Akka dhaabbatni Gargaarsa Misooma Bishaan Itoophiyaa (‘Water Aid Ethiopia’) jedhamu yeroodhaa yerootti gabaasa qorannoosaa dhiyeessutti, hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu jiruufi jireenya hawaasa idiladdunyaa balaawwan adda addaatiif saaxilaa jira.
Itoophiyaa keessattis lammiileen dhibbantaa 60 ta’an bishaan dhugaatii qulqulluu naannawasaaniitti argachuuf waan hincarroomneef bishaan boollaafi burqituu barbaaduuf jecha karaa dheeraa deemuutiin jireenyasaanii gaggeeffachuuf dirqamu. Kunimmoo adeemsa keessa dhukkuboota daddarbaniif akka saaxilaman taasiseera.
Rakkoo kana furuuf mootummaan baadiyyaafi magaalotatti pirojektota bishaan dhugaatii bocuun hojjechiisaa tureera. Gariin pirojektotaa bishaan dhugaatii ammoo yeroo qabaman keessatti waan hinxumuramneef hanga har’aattuu keessumaa magaalotarratti Rakkoo bulchiinsa gaariis ta’urratti argamu. Jiraattotnis akkuma kaleessaafi dheengaddaa san mootummaarraa abdii akka kutatan taasiseera.
Akkuma biyyaattuu ijaarsi pirojektota bishaan dhugaatii qulqulluufi kanneen biroo waggoota kurnan dura eegalamanii hinxumuramne hedduudha. Akka Oromiyaattis tokko lama miti. Gaaffiin ka’uu qabu garuu, “Pirojektonni maaliif yeroowwan qabaman keessatti hinxumuramne?” kan jedhuudha.
Hoggantootni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran sababoota hedduu yaa tarreessan malee bu’uurumarraa ijaarsa pirojektota bishaaniis ta’e kanneen biroo hordofuufi to’achuurratti qaawwi bal’aan kan jiru ta’uusaati.
Gama tokkoon humni raawwachiisummaa ogeessotaa baay’ee gadaanaa yoo ta’u, gama biraatiin ammoo ogeessotnis ta’e hoggantootni akka feeteedhaan hojjechuusaaniitu danqaa misoomaa ta’e jechuudha.
Hoggantootni olaanaafi giddugaleessaas yeroodhaa yerootti waan jijjiiramaniif pirojektota misoomaa hunda haala walqixa ta’een to’achuurratti gufuu uumuu danda’eera. Keessumaa ammoo bajatni qabames duguugamee hojiirra akka hinoolleef sababa guddaa ta’eera. Kunimmoo meeshaaleen ijaarsa pirojektotaaf barbaachisan marti akka hindhiyaanneefi duubatti harkifatan godheera.
Kanarraa kan ka’e pirojektootni misooma bishaanii, fayyaa, barnootaafi kkf yeroo karoorfaman keessatti waan hinxumuramneef madda komii ummataa ta’uurratti argamu.
Pirojektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Nageellee bara 2001tti eegalame, garuu ammoo hanga har’aatti hinxumuramiin jiru akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Ijaarsisaa qarshii miliyoona 300 kan jalqabame yoo ta’u, baasii dabalataa gaafatee qarshii mil. 600n xumurarra gaheera. Kunis hangam hordoffiifi to’annaan mootummaa laafaa akka ture kan mul’isu ta’uusaati.
Dimshaashumatti, bishaan dhugaatii malee hiyyummaa hir’isuun, rakkoolee fayyaa fooyyessuufi maniiwwan misooma waaraa milkeessuun kan hindanda’amne ta’uu hubatamuu qaba. Kanaaf mootummaan hundarra to’annaa ijaarsa pirojektota misoomaaf taasisurratti cichee hojjechuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
4 Comments to “To’annaan pirojektota misoomaa haa cimu”