Gannaalee Daawwaa: Mallattoo abdiirra rivaanii kutuu

 Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad haasaa jalqabuma bara kanaarratti taasisaniin “Hojjennee rivaanii kunna malee abduu hinkunnu jedhanii turan.

Doktar Abiyyi jechasaanii kana sirna eebbaa Pirojektii Maddisiisa Elektirikii Gannaalee Daawwaa Kibxata darbe geggeeffamerratti waa’ee abdii kutuufi rivaanii kutuu kana kaasanii turan. Jechi isaan yeroo sana jedhanis dhugaatti jijjiiramee akkuma jedhame rivaanii kutuun qabatamaan eegalamuu eeran.

Kanumaan walqabatees kallattiin xiyyeeffannoo hawaasa idiladdunyaa misooma bishaanii ta’e kan Itoophiyaas qabeenya bishaanii kuufachuu, sirnaan itti fayyadamuufi misoomarra oolchuudha.

Ummatni Oromoo Gujiifi Baalees caalaatti misooma qonnaafi jallisiitiin waan beekamuuf hojii guddaan ammaan booda isaan eeggatu qabeenya bishaanii qabachuufi kunuunsuun fayyadamummaasaanii mirkaneeffachuudha; omishaafi omishtummaas guddisuudha.

Kallattiin xiyyeeffannoo egeree Itoophiyaa misooma bishaaniiti yoo jedhamu, qabeenyichi wayituma nyaataafi dhugaatii kan barbaadamu qofa waan hintaaneefi. Akkuma ardii Afrikaattuu haalli itti fayyadama qabeenya bishaanii hanga har’aatti gadaanaa waan ta’eef sirnaan yoo hinhogganamne walitti bu’iinsa uumuu akka danda’u haalota wayitiirraa hubachuun ni danda’ama.

Ummattootni biyya keenyaa garuu iddoowwan adda addaatti bishaan roobaa wayitii gannaa kuufame tursiisuufi qabachuun fedhiiwwan lammiilee guutuuf dandeettiifi gahumsa guddaa qabaachuunsaanii beekamaadha.

Keessumaa ummatni Oromoo Baaleefi Gujii gama kanaan muuxannoo dheeraa waan qabuuf hidha Gannaalee Daawwaa sadiitti sirnaan fayyadamuun wabii nyaataa biyyattii itti fufiinsaan mirkaneessuu qaba.

Akkuma ministirri muummeen jedhan ijaarsi pirojektii Gannaalee Daawwaa sadii haala karoorfameen yeroo qabameef keessatti xumuramuu baatus kallattiin xiyyeeffannoo ummataafi mootummaa isa sichi karoorfamaa jirurratti ta’uu qaba.

Kanaaf rivaaniin eebba pirojektotaa dafee dafee akka cituuf qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu keessumaa kanneen pirojektota buleeyyii hogganan miira xiyyeeffannoofi mala hordoffiisaanii cimsachuu qabu.

Biyya keenya, pirojekii dhagaa bu’uuraa kaa’uu darbees eegaluu malee (innuu yoo tole) xumuruun akka dharraati ilaalamutti kanneen biroo jalqabsiisuuf qophiilee haaldureen marti xiyyeeffannaan hojjetamuu qabu.

Ijaarsa pirojektii biyya keenyaa keessatti yeroo dhiyoodhaa as fakkeenyummaan eeramu hojii Waajjira Giifti Dureeti. Waajjirri kun pirojektota manneen barumsaa ijaarsisuuf karoorfate guyyaa dhagaan bu’uuraa kaa’amerraa eegalee lakkaa’achuun ji’oota muraasa keessatti hojiisaa fixee hawaasaaf dabarsaa jiraachuun akka agasiistuu tokkootti fudhachuun pirojektota eegalaman dafanii fixanii tajaajilaaf oolchuun hawaasati abdii horuun misha.

Gaazexaa Bariisaa Amajji  30/2012

Recommended For You

5 Comments to “Gannaalee Daawwaa: Mallattoo abdiirra rivaanii kutuu”

  1. Pingback: golden visa
  2. Pingback: car detailing
  3. Pingback: free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *