Dhalli namaa jiraachuuf jecha qabeenya uumamaan badhaafametti fayyadamee jiruufi jireenyasaa gaggeeffata. Qabeenyi uumamaa kun kan namni nama badhaasu osoo hintaane horata ganamuma uumaan namaaf arjoomeefi heeraan namaaf daanga’ee taa’edha.
Kanaanis hawaasni idiladdunyaa martuu qabeenya uumamaan argataniifi heeraan daanga’ee isaaniif kennametti fayyadamuun jiruufi jireenyasaanii gaggeessu.
Takka takkammoo miira ofittummaa dhala namaas ta’e bineensota keessatti uumamuun gochi waljifachuu, kan namaatti abbaa of gochuuf yaaluun addunyaa kanaaf waan haaraa miti.
Maraammartoo kana keessatti mirga ofii kabachiifachuuf takkaan karaa amantaa, takkaan karaa seeraa, takkaan ammoo humna fayyadamuun dirqama haalli yeroo keessummeessudha.
Dhimma kana maaf kaaste jechuun keessan hinoolu. Akkuma, “Ijoolleen qufaa warrishii halkan qufa’an guyyaa qufaati” jedhamu ilmaan Fari’onotaa jedhi jedhii namootaan oofamuun akkuma akaakileesaanii darbanii ba’aa dhaloota haaraa Itoophiyaa ta’uuf waan aggaamaniifi.
Mootiin Misir, Fari’on baroota hedduuf saba Israa’el hacuucuun, dhiittaafi sarbama mirgaa, saamicha humnaa qaqqabsiisuurra darbee harqoota gabrummaa jalatti kuffisuun hiraarsaa turuu kitaaba kakuutu ragaa baha.
Kana malees mootiin Fari’on gara jabeessaafi ilaalcha madaalawaa ta’e kan hinqabne ta’uusaan imimmaan saba Israa’el dhumasaa fokkisiiseera. Ilaalcha hamaafi gara jabummaa ilmaan namaarratti qaqqabsiisaa tureen saba hiraarsu kana akka gadhiisuuf ajajni waaqarraa itti darbus miira oftuulummaa isa keessa bulerraa kan ka’e mootiin isa caalu akka hinjirre dubbachaa tureera.
Meeshaalee waraanaa, konkolaattota fardeeniifi humnoota waraanaa sadarkaasaanii eeggatan waan qabuufis kallattii kamiinuu kan isa jilbeeffachiisu akka hinjirre mootii amanu ture.
Ta’us, akeekkachiisa irra deddeebiin mootii waaqaaf lafarraa isatti kennameef bitamuu dhabuusaan rukuttaan ilbiisotaa akka itti roobes Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. Gochaan kun jette jettee yaa fakkaatu malee seenaa keessatti gaafa ilaalamu miira of tuulummaafi ofguguddisuu laphee mootichaa keessatti dhalateen dhumnisaa salphina ta’eera.
Har’as Itoophiyaan ijaarsa hidha guddichaa badhaasa ganamuma uumaarraa argatte ta’ee osoo jiruu jaarraa dheeraaf biyyee gabbataa biyyattii haruun Misir, biyya Fari’onotaa misoomsaa tureera; jiras. Dhaloonni haaraa Itoophiyaa misooma kana dheebocha ture har’a irraa fayyadamee dheebuu bahuuf xiqqaa guddaa osoo hinjedhiin qabeenyasaan deggaraa tureera.
Yeroo ammaa ijaarsi hidha haaromsa kanaas wayita dhibbantaa 68rra gahee jirutti tasgabbii dhabuu siyaasa Itoophiyaa sababa godhachuun misoomicha gufachiisuuf shira ilmaan Fari’oon xaxaa turan gadi bahuu jalqabeera.
Itoophiyaan bara teknoloojiin fagaate kanatti mitiitii bara dukkanaa’aa keessattuu sirna gabroomfataa Xaaliyaanii biyyattii koloniisaa jala galchuuf dhufeefuu hinjilbeeffanne.
Xaaliyaaniin meeshaa waraanaa ammayyaafi loltoota jajjaboo jedhuun of ijaaree Itoophiyaa bittinsuun bittaasaa jalatti galchee gabrummaa babal’isuuf aggaamee ka’us Itoophiyaanota jaalala biyyaa qabaniin qolatamuun waaroo salphinaa akka haguuggatu ta’eera.
Qabsoo hadhaawaafi obsa fixachiisaa gootota Itoophiyaa sabootaafi sablammoota keessaa babbahaniin Guraandhala 23 bara 1888 of tuultota Xaaliyaaniirratti injifannoo cululuqaa Adwaa ummata gurraacha Afrikaanotaa mara boonsu galmeessisuun danda’ameera.
Bara kanas ayyaanichi yeroo 124faf akka biyyaatti kan kabajame yoo ta’u, Itoophiyaanummaan hanga aarsaa barbaachisu kaffaluutti kan nama geessisu ta’uu ifatti agarsiisaniiru. Har’as taanaan Itoophiyaan qabeenya uumamaan argatte hidha haaromsaa guddichaatti akka hinfayyadamneef tuttuqaan ilmaan Fari’oniin qaqqabaa jiru karaa nagayaan furuuf yaalii taasisus miira numaleetu isaanirraa calaqqisaa jira.
Kana malees Misir hidha haaromsichaarratti tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf qophaahuushee miidiyaaleen addunyaa ifatti gabaasaa jiru.
Akkuma, “Xiiqiin dammarra mi’oofti” jedhamu dhimmi kun karaa nagaan akka xumuramuuf sochii garagaraa taasisaa kan turte Itoophiyaan, marii faayidaa Itoophiyaa miidhu kamirrattuu hariiroo kan hinuumneefi ijaarsichis kan itti fufu akka ta’ee ibsiteetti.
Yeroo ammaattis lammiileen Itoophiyaa hirmaannaa ijaarsa hidhichaaf kanaan dura taasisaa turan cimsanii bifa haaraan akka itti fufaniif sochii cimaa taasisuurratti argamu. Haaluma kanaan shira faayidaa Itiyoophiyaa gufachiisuuf golgaa duubatti xaxamu kamiifuu biyyattiin kan hinjilbeeffane akka ta’ellee ibsameera.
Fari’ononni garuu miira oftuulummaa durii sana har’a Itiyoophiyaanotarratti fe’uun faayidaa ilmaanshii ugguruuf sochiin taasifamu kamuu farra jijjiiramaafi dimokiraasii waan ta’eef, yerootiin sirreeffamuu akka qabu yaadachifameera.
Ijaarsi hidha haaromsichaa yeroo qabameefii keessatti akka xumuramuuf sochiin jalqabeeru cimee itti fufaa kan jiru yoo ta’u, Itoophiyaanummaan gaafa jaalalaa qofa osoo hintaane gaafa xiiqiis hanga aarsaa lubbuu kan kaffalsiisu waan ta’eef duubatti deebiha jedhanii yaaduun of gowwomsuudha.
Ijaarsi hidha haaromsaa kun Itoophiyaanotaaf dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuu yoo ta’u, harka Itoophiyaanotaa haqaaquun faayidaa ilmaanshee dabarsanii laachisiisuufis ta’e fudhachuuf sochii taasifamu kamiifuu Itoophiyaan kan jilbeeffatu miti.
Sabootniifi sablammootni Itoophiyaa martis shira ilmaan Fari’onotaa kanarratti dammaquun kabajamuu faayidaa biyyaaf kallattii barbaachisuun dammaqinaaniifi tokkummaan dhaabachuun gootummaa abbootii oftuultota Xaaliyaaniirratti agarsiisan dabaluun dirqamadha. Qabeenya uumamaan argatanitti fayyadamuun tola ooltummaa eenyuyyuu kan hingaafachiisne yoo ta’u, aggaammii faayidaa Itoophiyaatti bu’u kamiifuu obsi hinjiraatu.
Walumaagalatti, fiigichi miira ofittummaan fayyadamummaa namaa qooddachuuf taasifamu kamuu waaroo salphinaa kaleessa mootiin Fari’oon golgate sana ilmansaatti deebisuu waan danda’uuf Museen Itoophiyaanotaa akka jiru dagachuu hinqaban jenna. Harkasaaniis Itoophiyaafi faayidaashiirraa akka kaasaan gorsina.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 28/2012
7 Comments to “Fari’ononni har’as Museen akka jiru dagachuu hinqaban”