Filannoon Dhaloota Kiristoos Dura bara 508 Giriikotaan akka eegalameefi booda keessa bifa ammaa kana qabaachaa yoo deemellee jalqabatti amala alta’umsaa (negative election) kan qabu ture.
Namootni filachuu danda’an dhiirota abbaa lafaa ta’an qofa; gaggeessaa siyaasaa yookaan kadhimamaa daran jaalataniif sagalee kennu; inni mo’ates waggaa kudhaniif naannoo gadhiisee bakka biraatti sokka. Akka har’aa waraaqaarratti yookaan qubaan kan mallatteessan utuu hinta’in nama filachuu barbaadan cabaa suphee ykn qiraacii (Afaan Giriikiin-Ostraka) jedhamurratti barreessuun galchu. Namni sagalee kuma jahaa ol argate naannawaa gadhiisee sokka jechuudha. Hanga waggaa 10tti naannawa sana hinjiraatu. Kanneen sagalee kennanis muraasa, abbootii qabeenyaafi dhiira qofa.
Ittifufuun jaarraa 19fa keessa mootummaan warra Veeniis (magaalaa Xaaliyaanii keessatti argamtu) mana maree miseensota 40 qabu filatan. Seera filannoo eeguun nama barbaadaniif sagalee kennuu; namoonni ummanni sagalee kenneefis nimo’atu jechuudha.
Ittaansuun Ameerikaatti bara 1776 eegalee namoonni umuriinsaanii 21 ol ta’e akka filachuu danda’an ta’e. Filannoon guddachaa deeme. Jijjiiramaa deeme. Namootni muraasni filachuurraa gara namoonni hundumtuu filachuutti ce’e.
Seerri filannoo Ameerikaas yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa deeme. Gurraachota, dubartootaafi kkf kan hirmaachisu akka ta’utti fooyya’e. Keessumaa bara 1971 seerri filannoo Ameerikaa fooyya’e 26fan umrii 21 irraa gara 18 gadi buuse. Namoonni umuriinsaanii 18 eegalee akka filatan ta’e. Biyyi keenyas isa kanatti fayyadamti.
Egaa filannoon biyya ormaa fooyya’aa, isa kaleessaa irra har’a toora qabachaa yeroo deemu kan keenya maal fakkaata? Maaliif fooyya’aa hindeemuu? Yeroo filannoon dhiyaatu maaliif namootni keenya yaaddoo eegalu? Abbaan qabeenyaa ni yaadda’a; maatiin ijoollee isaatiif ni yaadda’u; warri biyya gaggeessan ni yaadda’u; warri biyya eegan ni yaadda’u…rakkoon keenya beekumsaa?
Wallaalummaatu sadarkaa kanaan nu ga’ee? Namni barate callisee dirreewwan jiran walaalummaan dhaalamee? Namni nama gorsu miliqee, maanguddoon callisee, ogummaa malee socho’uun dhaloota dhaalee? Inni kun itti yaadamuu qaba. Gama kanaan seenaa Afrikaa yeroo ilaallu filannoowwan hundi lubbuu gaafate; dhiiga namaa gaafate; biyya diiguu gaafate; jeequmsaan marfame; namoota seera hinbeekneefi akka beelada ishee “Ani duunaan margi hinbiqilin” jettee ani filamuu baannaan lubbuu kamuu yoo darbe, qabeenyi kamuu yoo barbadaa’e dhimma isaati kan jedhan danuun Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Burundiifi kkf maal akka raawwatan agarreerra. Gocha badaadhaanis ta’u seenaan isaan hindagatu. Biyyi keenyas kana keessaa hinqabdu jechuun hindanda’amu. Haa ta’u malee dhalootni kun sagalee irraa kan hafe eenyuufillee lubbuusaa dabarsee kennuun wallaalummaa hamaadha.
Dhaabbilee siyaasaa tarii kana hinbarbaanneef qabeenya, yeroo, humnaafi kkf kennuun sirrii miti. Dhaabni siyaasaa kamuu akka filatamu yoo barbaadan mul’ata egeree dhalootaafi biyyaaf qabu beeksisuurraa kan hafe ibidda bobeessuun dhaloota itti oofuu hinbarbaachisu.
Biyyaafi dhaloota eessaa fuudhanii eessaan akka ga’an ummatatti beeksisuun ga’aadha. Dubbiin nu ga’eera. Jeequmsi nu ga’eera. Duuti nu ga’eera. Sodaachaa jiraachuun nu ga’eera. Ummanni, dargaggootni, barattootni… isa kana gadi fageenyaan adda baafachuun utuu nama sirbuuf harka hinrukutin jechootni sirbasaanii maal akka ta’e beekuun barbaachisaadha.
Filannoon kan ummataati. Murtoonis kansaati. Filannoon eenyu akka bakka geggeessummaarra taa’u; jijjirama biyyicha irratti nama fiduu danda’u; aboo itti kennamuun maal akka gochuu danda’an yaaduun barbaachisaadha.
Kanaaf filannoon waa’ee egeree biyaafi dhalootaati. Haa ta’u malee akka carraa ta’ee ardii Afrikaatti filannoon yeroo dhiyaatu madda rakkinaafi jeequmsaa ta’uu seenaan ardii keenyaa ni ragaa baha.
Namootni duraan dursanii duuka buutonnisaanii hangam akka ta’an; filannootti akka mo’aniifi kkf dubbachuun yoo mo’aman firii filannoosaanii fudhachuuf danqamu. Kaanis filannoon dura madda goolii ta’uun tarii rakkoo uumamuun dahatanii fayyadamuuf yaalu.
Inni kun dadhabina ardii Afriikaatti agarreedha. Filannoon Afriikaa erga qilleensi dimokraasiin bara 1990 asitti qilleensa’uu eegalee ardittiin ijoolleesheetiin rakkoolee hadhaawoo dhandhamteetti.
Fakkeenyaaf loliisa uummatni Angoolaa waggaa kudhan guutuu bara 1992 eegalee wal loleefi lammileen biyyichaa kumaatamaan lakkaa’aman akka ajjeeffaman kan taasise rakkoo filannoo wajjin wal qabateedha. Hubannaa dhabiinsa paartilee siyaasaa irraan kan ka’e uummatni gatii guddaa kanfala; lubbuu isaa gatii baasa; paartileen siyaasaa garuu miliquun boris uummata gatii baasisu; ijoollee isaa akka inni gabbaruu taasisu. Biyya keenyattis jeequmsa bara 2005 ka’een tarii namootni 200 ol aarsaa ta’aniiru. Filannoo biyya Keenyaatti bara 2007/2008 ta’een namootni 1500 ol aarsaa ta’aniiru; biyya ‘Ivory Cost’tti bara 2010 filannoo pirezideentii ta’een namootni kuma sadii ol du’aniiru.
Naayijeeriyaa keessattis akka qorannoowwan gara garaa agarsiisanitti filannoowwan geggeeffaman mararratti utuu namootni aarsaa hinkanfalin darbee hinbeeku. Namootni kumaatamaan lakkaa’amanis ajjeefamaniiru.
Bara 2011 jeequmsa filannoo wajjin walqabateen namootni 800 ol du’aniiru. Akkasumas biyyoota akka Seeraaliyoon, Senegaal, Sudaan, Gaambiyaa, Ruwaandaa, Gaanaa, Laayibeeriyaa, Zimbaabuwee, Burundii, Koongootti namootni kumaataman lakkaa’aman du’anii qabeenyi danuun barbadaa’eera.
Ardii Afrikaatti waggoota ja’a keessatti filannoon 100 ol biyyoota 44 keessatti yeroo geggeeffaman bakkawwan hundatti jeequmsi sadarkaalee addaa addaatti ka’eera. Keessumaa jeequmsa filannoo duraafi jeequmsi filannoon boodaa yeroowwan adda addaa filannoo 100 kana keessatti lafti itti hinmul’anne hinturre.
Maaliif ardiin Afrikaa yeroo mara filannoo wajjin kan walqabateen dhiigdii? Maaliif dhaloonni ol adeemaan miidhama? Maaliif waan hadhaa’aa dhandhamnaa? Deebii kanaaf teenyee of gaafachuun daran barbaachisaadha.
Paartiileen siyaasaa dubbii hinalafatamne filatamuu qofaaf dhaadachuun dhaloota du’aaf akka hinkakaafne of eeggachuun gaariidha. Darbees akka aadaa biyyoota danuu keessatti mul’atu nuti paartiin tokko filannoon akka hininjifanne yeroo mirkaneeffatu sababa uumuun deggertootnisaanii akka jeequmsa kaasan taasisu.
Inni kun rakkoo biyyoota Afrikaa keessa tureefi jiruudha. Isa kanarraa of qoqqobuun bayeessa. Nagaarratti hojjechuu, nagaaf falmuu, guddina yaaduu, dhaloota bor abdiin jiraatu horachuu, dhaloota keessa mul’ata kaa’uu irraa kan hafe dhaloota dhimma keenyaaf itti fayyadamuuf yaaluu irra of qoqqobuun barbaachisaadha.
Isa kanaaf gara filannoon hammayyaa’eetti ce’een barbaachisaadha. Seera eeguu, seera eegsisuu, ummata sodaa malee paartii fedhe filatu, sodaa malee paartii fedhe deggeru, gammachuun filannoo eeggatu, hidhataa malee firii filannoo dhaga’u uummachuun barbaachisaadha.
Namoota kanaa alatti socho’an uummatni balaaleffachuufi sagalee kennuun of irraa qolachuun daran barbaachisaadha. Dhaabbilee siyaasaa filannoon duras ta’e boodaan amala hintaane calaqqisiisan dhaga’uu diduun gaariidha.
Kanaan si’achitti paartiilee siyaasaa qofatu of sirreessa utuu hinta’in uummatni sagalee kennuun sirreessuutu irra jira. Dhaaba siyaasa kamiifuu sagalee irraa kan hafe waan kan biraa gochuun barbaachisaa miti.
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
4 Comments to “Filannoon sagaleedhaan egeree dhalootaa ijaaruudha”