Shaampiyoonaan ispoortii aadaa 17fa, Dabramaarqositti

Finfinnee: Ispoortiin aadaa ispoortiiwwan aammayyaaf gahee olaanaa qaba. Ispoortiin aadaa ni dhalata, ni guddata, ni du’a, akkasumas ispoortii aadaa  birootiin bakka bu’as. Ispoortiiwwan aadaa tursiisuuf ammoo qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota bal’inaan hirmaachisuu kan gaafatuudha.

Biyyoonni addunyaa hedduun ispoortiiwwan aadaa isaan ibsu ni qabu. Fakkeenyaaf, Norwayitti ispoortii qaxxaamura biyyaa iskiyiingi (cross-country skiing), Jaappaanitti summoo(sumo), Iskotilaanditti kobaar tosi (cober toss), Ispeenitti bosaa bool (bossa ball), Keeniyaatti guluffii Harree(Donkey race) kkf. jedhamuudhaan beekamu.

Itoophiyaatti dorgommiiwwan ispoortii aadaafi feestivaalaa gaggeefamuunsaa aadaan keenya dhaloota dhufutti akka darbu gochuufi dhaalchisuuf yaadameeti.

Komishiniin Ispoortii Federaalaa waggaa waggaadhaan shaampiyoonaa ispoortii aadaafi feestivaala ispoortii aadaa  magaalota naannolee adda addaatti gageessuudhaan ispoortichi akka  babal’atu  gochaa tureera.

Baranas shaampiyoonaan ispoortii aadaa yeroo 17faf, feestivaalli ispoortii aadaa yeroo ammoo yeroo 13faf Guraandhala 7-15 bara 2012 naannoo Amaaraa godina Gojjam, magaalaa Dabramaarqositti adeemsifama jedhameeti eegama.

Komishinii Ispoortii Federaalaatti oggeesi olaanaan sabqunnamtii ummataa Obbo Lammeessaa Wayyumaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, shaampiyoonaa baranaa kanarratti bulchinsoota magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee naannoleen martinuu  akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin nihirmaatu.

Shaampiyoonichi bara darbe qopheessummaa naannoo Oromiyaatiin godina Shawaa Lixaa magaalaa Ambotti adeemsifamuusaa yaadatanii, naannoleen muraasni akaakuuwwan ispoortii 12n hirmaatanii turan. Barana ammoo gara akaakuwwan ispoortii 13tti  guddachusaa himaniiru.

Shaampiyoonaan baranaa kan adeemsifamu Waldhaansoo, Korboo qeenteefi walmakaa, Qillee, Sadeeqa abbaa bolla 12fi 18n, guluffii Fardaa, Sharxii Fardaa, tapha Shaa, Bubii, Hurubee, Xiyyee qeenteefi walmakaatiin ta’uu addeessaniiru.

Shaampiyoonaa baranaa kanaaf naannoleefi magaalonni dorgommiisaanii adeemsifachaa kan turan gandaa kaasanii hanga sadarkaa naannootti yoo ta’u, dorgomtoota ciccimoo isaan bakka bu’uudhaan hirmaatan filuudhaan guyyaa dorgommichaa eegaa akka jiranis ibsaniiru.

Qopheessaan shaampiyoonichaa magaalaan Dabramaarqosis bulchiinsa naannoo Amaaraa wajjiin ta’uudhaan koreewwan adda addaa kan dargaggootaan ijaaramaniifi qaamolee nageenyaa eegdotaa gurmeessuudhaan shaampiyoonichi rakkina tokko malee milkiidhaan jalqabame akka xumuramuf qophirratti argamuusaanis tuqaniiru.

Kaayyoon shaampiyoonichaa dargaggoonni, qonnaan bultootni, horsiisee bultootni, hojjetonni mootummaafi jiraatonni magaalaa yeroo aara galfannaasaanii gaaddisa ispoortii jalatti walarguudhaan, obbolumaan, jaalalli, tokkummaafi nageenyi  jiddusaaniitti akka uumamu gochuu maddiitti aadaa naannoosanii akka waljijjiiran gochuuf akka ta’es ibsaniiru.

Shaampiyoonaan kun bara 1990 magaalaa Finfinneetti kan jalqabame yoo ta’u, kan baranaa wajjiin naannoleen Oromiyaa, Amaaraa, Tigiraayi, Ummatonni Kibbaa, Hararii, Beenishaangul Gumuziifi magaalaa Dirree Dhawaatti qophaa’uunsaa kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

4 Comments to “Shaampiyoonaan ispoortii aadaa 17fa, Dabramaarqositti”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *