Oromiyaatti sochii rakkoolee pirojektoota 66 hiikuuf eegalame

Oromiyaan qabeenya uumamaan badhaatuu ta’uusheetiin invastimantiin biyyattii harki caalu naannicha keessatti kan argamuudha. Kana malees magaalonni magaalaa gudditti Oromiyaa, Itoophiyaafi teessoo Gamtaa Afrikaa Finfinneetti marsaniifi dhiheenyatti jiran magaalota Oromiyaa waan ta’anif kuufamni invastimantii akka itti heddummatuuf sababas ta’eeraaf.

Haa ta’u malee Oromiyaan damee kanarra hanga fayyadamuu qabdu hinfayyadamne.  Keessumaa dargaggoonni hedduu gaafa hojiin invastimantii tokko qe’eesaaniitti banamu fayyadamoo ta’uu osoo qabanii halaala taa’anii ilaaluuf dirqamaniiru. Gaafa namni fagoodhaa dhufee lafa abbaasaaniirratti badhaadhu, isaan garuu akka keessummaatti ilaalaa turan, muraasni immoo hojiilee xixiqqoorratti hirmaatanii akka hinduunetti jiraataa turan.

Kana malees dameen kun kenniinsa lafaa, eeyyamaa, liqaafi kkftiin waan walqabatuuf daran sassaabdummaa kiraaf kan saaxilameedha. Abbootiin qabeenyaa baay’een faayidaa damichi qabu waan beekaniif wantoota karaa seeraafi qajeelfamaan raawwachuurra qaxxaamura raawwachuu barbaadu. Waan hunda qarshiisaaniitiin argachuu akka danda’anitti waan yaadaniif karaa qajeelaarra deemuun yeroosaanii fixuu hinbarbaadan. Kanarraa kana ka’e mootummaadhumtu raawwachiistootasaa ajajuuf rakkataa ture.

Rakkooleen eeraman kunneeniif kanneen biroo faayidaan damicharraa argamuu qabu akka hinargamneef hudhaa itti ta’eera. kanarraa ka’uun mootummaan xiyyeeffannaa olaanaa itti kennuun rakkoo damichaa furuuf hojii bal’aa eegaleera. Akka Oromiyaattis sagantaa ‘Big Win Plan’ jedhu qopheessuun rakkoo invastimantii damee dameedhaan hiikuuf hojii jalqabeera.

Dubree Liinaa Laggasaa, Rizoortii Liisaak Bishooftuutti argamutti daarektara ittaantuu maanaajaraati. Akkasheen jettuutti, faayidaa olaanaa turizimiin biyyattiif qabu akkuma jirutti ta’ee, dameen kun rakkoolee addaddaatiif kan saaxilameedha. Keessumaa hojiin dhimma dafanii raawwachuu waliin walqabatee jiru daran harkifataafi obsa fixachiisaa ta’uusaatiin abbootii qabeenyaa daandii sirriidhaan hojiisaanii hojjechuuf yaadan rakkoof saaxilamaa jiru.

Rizoortiin isaanii erga hojii eegalee waggoota ja’aa ol lakkofsiisuufi waggaa shan duras lafa babal’isaa akka gaafate eertee, hanga yoonaa garuu utuu lafti banaan jiruu isaanii eeyyamamuu dhabuusaa kaasti. Kunimmoo silaa hojii hojjetamee dinagdee nama dhuunfaas ta’u biyyaaf bu’aa buusuu malu horachuun osoo danda’amuu hinta’iin hafuu kaasti. Kana malees carraan hojii dhaabbiifi yerootti lammiileef banamu utuu danda’uu ta’uu dhabuu himti.

Adeemsa amma mootummaan eegale garuu rakkoolee kana furuun faayidaa damichi biyyattiif gumaachuu akka qabu akka gumaachuuf karra kan saaqu akkasumas, kuteenyummaa mootummaan qabu waan agarsiisuuf kan jajjabeeffamudha jetti.

Obbo Baahiluu Kaasahuun ammoo gaggeessaa hojii Indastirii Huccuu Akuwaa Paaraalaal magaalaa Bishooftuutti argamuuti. Isaanis dameen invastimantii kun rakkoolee hedduuf kan saaxilame ta’uu kaasanii, dhiheessii lafaa, leecalloowwan, bu’uuraalee misoomaafi kanneen biroo kaasuun akka danda’amu himu. Keessumaa meeshaaleen hedduu alaa kan galan ta’uusaaniitiin rakkoon damee sanarra jiru danqaa cimaa itti ta’ee akka jiru dubbatu.

Kunis rakkoo imaammataafi qajeelfamoota waliin walqabatu waan ta’eef irra deebi’amee sakkattaa’amuu akka malu eeranii, ta’uu baannaan garuu yeroo hunda faayidaa argachuu qabnu hinarganne jedhanii waggaa waggaan gabaasa dhiheessuun furmaata rakkoo akka hintaane dubbatu. Mootummaanis kana hubachuun rakkinicha hundeedhaa furuuf sochii eegaluunsaa jajjabeessaa ta’uufi isaaniifi dhaabbileen walfakkaatoo kanaan abdii guddaa itti horachuusaanii ibsu.

Yoo rakkooleen jedhaman hiikamanii wantoonni hedduu sirratan dhaabbannisaanii qofti humna namaa amma qabu 200 irra jiru gar 600 olitti akka guddisu kan kaasan gaggeessaan hojii kun, gama biraatiin biyyaafi ofiif illee bu’aa olaanaa buusuu akka danda’an agarsiisaaf kaasu.

Doktar Kassatabiraan Admaasuu Itoophiyaatti Daareektara dhaabbata ‘Big Win Plan’ yoo ta’an,  waltajjii marii mata duree “Invastimantii Oromiyaafi hojii uumuu’ jedhuun torban darbe mootummaan naannoo Oromiyaa Finfinneetti qopheesserratti argamuun akka dubbatanitti, rakkoo dargaggootaa furuuf kaka’umsa mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaa jiru dinqisiifatanii, dhaabbanni isaaniis gama kanaan waan barbaachisu mara akka tumsu ibsu.

Dhaabbatichi dhaabbata tola oolaa Ameerikaa yoo ta’u, hojiiwwan isaa ijoo mootummoota biyyootaa waliin walta’ee akka hojjetu kaasanii, falaasamni isaas pirojektoota xixiqqoorratti xiyyeeffachuu osoo hintaane, humna biyyoonni qaban ilaalcha keessa galchuun bu’aa olaanaa fiduuf kan tattaafatuudha. Keessumaa biyyoonni Afrikaa humna dhokataa olaanaa osoo qabanii, sababa hanqina bajataafi rakkoolee birootiin qabeenya qabaniin fayyadamaa akka hinjirre eeranii, dhaabbatichi qaawwaalee akkanaa duuchuuf kan socho’u ta’uu ibsu.

Hanqina bajataa malees, imaamatawwan mijatoon dhibuusaaniitiin dameen invastimantii quucaree dinagdee biyyaafi ummataa laamsheessaa jira kan jedhan daarektarichi, dhaabbanni “big win plan’s mootummaa waliin ta’ee rakkoo akkanaa furuuf hojjeta jedhu. Kana malees hanqinoota gama qulqullina barnootaa, misooma sammuu daa’immaniifi dinagdee waliin walqabatanii jiran furuuf socho’aa akka jiru addeessu.

Akkasaan jedhanitti, dhaabbatichi ofii isaatiin karoora qopheessa osoo hintaane karoora mootummootaa kan deeggarudha. Bu’uura kanaan biyyoota Sahaaraan gadiirratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Itoophiyaa keessattis naannolee Oromiyaa Amaaraafi Finfinneetti sochii taasisaan kan jiru yoo ta’u, gama kanaan damee dhuunfaa hirmaachisuun daran murteessaa ta’uusaatiin gaggeessitoota naannolee waliin ta’uun karoorri qophaa’ee hojjatamaa jira.

Kanarratti dhaabbanni biyya Maalezyiyaa “Peemaanduu’ jedhamu muuxannoo olaanaa waan qabuuf, kanallee gara biyyoota Afrikaa fiduun bu’a qabeessa akka ta’uuf dhaabbanni isaanii waliin hojjechaa jiraachuu Doktar Kassatabiraan eeranii, mootummaan rakkoolee damee dhuunfaa hojii duraasaa godhate hinhojjetu taanaan qofaasaa socho’uun harka tokkoon harka dha’uurra hinjiru jedhu.

Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo invastimantiirra jiru hiikuuf dhaabbilee idil addunyaa muuxannoo qaban kanneen akka “Big win’fi ‘Peemaanduu’ waliin sochii eegaluusaa eeranii, kanaas rakkoo gama caasaatiin jiru qorachiisuun hundeedhaa furmaata itti kennuuf hojjetaa jiraachuu addeessu.

Adeemsa hanga yoonaa taasifameen yeroo lama abbootii qabeenyaa damee garagaraarratti bobbo’aanii hojjetan waliin mariin taasifamuu kaasanii, kanaanis rakkooleen jiran erga adda baafamanii booda kanneen sadarkaa biyyaattii hiikamaniifi seeraafi sirna jijjiiruu gaafatan, akkasumas, abbootii qabeenyaa amma jiraniif qofa osoo hintaane rakkoodhuma seektarichaa hiikuun fuuldurattis sirna diriirsuuf haalaa dandeesisuun hojiin eegalamuusaa dubbatu.

Hojiin kun garuu galma ga’uu kan danda’u ifaajjii mootummaatiin qofa akka hintaane eeranii, hirmaannaan abbootii qabeenyaa daran murteessaa ta’uusaatiin dirqamaasaanii ba’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Yoo kana ta’e invastimantiiwwan amma jiran bu’a qabeessa taasisuun, kanneen haaraa immoo hawwachuun salphaa akka ta’e himu.

Hanga yoonaa akka biyyaatti hojiin sektara dhuunfaarratti hojjetame, maqaadhumaaf jira malee bu’aa barbaadamu akka hinfidne kaasanii, keessumaa sirniifi hojmaanni sektara dhuunfaa hanga sadarkaa godaatti deggaru waan hinjirreef bu’aan irraa argamuu qabu hinargamne. Dinagdee biyyattiimmoo seekatra dhuunfaa hirmaachiisuudhaa yoo baate eessayyuu ga’uu hindanda’u. kanaaf sirna qonnaan bultootaafi horsiisee bultootarraa kaasee hanga abbootii qabeenyaatti deggaru, cimsuufi iddoo qabu qabaachuun murteessaa waan ta’eef mootummaan naannichaa kutannoodhaan hojiitti seenuusaa addeessu.

Hojii eegalame keessaas rakkoolee pirojektoota 66 hiikuuf qorannoon jalqabamuu kaasanii, kanneen hafanis dhawaata dhawaataan hiikuun misooma naannichaa ariifachiisuuf akkasumas, invastimantiiwwan haaraa harkisuuf hojjetamaa jira jedhu. Hojii kanarratti deggarsi dhaabbilee ‘big win’fi peemaanduu olaanaa ta’uusaatiin galataeeffataniiru. Abbootiin qabeenyaas hanga yoonaa tumsa taasisaniif galateeffatanii, kanaa boodas hoggansaafi hojmaata qarshiidhaan bituurra sirna diriirsuurratti mootummaa cinaa akka dhaabataniif waamicha dhiheessaniiru.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, kenniinsa tajaajila si’ataa taasisuufis yeroo dhihoo keessatti tajaajila foddaa tokkoo hojiitti hiikuuf qophiin xumurameera. Kanaanis invastarri tokko pirojektii tokkoof  bakka 20 ykn 30 seenuurra iddoodhuma tokkotti dhimmasaa akka fixatu kan taasisudha.

Walumaagalatti, sochii damee dhuunfaa malee dinagdeen biyyattii guddachuu waan hindandeenyeef xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamuunsaa murteessaadha. Hojii eegalamees kan yeroo tokkoo qofa ta’ee akka hinhafneef hunduu tumsuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  14/2012

Recommended For You

4 Comments to “Oromiyaatti sochii rakkoolee pirojektoota 66 hiikuuf eegalame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *