“Dubartoonni Itoophiyaa damee ispoortiitiin dhiiraan gadi miti” Ariyaat Raayyaa

Guddinni Saayinsiifi teknoloojii dhaloonni har’aa roga maraanuu itti fayyadamaa jiru akka tasaa guyyaa tokkotti kan argame miti. Roga dinagdeenis ta’e hawaasummaadhaan qorannaafi yaalii bara dheeraatiin boodadha, guddinni kun kan argame.
Guyyaarraa gara guyyaatti fooyya’aa deemuudhaan sadarkaa har’a irratti argamu kana irra dhaqqabuu danda’eera. Yaaliin guddina caalu argamsiisuudhaaf godhamus kan itti fufu ta’uusaas hubatamaadha.
Ispoortiinis adeemsa guddina kana irraa ala ta’uu hindanda’u. Walmorkiifi dorgommiin akaakuwwan ispoortii addaddaa akkuma naannawasaatti haala aadaa qofaaan adeemsifamuunsaa hafee saayinsiifi teknoloojii jabanni kun argamsiiseen gaggeeffamuu erga jalqabamee bara hedduu ta’eera. Guddinni ispoortii biyya keenyaas daandiidhuma kanarra socho’aa jiraachuunsaas nibeekama.
Haata’u malee ka’umsi keenya waayee saayinsii ispoortii gabaasuudhaafi miti. Garuu yaada irranatti kaasnerratti bu’uureffachuudhaan sochii ispoortii biyya keenyaatti taasifamaa jiru keessumattuu gama dubartootaatiin ciminaafi dadhabbina jiran ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa Gaazeexeesituufi ispoorteessituu Ariyaat Raayyaa wajiin gaaffiifi deebii tibbana taasise dubbistoota keenyaaf dhiheessuuf yaadameeti.
Bariisaa: Eessatti dhalattee guddatte?
Ariyaat: Abbaan kiyyaa Raayyaa Abubakariifi haadhi tiyya Ayishaa Mahammadirraa bara 1982 magaalaa Jimmaatti dhaladhe. Mana barumsa sadarkaa tokkoffaa Hibratiifi giddu galeessa lammaffaa ammoo mana barumsaa Ajippii jedhamutin baradhe. Barnootakoo sadarkaa olaanaa ammoo Yuniivarsitii Jimmaatin baradhe.
Bariisaa: Daa’immummaa keerraa kaasee ispoorteessituu turte. Kamiin hirmaachaa turte?
Ariyaat: Ispoortii kanan hordofaa ture sadarkaa pirojektiitiin kubbaa harkaafi ispoortii Wushuutiin. ‘Wushuudhaan’ saqii gurraacha (‘Black Belt’) argadheera. Kilaba Wushuu Abbaa Jifaariif taphachaan ture. Kubbaa harkaanis magaalaa Jimmaa bakka bu’uudhaan taphawwan guutuu Oromiyaarratti hirmaadheera.
Garee Oromiyaaf filamee taphawwan guutuu Itoophiyaa tokkoffaafi lammaffaarratti hirmaachuudhaan meedaaliyaa argadheera. Sababiidhuma kanaan pirezidaantii Oromiyaa yeroo sanaa kabajamoo Obbo Abbaa Dulaa Gammadaa harkaa badhaasa addaa argadheera. Akkasumas hangan hojii jalqabutti kilaba Jimmaaf taphattuu; leenjistuus ta’uun tajaajilaa tureera.
Bariisaa: Akkamitti gara ogummaa gaazexeessummaatti dhufuu dandeesse?
Ariyaat: Gaazeexeessituu kanan ta’e yeroon Yunivarsiitii Jimmaa ture sagantaa Raadiyoo Hawaasaa yunivarsitichaa keessatti akkuma tasaa hirmaachuudhaan. Sagantichi qormaata duraas waan qabuuf qormaata fudhadheen darbe.
Qorumsi kenname sagaleedhaan oduu dubbisuudha. Sagantaan ammoo hawaasa Jimmaafi naannooshee kan jedhu ture. Qindeessaan sagantichaa, Doktar Kumsaanis hojiin ani hojjedhe gaarii waan ta’eef ittifufuu akkan qabu natti himan. Achumaan ittifufeen hanga har’aatti sagantaalee raadiyoo addaddaarratti hirmaachaan jira.
Bariisaa: Gaazexeessituu jalqabaa ta’uudhaan buufata raadiyoo kamirratti hirmaatte?
Ariyaat: Gaazexeessituu jalqabaa ta’uudhaan hojii kanan jalqabe bara 2003 Buufata Raadiyoo Zaamiitti. Yeroo booda gara Raadiyoo Faanaattin geeddarame. Ammaan tana ammoo tamsaasa dhuunfaa kiyyaa jalqabuudhaan sagantaa ispoortii ummataa 6.24(‘Melt Media Sport 6.24’) jedhu banachuudhaan Wiixataa hanga Jimaataa hojjechaan jira.
Bariisaa: Sagantaan tamsaasa ispoortichaa maalirratti xiyyeeffata?
Ariyaat: Irra caalaatti kan biyyaa keessarratti xiyyeeffata.
Bariisaa: Tamsaasni raadiyoo hedduun ispoortii biyyoota alaarratti xiyyeeffachuunsaanii kan biyyaa keessarratti dhiibbaa hinqabuu?
Ariyaat: Guddina ispoortii biyyaa takkaaf gaheen miidiyaa olaanaadha. Kanarraa ka’uun raadiyoon FMootaa hedduun sagantaa ispoortii biyyoota alaarratti baldhinaan hojjechaa jiru. Yeroo baay’ee dhaabbileen isoortiifi federeeshinoonni waltajjiiwwan addaddaarratti dagatamuusaanii iyyachaa jiru.
Haata’u malee dhaabileen miidiyaa isaan hindhagahan. Adeemsi akkanaa kun ammoo kan ofii tuffatanii kan biyyoota alaa qofa hafarsuun ofdagachuudha malee ofguddisuu miti. Kanaafuu miidiyaaleen biyya keessaa guddinaafi dadhabina ispoortii Itoophiyaaf qaama itti gaafatamu keessaa tokko ta’u jechuudha.
Bariisaa: Hojii gaazexeessummaa waliin koreewwan federeeshinii addaddaa keessatti hirmaachuunkee sitti hinulfaatuu?
Ariyaat: Akkuma beekamu gaazexeessaan tokko sagantaalee addaddaarratti bobba’uudhaan ummatasaa kan tajaajilu. Anis hanga humni kiyyaa danda’eetti ummata kiyyaa beekumsan qabun tajaajilutu narraa eegama. Ammaan tana koree raawwachiiftu hojii Federeeshina Kubbaa Kachoo ta’uudhaan toluman tajaajilaa jira. Akkasumas ‘koree olompikii Itoophiyaa Tokiyoo 2020’ jedhu keessatti ramadamuudhaan tola hojjechaan jira.
Kan nawajjiin hojjechaa jiran namoota muuxannoo olaanaa qaban waan ta’eef baay’eensaanirraa barachaan jira. Muuxannoo olaanaas argachaa waanan jiruuf baay’een itti gammada.
Gaazexeessaan tokko iddoo tokko qofarratti murtaa’ee hojjechuu hinqabu. Bakka hundaa galuudhaan rakkina hawaasaa beekuutu isarraa eegama.Yeroo hundaa taa’anii rakkina muldhatu dhaadheesuu osoo hinta’in itti siqanii rakkina jiru ummata wajiin unachuudhaan fala barbaadun murteessaadha.
Bariisaa: Biyyoota alaa deemuudhaan muuxannoo hangamii gonfatte?
Ariyaat: Akkuman sitti hime ani federeeshinoota baay’ee wajiin hojjechaan jira. Kanumarraa kan ka’e biyyoota hedduu deemuudhaan muuxannoo hedduu gonfadheera.
Fakkeenyaaf, shaampiyoonaa kubbaa miilaa Afrikaa (‘CHAN’) kan taphatoonni biyya keessaa qofti irratti hirmaatan iddoo sanatti argamuudhaan oduusaa gabaaseera.
Muuxxannoon achii argadheen walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan Afrikaa Kibbaatti ALA bara 2014 gaggeeffame duuchaatti gabaaseera. Walmorkii kubbaa miilaa Afrikaa kan bara 2016 magaalaa Ruwaandaa, Kiigaalitti adeemsifame achi dabarsuudhaan ummani keenya akka dhaggeeffatu godheera. Akkasumas garee kubbaa miilaa Itoophiyaa wajjiin Siisheelsi adeemuudhaan tapha gulaalaa achitti gaggeeffame dhaggeeffatootaaf dabarseera.
Gama atileetiksiitiin ammoo shaapiyoonaa atileetiksii dargaggoota guddatoota Afrikaa bara 2014 Morisheesitti adeemsifame, dorgommii qaxxaamura biyyaa dargaggoota Afrikaa Ugaandaa Kaampaalatti adeemsifame, shaampiyoonaa atileetiksii dargaggoota addunyaa kan Filaanditti gaggeffame, dorgommii qaxxaamura biyyaa Deenmarkitti gaggeeffame bakkasitti argamuudhaan gabaaseera.
Akkasumas shaampiyoonaa atileetiksii qarqara galaanaa kan Doohaatti(‘ANOK’)n qopheesserratti argameera. Taphawwan Guutuu, Afrikaa Morookoo, Raabaatiitti gaggeeffamerrattis argameera.
Shaampiyoonaa Tekuwaandoo Addunyaa(‘Woorldi Tekuando’) kan yeroo jalqabaaf Itoophiyaan tapha gulaalaa olompikii itti dabarterratti dursituu garee ta’uudhaan hirmaadheera. Itoophiyaanis meedaaliyaa warqii argachusheetti itti gammadeera
Kana malees shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa kan Kuwaataar, Doohaatti qophaa’erratti argamuurra darbee Yaa’ii Dimshaashaa Koree Olompikii Addunyaa Jaappaan, Tokiyootti qophaa’eefi Yaa’ii Waldaa Atileetiksii Addunyaa kan Doohaatti gaggeefamerratti argamuudhaan gabaasa dhiheesseera.
Hanga ammaatti iddoowwannin irratti hirmaadhe marattuu Itoophiyaan meedaaliyaa malee harka duwwaa galtee hinbeektu. Milkaa’u kiyyaaf ammoo gammachuu guddaatu natti dhagahama.
Bariisaa: Hirmaannaan dubartonni Itoophiyaa dirreewwan ispoortii addaddaarratti qaban akkamiin ibsama?
Ariyaat: Dubartonni Itoophiyaa waltajii addunyaarratti iddoowwan irratti hirmaatanitti injifannoodhaan beekamu. Keessumattuu dorgommii atileetiksiitiin Itoophiyaa bira darbanii Afrikaafuu olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksii adda addaatiin maqaa gaarii galmeessisaniiru.
Fakkeenyaaf, seenaa olompikiitti Daraartuu Tulluu fiigicha meetira kuma kudhaniin Afrikaadhaaf meedaaliyaa jalqabaa kan argamsisteedha. Faaxumaa Roobaa ammoo fiigicha maaraatoniitiin Afrikaarraa meedaaliyaa jalqabaa argachuudhaan atileetii duraati.
Itoophiyaan dirreewwan atileetiksii addaddaarratti atileetota gootota dubartoota isheetiin injifachuushee malee alaabaan biyyatti kanneen biyyoota dureeyyii caalaa olkaatee akka mirmirtu godhaniiru. Faarunshees daangaadhaa hanga daangaatti ummata addunyaa biratti akka dhagahamu taasisaniiru.
Daandii Daraartuun saaqte tana irra atileetonni Itoophiyaa qofa osoo hinta’in kanneen Afrikaa keessaa akka yaa’an taasifameera. Geexee Waamii, Birhaanee Adaree, Ijigaayyoo Dibaabaa, Xirunash Dibaabaa, Masarat Daffaar, Ganzabee Dibaabaa, Tikkii Galaanaa, Almaaz Ayyaanaa, Galatee Burqaafi kkf ga’een isaan biyyaaf taphatan yoomiyyuu hin iraanfatamu.
Dubartoonni Itoophiyaa gama ispoortii kubbaa miilaan gareen Luusiiwwanii waltajii dubartoota Afrikaarratti yeroo ammaa biyyattii waamsisaa jiru. Liidiyaa Tasfaayee abbaa seeraa ispoortii kubbaa miilaa hojiirra olchuudhaan dhiiraa caalaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa(“CAF’) irraa badhaasa addaa badhaafamuudhaan galata argateetti.
Atileetonni Itoohiyaa heddun isaanii Itoophiyaa bira darbanii biyyoota Kuwaataar, Beeljiyeem, Turkiifi Hoolaandiif fiiguudhaan shaampiyoonaawwan biyyoota Eeshiyaafi Awurooppaarratti maqaa olaanaa galmeessisaniiru.
Hirmaannaan dubartoota Itoophiyaan ispoortii keessatti qaban kan dhiiraan kanan jedheefis kanumarraa ka’eenidha. Waan kana ta’eef mootummaan Itoophiyaa caalaatti hirmaannaasaanii cimsuuf hojii bal’aa hojjechuun murteessaadha. Qabsoo dubartootni taasisanis karaa maraanuu ittifufuu qaba.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

8 Comments to ““Dubartoonni Itoophiyaa damee ispoortiitiin dhiiraan gadi miti” Ariyaat Raayyaa”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: hihuay
  3. Pingback: dk7
  4. Pingback: ไก่ตัน

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *