yoo ta’een alatti tattaaffii inni komii hawaasaa kana deebisuuf taasise akka hinjirres ni kaasu.
Daandiin xiyyaara Itoophiyaa waadaa afaaniin gale raawwates raawwachuu baates jiraattonni aanichaa turtii waggaa tokkoon booda sirna Muudaa gadda buufannaa gaggeessaniiru. Sirna kana keessatti jiraataan aanichaa farsoo naqee ,daabboo tolchee,akaayii qabatee sirna muudaa gaggeessuun uffata wayyoomaa uffachuun gaddasaa buufateera.
Komii hawaasa Aanaa Gumbichuu kanaaf deebii argachuuf jecha yaalii nuti irra deddeebiin hogganaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaas ta’u qaama dhimni ilaalu argachuuf taasifne hinmilkoofne.
Walumaa galatti balaan xiyyaaraa mudate kun kan nama gaddisiisuufi madaa sammuu nama keessaa hinbaane yoo ta’u, kabajaafi yaadannoo miidhamtoota kanaaf jecha siidaa ijaaruun alatti hawaasa qabeenyasaa bicuurraa walitti fidee sirna gaddaa baasaa ture kanaaf misooma bu’uuraan yaadachuun barbaachisaadha. Waadaa sobaafi qabatamaa hintaane afaaniin galanii hawaasa sammuu qulqulluu burjaajessuun rakkoo uumuu waan danda’uuf waadaa hindhalanne ulfeessanii kaa’uun dogoggora fooyya’uu maludha.
Waasihun Takileetiin
8 Comments to ““Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa Waadaa keenya nyaateera” Jiraattota Aanaa Gumbichuu”