Dhukkuuboota HIV/AIDs waliin walqabatanii deeman maal fa’i? Qoricha vaayirasii HIV akkuma qabamaniin dafanii eegaluun bu’aa maalii qabaa? Qoricha erga eegalanii addaan kutuun hoo miidhaa maalii geessisaa?
- Dhukkuboonni vaayirasii HIV da’oo godhachuudhaan lubbuu namaa galaafatan maal fa’i?
Waa’ee dhukkuba HIV/AIDS yoo irra deddeebinee kaafnee, miidiyaalee qabnu mararratti illee baasnee haasofne kan haasa’amee xumuramu miti. Akkuma yeroo darbe kaafne garuu dhukkubni kun nuti waa’ee isaa haasa’uu haa dhiifnu malee lubbuu namoota hedduu dabarsuu, daa’imman hedduu haadhaafi abbaa malee daandiirratti hambisuufi humna hojjetee biyyaafi maatii jijjiiru karaatti hambisuu hindhiifne. Maalumaafuu waa’ee daddarbuu, ittisaa, qorannaafi yaala dhukkuba HIV/AIDS yeroo darbes kaafnee waan turreef amma immoo dhukkubni kun akkamiin lubbuu galaafataa? Qoricha dhukkuba kanaaf kennamu adda kutuun ykn erga qoratamanii HIV qabaachuu beekanii booda qoricha osoo hinfudhatiin yeroo dheeraaf turuun maaliif akka nama saaxilu haa ilaallu.
HIV/AIDs (Human Immunodeficiency Virus and Acquired Immunodeficiency Syndrome) maquma jedhurraa yoo kaanee, dhukkubni kun yokaan vaayirasiin HIV ofii ishiitiin hubdee nama ajjeesuu osoo hintaane dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu namaa hubuudhaan akka lubbuu galaafattu beekuu dandeenya. Akkuma beekamu qaamni keenya uumamaan infeekshinoota jarmoota ijaan hinargamne akka baakteeriyaa, pirootozowaa, fangasiifi vaayirasootaan dhufan akka ofirraa ittisu (dhorku) ta’ee uumame.
Vaayirasiin kun garuu seelota dhiiga adii dhukkuba nurraa ittisan ajjeesuudhaan qaama keenyarratti silaa kan lolaan mo’aman baakteeriyaafi jarmoota biroo abbaa biyyaa gooti. Yeroo tokko tokko namni kan qoratamee HIV qabaachuu isaa baru iyyuu erga mallattoon dhukkuboota sababa dadhabuu ittisa dhukkubaan dhufan kun mul’atanii booda. Jechuunis erga vaayirasiin HIV qaama seenee gara wagga 7 haga 10 jechuudha. Dhukkuboonni dadhabuu dandeettii dhukkuba ittisuu qaama keenyaa fayyadamuun nutti dhufan kun eenyu fa’i?
Dhukkubootaa Sombaa (Tiibii (Tuberculosis) fi Infeekshinoota sombaa biroo)): Dhukkubni sombaa sababa infekshinoota gargaraa dhalaa namaa hubu. Namoota dhukkuba HIV kana hinqabnes akka hubu beekamaa ta’ee osoo jiruu, nama HIV qaburraatti garuu sababoota armaan olii kanaan garmalee dabala. Dhukkuboota somba qabatan keessaa inni hangafni dhukkuba tiibii haa ta’u malee infeekshiinoonni sombaa hedduun kanneen biroo akka: dhukkuba infeekshinii sombaa sababa baakteeriyoota garagaraan dhufu, dhukkuba infeekshinii sombaa fangasiin dhufufi kanneen biroo hedduutu jiru.
Walumaagalatti namni dhukkuba HIV/AIDs qabu tokko mallattoowwan akka: qufaa (kan haakkee tufamu qabu ykn hinqabne), qaama gubaa, halkan halkan dafqisiisuu, ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu, nyaata jibbisiisuu fi kkf yoo kan irratti argaman ta’e dhukkuboota infeekshinii sombaa armaan olii kana keessaa tokko qabaachuu waan maluuf hatattamaan mana yaalaa deemee ilaalamuu qaba. Dhukkuboonni infeekshinii sombaa kun hatattamaan yaala hinargatu taanaan salphaadhumatti lubbuu nama dhukkubsatee sanaa dabarsuurra darbee namoota biraatti illee dabarsuu mala.
Infekshinoota Sammuu Garagaraa: Infeekshiniin nama dhukkuba kana qabutti baay’atu keessaa kan biraan ammoo infeekshiinii sammuuti. Infekshiniin sammuu kun akkuma kan sombaa keessumaa namoota osoo vaayirasii kana qabanii qoricha hinfudhanne ykn qoricha yeroo dheeraaf addaan kutan irratti kan baay’atu yoo ta’u, mallattoowwan akka: mataa dhukkubbii (keessumaa mataa dhukkubbii yeroo dheeraa), morma ofii ofirraa sochoosuu dadhabuu, iji ifa ilaaluu sodaachuu, akka nama sammuun darbee taasisuu (waan hinjirree haasa’uu, waan namatti hinmul’anne itti argamuu, namaafi bakka jiran wallaaluu), darbee darbee gartokkeen qaamaa dadhabuufi akka nama gaggabdoo qabuutti hurgufuu fa’i.
Dhukkuboonni infeekshinii sammuu kanaaf yeroo hedduu sababa ta’an keessas dhukkubni Tiibii sammuu isa tokkoofi hangafa yoo ta’u, dhukkuboonni biroo akka kanneen biroo infeekshinii sammuu baakteriyaa garagaraa, infeekshinoota fangasii sammuufi kanneen biroo akka pirotozowaallee ni jiru. Walumaagalatti garuu mallattooleen isaanii walfakkaataafi kan armaan olitti ibsame waan ta’eef mallattoowwan akkasii namni ofirratti arge hatattamaan mana yaalaa deemee qoricha fudhachuufi yoo kan qoricha HIV hinjalqabiin ta’e ammoo jalqabuun dirqama.
Dhukkuboota Garaa Kaasan (Teessisaa): Dhukkubni HIV/AIDs kan ittiin beekamu keessa tokko ammoo teesisaa yeroo dheeraati. Kana jechuun namni dhukkuba teesisaa qabu HIV/AIDs qaba jechuu akka hintaane beekamuu qaba. Namni fayyaan kamuu sababoota garagaraa hedduudhaan rakkoo teesisaa mudachuu danda’a. Fakkenyaaf nyaatni namaaf mijachuu dhiisuu (food intolerance), infeekshinoota ofii isaaniiin nama dhiisan akka vaayirasii garagaraafi kkf. Garaa kaasaan nama fayyaa qabatu yeroo hedduu yeroo muraasa qofa kan namarra turuufi ofiin kan nama dhiisudha.
Garaa kaasaan sababa infeekshinoota garagaraan nama dhukkuba HIV/AIDs qabu hubu garuu yeroo dheeraaf (yeroo baay’ee ji’ootaaf) kan irra turuufi yoo yaala argate malee kan hindhiifnedha. Kanaaf namni dhukkuba HIV AIDs qabu tokko yoo teesisaan yeroo dheeraaf irra turu deemee qoratamee qorichaafi yaala ga’aa argachuu qaba. Akkuma armaan olitti kaafne ammoo qoricha dhukkuba HIV AIDs kanaa fudhachuun dirqama.
- Qoricha vaayirasii HIV dafanii eegaluun maaliif nama fayyadaa? Yoo turanii erga mallattoo argisiisee eegalan hoo miidhaa maal qaba?
Dhukkubni HIV/AIDs haga ammaa qoricha ga’aa haa dhabu malee qorichoota vaayirasichi akka hinbaay’anne taasisuudhaan nama vaayirasii kanaan qabame umrii yeroo dheeraa jiraachisuuf gargaaran ni jiru. Namni yeroodhaan dafee qoricha kana fudhachuu eegale tarii umriisaarraa wagga muraasni qofa hir’achuu ykn ammoo umrii guutuu jiraachuu danda’a.
Kanaan dura qorichi HIV vaayirasiif kennamu sadarkaa dhukkubbicharratti hundaa’uudhaan yoo dhukkubichi sadarkaa ol’aanaa irra ga’u kennamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa garuu haalaafi faayidaasaa qorachuun namni tokko yoo vaayirasiin kun qaamasaa keessa jiraachuun mirkanaa’e battalumatti qoricha fudhachuu eegaluu akka qabu murtaa’eera. Kanaaf namni kamuu yoo qoratamee vaayirasii kana qabamuusaa bare battalumatti qoricha kana jalqabuu qaba.
Faayidaan qoricha battalumatti dafanii eegaluu maalidha gaaffii jedhuuf; carraan dhukkuboota armaan olitti kaasne kanneen dhukkuba HIV/AIDs kana waliin walqabachuun dhufanii lubbuu namaa galaafatan kanaan carraan qabamuu hedduu kan gadi bu’udha. Namni tokko vaayirasii kanaan yoo qabame wagga 7 hanga 10 gidduutti mallattoo dhukkuboota armaan olii kana argisiisuu eegala. Yeroo tokko tokko garuu namni muraasni vaayirasii kanaan qabamee hanga wagga 15 mallattoo tokkoyyuu osoo hinargisiisiin turuu danda’a, erga qabamee wagga sadii qofa keessattis mul’achuu danda’a.
Turees haa ta’u dafee yoo mallattoo argisiise dhukkubni kun mallattoo argisiise jechuun ammoo dandeettiin dhukkuba dandamachuu qaamaa hedduu miidhameera jechuudha. Sadarkaa kanatti ammoo qoricha jalqabuun hanga dursanii jalqabuu lubbuu namaa baraaruu ykn dheeressuu hindanda’u.
- Qoricha dhukkuba HIV addaan kutuun maal namarraan ga’aa?
Qoricha HIV qofa osoo hintaane qoricha yaala kamiifuu kennamu addaan kutuun miidhaa guddaa akka qabu beekamaadha. Haa ta’u malee qorichi vaayirasii HIV kanaaf kennamu umrii guutuu waan fudhatamuuf ulfaataa akka ta’e beekamaadha. Haa ta’uu garuu qoricha kana addaan kutuun miidhaa inni namaarraan ga’u yoo ilaalle umrii guutuus ta’e fudhachuun (addaan kutuu dhiisuun) dirqama akka ta’e beekuu dandeenya.
Qoricha kana addaan kutuun akkuma beekamu dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa hedduu waan gadi buusuuf dhibeewwan armaan oliif akka nama saaxilu beekamaadha. Dabalataan ammoo vaayirasiin HIV akkuma vaayirasootaafi jarmoota biroo qoricha waliin walbaruu danda’a. Kun ammoo qorichi inni argamnisaa salphaa ta’eefi miidhaalee cinaa (side effects) xiqqoo ta’e qabu isa sadarkaa 1ffaa (1st line Antiretroviral Therapy) yoo vaayirasicha waliin walbare, qoricha isa kan biraa sadarkaa 2ffaa (2nd line Antiretroviral Therapy) fudhachuun dirqama ta’a. Qorichi kun ammoo (inni sadarkaa 2ffaa) gatiidhaan baay’ee qaalii kan ta’eefi kanneen sadarkaa 1ffaa olitti miidhaalee cinaa adda addaa (side effects) qaama irraan ga’a.
Walumaagalatti:
- Namni kamuu qoratamee vaayirasii HIV kana qabaachuufi qabaachuu dhiisuu isaa ykn ishee of beekuun hangafa waan hundaati; kanaaf haa qoratamnu of haa beeknu. Namni vaayirasiin kun qaama isaa keessa hinjirre (bilisa ta’e) ji’oota sadii wantoota vaayirasii HIV kanaaf nama saaxilan (akka walqunnamtii saalaa of eggannoo hinqabnee) irraa of eeggachuun irra deebiin qoratamuu qaba. Bilisa taanaan fuulduratti eeggannoo taasisaa jireenya itti gaafatamummaa qabu gaggeessuudha.
- Itti aansee namni vaayirasiin HIV qaama isaa keessatti argame, osoo tasumaa mallattoon kamuu utuu hinmul’atiin qoricha vaayirasichaa eegaluun hedduu murteessaafi dirqama waan ta’uu qabuudha. Kanaaf mallattoo argisiisuu dhukkubichaa akka fayyummaatti ilaaluun sossobamuun hinta’u.
- Sababa kamiinuu ta’u, haala kam keessattis qoricha kana ammoo addaan kutuun tasuma kan hinbarbaachifneefi miidhaa hedduu kan namarraan qaqqabsiisu ta’uu beekuun dirqama. Yoo waan akka qoricha kana adda kutan nama dirqisiisu nama mudatellee deemanii ogeessa yaalaa mariisisuudhaan haala itti furmaata fiduun danda’amu uumuun dirqama.
Horaa Bulaa
Fayyaan Faaya
Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 14/2012
4 Comments to “Qoricha HIV/AIDS’fudhatanii addaan kutuun miidhaa maalii qaba?”