Namootni baay’een waa’ee jiruufi jireenyaa kallattii addaddaatiin hiika itti yaa kennan malee galmisaanii tokkichuma. Tokko tokko jiruun bu’aa ba’ii hedduutiin kan guutamte waan taateef, akka waan mana barumsaa taateetti fudhatu. Kunis imala jireenya ofiirraa hamaafi gaarii, akkasumas bu’aafi kisaaraarraa barachuun kan danda’amu ta’uusaa mul’isuufidha.
Namootni kaan ammoo “Jiruun ogummaadha!” jechuun hiika itti kennu. Kunis adeemsi jireenya dhoksaa gadi fagoo waan ofkeessaa qabduuf tooftaan jireenya ofii itti gaggeeffatan barbaachisaa ta’uusaa kan mul’isuudha. Akkaataa itti biyya lafaa kanarra jiraatan hubachuutiin karaa bilchinaafi ogummaa ofkeessaa qabuun xinxaluufi hojjechuu gaafata jedhanii amanu jechuudha.
Gariin ammoo jiruufi jireenyi, “Cimina ofiiti” jechuun hiika itti kennu. Kunis namni kamuu dubartiis taate dhiirri kutannoon cichanii hojjennaan haala ajaa’ibsiisaa ta’een jireenya ofii qajeelchuun rakkisaa akka hintaane kan ibsuudha. Manguddootni biyyaa, abbootiin amantiifi hayyootni dameewwan addaddaa kallattii garagaraatiin yaadota kanneenitti kan fayyadaman ta’uusaas hubatamaadha.
Keessumaa ammoo namootni imala jireenyasaanii qajeelchuuf ykn jireenya gaarii dhandhamachuuf halkaniif guyyaa tattaaffii walirraa hincitne taasisan karaa tokkoonis ta’e karaa biraan icciitiin milkaa’inasaanii ciminaafi kutannoo qaban qofa ta’uusaa ragaa bahu. Aadde Abbabachi Taaddasaas dubartoota haala rakkisaa keessa darbuun jireenya ofii fooyyeffatan muraasa keessaa tokko yoo ta’an, cichanii hojjechuutiin ofiifi maatiisaanii hiyyummaa keessaa baasuu danda’aniiru.
Aadde Abbabachi Taaddasaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti dhalatanii kan guddatan yoo ta’u, jiruufi jireenyasaanii fooyyeffachuuf jecha magaalota Oromiyaa hedduu keessa naanna’anii akka jiraachaa turan dubbatu. Kanaanis Gudar, Amboo, Dirree Dhawaafi Arsii keessa yeroo dheeraaf jiraachaa kan turan yoo ta’u, hojiilee qonnaafi daldala xixiqqaarratti bobba’anii jireenyasaanii gaggeeffachaa turaniiru.
Adeemsa keessa garuu gara damee hojii tokkootti cituuf waan murteessaniif, waggoota kudha lamaan har’aa fedhii Waaqayyoo taanaan gara magaalaa Finfinnee dhufanii daldala xixiqqoo hojjechuuf dirqamuusaanii yaadatu. Kanaanis qarshii muraasa ofharkaa qabaaniin gabaa ganamaafi galgala dhaabbattu ykn ‘gullitii’ keessatti waanuma xixiqqoo gurguraa akka turan himu. Haalota addaddaatiin osoo hindaageffamiin ciminaan hojjechaa waan turaniif, maallaqa xiqqoo ofharkaa qaban suutuma suutaan walirra kaawwachuu danda’uusaanii hubachuun danda’ameera.
Wayita ammaas Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Gullallee naannawaa Muujjaatti (Shiroo meedaa) mana daldalaa huccuuwwan aadaa banachuutiin hojjechaa kan jiran yoo ta’u, ka’umsuma xiqqootiin kaappitaala qaban guddifachuu danda’uusaanii ibsu. Jalqabumaa kaasanii muuxannoofi tooftaa hojiis gabbifachaa waan dhufaniif sirni daldalaa magaalaa Finfinnees ta’e dubartummaansaanii homaa tokkollee kan isaan hinrakkisne ta’uu dubbatu. Bakki itti akka garaa ofiitti hojjetanii buufatan garuu isaanitti gufuu ta’aa turuusaa himanii, hanga har’aattuu bowwoo mataa natti ta’aa jira jedhu.
Mana daldalaa huccuuwwan aadaa dhuunfaasaanii banachuutiin kutannootiin hojjechaa jiraachuusaanii kan dubbatan Aadde Abbabachi, dabalataan magaalaa Sabbataa keessatti horsiisa horiirrattis bobba’uutiin ofiifi maatiisaaniirra darbanii namoota afuriif carraa hojii banuusaanii hubachuun danda’ameera. Kanarraa kan ka’e galiin isaan waliigalaan qaban irrumaan dabalaa kan deeme yoo ta’u, wayita ammaa kaappitaallisaanii gara miliyoona lamaa ol ta’eera. Kunis dubartiin akkuma dhiiraa cimtee hojjennaan waanti ishee daangessu kan hinjiru jechuudha.
Dubartootni akkuma dhiirotaa hojii daldalaafi kan biroorratti bobba’anii bu’aa qabeessummaasaanii mamii tokko malee mirkaneeffachuu danda’uusaaniis ni dubbatu. Kanas muuxannoo imala jireenyasaanii keessatti argatan fakkeenyaan yoo ibsan, “Hojiin daldalaa ogummaafi beekumsa waan taateef tattaaffii abbaatiin argamti. Maallaqa xiqqaa ykn guddaa qabaachuun, ofiisaatiin galma osoo hintaane ka’umsa ta’uu danda’a. Firri nama gargaarus galma miti. Inni guddaafi bu’uuraa beekamuu qabu garuu maallaqa xiqqootiin ka’umsa ofii tolfachuuniifi guddachuuf tarkaanfachuu danda’uudha.”
“Dhuguma dubbachuuf taanaan ilaalchi hawaasa keenya keessa jiru dubartoota kan jajjabeessu hinturre. Anillee gargaarsa obboleessakoo hangafaafi tattaaffii kootiin golaa baheen sadarkaa daldaltuu cimtuurra gahe. Har’arra taa’e imala jireenyaakoo kaleessaafi dheengadda keessa darbe yoon ilaalu abjuu natti fakkaata. Yeroo ammaallee kaappitaala ykn galiikoo caalmaatti guddifadhee ofiifi maatiikoo, akkasumas misooma dinagdee biyyaa keessatti qoodakoo bahachuuf saffisaan fiiguullee yoonbaadhe hanguman danda’e sussukaan jira. Kanaaf dubartootni waanuma ofharkaa qabaniin yoo hojjetan fayyadamummaasaanii mirkaneeffachuuf waan isaan dhorku hinjiru, hoggayyuu dhimmamanii hojjechuu qabu” jechuun gorsu.
Hojii daldalaa keessatti maallaqa guddaatiin hojjechuun barbaachisaa ta’ullee tooftaa sirna bittaafi gurgurtaa beekuun murteessaadha. Ofqopheessuufi ofkennanii hojjechuurraa kaasee qaamolee sirna daldalaa keessa jiraniifi maamiltoota waliin walitti hidhamiinsa gabaa uummachuuf gahumsas kan gaafatu ta’uusaas ibsu. Isaanillee erguma mana huccuuwwan aadaa banachuun daldaluu eegalanii kaasee qaamolee nageenyaafi danbii eegsisan, daldaltoota kirrii dhahanii dhiyeessan, namoota waa bobbocuun gurguran, qonnaan bultootaafi qaamolee mootummaa galii sassaaban hedduu waliin dhimma hojiif walitti dhufanii hojjechaa jiraachuusaanii eeru.
Sirna daldalaa keessatti waantotniifi haalotni nama rakkisan hedduu yoo ta’an, murteeffatanii kaanaan garuu bakka gahuu qaban hinhanqatan jedhu. Hojiin daldalaa takka ol, takka ammoo gadi waan ta’eef, yeroo hundumaa bu’aan kan eegamu ta’ullee milkaa’uu dhabuunis ni jiraata. Sirnumti gabaallee haala nageenya biyyaarratti waan hundaa’uuf, wayita ammaa iddoowwan maraatti sochiin jiru hangas mara miti jedhu.
Akkuma biyyaattuu magaalota hedduu keessatti iddoowwan hojii mijataa ta’an jiraachuu dhabuun rakkoo ijoo hojii daldalaa mudataa jirudha kan jedhan Aadde Abbabachi, akka magaalaa Finfinneettis caalaatti rakkisaa ta’uusaa ibsu. Adeemsa keessa maallaqni horachuu danda’an dabalaa dhufuyyuu sababa iddoo hojii gahaa dhabuutiin sadarkaa barbaadamuun hojjechuu hindandeenyee jedhu. Asiin dura karoora bal’aa hojii daldalaa babal’isuuf qaban kutaa bulchiinsa magaalichaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, hanga har’aatti deebii akka hinarganne kaasu. Kanaaf bulchiinsi magaalaa Finfinnee keessumaa iddoo hojii mijataa akka isaaniif mijeessuuf gaafatu.
Gaaffii, “Dubartootni hojii kamirratti yoo bobba’an milkaa’uu danda’u?” jedhuufis deebii kennaniiru. Kanaanis, “Dubartiin dameewwan hundarrattuu ciminaan kan hojjettu taanaan milkaa’uu ni dandeessi. Fedhiifi kaka’umsi jiraannaan jiruu ofii bareechanii qajeelchuun rakkisaa hinta’u, maallaquma xiqqoo ofharkaa qabaniin socho’uun murteessaadha. Anillee qarshii muraasaan qullubbii, dinnicha, raafuufi meeshaalee suphee, fkn jabanaafi sunsummanfaa gurguraan ture, yeroo booda ammoo galiinkoo walirra taa’ee guddachaa waan dhufeef, meeshaalee miidhaginaa kanneen akka warqeefi kan biroos magaalota addaddaa keessatti naannessuutiin gurguraan ture. Kanaaf, waanuma dhiirotni hojjetan nuyi dubartootnis caalaatti hojjechuuf gahumsaafi dandeettii qabna” jechuun hubachiisu.
Hojii daldalaas ta’e kan biroo waan hojjetanirraa qusachuun baay’eetti murteessaadha kan jedhan Aadde Abbabachi, hojii tokko malee yeroo dheeraaf maallaqa olkaa’uun jijjiirama yaadame fiduu hindanda’u. Kanaaf qabeenya maallaqaa ofharkaa qabaniifi kuufatan gaggaragalchuun ykn sosochoosuun gara daandii jireenyaa bal’aatti nama baasaa jedhu. Namoota icciitiin jireenyaa isaan jalaa dhokatee rakkachaa jiraniifis hirkoof gaaddisa ta’anii deggaruun dirqama lammummaa bahachuu akka ta’es himu.
Walumaagalatti, karoorri Aadde Abbabachi gara fuulduraaf qabatanii hojii daldalaa hojjechaa jiran bal’aafi dubartoota hedduutti abdii kan horudha. Misooma invastimantii agro-pirosasiingiifi manufaakchariingiirratti hirmaachuuf maatiisaanii waliin mari’achaa jiraachuusaanii dubbiisaaniirraa hubachuun danda’ameera. Hawwiinsaanii kun milkoofnaan ammoo lammiileef keessumaa dubartoota umrii dargaggummaa keessa jiraniif carraa hojii banuutiin hireesaanii kan murteessudha.
Dubartootni bor jireenya gammachuu jiraachuuf har’umarraa kaasanii ciniinnatanii hojjechuu qabu, osuma hojiin dhibeeyyuu “Guyyaatti naxalaa tokko qacca’uu qabu” jechuun dhaamu.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 28/2012
5 Comments to “Ka’umsi xiqqoon irrumaan dabala”