Hidha Gannaalee Daawwaa III: Humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisu

Itoophiyaan madda qabeenya bishaanii ardii Afrikaati ishee jechisiisan keessaa tokko laga Gannaalee Daawwaa yoo ta’u, biyyattii kibba bahaatti kan argamuudha. Lagni kun bishaan yaa’a gaarreen naannoo Sidaamaafi Godina Baalee keessaa burquun kan uumame waan ta’eef ka’umsasaarraa hanga hidhichaatti kiiloo meetra 85.8 kan dheeratuudha.

Laggeen guguddoo 12 biyyattiin qabdu keessaa tokko ta’uun kan beekamu Gannaaleen, waggoota hedduuf biyyee gabbataa haruun daangaa ce’ee yaa’aa tureera. Waggoota kurnan darbanii as garuu walta’insa ummataafi mootummaatiin seenaan qisaasama qabeenya bishaanii kun jijjiiramaa dhufeera. Kunis Gannaalee Daawwaa dabalatee laggeen tajaajila malee gannaafi bona yaa’aa turan madda humna elektirikii ta’uun lammiileef wabii misoomaa ta’uurratti argamu.

Argama astironoomii

Iddoon lagni kun itti argamu gammoojjii bu’aa bahii lafaafi bosonaan haguugame waan ta’eef haalli qilleensasaa daran ulfaataadha. Finfinneerraa kiiloo meetira 655 fagaatee Aanaa Gordoolaa (Gujii) jedhamuufi Madda Walaabuu (Baalee) gidduutti argama.

Hidhi humna elektirikii maddisiisu kun sarara dalgee (laatitiyuudii) 50 38¹ gara kaabaattiifi sarara gadee (loongitiyuudii) 390 43¹ gara bahaatti daangaa Keeniyaarraa kiiloo meetira 200 fagaate argama.

Bakka lagichi itti hidhames waggaatti si’a lama ji’oota Onkoloolessaafi Ebla keessa rooba gahaa kan argatuudha. Kunimmoo humna elektirikii haala abdachiisaa ta’een sochoosuuf kan gargaaru ta’uusaati.

Jalqabbiifi baasii hidhichaa

Pirojektiin hidha humna elektirikii Gannaalee sadii hidhawwan laga Gannaaleerratti ijaaramuuf karoorfaman jahan keessaa kan jalqabaati. Baasiin waliigalaa pirojektichaa doolaara miliyoona 451n kan hojjetame yoo ta’u, kunis dhibbantaan 60 liqaa maallaqaa Baankii Egziim Chaayinaarraa argameefi dhibbantaan 40 ammoo deggarsa mootummaatiin raawwatame.

Ijaarsi hidhichaa bara 2003tti Korporeeshinii Chaayinaa Genzhuubaa Giruup (CGGC) jedhamuun kan eegale yoo ta’u, kaampaaniin Ameerikaa Montogemarii Watsan Harza (MWH) jedhamu ammoo tajaajila gorsaa kennuutiin hojjetamee xumurameera.

Buufatni gaarreen biqiloota magariisaan haguugame gidduutti ijaarame kun humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisuu danda’a. Humni anniisaasaas giddugaleessaan waggaatti elektirikii giigaa waattii kuma tokkoofi 640 omishuuf gahumsa qaba.

Kutaalee hidhichaa

Kutaalee adda addaa hidhi kun qabu keessaa tokko iddoo kuufama bishaaniiti. Iddichi haala cimina qabuun sibiilota baqfamaniin kan hojjetame yoo ta’u, dhagaa xixiqqoo meetrik kuubii miiliyoona sadiin kan guutameedha. Dheerinnisaa irra lafaarra meetira 450, gadi fagina meetira 110, akkasumas bal’innisaa meetira saddeet qaba. Hanga bishaanii meetirik kuubii biliyoona 2.6 qabachuus danda’a.

Hangi olka’insa bishaanii hidhichi qabatu irra galaanarraa meetira kuma tokkoofi 120rra akka hindarbineefis iddoowwan bishaan itti gadhiifamu sadii hojjetameeraaf. Bishaan dhangala’u kun ammoo misooma hawaasa naannawichaaf akka oolutti bo’oon meetira 380 dheeratu ijaarameera.

Haala kanaan ijaarsi hidhichaa erga xumuramee booda Guraandhala 28 bara 2011rraa jalqabee bishaan akka kuufamu hojjetamaa tureera; wayita ammaas kan eegamuun olitti guuteera. Kunimmoo humna elektirikii biyyattiin barbaaddu maddisiisuuf abdii qabeessa ta’uu kan agarsiisuudha.

Kutaa lammafaan hidhichaa holqa kiiloo meetira 12.4 fagaatee gaara jalaatti ijaarame yoo ta’u, bishaan kuufame gara buufata humna elektirikiitti fudhachuuf kan gargaaruudha. Ijaarsisaas qulqullinaan waan raawwatameef kaayyoo barbaadameef ooluu danda’eera.

Buufatni humna elektirikii hidhichaas kutaa isa sadaffaa yoo ta’u, wiirtuu anniisaa elektirikii (power house) jedhamuun waamama. Wiirtuun kun ujummoowwan bishaan kuufamaa hidhicharraa fudhachuun tarbaayinootaaf ittiin qoqqoodu sadiifi iddoowwan to’annoo anniisaa elektirikii jaha kan of keessaa qabuudha. Kunis humni bishaanii tarbaayinoota, jeneratarootaafi tiraanisfoormaroota sochoosuun yerosuma gara anniisaa elektirikiitti akka jijjiiramu taasisa.

Kutaan hidhichaa kan biroo ammoo buufata tamsaastuu elektirikiiti. Humna elektirikii maddisiifame fuudhee gara buufataalee humna elektirikii addaddaatti geessu waan ta’eef tamsaastuu anniisaa (switch yard) jedhamuun beekama. Sararri daddabarsituu elektirikii kiiloo vooltii 400n buufata tamsaastuu kanarraa ka’us buufata humna elektirikii magaalaa Yirgaalam (Sidaamaa) keessa jiru waliin akka walqunnamu taasifameera.

Faayidaa hawaasdinagdee hidhichaa

Faayidaan hawaas-dinagdee pirojektii hidha Gannaalee Daawwaa sadii hedduudha. Humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisuutiin lammiileen humna ibsaatti akka fayyadaman gochuurra darbee misooma indastirii si’eessuuf gahee olaanaa kan qabuudha. Humni elektirikii biyyoota ollaa kanneen akka Keeniyaa, Sumaaliyaafi Sudaanitti gurguramee biyyattiin sharafa alaa akka argattu gochuu keessattis qooda guddaa taphata.

Hundarra ammoo hawaasa naannawaa hidhichaa jiraataniifis carraa addaddaa kan uume yoo ta’u, sababuma pirojektichaan daandiiwwan keessoo aanaaleefi gandoota walqunnamsiisan baay’inaan ijaaramaniiru. Kunimmoo keessumaa jiraattotni godina Gujiifi Baalee tajaajila geejibaa si’ataa akka argatan taasiseera.

Pirojektiin hidhichaa erga eegalamee kaasees lammiilee kuma sadii ol ta’aniif carraa hojii uumuun keessumaa dargaggootni naannawichaa jireenyasaaniifi maatiisaanii akka fooyyeffatan taasiseera. Dandeettiifi gahumsa ogummaa qaban caalaatti cimsatanii of danda’uun akka hojjetaniifis kaka’umsa guddaa uumeeraaf. Kanaanis dargaggootni bishaan kuufame kanatti fayyadamanii misooma jallisiif, omisha qurxummiifi dhugaatii bineeldotaaf akka itti gargaaramaniif carraa bal’aa uumeera.

Wayita ammaallee hawaasni naannawichaa hedduun kaffaltii beenyaa Tajaajila Elektirikii Itoophiyaarraa argatan hojiirra oolchuun dameewwan daldalaa, geejibaafi horsiisa beeyladaarratti bobba’uun fayyadamummaasaanii mirkaneeffachaa akka jiran hubachuun danda’ameera. Namootni muraasni garuu kaffaltii beenyaa lafaa waan dhorkatamaniif komachaa jiraachuusaaniis beekameera.

Xumura

Humna elektirikii guddina dinagdee biyyattiin galmeessisaa jirtu dhiyeessuuf pirojektootni madda anniisaa elektirikii bocamanii ijaaramaa turaniiru.Yeroo ammaas humna elektirikii waliigalaan meeggaa waattii kuma afuriif 400 jiru dabalataan misooma anniisaarraa kuma torbaaf 310, bishaanirraa meeggaa waattii 120, qilleensarraa meeggaa waattii 250 argachuuf hojjetamaa jira. Pirojektiin Hidha Gannaalee Daawwaa III’s kan karoorfameen olitti humna elektirikii bishaanii meeggaa waattii 254 kan maddisiisu waan ta’eef akka milkaa’ina olaanaatti kan galmeeffameedha. Jijjiirama misooma dinagdee Itoophiyaas caalaatti kan utubuu danda’u jechuudha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

7 Comments to “Hidha Gannaalee Daawwaa III: Humna elektirikii meeggaa waattii 254 maddisiisu”

  1. Pingback: look these up
  2. Pingback: do not trust

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *