“Maarchi 8n guyyaa dubartoonni golaa itti bahaniidha” -Gaazexeessituu ispoortii, Ariyaat Raayyaa

Finfinnee: Dubartoonni qaama hawaasaa keessaa isaan tokkodha. Haadha, haadha warraafi obboleettii ta’uudhaan bu’uura maatii keessatti gumaacha olaanaa kan qabaniidha.

Dhaloota boruus kunuunsuudhaan galmaan geessisuurra darbee  gaheensaan misooma hawaasaa, dinagdeefi siyaasa keessatti qabanis akka xiqqaatti  ilaalamu miti. Kunis namootni kamuu dhalootaan walqixxee waan ta’eef, hawaasa keessatti kallattii hundaan shoorasaa bahachuu kan danda’u ta’uusaa mul’isa.

Haa ta’u malee sababa dhiibbaa sirna mootummoota darbaniin,  aadaawwan boodatti hafoofi amantiitiin ummata addunyaa harka caalu biratti dhiironniifi dubartoonni ija tokkoon ykn walqixaan ilaalamaa hinturre. Kunis sochiiwwan hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee taasifaman keessatti dhiironni olaantummaadhaan ykn ga’ee guddaa qabaachuudhaan dubartoonni ammoo tuffatamuudhaan ilaalamu ture.

Dhiibbaa isaanirra  ga’aa ture kana ofirraa fonqolchuudhaan ALA bara 1910 dubartoonni addunyaa sagalee tokkoon addabaabaayiwwan addaddaarratti bahuudhaan balaaleffataniiru. Guyyaan kunis waggootan 109niif guyyaa dubartoota addunyaa (‘March 8’) jedhametti guutuu addunyaarratti yaadatama.

Biyyaa keenyattis hacuuccaan dubartootarra gahaa ture hamaa akka ture Gaazexeesituun ispoortii Raadiyoo Zaamii Ariyaati Raayyaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsiteetti. Yaanni  dadhabaan kun hafuu kan dideef olaantummaan dhiiraa dhalootaa gara dhalootaatti darbaa waan dhufeef, akkasumas sababa  hawaasichis itti amanuudhaan jajjabeessaa tureefidha.

Dubartoonni Itoophiyaa obbolaasaanii maddii dhaabachuudhaan dirreewwanirratti hirmaatan marattuu gootummaadhaan bahaa turanis hawaasa keenya biratti garuu dubartiin dhiiraa gadi jedhamuun yaada gadhee turerraa kan ka’een ta’uusaa dubbatti.

Dubartoonni Itoophiyaa seenaa biyyattii keessatti keessumattuu dirreewwan waraanaarratti jaarraa 19fa keessa yeroo faashistoonni Xaaliyaanii biyya keenya weeraruuf sochii taasiste obbolaasaanii maddii dhaabbatanii waraana dursuudhaan, gootota waraanaan hubaman hirkisanii kaasuudhaan, bishaan unachisuun, madaasaanii qulqulleessanii yaaluudhaan, akkasumas galaa goototaa qopheessuudhaan gootummaa olaanaa galmeesisaniiru.

Fakkeenyaaf Iteegee Xaayituun duula Adwaarratti murtee dabarsuun gamatti akka goota tokkootti loltoota dursuufi gootota jajjabeessuutiin Itoophiyaan seenaa gootummaa galmeessite keessatti iddoo olaanaa qabaachuusaaniiti kan ibsitu.

Itoophiyaanonni dirreewwan hirmaatan marattuu gootummaadhaan galu kan jettu Ariyaati, seenaa ispoortii atileetiksii keessattis biyya keenya bira darbanii akka Afrikaattuu meedaaliyaa warqii isa jalqabaa argamsiisaniiru jetti. Maaraatoniifi figicha meetra kuma kudhaniin meedaaliyaa kan argamsiisan Faaxumaa Roobaafi Daraartuu Tulluu  gootummaan dubartoota Itoophiyaa dachaa ta’uusaatti kan mul’isu.

Akkasumas Itoophiyaan dirreewwan atileetiksiirratti meedaaliyaawwan hedduu hammaarrachuudhaan kan beekamtu atileetota dubartootaa goototasheetiin yoo ta’u, maqaanshee yeroodhaa gara yerootti calaqqisaa kan jirus dubartootaan ta’uusaa kan mamsiisu akka hintaane dubbatti.

Wayita ammaa garuu dubartoonni keenya addabaabaayii addaddaarratti hirmaannaan isaan murtee keenyaan qaban kan dhiiraati gadi ta’uu mul’isa. Dubartoonni mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti lakkoofsaan harka soddoma jedhamuurraa kan hafe hojiirra hinoollee jetti.

Hirmaannaan dubartootaa dhiiraa gadi miti jedhamus sababii ilaachi gaarii hinjirreef, manneen hojjetoota mootummaa keessatti, dhaabbilee mootummaafi mitimootummaafi dhuunfaa keessatti lakkoofsaan xinnoodha. Guyyaan dubartoota addunyaa kun dubartoota addunyaa bilisa baasus ammaan tanas hacuuccaan dubartootarratti muldhatu kan hinsalphanne ta’uu himti.

Kanaaf dubartoonni Itoophiyaa obbolaasaanii dhiiraa gadi waan hintaaneef dirreewwan irratti hirmaatan marattuu dhagahamuuf sagaleesaanii olkaasanii dhageessisu qabu. Mootummaanis  sochiiwwan misoomaa keessatti hirmaannaan dubartootaa dhiiraan qixa ta’uu seeraan mirkaneessuutu isarraa eegama. Hawaasni martis walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuudhaaf  gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  28/2012

Recommended For You

3 Comments to ““Maarchi 8n guyyaa dubartoonni golaa itti bahaniidha” -Gaazexeessituu ispoortii, Ariyaat Raayyaa”

  1. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *