Taphni liigii piriimeerii marsaan duraa naamusaan xumurame

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa akka gaggeefamuuf Koree Liigii Biyyaaleessaatiin kan murtaa’e bara 1990 ture.

Walmorkiin kilabootaas Bulchinsa Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee kilaboota naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Ummatoota Kibbaafi Tigiraay jidduutti akka ta’uuf waliigalame. Haaluma kanaan shaampiyoonichi magaalota  Finfinneefi Dirree Dhawaa naannolee adda addaatti naanna’uudhaan waggoota 21f gaggeeffamaa tureera.

Waggootan kanneen keessatti kilabni hangafti Qiddus Giyoorgis yeroo 14 shaampiyoona ta’uudhaan, Humni Ibsaa al lama, Bunni Itoophiyaa ammoo al tokko mo’achuudhaan waancaan liigichaa yeroo 17f Finfinneetti hafeera. Waancaan liigichaa al lama gara Ummatoota Kibbaa, yeroo tokkoo Oromiyaa, tokko ammoo Tigiraayi dhaquunsaa kan yaadatamuudha.

Shaampiyoonaan kun baranas ji’aa Onkololeessaa bara 2012 irraa kaasee yeroo 22faf kilaboota naannolee 16 jidduutti gaggeefamaa turuudhaan kan marsaa duraa Dilbata darbe naamusa olaanaadhaan xumurameera.

Walmorkiiwwan gaggeeffamaa turanitti kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgis taphawwan 15nitti, al torba mo’ee torbatti walqixa bahe, tokkootti mo’ame, 22 galche 11 itti gale qooda galchaa 11n qabxii 28tiin liigicha dursuun xumureera.

Akkasumas kilabni Magaalaa Faasiil qabxii 26n, Maqaleen 25n sadarkaa lammaaffaafi sadaffaa ta’aniiru. Bunni Sidaamaa qabxii 24n, Magaalaan Baahirdaar 23n Hawaasaan 22n, arfaffaadhaa hanga jahaffaa ta’uun beekameera.

Walaayitaa Dichaafi Shiree Indaasillaasee garaagarummaa galchaan walcaalanii qabxii 21n, Adaamaafi Walqixxeenis qooda galchaan walcaaluun qabxii 19n torbaffaadhaa hanga kurnaffaa  ta’aniiru.

Bunni Itoophiyaa, Magaalaan Sabbataafi Jimmaa Abbaa Jifaari garaagarumaa galchaan walcaalanii walqixa qabxii 18n hanga sadarkaa 14farratti yoo argaman, Dirree Dhawaa qabxii 17n,Walwaaloo Addigraati qabxii  16n, Haadiyaan ammoo qabxii 13n gara liigii biyyaaleessaatti gadi dacha’uuf sadarkaa 13fa,15fafi 16farratti argamu.

Shaampiyoonaan kun akka kanaan duraa rakkina deggartoonni kilabootaa uumaniin osoo hinboora’in haala tasgabbiidhaan marsaan duraa xumuramusaatti daawwataan kubbaa miilaa, kilaboonni, taphatoonni, waldaaleen kilabootaa, qaamni nageenyaa eeguufi mootummaan boqonnaa argataniiru. 

Keessumattuu waggoota sadan darbaniif dirreewwan kubbaa miilaatti walitti bu’insa deggartootaatiin lubbuun namaa darbeera. Miidhamni qaamaas dhaqqabeera. Qabeenyi Mootummaafi dhuunfaas barbadaa’uu danda’eera.

Kanarraa kan ka’e kilabonni naannoodhaa gara naannootti naanna’uudhaan walmorkii taasifachuuf yaaddoodhaan dhaqanii yaaddoodhaan deebi’aa turaniiru. Sababii kanaan yeroo yerootti shaampiyoonichi addaan citaa tureera. Waldaaleen kilabootaas kisaaraa guddaa keessa galuudhaan kilaboota diiguuf dirqamaniiru.

Haata’u malee jalqaba shaampiyoonichaarratti haadholiin nageenyaa sagantaa araaraa Istaadiyooma Finfinneetti qopheessaniin yakki kun akka hinuumamee jilbifatanii kadhachuudhaan akka masaanutti walilaalaa kan turan kilaboota Buna Itoophiyaafi Qiddus Giyoorgis jidduutti araara buusuu danda’aniiru. Kanaanis hanga ammaatti nageenyi bu’e kun itti fufeera.

Shaampiyoonaawwan naannoleetti gaggeeffamanittis deggartonni kilabootaafi namoonni nagaa barbaadan warreen nagaa booressan ofjidduudhaa baasanii qaama nageenya eegutti dabarsuudhaan qilleensa nagaatiin walmorkiiwwan akka gaggeeffaman godhaniiru.

Haalli kun akkanatti itti fufnaan guddinni kubbaa miilaa keenyaas cimaa waan adeemuuf dirreen kubbaa miilaa dirree nageenyaa kan obbolummaa, kan jaalalaafi tokkummaa akka ta’u shakiin hinjiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

4 Comments to “Taphni liigii piriimeerii marsaan duraa naamusaan xumurame”

  1. Pingback: auto body shop
  2. Pingback: clic

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *