Itoophiyaan invastimantiif mijooftuu ta’uu Doktar Abiyyi ibsan

Foramii dinagdee addunyaa 49fa Magaalaa Daavus, Siwiizarlaanditti adeemsifamerratti jirurratti Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad kan hirmaatan yoo ta’u, hoggantoota kubbaaniyaa biyyoota addaddaa waliin akkaataa invastimantii dhuunfaa hawwachuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Doktar Abiyyi Ahmad foramicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan waggoota kurnan darban keessa itti fufiinsaan guddina dinagdee dhibbantaa sagal galmeessisuun  biyyoota addunyaa saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko taateetti. Kana waliinis guutummaa biyyattiitti walgeettiin barnootaa haalaan babal’achuutiin lammiileen umuriinsaanii barnootaaf gahe carraa barachuu akka argatan taasifamuusaa ibsaniiru.

Haa ta’u malee, biyyattiitti haala mijataa jiruufi milkaa’ina jiraniin gamatti keessumaa dargaggootaaf carraa hojii uumuufi jijjiiramoota dhufan ittifufsiisuuf gufuuwwan hedduun jiraachuu eeraniiru.

Itoophiyaan hundarra gama invastimantiin waliin hojjechuurratti mijooftuu ta’uushee ibsanii, abbootiin qabeenyaa biyyoota guddatanii misooma invastimantiirratti akka bobba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.

Jijjiiramootni biyyattiitti mul’achaa jiran falaasama, “Ida’amuu” jedhuufi qabxiilee bu’uuraa sadiirratti kan hundaa’e ta’uu himaniiru. Dirree dimokraasii bal’isuun qabxii jalqabaa yoo ta’u, hidhamtoota siyaasaa gadi lakkisuufi paartiilee siyaasaa shororkeessummaan himatamaa turan karaa nagaatiin akka qabsaa’aniif gara biyyaatti deebisuun danda’ameera jedhan.

Kana cinaatti ammoo humna dinagdee biyyattii guddisuun qabxii lammaffaa falaasama, ‘ida’amuu’ ittiin milkeessuuf karoorfame ta’uus eeranii, keessumaa hirmaannaa dameewwan dhuunfaa guddisuun fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jijjiiramoota dhufaa jiran daran cimsuufis hoggansa kaabinee mootummaa keessatti hirmaannaan dubartootaa dhiirota wajjin walqixa akka ta’u godhameeras jedhan.

Hundarra ammoo biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti walitti hidhaminsa siyaas-dinagdee uumuuf tattaaffii olaanaan taasifamuusaas ibsanii, kanaanis nagaafi tasgabbiin akka mirkanaa’u gochuurra darbee walshakkiifi jibbiinsi ture hir’achuu danda’eera jedhan.

Daaw’annaa Awurooppaatti taasisaa jiran Xaaliyaanirraa kan eegalan Doktar Abiyyi, kaleessa ammoo sagantaadhuma walfakkaatuuf gara Beeljeyamitti ce’aniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

9 Comments to “Itoophiyaan invastimantiif mijooftuu ta’uu Doktar Abiyyi ibsan”

  1. Pingback: 푸우주소.con
  2. Pingback: Diyala Univer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *