Hiibboo caalbaasii deebii dhabe

Qabeenya biyyattiin qabdu murtaawaa waan ta’eef sirnaan akka hojiirra ooluuf mootummaan dameewwan hannaafi saamichaaf saaxilamuu malan adda baasuun irratti hojjechaa turuun beekama. Kanneen keessaa tokko qabiyyee lafaa yoo ta’u, sirnaan fayyadamummaan lammiilee eegsisuuf jecha kallattiileen adda addaa kaa’amuun hojiirra oolaa tureera.

Haa ta’u malee namootni dhuunfaa tokko tokko irra caalaan lammiilee qabeenya murtaa’aa kanarraa fayyadamummaasaanii akka mirkaneeffanneef yaadanii hojjechuurra jireenyasaanii mijeeffachuuf halkanii guyyaa kanneen fiigan hedduudha. Qaamolee kanneen daangaa seeraa keessa taa’anii  akka hojjetan gochuuf hawaasni bal’aan mootummaa waliin hiriiruu akka qabu asumaan dhaamuun barbaachisaadha.

Nutis yaada kana kan kaasneef sababa malee miti. Caalbaasiin manneenii ji’a Sadaasa baranaa keessa Magaalaa Bishooftuutti bahe faayidaa ummataafi mootummaa haala hineegsisneen raawwatameera jedhamee eeruun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dhiyaateera. Kanas akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Eeruu dhiyaate

Qaamoleen eeruu dhiyeessan Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu manneen sadiirratti caalbaasii baasuusaa ibsanii, haala hinbeekamneen garuu namootni caalbicharratti hirmaatan sanadas osoo hinbitatiin dhaabbachuu dubbatu. Biiroo keessatti jalqabee achumatti xumuramuun kan dubbatamu caalbaasiin kun, dorgomtootni sanada caalbaasichaa qarshii 100n bitataniyyuu manneen sadii caalbaasiif dhiyaatan keessaa kan lakkoofsi manaasaa 643 ta’e sanadnisaa dhumeera jedhamuu ibsu. Gaaffii, “Maaliif nutti hingurguramu, akkamitti dhumachuu danda’e?” jechuun gaafatanis “Hingurguramu” jechuun deebii gabaabaa kennuusaanii dubbatu.

Caalbaasichi ummataaf banaa ta’ee erga beeksisi bahee booda sanadi lakkoofsi manaa 643n dhorkame ‘Hoteela Faamilii’ (Family Hotel) jedhamuun kan beekamuudha. Sanada caalbaasii kanarratti ammoo nama tokko qofatu dorgome jechuun qaamoleen eeruu kennan himu.

Abbaan sanada caalbaasichaa bite kunis maqaa namoota shaniin sanadicha akka bitamu gochuutiin waan dorgomaniif, faayidaasaanii eegsisuuf jecha “Sanadni caalbaasii dhumeera” jechuun hojmaata sirrii akka hintaane addeessan.

Manichi qabeenya mootummaa ta’uusaa kan himan namootni eeruu dhiyeessan kunneen, ka’umsi gatii caalbaasii manichaaf dhiyaate kuma 200 ta’uyyuu gochi raawwatame garuu faayidaa ummataafi mootummaa ilaalcha keessa kan hingalchinedha. Sirni caalbaasichaas haala hinbeekamneen haguugamee akka darbu taasifamuunsaas dorgomtootni hedduun hirmaatanii faayidaa mootummaan argachuu qabu ture maqaa namoota shaniin cufameera  jedhan.

Gama biraatiin ammoo caalbaasichi erga cufamee booda manichi saamsamamee otoo taa’uu qabuu abbichi seeraan ala cabsuun itti galeera. Waliigalaan adeemsi sirna caalbaasichaa seera qabeessa akka hintaane komatanii, haalli manichaas akkam akka ta’e osoo hinbeekamiin seeraan akka dabarfamu taasifamuunsaa gocha malaammaltummaa bulchiinsa magaalichaa ifatti kan agarsiisuudha jedhan. Kanuma qulqulleessuufis gara Waajjira Hojii Gaggeessaa Magaalaa Bishooftuutti imallee turre.

Deebii koree caalbaasii

Walitti qabaan korichaa Obbo Addunyaa Laggasaa yoo ta’an,  sirna caalbaasii mootummaan baasurratti beeksisni wayita bahu dhaabbatni tokko filannoo ykn bu’aa fooyya’aa yoo argate, walakkaanis ta’e guutummaatti haquuf mirga qabaachuu yaadatu. Kanumarraa ka’uunis caalbaasichi yeroof akka dhaabbatu taasifameera jedhu. Sababa caalbaasichi dhaabbateef ammoo kallattiilee adda addaatiin komiiwwan, “Yeroon caalbaasii gabaabbateera, beeksisni bahes iddoo namni hinarginetti maxxanfameera” jedhan waan dhiyaataniifi.

Caalbaasichi bahuyyuu kan hinbanamiin ta’uu kan dubbatan Obbo Addunyaan, tokko tokkoon manneeniirratti dorgomtootni baay’inaan bakka hinhirmaatnetti gatii gaariin hinargamu yaada jedhuun sirni caalbaasicha yeroo hinmurtoofneef dheereeffamuu dubbatu.

Seera caalbaasiitiinis manni hojichaa tarkaanfii walfakkaataa fudhachuu kan danda’u ta’uu ibsanii, caalbaasichis ifa akka hintaaneefi jiraattotuma magaalichaa fayyaduuf kan kaayyeffate ta’uu dubbatan. Guyyichi yoo gahe garuu dirqama banamuu waan qabuuf, akkasumas namootni hedduun sanada hinarganne jechuun komii dhiyeessaa waan jiraniif yeroo ittaanutti caalbaasii lammaffaa baasuuf waliigalamee dheereffamuu ibsu.

Bulchiinsi magaalichaa garuu “Manneen kunneen dabarfamuutiin bantuunsaanii yaa gurguramu” jechuun waan murteesseef sirni caalbaasichaa banameera kan jedhan Obbo Addunyaan, komiiwwan hedduun garuu waan dhiyaateef dhaabbateera jedhu.

Komiiwwan hedduun wayita dhiyaatanittis dhaabbatanii xiinxaluun hojmaata fudhatama qabu waan ta’eef, mariitiin akka dheeratu ta’eera. Mana lakkoofsi manaasaa 643 ta’etti namni itti galeeraa jechuun komii dhiyaaterratti garuu waan tokkollee akka hinbeekne dubbatu. Bulchiinsa magaalichaatiinis odeeffannoo isaan gahe akka hinjirre ibsan.

Manicha eenyutu fudhate? Akkamitti?

Eeruu dhiyaateefi deebii walitti qabaa caalbaasicharraa kenname qabachuun iddoo Hoteelli Faamilii itti argamutti deemne. Bakkicha akkuma geenyeen nama maqaansaa ‘Siyyum Takkaa’ jedhamu arganne. Asiin dura mana raabsa dhugaatii (giroosarii) banuun hojjechaa akka turan  himanii, kiraan manichaa qaal’aa waan deemeef mootummaaf gaaffii dhiyeessanii maanguddoota waliin ta’anii mana waggoota 16 cufamee taa’ee isaaniif kennamuu dubbatu.

Dhimma yeroosan ture kan ibsan Obbo Siyyum, mana jireenyaa akka hinqabnes eeran. Rakkoonsaanii kun maanguddootaan waan itti amanameef hoggantoota bulchiinsa magaalichaaf dhiyaachuu dubbatu.

Kanaanis maanguddoota 200 keessaa namootni 17 filatamanii kantiibaa magaalichaaf gaaffii dhiyeessan. Gaaffii dhiyaateenis manicha karaa bulchiinsa magaalichaa isaaniif dabarfamee akka kennameefi maqaa haadha warraa isaanii, Aadde Asteer Indaalootiin haaromfachuu akka danda’an mirkaneeffameera.

Murtichas kan argatan Adooleessa bara 2011 yoo ta’u, haaluma jedhameen manicha haaromfataniyyuu sanadni waliigaltee isaaniif kenname akka hinjirre dubbatu. Erga manichatti galanis ji’oota lama guuteera. Kanneen hundaafis ragaaleen jiran maanguddoota ta’uu eeru.

Waa’ee manichaarratti caalbaasiin bahuu waanti beekan yoo jiraate gaafatamaniis, waan tokkollee akka hinbeekne  deebisan. Qabeenyi manichaa kan dhuunfaasaanii ta’uu murteeffamuun himamuyyuu hanga har’aatti qilleensarratti hafuu miira gaddaatiin dubbatu.

Aadde Asteer Indaaloos gamasaaniin akka jedhanitti, manicha tattaaffii maanguddoota magaalichaatiin of harka galfachuu danda’aniiru. Caalbaasiinis bahuufi dhiisuu waan beekan akka hinqabne himanii, manichi yeroo dheeraaf cufamee turuu  karumasaanii ifa bahuusaa dubbatu. Erga eeruu kennanii boodas tokkoosaarratti akka dorgomaniif carraan isaaniif kennamee ture kan jedhan Aadde Asteer, isaan garuu karaa maanguddootaa manichatti akka galan taasifamuu ibsu.

Magaalaa Bishooftuu keessa manneen abbaa malee cufamanii taa’an hedduu ta’uusaanii himanii, keessumaa hiyyeessota magaalittiif qoqqoodamuu akka qaban irra deddeebiin ka’aa tureera jedhu. Kunis kallattii mootummaan kaa’e waan ta’eef qixuma kanaan manicha argachuu eeru. Sartifikeetiifi ragaalee manicha akka argatan ka’umsa ta’es of harkaa qabaachuusaanii ilaaluun danda’ameera.

Keessumaa ammoo haalli jireenya magaalittii akka tasgabbaa’uuf hojii bu’aa qabeessa waan hojjetaniif maaguddootnis ragaa bahuusaanii mallattoosaaniin mirkaneeffameera. Hoteelicha haaressuufis maallaqa guddaa kan baasan yoo ta’u, gatii kuufama bishaaniillee qarshii kuma 36 ol raawwachuusaaniiti kan ibsan. Hojii hundumaa xumuraniyyuu sanadni qabiyyee manichaa mirkaneessuu waan hinkennamneef hojii eegaluu akka hindadeenye dubbatu.

Deebii bulchiinsa magaalichaa

Hojigaggeessaa ittaanaan bulchiinsa magaalichaa Obbo Katamaa Dabalee manni qabeenya mootummaa ta’e tokko caalbaasiitiin dabarfamuu akka qabu qajeelfamni jiraachuusaa dubbatu. Labsii lakkoofsa 47/67tiinis manneen dhaalaman caalbaasii qofaan dabarfamuu akka qaban dubbatu.

Bu’uuruma kanaan gaafa guyyaa 08/03/2012 beeksisni caalbaasii kan bahe yoo ta’u, dorgomtootnis ulaagaa hunda guutuutiin hirmaachuusaanii yaadatu. Kanaanis gaafa guyyaa 22/03/2012 caalbaasichi kan bahu ta’uusaa maxxanfamus  dorgomtootni baay’inaan waan hinargamneef, komeen tokko tokko waajjira kantiibaaf dhiyaachuutiin yoosuma akka dhaabbatu taasifameera.

Caalbaasichi akka dhaabbatu taasifamus manneen caalbaasiin irratti bahe keessaa manni lakkoofsi manaasaa 643 ta’etti namni galuun beekameera. Ta’us jarreen kanneeniif murteenis ta’e sanadni bulchiinsa magaalichaarraa kenname akka hinjirre beekamuu qaba.

Dhimma kana seeraan gaafachuuf socho’aa jiraachuusaaniis ibsa Obbo Katamaarraa hubachuun danda’ameera. Hangasitti manichi poolisiidhaan akka eegamuuf xalayaan barreeffameera jedhan. Ragaalee dhimmicha waliin walqabatanii jiran akka kennaniif gaafatamaniyyuu eeyyamamoo akka hintaane beekameera. Waajjira Kantiibaa Magaalaa Bishooftuurraa deebii argachuuf yaalii taasisnuyyuu milkaa’uu hindandeenye. Akkuma arganneen kan dhiyeessinu ta’a jechuun Gaazexaan Addis Zaman gabaaseera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

4 Comments to “Hiibboo caalbaasii deebii dhabe”

  1. Pingback: Mahjong Ways 3
  2. Pingback: Food Recipes

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *