Sagantaa ‘Youth Connect’: Fayyadamummaa qarreefi qeerrootiif

Rakkoolee hawaas dinagdeefi siyaasaa dargaggootaa furuuf yeroo baay’ee sagantaawwan garagaraa niqophaa’u. Biyyoonni addunyaas haala qabatamaa dargaggoota biyyasaaniirraa ka’uun hojmaatawwaniifi sagantaawwan qopheessuun hojii baay’ee hojjetaa turaniiru; hojjechaas jiru.

Sagantaawwan rakkoolee hawaas dinagdee dargaggootaa furuuf hojjetaman keessaa sagantaan ‘Youth Connect’ jedhamu isa tokko. Moodeeliin sagantaa kanaa biyya Ruwaandaatti kan eegalame yoo ta’u, gama kanaan dargaggoonni biyyattii hedduuun fayyadamoo ta’aaniiru. Sagantichi ALA bara 2012 deggarsa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii ‘UNDP’n kan eegalameedha.

Sagantaan kun Ruwaandaatti bu’aa olaanaa waan fideef biyyoonni Afrikaa 16 ta’an gara biyyasaaniitti fudhachuun hojiirra oolchaa jiru. Itoophiyaanis dhuma waggaa faranjootaa darbeetti saganticha ifaan eegalteetti.

Sagantichas Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Dargaggootaafi Daa’immanii abbummaadhaan hoggana. Gorsaan Ministira ministeerichaa Obbo Istiibal Mitikkuu maalummaafi barbaachisummaa sagantichaa ilaalchisuun tibbana waltajjii Magaalaa Bishooftuutti qophaa’erratti ibsa gabaabaa kennanii turan.

Akka isaan jedhanitti, muuxannoo kana Itoophiyaattis babal’isuuf bu’aa sagantichi agarsiise qorachuun barbaachisaa waan tureef jilli qoratu Ruwaandaa deemee ture. Sababni isaa sagantaan qabataamaadhaan rakkoo dargaggoota Ruwaandaa fure kan Itoophiyaas furuu danda’uunsaa itti amanamuu waan qabuufi.

Kanarraa ka’uun kaayyoo sagantichaa yommuu ibsanis, ‘youth connect’ dandeettii dargaggoonni qaban akkamiin hojii waliin walitti fiduun danda’ama isa jedhu dhugoomsuu kan kaayyeffateedha.

Dhimma kanarratti dargaggoonni, namoota milkaa’an, taphattoota kubbaa miilaa dinqisiifatan, artistoota dinqisiifatan, namoota siyaasaa dinqisiifataniifi kkf waliin kan ittiin walarganiidha. Kanaanis keessumaa rakkoo hojidhabdummaa waliin walqabatee isaan mudatu gama furuutiin akkasumas, gama kaka’umsa hojii uumuutiin faayidaa olaanaa kan qabuudha.

Sagantichi kutaalee garagaraa kan ofkeessatti qabatu yoo ta’u, inni duraa akkaadaamii waa uumuuti. Dargaggoonni dameewwan adda addaatiin humnaafi dandeettii garagaraa qabu. Kanaaf isaan kanneen akkaadamii tokkotti walitti qabuun barbaachisaa waan ta’ef kan hundaa’eedha.

Inni biraan immoo wiirtuu onnachiisuu (empowerment center)dha. Kunis dargaggoonni yommuu onnatan wanta isaan barbaachisu keessaa inni ijoo fandii waan ta’eef sana mijeessuuf kan akeeke ta’uu ibsu.

Deggarsa manii misooma itti fufiinsa qabuu wajjin kan walitti hidhatummoo kutaalee sagantichaa keessaa isa birooti. Kunis ajandaa mootummoonni gamtooman bara 2063tti ittiqaqqabuuf qabate wajjin akka walqabatutti kan hojjetamudha.

Gama biraatiin ammo, dubartoota qofarratti ‘connected girls’ jechuun isaan irratti xiyyeeffatee kan hojjetudha. Kanaanis, shamarran umrii dargaggummaa keessa jiran dinagdeedhaan of danda’uu qofa osoo hintaane dhiibbaa bifa kamirraayyuu bilisa akka ta’aniif kan hojjetu akka ta’eedha gorsaan kun kan himan.

Badhaasiifi deggarsis (award and fellowship) kutaalee sagantichaa keessaa isa tokko ta’uu kaasanii, kunimmoo dargaggoota hojii gaarii hojjetan badhaasuun warreen kaan keessatti dadammaqiinsa uumuun barbaachiisaa waan ta’eef kan qabameedha jedhu.

Inni dhumaa ‘Youth Connect Africa Summit’ isa jedhamu yoo ta’u, kunis wagga waggaatti dargaggoota kuma sadii hanga kuma 10 ta’an biyyoota Afrikaa garagaraarraa walitti fiduun kan ittiin deggaran ta’uu addeessu.

Akka ibsa Obbo Istiibalitti, Itiyoophiyaan Afrikaarraa baay’ina ummataatiin biyya sadarkaa lammaffaarratti argamtu yoo taatu kanneen keessaa % 42 kan ta’an ammoo umuriinsaanii waggaa 29 gadi ta’uu qorannooleen damichaa bu’uureeffachuun nimul’isu.

Kanaaf dargaggoota kanneen akka carraatti fayyadamuun murteessaadha. Kanammoo bifa ciccitaa ta’een leenjisuun, gabaasa soba ta’e dhiheessuun of gowwamsuufi kkftiin rakkoon isaanii hundeerraa furamuu hindanda’u. Kanaaf waan hundeedhaa rakkoosaanii furu qopheessuun dirqama. Keessumaa sagantaawwan akka ‘Youth Connect’ kana babal’isuun murteessaadha.

“Qaama sagantichaa keessaa tokko ‘hangout’ ykn wajjin ta’uu kan jedhudha. Inni kun, dargaggoon kalaqa waliin walqabatee teessoo mataasaanii googiliirratti banachuun konfiransii viidiyoofi barreeffamaan kan waliin haasa’aniidha. Kana ammoo Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo waliin walitti hidhuun murteessaadha. Haala kanaan erga eegalamee kaasee dargaggoonni kuma 23 ol fayyadamuu danda’aniiru” jedhu.

Qaamni biraa ilaalamemmoo sirna badhaasaasaanii ta’uu kan kaasan gorsichi, kunimmoo dargaggoota waa uumuun bu’aa jajjabeessaa fidan kan ittiin badhaasaniifi beekamtii kennaniidha. Sagantaan kunis walta’iinsa waajjira gennee biyyattiitiin kan hojjetamu ta’uufi kanaanis dargaggoonni 48fi kaampaaniiwwan saddeet badhaafamuusaanii himu.

Akka ibsa gorsichaatti, qaamni sagantichaa inni sadaffaan ‘convention’ ykn waliigaltee kan jedhuudha. Kanaanis dargaggoota Ruwaandaa kuma sadiifi kanneen biyyoota Afrikaa biroorraa dhufan beekumsaafi dandeettii qaban bu’uureeffachuun hariiroo waliinii akka uuman kan taasisuuudha. Haala kanaan hanga yoonaa dargaggoonni kuma 21 caalan sagantaa kanarratti hirmaachuusaanii addeessu.

Kana malees dargaggoota fayyaa hormaataafi fayyaa waliigalaa dargaggootaarratti yaadoota haaraa burqisiisan badhaasuunis qaamuma sagantichaa ta’uu eeranii, haala kanaan wagga waggaatti dargaggoota 90 ta’an akka filataman himu.

Erga sagantaan kun eegale kaasee hanga yoonaa dargaggoota 630 ta’an kan filataman yoo ta’u kanneen keessaammoo 210 badhaafamaniiru. Ulaagaan badhaasaa inni jalqabaas teknolojiin uumame carraa hojii hammamii uumuu akka danda’u xiinxaluudha. Bu’uura kanaan carraa hojii kuma saddeet caalu banuu danda’uusaanii addeessu.

Akka Obbo Istiibal jedhanitti, qaamni inni shanaffaan, hojii tola ooltummaa waliin kan walqabatuudha. Sagantaa hojii misooma biyyaafi dhimma hawaasummaa addaddaarratti akka hirmaatan itti taasifamu yoo ta’u, keessumaa mana maanguddootaa suphuu, biqiltuuwwan dhaabuu, dhiiga kennuu, qusannaafi kkf irratti hubannoo kan itti uumaniidha.

Kanaaf sagantaa kanaan dargaggoonni miliyoona afur caalan hirmaachuun manneen 50 ta’aan akka haaraatti ijaaraniiru, 789 kan ta’aan immoo suphaniiru. Akkasumas biqiltuuwwan miliyoona tokkoo ol dhaabaniiru.

Dhumiinsa bara 1994 Ruwaandaa keessa ture kan yaadatan gorsichi, sana keessaa ba’uuni sagantaa kana hojiirra oolchuusaanii eeranii, kaayyoonsaa inni guddaa dargaggoonni dhimmicharratti yaada waljijjiiranii “kana booda biyyasaanii keessatti rakkoon akkanaa deebi’ee akka hinmudanneef ofi keenyaa fakkeenya ta’uu qabna.

Dhimmicharratti mari’achuufi walirraa barachuun nu barbaachisa” jechuun kan eegalan ta’uu ibsu. Kanaaf dargaggoonni miliyoona tokko caalan marii kana jalatti hammatamuusaanis ni kaasu.

Akka waliigalaatti sagantichi faayidaa hedduu waan qabuuf biyyoota hanga yoonaa fudhatan malee kanneen biroos fudhachuuf hojiitti jiraachuusaanii eeranii, hojii sagantaa kanaan hojjetameen ce’umsi hawaas dinagdee qabatamaan akka dhufuuf hojii bal’aan akka hojjetameefi dagraggoonni ofiisaaniitiin bakka hogganummaa qabatanii waan gaggeessaniif ofiisaaniirra darbanii biyyaaf illee bu’aa buusaa jiraachuu kaasu.

Akka gorsaan misniteerichaa jedhanitti, maniiwwan ‘Youth Connect Africa’ shaniidha. Isaanis, hojiiwwan miliyoona 10 ta’an dargaggootaaf uumuu, dargaggoota miliyoona 25 ta’an kennaasaanii waliin walagarsiisuu, dargaggoota dandeettii hoggansaa qaban baay’inaan horachuu, dargaggoota Afrikaa miliyoona 100 ta’an walitti hidhuufi addaddummaa koorniyaa mul’atu dhiphisuudha.

Itoophiyaanis sagantaa kanatti makamuusheetiin faayidaawwan argattu akka qabdu kaasanii, sababni isaa fayyaa, nageenyi boora’uu, hojii dhabdummaan babal’achuufi kkf waliin walqabatee wantoonni mul’atan waan jiraniif biyyattiin yoo sagantaa kanatti makamte gama hedduutiin fayyadamtuu ta’uu dandeessi jedhu.

Faayidaawwan argattu keessaa muraasa yommuu tarreessanis, moodeeliwwan haaraatiif dhihoo ta’uu, hojii uumuudhaan dargaggoota hedduu horachuu, muuxannoo argachuuf carraa bal’aa qabaachuu, ajandaa manii misoomaa ittifuufiinsa qabu milkeessuuf taa’ee wajjin adeemsisuu danda’uu, dandeettii dhuunfaafi dhaabbatawaa cimsuuf akkasumas biyyoota waliin hariiroo uumuufaa ta’uu addeessu.

Kanneen malees hirmaannaan siiviikiifi siyaasaa dabaluu, gurmaa’iinsawwan dargaggootaa cimaa uumuu, guddina dinagdee guddisuu, kaka’umsi hojii uumuu dargaggootaa dabalaa deemuu, rakkooleen fayyaa dargaggootaa waliin walqabataa deeman hiikamaa deemuu, lammiin furmaata kennu baay’achuu, maniiwwan misoomaa qabaman milka’aa deemuufi kkfn faayidaa biyyattiin saganticharraa argachuu dandeessuudha jedhu.

Akka ibsa Obbo Istiibalitti, sagantaan haaraa akkanaa yommuu hojiitti hiikan hudhaaleen mudatanis nijiraatu. Hojii dhabdummaafi hiyyummaan dargaggootaa hammachuu, godaansi baadiyyaadhaa magaalaatti taasifamu yeroo yerootti dabalaa deemuu, hirmaannaan koorniyaa hanga yaadame ta’uu dhabuun, hojii qaamoolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamu qindoomina cimaa qabaachuu dhabuu, haalli nageenyaa biyyattii tasgabbaa’uu dhabuuniifi kanneen biroon sagantichi saffisa barbaadameen akka hindeemne taasisuu malu.

Bu’aaleen sagantaa kanaan eegamanis, hojiilee dargaggootarratti hojjetaman moodeliwwan haaraa waliin walqabsiisuu, rakkoolee hawaas dinagdeefi siyaasaa biyyattii keessatti qabatamaan mul’achaa jiran irratti dargaggoonni abbummaan hirmaachuun qaama furmaataa ta’uu, filannoowwan hojii biroon uumamuun isaan muraasa ta’uu kaasu.

Akka waliigalaatti sagantichi yommuu hojiitti hiikamu karoora mootummaan rakkoolee dargaggootaa furuuf qabate wajjiin walitti hidhamee waan hojjetamuuf bu’aa qabeessummaansaa olaanaadha.

Kanaaf qaamoleen dhimmicharratti hojjetan, akkasumas dargaggoonni milkaa’ina sagantichaaf ofkennanii hojjechuun jijjiirama akka biyyaatti dhufuuf gumaachuu qabu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

4 Comments to “Sagantaa ‘Youth Connect’: Fayyadamummaa qarreefi qeerrootiif”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: cat888
  3. Pingback: free webcam tokens
  4. Pingback: Gifts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *