Federeeshiniin tekuwandoo hundeeffame

Finfinnee: Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Waldaan Tekuwandoo Biyyoolessaa ‘Itiyoo-united’ jedhamuudhaan beekamu ture, Guraandhala 19 bara 2012 irraa kaasee Federeeshinii Tekuwaandoo Biyyooleessaa ta’uudhaan hundeeffameera.

Waldaan kun kanaan dura waldaalee tekuwandoo biyyooleessaa sadii kan qabu ture yoo ta’u, ammaan tana sadanuu walitti makamuudhaan Federeeshinii Tekuwandoo Biyyooleessaa Magaalaa Finfinnee jalatti hammatamanii sochii kan godhan ta’uus beekameera.

Kutaalee magaalaa Finfinnee kudhan keessatti kilaboota 20 horachuudhaan sochii taasisaa kan ture waldaan kun,  rakkoolee xaxamaa keessa darbuudhaan gara federeeshinitti ol guddachuu danda’uusaa pirezidaantiin koree gurmeessituu federeeshinichaa Obbo Tashoomaa Ababbaa himaniiru.

Koreen kun gara federeeshiniitti guddachuu kan danda’e waraqaa beekamtii Komishinii Ispoortii Magaalaa Finfinneetti kutaa gurmeessa waldaaleerraa eeyyama fudhachuudhaan akka ta’es ibsaniiru.

Federeeshinichis waggoottan arfan dhufaniif koree raawwachiiftuu hojii kan miseensota torba qabu filachuudhaan hojii kan jalqabu ta’uusaa beekuun danda’ameera.

Haaluma kanaan Obbo Baqqalaa Badhaadhaa pirezidaantii federeeshinichaa, Obbo Mansur Jamaal pirezidaantii ittaanaa, Aadde Sablawangel Qumilaachoo barreessituu ta’uudhaan filatamaniiru.

Akkasumas Obbo Hayiluu Ayyaaloo, Obbo Heenok  Girmaa, Obbo  Liyyuu Damisseefi Obbo Girmaa Xurunaa miseensota koree  federeeshinichaa ta’uun waggootan arfan dhufaniif tajaajila kennu jedhameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

3 Comments to “Federeeshiniin tekuwandoo hundeeffame”

  1. Pingback: porn sex

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *