Namni Naappoliyoon Bonapartee (1769-1821) jedhamu ajajaan loltoota biyya Faransaay booda keessa mootii biyyichaa kan ta’eefi biyyoota Awurooppaa hedduu waraanaan harka Faransaay jala akka galan kan taasise dubbii hedduu dubbate keessa kan hinhirraanfatamne tokko xalayaa inni jeneraala Lemarois jedhamuuf Adooleessa 9 bara 1813 barreessee ture.
Innis akkas jedha, jechi, “Hindanda’amu jechi jedhu kuusaa jechootaa warra gowwaa keessatti argama”. Yeroo inni xalayaa kana ergeef yeroo itti biyyi Faransaay olaantummaa cimaa qabdu, wantootni hindanda’aman jedhamanii yaadaman marri akka danda’amu mirkaneeffame ture. Naappoliyooniif wanti hindanda’amne hinjiru.
Yeroo warraaqsa Faransaay keessa saffisaan sadarkaa guddinaa argateera; bakka loliisaa hundattis injifannoo gonfateera; milkaa’inni salphaatti attamitti akka argamu nama hubateefi nama tarsiimoo sirrii diriirsuu beeku ajajaa waraanaati. Naappoliyooniif hinaaffaan mallattoo gad aantummaati.
Namni tokko kallattii irra jiruun kan milkaa’uu danda’u isa darbeefi isa dhufu irratti xiyyeeffachuun utuu hin ta’in isa amma harkasaa keessa jirurratti hojjechuun akka ta’e geggeessaa amanuudha.
Milkaa’inaaf isa amma nu harka jiru malee seenaa darbe irratti xiyyeeffachuufi yaaduu qofti ga’aa miti. Isaaf seenaan oduu duriiti. Caalaattuu cimsee “Oduu sobaa bara duriiti” jedha. Yeroon itti jijjiirama fiduu malan isa nama harka jiruun malee isa hinjirreen miti. Inni har’aa murteessaadha. Kanaaf namni tokko bakka har’a jiruu ka’ee gara lafa ga’uuf yaadu dhaquuf jabaatee hojjechuun barbaachisaa ta’uu nama amanuudha.
Namni abjuu qabu tokko abjuunsaa akka milkaa’uuf jabaatee hojjechuun barbaachisaadha. “Hindandaa’amu” jedhee harka maratee taa’uu ykn namni kan biraa hanga dhufee dammaqsutti rafuu hinqabu. Haalotni nu marsan, wantootni nuti keessa jirru, jireenyiifi naannoon jirru salphaa ta’uu dhiisuu danda’u.
Dhaloota keenyaa jalqabee maatiin keenyas ta’e namootni gara garaa akka nuti homaa tokko iyyuu hin dandeenye nutti himaa; nu ceepha’aa guddachuu dandeenya. Haa ta’u malee wantootni kunniin hundi mul’ata keenya doomsuu hindanda’an. Sababiin isaa namni humna abjootee hinbeekne ittiin mul’atasaa bakkaan ga’uu kan danda’u; waan tasumaa nan hojjedha jedhee hintilmamee kan hojjechuu danda’u; wanti isa daangessu sammuusaarraa kan hafe raawwatee kan hinjirre uumama ajaa’ibsiisaadha.
Isa kanaaf ammoo ragaaleen heddu yoo jiraatanillee namoota armaan gadii haa ilaallu. Seenaa nama Malee jedhamtu tarii baay’een keenya dhageenyee ykn dubbisnee beekna ta’a. Dubara dhalattee waggaa tokkoofi ji’a ja’atti gurri ishee dhaga’uu dide. Doktoriin ishee akka mana barumsaa hindhaqne yoo gorsellee isheen isa kana simattee harka marattee hinteenye.
Mana barumsaa dhaqxee gargaarsa namootaan barnoota fedhii adda barachuun artiistota beekamoo dursitee badhaasa barnootaa ykn ‘Academy Award’ kan jedhamu argachuu dandeesseetti. Gurrishee dhaga’uu yoo hindandeenyellee namoota beekamoofi dhaga’an caaltee akka hinargamne ishee hintaasisne.
Waggoota muraasa darban keessattis namni ‘Nick Vujicic’ jedhamu kan harkaafi miila hinqabne tattaaffii gochuun addunyaa kanarratti namoota ajaa’ibsiisoo keessatti ramadameera. Biyyoota adda addaarra naanna’uun dargaggootaafi manneetii barnootaa olaanaa keessatti haasaa nama daddammaqsu gochuun mul’atni namoota hedduu nama dadammaqsu ta’eera. Harkaafi miila dhabuunsaa akka hinfuune, ijoollee lama akka hingodhanne, akka barnoota dinagdee (Economics) hinbaranneefi digrii hinfudhanne, akka nama beekamaa hintaane isa hintaasisne.
Nama bara keenya keessa saayinsii hawaan (Astronomy) beekamaa ture ‘Stephen Hockins’ utuu barataa jiruu mallattoon dhukkuba narvii cimaa (amyotrophic lateral sclerosis) irratti mul’atee ture. Dhukkubni kunis itti hammaatee qaamasaa guutummaa naaffise.
Erga wal’aansa baqaqsanii yaaluu argatee booda sagaleensaa ni duude. Haasa’uus ni dadhabe. Isaan kunniin marti akka inni hinfuuneefi ijoollee sadii hingodhanne, beektota bara kanaa keessumaa ammoo gama saayinsiitiin (Theoretical physicists) nama beekamaa akka hintaaneefi badhasaa akka hinarganne hintaasisne.
Rakkoonsaa rakkoo fayyaa malee rakkoo yaaduufi rakkoo ilaalchaa hinturre. Daa’imni ‘Frida Kahlo’ jedhamtu waggaa ja’atti dhukkuba pooliyoon qabamtee miillishee naafate. Ijoolleen yoo miilashee kanaan itti qoosanillee abjuushee akka hindhugoomsine ishee hintaasisne. Rakkoonshee rakkoo miilaa qofa utuu hinta’in balaa konkolaataatiin lafeen dugdaashee miidhamee hanga guyyaa duutuutti kan ittiin rakkatte yoo ta’ellee fakkii isheen kaafte doolara miliyoona hedduutti gurgurameera. Warra fayyaa caalaa nama waan guddaa hojjetu taateetti.
Namootni akka Ray Charles jedhamu ijisaa jaamuun lafa namootni kan biraa ga’an akka inni hingeenye isa hinittisne. Charles nama waggaa torbaa ta’ee ijisaa lamaan jaame. Nama waggaa 15 yeroo ta’etti ammoo haatisaa ni duute. Yeroo kana nyaata ni dhaabe, hirriba hinrafu ture.
Namaa wajjin hinhaasa’u. Namootnis ni maraata jedhanii yaadan. Rakkoon isa haa qunnamu malee akka rakkoo kana dandamatee keessaa ba’u amanuun jireenyasaa gara isa itti aanuutti dabarse. Rakkoo isa mudate qofa kan taa’ee yaadu utuu hinta’in hatattamaan haala jiru keessaa ba’uun nama jijjiiramaa ta’e.
Badhaasa namootni beekamoon addunyaa kana rraa hedduun dorgamanii argachuu hindandeenye si’aatii 12:00 ol argateera. Namoota addunyaa kanarratti beekamoo maqaa dhahaman 100 keessaa 10fa irratti yeroo hunda akka maqaansaa dhahamu ta’eera. Hundumaarra ammoo shamarreen akka Helen Keler waggaa tokkoofi walakkaatti dhukkuba irraa kan ka’e ijishee kan jaameefi gurri ishees dhaga’uu kan dide rakkoonshee mudate ijaafi gurra isheerraan miidhaa yoo qaqqabsiisellee cimina keessa isheetii yookaan jabina hafuura ishee miidhuu hindandeenye.
Kanaaf nama beekamtuu kitaabaafi maxxansa gaggabaa 400 ol akka barreessitu, siyaasa keessatti akka hirmaannaa sirrii qabaattu, mirga dubartootaafi hojjettootaaf akka falmitu taateetti.
Helen Keler yeroo dubbattu balballi gammachuu tokko yoo cufame balbala kan biraatu banama. Rakkoon keenya balbala isa cufamerratti xiyyeeffachuun balbala baname arguu dadhabna jetti.
Tarii waa’een barnoota Fiiziiksiis ta’e saayinsii yeroo ka’u waa’een ‘Albert Einstein’ bira hinhafu. Hanga waggaa sadiitti nama hindubbanne, nama rakkoo sammuu qabu (autistic and dyslexic) ture. Mana barnootaa sadarkaa lammaffaatti mana barnootaatii badee nama sokku sababa ta’eef fixuu dadhabe. Haa ta’u malee haalotni kun marti utuu isa hinittisin beektota saayinsii keessaa warra sadarkaa oliitti maqaansaa yoomiyyuu dhahamu ta’eera.
Wal’aansoon jireenya keenya keessatti nu mudatu faayidaa guddaa qaba. Yerootii gara yerootti akka of fooyyessaa deemnuuf ga’ee guddaa qaba. Inni kun ammoo murtoo keenya barbaada. Onnachuu gaafata. Nan danda’a; nan injifadha jechuu qofa utuu hinta’in tarsiimoo sirriin socho’uu barbaada.
“…Namni humna ittiin mul’ata isaa bakkaan ga’uu danda’u; waan tasumaa nan hojjedha jedhee hintilmaamne hojjechuu kan danda’u; wanti isa daangessu sammuusaarraa kan hafe gonkumaa kan hin jirre uumama ajaa’ibsiisaadha.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
7 Comments to “Jechi hindanda’amu jedhu…”