Waldhabdeen hirmaannaa namootaan umurii dheerata

Yeroo hedduu walitti bu’iinsa ilaalchisee namootni miidhaasaa qofa, isa tokko mo’ataa isa kaan immoo mo’amaa kan taasisu akka ta’etti fudhachuun gartuun hojii sirriitti hojjetu gartuu walii galtee cimaa qabu, tasumaa kan walitti hinbuune jedhanii yaaduu danda’u. Haa ta’uyyuu malee walitti bu’iinsi wanta dhokatee dhaabbata tokko keessa jiru bakkeetti baasa; yaadi addaa akka burqisiifamu taasisa; kalaqaafi jijjiirama fidee dhufuu danda’a; sadarkaa namootni irra jiran akka hubatamu godha; gara murtoo fooyya’aatti geessuu danda’a; gartuu galmasaa irratti xiyyeeffatu uumuu danda’a. Inni kun marti kan ta’u garuu walitti bu’iinsa jiru sirriitti qabuun hiikuun yoo dandaa’ameedha.

Wanti dagatamuu hinqabne walitti bu’iinsi utuu fagaatee nama harkaa hinba’in ogummaadhaan furuun barbaachisaadha. Namoonni yeroo waldhaban yaada furmaataa, yaada namoota waldhaban kanaaf giddugaleessa ta’ee walitti butuu danda’urraa eegaluun murteessaadha. Akkuma beekamu walitti bu’iinsi hojii irratti xiyyeeffatu yeroo mara rakkoo cimaa miti. Hojii fooyyessuu nidanda’a. Walitti bu’iinsi hojii irratti hinxiyyeeffanne garuu akka lolaa lafa dhiqee borqeessuu yookaan akka rirma cumaa mukaa fixee humna dhabsiisuu dhumarratti dhaabbata tokko yookaan namoota utuu hinbeekamiin miidha. Biyyas ta’e uummata nimiidha. Bakkeetti fayyaa yoo fakkaatellee keessi isaa dhumaadha. Nyaatamaadha.

Akka hojjettootni murteessoon bakka gadidhiisan nitaasisa. Akka hojjettootni loliisa jiru irratti xiyyeeffachuun hojii itti jiran dagatan taasisa. Namootni loliisa kana keessatti hirmaatan akka sodaa, shakkii, hamminnaafi kkf., akka guutaman; akka waliisaanii irratti hammina yaadaniif karaa bana. Hojjettootnis akka fedha waajjira keessa hojjetaniif dhaban, akka ala ilaalan taasisa. Miirriifi xiinsammuun namootaa akka miidhamu, akka dhaabbatasaanii gadi dhiisan godha. Yeroon hojiifi qabeenyi dhaabbata/biyya tokkoo waa’ee rakkoo jiruu yaaduun akka qisaasa’u taasisa. Hojjettootni walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan sababa uumanii akka hojiirraa oolaniif karaa bana.

Inni kun dhaabbata tokkoof miidhaa cimaadha. Oomisha dhaabbatichaas ni hir’isa. Dhumarratti akka hojjettootni barbaachisoo/murteessoo ta’an dhaabbata tokko keessaa dhibaman gochuun miidhaa hamaa uuma. Sababiin isaa hojjettootni dhaabbata nagaan keessatti hojjetaniifi haala mijataa qabu barbaacha jeequmsaa jiru baqa deemuu hinoolan. Inni kun dhaabbata tokkoof hamaafi miidhaa guddaa sababa qabuuf sirriitti gadi fageenyaan itti yaaduufi adda baafachuun utuu rakkoon uumames harka keenya keessaa hinba’in irratti hojjechuun daran barbaachisaadha.

Walitti bu’iinsi (loliisni) gartuu (namoota) lamaafi isaa ol, hojjettoota gidduutti yookaan dhaabbileen garagaraa fedhii faallaa qabaachuu irraa kan ka’een kan uumamu ta’uu danda’a. Akkasumas gartuuwwan lama yoo galmisaanii garagara ta’e gara walitti bu’iinsaatti adeemuu hinoolan. Egaa walitti bu’iinsi jiraachuuf namoonni (gartuun) lamaafi isaa ol jiraachuu malu jechuudha.  

Haa ta’uyyuu malee wanti beekuu qabnu walitti bu’iinsa oolchuun hindandaa’amu. Hanga namoonni waliin jiraataniifi  hojjetanitti walitti bu’uun hinoolu. Walitti bu’iinsi jiru garuu babal’atee gara jeequmsaatti akka hinceenetti geggeessitootni akkaataa itti rakkoo uumamu hiikan beekuun barbaachisaadha. Isa kanaaf ammoo burqaasaa adda baafatanii beekuun barbaachisaadha.

Burqaan walitti bu’iinsaa maalii? Namoonni amala addaa addaa qaban yeroo waliin hojjetan walitti bu’iinsi ni jiraata. Walitti bu’iinsi kun immoo yeroon hiikamuu qaba. Yoo hiikamuu baate burqaa jeequmsa garagaraa ta’uu danda’a. Sababnisaa walii galtee dhabiinsi kan uumamu qaama lamaafi isaa ol ta’an gidduutti ilaalchiifi kaayyoon isa tokkoo kan isa kaanii caalaatti fudhatama akka argatuuf walfalmii ta’u keessatti walii galteen dhibuu nidanda’a. Kanneen armaan gadii burqaawwan walitti bu’iinsaa ta’uu nidanda’u. 

  1. Walitti bu’iinsa dinagdee irratti hundaa’e. Qaamonni lama qabeenya caalaa argachuuf yeroo dorgoman;
  2. Olaantummaa argachuuf kaachoo ta’u irraa kan ka’e;
  3. Aboo qabachuuf carraaqqii ta’urratti kan hundaa’e;
  4. Waldhaggeeffachuu dadhabuu irraa kan ka’e;
  5. Waan hundumaa dhuunfachuuf yaalii ta’urraa kan ka’e;
  6. Gartuu lama gidduutti fedhiin hamaan yeroo uumamu;
  7. Ga’ee hojii ofii adda baasanii wallaaluurraa kan ka’e;

Walitti bu’iinsi akkasii yeroo jiraatu waan gochuu qabnu keessaa muraasni:

1. Sababa walitti bu’iinsa kanaa adda baafachuu

2. Walitti bu’iinsa kana keessatti kan hirmaatan gartuu garaagaraa, dhaabbata yookaan namoota dhuunfaa adda baasanii beekuu.

3. Namootni walitti bu’iinsa keessatti hirmaatan kun fedhiin isaanii maal akka ta’e hubachuu. Maal akka barbaadan adda baafachuu. Isaan kanneen gadi fageenyaan qorachuun fedhiin isaanii inni kam akka guutamuuf akka barbaadan hubachuun irratti waliin mala dhahuun, mari’achuun, ilaafi ilaameen yaada furmaataa waliin dhahuun barbaachisaadha. Kana gochuun walitti bu’iinsa oolchuu hindandeenyu yoo ta’e iyyuu jeequmsa oolchuu nidandeenya.

As keessatti wanti dagatamuu hinqabne akka biyya keenyaattis ta’e akka addunyaatti yeroo hedduu burqaan walitti bu’iinsaa ummata bal’aa utuu hinta’in geggeessitoota dura buutota amantiifi siyaasaati. Geggeessitootnis gama kanaan of ilaalaa deemuun barbaachisaadha. Rakkoo isaan biraa ka’eefis sirriitti akka furamuuf irratti hojjechuutu isaan irraa eegama. Akka salphaatti dubbachuu, akka salphaatti miira ofii ibsuun lubbuu namoota hedduu kan aarsaa taasisu, walitti bu’iinsarraa gara jeequmsaatti akka geessu hubachuun dantaa dhuunfaa, hawwii taayitaa, jibbaafi kkf., irraa walaba karaa ta’een yaaduun burqaa rakkoo qofa utuu hinta’in qaama furmaataa ta’uun barbaachisaadha.  

Karaa kan biraammoo yeroo walitti bu’iinsi dhaabbata tokko yookaan biyya tokko keessa jiraatu geggeessitootni dafanii abdii kutatan nijiraatu. Geggeessaa rakkoon gamaafi gamanaa uumamu abdii kutachiisu geggeessaa sirrii ta’uu hindanda’u. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan dukkanni hangam yoo dheeratellee bari’uu hinoolu. Dukkana sanatti aansee ifni akka ba’uuf jiru dagachuu hinqabnu. Akka geggeessaatti rakkoon yoo nu marse waa’ee rakkoo sanaa qofa haasa’aa ooluu hinqabnu. Namni aduun jalaa lixuu isheetti boo’u urjii arguu dadhaba. Isa numarse qofa ilaallee boonya yoo ta’e kallattiin yookaan tarsiimoon ittiin rakkoo sana mo’annu nu jalaa miliqa. Mo’amuuf harka laanna. Rakkina leellisuun warra kaan humna buusuu utuu hinta’in onnessuu danda’uu qabna.

Tarii baay’een keenya waa’ee ministira muummichaa Ingilizii duraa Winisten Cherchil seenaa isaa ni beekna jedheen yaada. Bara 1940 biyyi Ingilizii loltoota Jarmaniitiin marfamuun hedduu dhiphatte. Loltoonni Jarmaniis Inglizitti marsuun nidhiphisan. Yerochi ministira muummichaa Ingiliziifis ta’e ummata Ingiliziif yeroo abdii kutannaa cimaa ture. Si’achi waan abdii hinqabnes fakkaatu. Mo’amuuf xiqqootu isaan hafe. Haa ta’uyyuu malee ministirri muummichaa akka tasaa raadiyoo (afuursaa) biyyichaa irraa sagaleen isaa dhagaa’ame. Akkasis jedhe “Waan fedhe taanaan hinkufnu. Hanga dhumaatti nideemna. Loltoota Jarmanii warra biyya Faransaay jiran nilolla. Galaanaafi garba irra kan jiran nilolla. Humnaafi ofitti amanannaadhaan qilleensarratti nilolla. Lafootii galaana gidduu jiran irraa ni ittisna. Gatii yoo nu baasise iyyuu biyya keenya irraa niittisna. Saba Ingiliziif waan biraa kanan kennu hinqabu. Garuu kanan kennuuf yoo jiraate dhiiga, dafqa, imimmaan qofa…”jedhe. Dubbii kanatti aansuun dargaggootni hedduun loliisaaf nika’an. Utuu hinturinis biyyasaanii irraa diina nideebisan; Jarmaniinis ni injifatan.

Geggeessaan tokko yeroo hundumaa yoo dukkanni jiraate illee akka inni suuta suutaan ifa bariitti geeddaramu nama amanu ta’uu qaba. Nus yeroo baay’ee bakka hojii keenyaattis ta’e jireenya jiraannu keessatti wantootni abdii nukutachiisan numudachuu danda’u. Wanta abdii nama kutachiisu qofa ilaaluun kaayyoo keenya irraa deebi’uun nurra hinjiru. Garuu obsaan mala dhahuun, mari’achuun furmaata fiduun barbaachisaadha.  Rakkoo uumamuuf baqa utuu hinta’in mala dhahuutu barbaachisa. Wanti beekuu qabnu yoo jiraate walitti bu’iinsi hundumtuu karaa nagaan hiikamuu ni danda’a. Garuu duraan dursinee akkaataa itti hiikuu mallu beekuun babaachisaadha. Isaan keessaa muraasni:

  1. Nama wajjin walitti bu’an mo’achuun hiikuu yaaluu. Nu waliin nama wal falmii qabu to’achuun walitti bu’iinsa hiikuuf yaaluu. Inni kun si mo’een walitti dhufna jechuudha.
  2. Mo’amanii hiikuu yaaluu. Namni nuwajjin walitti bu’e haala jiru akka to’atuufi akka mo’uuf eeyyamuu.  Inni kun tarii mirga nama waliin falmii qabnuuf kan kennu yoo ta’eyyuu akka rakkoo jiru gadi fageenyaan haasa’uun furmaata sirrii, mortoo dhugaa irratti hundaa’a akka hinlaatne taasisa.
  3. Hundumaa itti dhiisuun hiikuu yaaluu. Namoota walitti bu’an gidduutti walitti dhufeenyi akka hinjirretti ilaaluu, itti dhiisuufi kkf., dabalata. As keessatti walitti bu’iinsi homaa tokkoyyuu hinhiikamne jechuun nidandaa’ama. Bor walitti deebi’anii rakkoon uumamuu danda’a.
  4. Mareen hiikuu yaaluu. Walgargaaruun rakkoo jiru waliin hiikuuf yaalii gochuu; rakkoo mudate waliin irratti hojjechuun ilaafi ilaameen hiikuudha. Kanaaf walitti bu’iinsaa jiruuf furmaata ta’uu kan danda’u tarsiimoo gaariidha.

Walumaa galatti rakkoo jiruuf walitti dhufuun mari’achuu; rakkoon uumame sadarkaa jeequmsaarra utuu hinga’in hiikuun barbaachisaadha. Walitti dhufeenya bakka jalqabaatti deebisuudhaan namoota gidduutti wal amanuufi shakkii malee waliin hojjechuufi jiraachuu akka danda’an taasisuun gaariidha.

“Gaggeessaa rakkoon gamaafi gamanaa uumamu abdii kutachiisu gaggeessaa sirrii ta’uu hin danda’u!”

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

2 Comments to “Waldhabdeen hirmaannaa namootaan umurii dheerata”

  1. Pingback: 라이브스코어

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *