Maloota Mootummaan jijjiiramaa akka haaraatti qabatee itti deemaa jiru keessaa tokko waa’ee qabeenyuma biyya keessaatti fayyadamuun dinagdee guddisuuti. Kanaafis tooftaaleen adda addaa qophaa’anii hojiitti seenaa jiru. Gaazexaan Bariisaas dhimma riiformii dinagdee kanaafi taaksii ekisaayiziirratti hayyuu dinagdee, Doktar Sisaay Raggaasaa wajjin gaafdeebii taasiseera.
Doktar Sisaay Yunivarsitii Finfinneetti, pirofesara gargaaraa ikkonomiksiiti yoo ta’an, hayyuu dhimmoota taaksiifi dinadgee ilaallatanirratti qorannoowwan adda addaa kan geggeessaniidha.
Bariisaa: Isin waa’ee guddina dinagdee gooroo biyyoota guddataa jiranii qorattaniittuu mee gama kanaan biyyi keenya akkamiin ibsamti? Haala kamiinis qorattan?
Doktar Sisaay: Qorannoon dhimma kanarratti taasise daran natti tola. Barnoonni ikkonomiiksii amala namaa qorata; amala namaa akka nama tokkoottis akka gareettis. Kanaaf amalli namaa ammoo haala jireenyasaarratti hundaa’a.
Akkuma carraa qabu hanqinas (constraint) qaba. Fakkeenyaaf namni tokko mindaa ji’atti kanfalamuuf qaba. Fedhiiwwan baay’ees qaba. Fedhiiwwansaa sana hunda ammoo waliin gahuu hindanda’u. Kan hudha itti ta’u murtaa’ummaa mindaansaati.
Kanaaf waan murtaa’aa ofharkaa qaba, fedhiinsaammoo guddaadha. Akkamittan tartiiba qabachiisee kam dura godhachuun narra jira, kamin ittaansa, kamin dafee hojjedhu jedhee lafa kaawwachuun amaluma dhala namaati.
Haa ta’u malee amalli nama Itoophiyaa keessa jiruufi Ameerikaa ykn Awurooppaa keessa jiruu tokko miti. Haalli nuti keessa jiraannuufi carraafi hudhaan nu mudatan garaa garummaa guddaa qabu. Nama ta’uu keenyaan nutis isaanis waan namni tokko argachuu barbaadu barbaadna. Nama ta’uu keenyaan tokko jechuudha.
Garuummoo haalli nuti keessa jirru, hudhaan nu qunnamuufi carraan argachuuf jennu kan warra lixaa wajjin garaagarummaa guddaa qaba. Kitaabonni nuti asitti irraa barsiisaa jirru Ameerikaa ykn Awuroppaatti barreeffaman. Amala ofii ilaalanii barreeffatan jechuudha. Imaammatasaaniis haaluma kanaan bocatan. Yaaxxinnisaaniis (tiyoorii) isarratti hundaa’e. Oggaa akka biyyaattis ilaalamu biyyi tokko guddachuuf maal gochuu qaba?
Yaaxxinni isa jala jiru kan biyyoota lixaatiif barreeffameedha. Yaaxxinni isaan yaadanii ka’an asitti lafarra hinjiru. Kanaaf Yaaxxinoota kanneen akkuma jirutti garagalachanii as fiduun rakkina guddaa uuma. Waan yaadame sanas hinfidu. Darbees badiiyyuu uumuu danda’a.
Dhimmichi waan asirraa ka’uuf qorannoon kiyya, barattoota koos kanin cimsee barsiisu yeroo hunda waanti asitti barattan akkuma jirutti lafa bu’ee kan hojiirra oolu akka hintaaneedha. Sababiinsaas kun kan bocame amala dinagdeefi ummata biyyoota guddataniit waan ta’eef.
Biyyi keenya ammoo amalootaan (carraas ta’e hudhaa) garaagarummaa waan qabduuf ‘moodifaayi’ gochuu qabna. Bakka kamitti qabatamaa goonee akka nuu ta’utti mijeeffanna kan jedhurratti xiyyeeffadheeni yeroo baay’ee kanin hojjedhu. Ammas achirratti hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa bakkuman carraasaa argadhe hundatti kanin ibsuu barbaadu kana. Sababiinsaas yeroo baay’ee dogoggorri akka biyyaattis uumamu yaaxxinni kun Kooriyaa, Taayiwaan, Chaayinaa keessatti hojjeteera kan jedhuudha.
Bariisaa: Nuyiifi Chaayinaafaa maaltu gargar taasisa?
Doktar Sisaay: Waan nuufi Chaayinaa walfakkeessu ykn adda baasu beekuuf yaaxxinasaanii ilaaluun gaariidha. Waantonni yaaxxina akka Chaayinaa keessatti milkaa’u taasisan as jiruuyii kan jedhu ilaalamuu qaba; yaaxxinichi amala biyyattiirratti xiyyeeffatee kan qophaa’e waan ta’eef.
Hinjiran taanaan kam dhabne, kamis qabna? Kanaaf yoo kun hinjiru ta’e akka milkoofnuuf yaaxxina kana keessaa maaltu jijjiiramuu qaba? Isa jedhurratti xiyyeeffachuu barbaachisa.
Yaadni kun oggaa fudhatama argatee gabbatu lafumaa ka’ee miti. Irratti dhama’amuu qaba. Hayyoonni umriisaanii irratti fixaniiti. Kanaanis kuun badhafamaniiru. Yaaxxina kanarratti kitaabnis barreeffameera. Kan as jiru garuu hanga kana dhama’uu hinbarbaadu. Kan dhumateef sana garagalchee waan galchu galchee kunooti jedha.
Kun yaada biyya keessaa burquu qabu iddoo dhabsiiseera jechuudha. Biyya kanatti rakkoo guddaan kan jiru yaadni ikkonomiksii akkuma jirutti yaada biyya keessaa burqeen kan sirraa’e ykn bocame miti. Yaada biyya keessaa burqe jechuun yaada haala biyyattii xiyyeeffannoo keessa galche jechuudha.
Bariisaa: Yaada kana fakkeenyaan otoo nuu ibsitanii?
Doktar Sisaay: Dhimma biyya kanaa keessatti waantota baay’eetu jiru. Konkolaatonni xixiqqoon biyya alaatti karaan hundi aspaaltiidha jedhamee waan yaadameef lafatti gadi siqsanii hojjetan. Oggaa as dhufan garuu lafti haala sanaan waan aspaaltii hintaaneef namoonni tokko tokko moodifaayii godhanii lafaa ol kaasu.
Yaaxxinnis kanuma jechuu waan ta’eef as dhufee milkaa’uuf haalli mijataan achi jiru waan as hinjirreef akkamitti gara ofiitti jijjiirree itti fayyadamuu akka dandeenyu agarsiisuutu isa hanqata. Hojichi tattaaffiis ni barbaada.
Bariisaa: Kana hojiitti hiikuuf maaltu ta’uu qabaree?
Doktar Sisaay: Dhalli namaa dirqamuu ykn sirni onnachiistuu jiraatu malee hintattaafatu ykn hinhojjetu waan ta’eef kun jiraachuu qaba. Akka nama dhimma dinagdeerratti hojjetuuttis adeemsa kanatti nan amana. Adeemsa kana keessatti onnachiistuun ykn adabbiin jiraachuu qaba.
Yoo kana hojjete kana argatta, yoo kana hinhojjenne ammoo hinadabamta jedhamuu qaba. Biyyoota guddatanitti onnachiistuutu jijiirama argamsiiseef. Biyyoonni tokko tokko ammoo adabbiidhaan as gahan. Bakka seentan seenaatii kana fidaa, yoo fiduu baattan ni adabamtu jedhanii kanneen dirqisiisanii yaada burqisiisan jiru.
Har’a garuu yeroon keessa jirrus sana hineeyyamu waan ta’eef dirqisiisuurra gara onnachiistuu kennuutti xiyyeeffatamaa jira. Biyyanatti sirriitti hojjetus hojjechuu baatus inuma jiraatta. Kun waan biyyattii balleessaa jiruudha. Keessumaa dhaabbilee barnoota olaanaa fakkeenyummaan eeramuu qabanitti haalli kun ni hammaata.
Hojmaanni akkana sirnuma hinqabu. Hojjettus hojjechuu baattus waanti ittiin madaalamu hinjiru. Barattoonni kees yoo cimsitee qabdee karaatti galchite malee tattaafachuu hinbarbaadan. Asitti abshaala jedhamee kan jaalatamu nama yeroo baay’ee daree hinseenneefi nama hojmanee danuu hinkennineedha. Garuu barsiisaa hojmanee kennee cimsee isaan hordofe baratoonni dhumarratti si jaalatu. Kana jireenya koo keessatti hubadheera.
Bariisaa: Yaadni dhumarratti kaastan kun maaliin ibsama?
Doktar Sisaay: Kana jechuun barsiisaan sababa sirni ittiin madaalan hinjirreef koorsii dirgii jalqabaarratti kennamuu malu digrii lammaffaatti kennee baha. Namuu maaliif kana barsiiste hinjedhuun. Kan dhama’es hindhamaanes qixxuma jechuudha; biyya kana keessa sirni madaallii waan hinjirreefi.
Madaalamtee hinjajjabeeffamtu ykn hinadabamtu. Haala kana keessumaa Yunivarsitii Finfinneetti kana taajjabeera. Kun iddoowwan hundatti rakkoo guddaa biyya kanaati. Kun qorannoo ijoolleen barreessanirrattis ni calaqqisa. Barattoonni garagalchaniifaa fidu. Kana namni itti dhiphatee ilaalee karaa qabsiisu hinjiru.
Dhalli namaa jireenyasaa salphaa godhachuu barbaada. Kun amala dhala namummaati. Garuu waan kan dhoowwu qabu ana. Barsiisaan dhama’uufi hindhamaane jira. Biyya kana keessa madaalliin hinjiru. Keessumaa Yunivarsitii Finfinneetti madaalamee kan hojiisaatiin badhaafamuufi adabamu hinjiru. Haasaa malee waanti hojiidhaan mul’atu hinjiru. Hojjettus hojjechuu baattus uma jiraatta.
Kun hojii baruufi barsiisuurratti calaqqisaa jira. qorannoo barattoonni barreessan namni sirnaan dhimmamee ilaalee karaarra buusu hinjiru. Barattoonni garagalchaniifaa fidu. Sababiinsaas dhalli namaa yeroo mara jireenyasaa salphaa godhachuu barbaada.
Kun amaluma dhala namummaati. Garuummoo waan badaa ta’e dhorku kan qabu ana, isa akka barsiisaatti as taa’u kana. Yoon hordofee sirreessuu baadhe amalli kun bal’achaa deema. Kuun maallaqaan alatti hojjechiisa. Beeksisni kanaa ifumatti balbala yunivarsitiirratti maxxanfama; waraqaa eebbaa ni qopheessina jechuun.
Ijoolleen barreessistee dhufti. Ammaan tana rakkoo guddaa ta’aa kan jiru kana. Barattoonni intarneetii fa’irraa garagalchanii fidu. Barsiisonnis otoo sirnaan hinilaaliin qabxii kennanii dabarsu. Amalli kun itti bara. Babal’achaas deema. Maaliifan dhama’a yaada jedhutu dhufa. Barsiisaan waljalaa dubbisaa deemee otoo hordofee ni qaba.
Jarri lamaanuu hojjetanis hojjechuu baatanis waan ittiin madaalaman waan hinqabneef hamileenis waan kufaa jiruuf kun ta’aa jira. Barataan maalifan dhama’aa jedha. Kana kanin kaaseef sirni to’annoofi hordoffii jiru dadhabaa ta’uu agarsiisuufi. Hojmanni kan hojjetuufi hinhojjenne, kan ifaajeefi hinifaajne addaan baasu akka hinjirre ibsuufi. Isa hojjeteef beekamtii kennaa isa kaan ammoo akeekkachiisaa deemuun barbaachisaa taa’uu eeruufi. Haalli kun deemee deemee gocha dinagdee biyyaa miidhuudhas.
Bariisaa: Kallattii fooyyeessa dinagdee kaa’amee itti deemamaa jiru akkamitti ibsitu?
Doktar Sisaay: Sochiin gama kanaan taasifamu guddaa miti. Sochiin dhimma kanarratti gama namoota siyaasaatiin taasifamaa jiru gama ogeessota damichaatiin deggarsa barbaachisaa hinarganne. Haallitti namoonni siyaasaa kunniin ogeessota dinagdee hirmaachisuuf itti deemantu tarii rakkina qaba.
Fakkeenyaaf riiformii dinagdee kan yaada biyya keessaa burqeedha jedhama. Yaada biyya keessaa burqeen kun amma dhimma mootummaa qofa malee saayinsiinsaa hintuqamne. Saayinsiin dinagdee saayinsii hawaasaa waan ta’eef akka fiiziksii ykn baayolojii miti.
Seerri ‘giraaviitii’ Ameerikaattis Itoophiyaattis ni hojjeta. Saayinsiin dinagdee garuu biyyoota gara garaatti adda addummaa biyyoonni qabanirratti hundaa’ee moodifaayi ta’uu qaba, akka haala qabatamaa biyya sana wajjin deemutti. Yoo ta’uu baate akka bu’aa laaboraatorii dhiigaa namni tokko kenne inni biraa fudhatee gara mana yaalaa deemuu ta’a dubbichi. Waan walitti hinjirre jechuudha. Qorannoon dhiigaa laaboraatorii naaf hojjeteme kanuma kooti.
Kan anaaf yaadamee hojjetameen namni biraa wal’aanamuu hindanda’u. Ati yoo mana yaalaa deemuu barbaadde kanuma kee hojjechiifatta. Bu’aa laaboraatoorii koo fudhattee mana yaalaa deemuun dhibee ofitti dabaluu malee bu’aa hinqabu. Saayinsiin dinagdees akkanuma.
Iddoo biraatti hojjeteedhaaf asitti ni milkaa’a jechuu miti. Haalichi akkuma bu’aa laaboraatorii fudhattee mana yaalaa deemuuti. Kanaaf saayinsiin sun Itoophiyaa keessatti akkamitti sirraa’uu qaba, garamiin maaltu itti dabalamuu qaba, maalimmoo irra hir’isuu qabna waan jedhurratti hinhojjetamne. Warruma siyaasaa qofatu kana kana goona jedhan. Isaan kallattii qofa kaa’an. Kallattiin kaa’ame sun ija saayinsiitiin akkamitti akka ilaalamu ogummaadhaan deggaramee hindhiyaanne.
Bariisaa: Kanaaf hayyoonni maal gochuu qaburee?
Doktar Sisaay: Asirratti yeroo baay’ee hayyoonni kana, sana hingoone, akkunumaan qeequ malee jedhama. Dubbichi waanuma har’a ka’anii dubbatanii biraa deebi’an miti. Yeroofi maallaqa barbaada. Dubbichi daataadhaan qindaa’ee balballoomfamee dhiyaachuu qaba.
Saayinsiifi daataan biyya keenya keessa jiru akka walitti dhufu taasifamee hojjetamuutu irra jiraata. Kun ammoo waan yeroofi kutattummaa barbaaduudha. Isa kanaaf mootummaan abbaa ta’ee waan kana naa hojjedhaa jedhee hayyoota walitti yoo qabe malee isaanuu nu hojjenna jedhanii ka’aniif hinhojjetamu.
Waldaaleen adda addaa jiru; kan akka Waldaa Ogeessota Dinagdee Itoophiyaafaa. Waldaan kun eddii hundaa’ee gara waggaa 28 kan lakkoofsise waan ta’ee gama kanaan muuxannoo kuufame qaba. Waldaa kana dabalatee hayyoota damichaa yunivarsitoota biyyattiitti gargaaramuun ni danda’ama. Kanaaf ammoo gama mootummaatiin fedhiin jiraachuu qaba.
Fooramiin dhimma kana qindeessuu jiraachuu qaba. Beekumsa qophaa’ee lafa jirutti haala kanaan fayyadamuun gaariidha, dhimmichi waan siyaasa hintaaneef. Siyaasni waan dubbistee itti qaqqabduudha.
Dhimmi dinagdee garuu akkana miti. Saayinsii daataarratti hundaa’uudha. Waanti haasa’amu hundi ragaadhaan utubamuu qaba. Kun ammoo gaditaa’anii hojjechuu gaafata. Yaada fidaa jedhamee kan walitti dhufu miti. Hojjedhaatii fidaa jedhamuu qaba.
Hojjetanii fiduun ammoo maallaqaafi yeroo barbaada. Hojii kanarratti mootummaan ittigaafatamummaa fudhaatee hayyoota damichaa wajjin hojjechuu qaba. Bakka yaadame qaqqabuuf karaa saayinsaawaa ta’een hojjetamuu qaba. Dinadgee biyya keessaa jedhame kanatti beekumsi biyya keessaa dabalamuu qaba. Eessa turre, eessa jirra, eessa akka deemnu yeroo wajjin sirriitti hojjetamuu qaba. Hojmaanni kanaan alaa olola ta’a. Ololli ammoo hinbarbaachisu.
Bariisaa: Qorannoo guddina dinagdee biyyoota guddataa jiranirratti adeemsistan maal agarsiisuurratti xiyyeeffate?
Doktar Sisaay: Qorannichi biyyoota dinagdeedhaan itti dhiyaannurratti kan hojjetameedha. Kan otoo hanga tokko sochoonee bira gahuu dandeenyu jechuudha. Biyyoonni nuti dafnee bira gahuu dandeenyu kanneen galii jiddugaleessa qabaniidha.
Maal keessa akka turaniifi maal hojjetanii eessa akka qaqqaban kan agarsiisuudha. Biyya keenyatti rakkoo guddaan waan mootummaan hojjetu ummanni kiyya jedhee fudhachuurratti duubatti jechuusaati. Waanti hojjenne sun ummatarraa ka’ee ummatumatti deebi’ee bu’ee fedhiisaa wajjin walitti dhufee garaa guutuudhaan kan kiyya jedhee fudhatee yoo hojjete malee waan mootummaan karoorfateef qofa bu’aa qabaachuu hindanda’u.
Bu’aa kan qabaatu yoo ummataan itti amanameefi jaalatee fudhatama argateedha. Kun Itoophiyaa keessa hinjiru. Biyyoonni akka Maaleezhiyaa, Kooriyaa, Taayiwaan, Chaayinaafi Taayilaandifaa yoo fudhanne waan mootummaan jedhu ummanni ni deggara. Mootummaan abbaa irree ta’us ummanni imaammanni inni baasu ni fayyada, kiyya jedhee fudhachaafi deggaraati kan ture.
Biyya kanatti waanti mootummaan baasu bu’aa qabaachuufi dhiisuunsaa otoo hinilaalamiin gadi bu’a. Sagantaan qubsumaa akka yaadametti milkaa’uu dhabuun kanaaf fakkeenya. Kun waan ummatatti sirriitti hinhimamneef fudhatama hinarganne. Sagantaan qubsumaa sirna Dargii keessa eegalame sirnichuma wajjin kufe. Kun kan jechaa jirru kanaaf agarsiistuudha.
Bu’uuraalee misoomaa bakka tokkotti hojjechuuf yaadichi gaarii ture. Garuu hojiin amansiisuu waan dursee hinhojjetamneef sagantichi kufe. Kanaaf karoora asitti baasanii gadi buusuurra ummata biraa ka’ee hojjetamuu qaba. Biyyoonni guddina gaarii agarsiisaa jiran ummata amansiisuurratti waan cichanii hojjetaniifi. Ummanni waan mootummaan jedhu kiyya, na fayyada jedhee fudhachaafi irrattis hirmaatee mootummaa wajjin hojjechaa ture. Kun biyya keenyatti waan dagatameedha.
Bariisaa: Waa’ee taaksii ekisaayiziirratti maal jettumee?
Doktar Sisaay: Taaksiin ekisaayizii biyya kamuu jira. Haaraatti haaromee oggaa dhiyaatu namni rifatee malee waanuma jiruudha. Waantota tokko tokko fageessanii ilaaluun gaariidha. Meeshaaleen taaksiin kun irratti buufamee kamfaa akka ta’an sirriitti addaan baasanii himuu barbaachisa.
Fakkeenyaaf shaqaxoota bu’uuraatti taaksiin guddachuu hinqabu. Kan konkolaataarratti buufamee garuu daran barbaachisaadha. Biyya biraatti turtiin konkolaataan tokko taajilarra turu waggaadhaan kan murtaa’eedha.
Konkolaataa nama harka ture dhabamsiisuuf gatii kanfalamu jira. Maallaqa kee ittibaaftee konkolaataa si harka ture gatta jechuudha. Biyyi akka Itoophiyaa guddina dinagdeetiin boodatti hafan jiraachuun isaan fayyadeera. Silaa kan gatii itti baasanii ofirraa gatan nutti gurguratu.
Durumayyuu dhowwuu dhiisuun dadhabina guddaa mootummaa ture. Amma kan godhame konkolaataan waggaa hangamiif tajaajila kenne isa jedhu ni ilaalama. Hanguma haaraa ta’aa dhufu taaksiin ekisaayiziisaa gadi siqa. Moofaan ammoo ol siqa. Haaraas ta’e moofaa fiduun ni danda’ama ammas. Taaksiinsaa garuu haala irranatti eerameen akka sirratu taasifame.
Hamma kana kanfalee moofaa fiduurra otoon haaraa galfadhee akka jedhamu taasifame. Har’a nuti kan ilaalle baasiinsaa gadi siquu qofa malee rakkoo inni biyyattis, nuttis fidu otoo hinhubatiin konkolaataa moofaa umriisaa achitti fixee galchina.
Dhufee ammoo boba’aa baay’ee nyaata. Boba’aan sun ammoo sharafa alaatiin bitamee gala. Boba’aa sirnaan waan hinfayyadamneef faalama naannawaas ni uuma. Moofaa waan ta’eef meeshaalee jijjiirraas ni barbaada. Kunis sharafa alaatiin gala. Dhiibbaawwan kanneen hir’isuuf taaskiin ekisaayizii guddaan buufame.
Kun waan biyyaaf barbaachisuudha. Waanti otoo addaan hinbaafamiin haasa’amus jira. Shaqaxoota bu’uuraa kanneen akka zayitiifaarratti taaskiin ekisaayizii buufamuu hinqabu. Kun akkuma addunyaattuu hinjiru.
Taaskiin ekisaayizii taaksii omishoota qananii (lixuray) irratti kan buufamuudha. Omishoota naannawa faaluun fayyaa hawaasaa miidhanirratti taaskiin ekisaayizii ni buufama. Bu’aansaa yeroo dheeraa keessatti kan mul’atu ta’us tarkaanfiin gama kanaan mootummaan fudhate sirriidha. Garuu akaakuuwwan omishawwanii tokko tokkoon addaan baasanii ilaaluun barbaachisaadha. Itoophiyaan biyya balfi ittigatamu taate. Kana ittisuuf taaksichi daran murteessaadha.
Charinnat Hundeessaatiin
Suurri Iyyoob Tafarii
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
6 Comments to “Fooyyessa dinagdeefi hirmaannaa hayyootaa”