Haala jireenyaaf fayyummaa qaama keenyaaf bu’aa guddaa kan qaban maal fa’i?

Namni tokko jireenya isaa ykn ishee guyyaa guyyaa keessatti waan dhimma fayyaa waliin wal hin qabanne kan biroo yoo hojjetan karaalee hedduudhaan fayyaa ofii akka miidhan beekamaadha.

Kunis Fayyaan nama tokkoo kan miidhamu tarii waan fayyaa keenyaaf barbaachisan gochuu dhiisuudhaan tarii ammoo waan fayyaa keenya miidhan osoo beeknuus ta’e osoo hin beekiin taasisuudhaan ta’uu mala.

Walumaa galatti haala jireenyaa fayyaa keenyaaf gumaacha guddaa taasisu ykn eegu (healthy life style) jiraachuudhaaf waantoota gurguddoo gochuu qabnuu fi waantoota ammoo fayyaa keenyaaf jecha jijjiiruu qabnu tokko tokko kaasnee haa ilallu.

Sochii qaamaa (Physical exercise)

Sochiin qaamaa fayyaaf hedduu barbaachisaa akka ta’e tarii namni hedduun ni beeka. Haa ta’uu garuu sochii qaamaa waanumti jedhamu kun yeroo tokko tokko mana meeshaalee ittiin sochiin qaamaa yokaan ispoortiin adda addaa itti hojjetamuu yokaan dirree atiletiksii deemanii gulufuu fakkaatee namatti mul’achuu mala.

Haa ta’u malee sochiin qaamaa kan fayyummaa namaaf barbaachisu, hagas cimaa fi meeshaalee ispoortii garagaraa kan barbaadu miti.

Namni tokko torbanitti guyya afuriif daqiiqaa soddoma yoo hojjanne yokaan ammoo walumaa galatti torbanitti gara daqiiqaa 150 yoo hojjanne fayyaa keenyaaf eegumsa barbaannu kennuu mala.

Sochiin qaamaa taasisnu ammoo kan naannoo keenyatti salphaatti hojjachuu dandeenyu akka wadaroon utaaluu, fiigicha sussukuu, daddafanii deemuu fi kkf ta’uu mala. Namoonni dhukkuba biroo keessumaa dhukkuba onnee qaban, gosaa fi cimina ispoortii hojjatanii baruudhaaf hakiima isaan yaalu haasofsiisuu qabu.

Haala kanaan fayyadamnee sochiin qaamaa taasisnu dhukkuboota akka onnee, dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuboota dhiibbaa dhiigaa waliin walqabatanii dhufan, sammuu keessatti dhiiguu ykn sammuu keessatti dhiigni itituu (stroke) fi kkf hedduu carraa nama qabachuu isaanii hedduu gadi buusa.

Keessumaa namoonni haalli hojii isaanii guyyaa keessatti yeroo dheeraadhaaf akka taa’an taasisu akka konkolaachiftootaa fi hojjetoota biiroolee gargaraa haalli hojii isaanii sochii qaamaa waan isaan hin hojjachiifneef xiyyeeffannoo addaa sochii qaamaatti kennuu qabu.

Haala Nyaataa (Diet)

Guyyaa guyyaatti annisaan keessa keenyatti gubatee akka lubbuun jiraannu nu taasisu nyaata nuti nyaatnu irraa argama, akkasumas namni tokko qaamni isaa yeroo yerootti ijaaramee diigamaa fi of jijjiiraa deema. Seelonni haaraan qaamni keenya ittiin of ijaaru kun nyaata nuti argannu irraa akka dhufu beekamaadha.

Anniisaa fi ijaarsa qaamaa qofa osoo hin taane mineraalonnii fi vitaaminoonni qaamni keenya jiraachuuf barbaadu hedduun isaanii nyaata keessaa argamu. Kanaaf nyaata waantota fayyummaa qaama keenyaaf barbaachisan of keessaa qabu soorachuun fayyaa nama taasisa jechuudha. Annisaa, vitaaminoota, ijaarsa qaamaa fi kkk gosa nyaataa tokko qofa irraa argachuun ulfaatadha.

Fakkeenyaaf raafuun magariisni qabiyyee vitaamin A badhaadhaadha, muuziin ammoo kan elementii pootaasiyeemii hedduu of keessaa qabudha, midhaan akka baaqelaa fi ataraa ammoo kan pirootina ijaarsaaf ooluun hedduu badhaadhanidha. Kanaaf nyaata madaalamaa yoo jennu nyaata gosaan hedduu garagaraa soorachuu dha. Nyaata akka coomaa fi cooma hedduu of keessaa qaban irra deddeebi’uun yeroo mara soorachuun ammoo inumaa rakkoo dhukkuba onnee, kan istirookii, dhiibbaa dhiigaa fi kkf nama saaxiluu mala.

Dabalataan waanti adda ba’ee beekamuu qabu namoonni dhukkuba adda addaa qaban nyaanni isaaniif ta’u ykn soorachuu qaban akkuma addaa addummaa dhukkuba isaaniitti addaa adda. Fakkenyaaf namni dhukkuba sukkaaraa qabu waan mi’aawaa soorachuu kan hin qabne yoo ta’u kanneen dhukkuba onnee, kalee fi dhiibbaa dhiigaa qaban ammoo ashaboo kan namootaa kaanii irra hedduu xiqqeessanii soorachuu qabu.

Kanneen biroo ammoo nyaata gosa tokko qaamni isaanii kan hin bulleesine ta’uu mala ta’a, fakkeenyaaf aannan, kanaaf gosa nyaataa bulleessuu hin dandeenye sana dhiisuudhaan deemanii ogeessa mariisisuun dirqama. Kanaaf namoonni dhukkuboota akkasii qaban dursanii hakiima isaanii haasofsiisuu qabu.

Nyaata maadaalamaa (balanced diet) nammni nyaachuu jibbu akka hin jirre beekamaadha. Haa ta’u malee haalli jireenyaa, qabeenyaa fi argamni nyaataa naannoo keenya jiru nyaata madaalamaa akka nyaannuuf nuu eyyamuu dhiisuu mala.

Fakkeenya fudhachuuf manneen nyaataa (hoteelota) biyya keenya keessa jiran keessatti kan qophaa’ee hawaasaaf dhiyaatu baay’inaan nyaata foon irraa hojjatamedha. Carraan nyaata akka kuduraa fi muduraa argachuu gadi bu’aadha. Kanaaf akka qaama furmaataatti aadaan gosa nyaataa foonii qofa mana nyaataa ykn hootela keessatti qopheessanii gabaaf dhiyeessuu fooyya’uu qaba.

Walumaa galatti nyaata ga’eessi tokko guyyaatti nyaatu keessa qabiyyeen isaa yoo danda’ame

  • Dhibbeentaa 45 haga 65 Kaarboohaaydiratii (Carbohydrates)
  • Dhibbeentaa 10 haga 35 Pirootiinii (Protein)
  • Dhibbeentaa 20 haga 35 Faatii (Cooma) (Fat) ta’uu akka qabu saayinsiin fayyaa lafa kaa’a.

Qulqullina (Hygiene)

Waa’ee qulqullinaa yoo kan haasofnu ta’e waan baay’ee fayyaa waliin walqabatuuf hedduu lakkaawuun ni danda’ama. Qulqullinni kan dhuunfaa keenyaas ta’e kan naannoo keenyaa eegamuu dhabuun fayyaa nama dhuunfaa fi kan hawaasaa rakkoo guddaa irra buusuu danda’a.

Kanas kan taasisu ka’umsaafi daddarbuu dhukkubootaa keessumaa infeekshinoota gargaraaf sababa ta’uudhaani. Maloonnii fi haalonni ittiin qulqullina (hygiene) eeggannu hedduu kan ta’aniifi hawaasnis kan beeku yoo ta’u, kan baay’ee barbaachisaa ta’e tokko qofa kaasuudhaaf, dhukkuboota infekshinii (infection) hedduu irraa kan nu baraaru harka dhiqachuu dha.

Harka dhiqachuun keessumaa biyyoota guddataa jiran akka biyya keenyaa kana keessatti hedduu barbaachisaadha. Harka dhiqachuu yoo jennu “Saamunaa fi Bishaaniin dhiqachuu” jechuudha.  Harka keenya yoo mana fincaanii deemnee deebinu, yoo nama dhukkubsate kunuunsinee ykn gaafannee deebinu, osoo nyaata hin qopheessiin dura (yoo qopheessuuf jennu), yoo nyaannu fi halaota kana fakkaatan keessatti sirriitti dhiqachuu qabna.

Ogeessonni fayyaa ammoo harka keenya kan dhiqachuu qabnu akka dhaabbatni fayyaa addunyaa fi dhaabbanni ittisa dhukkubootaa amerikaa jedhanitti yoo xiqqaate haalota armaan gadii kana shanan keessatti:

  • Osoo dhukkubsataa harkaan hin tuqiin (Before touching a patient)
  • Osoo yaala qaama dhukkubsataa infekshiiniif saaxilu hin taasisiin dura (Before clean/aseptic procedures)
  • Yoo dhangala’aan qaama dhukkubsataa kamiyyuu nutti bu’e (After body fluid exposure/risk)
  • Erga dhukkubsataa tokko tuqnee booda (After touching a patient)
  • Erga nannoo dhukkubsataa wantoota jiran akka afataa tuqnee booda (After touching patient surroundings). Haala kanaan hawaasni infekshiniin akka hin qabamnee fi akka hin daddabarsine ittisuu danda’a.

Walumaa galatti sochii qaamaa taasisuun, nyaata madaalawaa fi qabiyyeen nama hubu itti hin baay’anne soorachuun dhukkuboota daddarboo hin taane (noncommunicable disease) akka dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba kalee, istirookii fi kkf kan nurraa ittisu yoo ta’u; qulqullina (hygiene) eeggachuun ammoo dhukkuboota daddarboo (communicable disease) kan nurraa dhorkuuf  kan nu gargaaran waan ta’aniif sirnaafi seera qabeessaan fayyadamuun barbaachisaadha.

Horaa Bulaa Deebanaa

Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa                                                                                                   Yuunivarsiitii  Arsii

Fayyaan faaya

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

5 Comments to “Haala jireenyaaf fayyummaa qaama keenyaaf bu’aa guddaa kan qaban maal fa’i?”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *